ABO: Yakka ajjeechaa Artist Haacaaluu faana balleessuuf yaaluun haala kamiinuu fudhatama hin qabaatu

Ibsa dabalataa ABO waxabajjii 30/2020

Ajjeechaa ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National CouncilIbsi koomiishiniin poolisii federaala Itoophiyaa ajjeechaa kaleessa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwate ilaalchisuudhaan guyyaa har’aa TV FAANAA irratti kennee gumaa dhiiga Artist Haacaaluu Hundeessaa faana balleessuuf ta’e jedhamee shira xaxamee fi fudhatama kan hin qabnee jennee amanna. Koomishiniin poolisii federaala Itoophiyaa ibsa guyyaa har’aa kana keessatti ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame qaama hin beekamnetti akeekee bira darbuuf yaale.

Addi Bilisummaa Oromoo ibsa ganama har’aa baaseen mootummaan dhimma ajjeechaa kanaa irratti qormaata ga’aa, ifaa fi amansiisaa (transparent and informative) ta’ee atattamaan geggeessee ummataaf akka ifa ta’u gaafatee jira. Mootumman garuu gama isaatiin akkuma amma duras deddebisee gochaa turetti ammas yakka kanaaf qaama eenyummaa fi itti gaafatamummaan isaa hin beekamnetti quba qabaa jira.kanatti dabalees tarkaanfiin mootummaan erga ajjeechaan kun mudatee hanga ammatti fudhachaa jiru tajaajila qunnamtii interneetii kutuu,dhaabbatoota miidiyaalee walabaa irratti tarkaanfii ugguruu fudhachuu fi kan kana fakkataniin akka ummatni odeeffannoo walabaa hin argannee taasisufaadha.

Ajjeeechaa gaddisiisaan garmalee ummata dheekamsise kun qaama walabaan qoratamee ummataaf ifa taasifamu malee jeequmsa kanaan walqabatee ka’e tasgabeessuu fi irra aanuun hindanda’amu waan ta’eef mootummaan gaafatama isaa kana akka ba’atu gaafachaa haalli inni amma dubbi irra diddibee irra darbuuf yakka ajjeechaa Artist Haacaaluu irratti raawwatame faana balleessuuf yaalu kun fudhatama tokko illee kan hin qabne ta’uu Addi bilisummaa Oromoo irra deebi’ee gad jabeessee hubachiisa.

Injifannoon ummata bal’aaf!

Adda Bilisummaa Oromoo

Waxabajjii 30/2020

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region By Sidama Human Rights Activists, May 8, 2020 The persistent violations of human...

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief – July 2, 2020

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief - July 2, 2020 (HRW) -- Ethiopia cracks down following protests over popular singer’s murder; detainees at a facility...