ABO’n dhaaba ija taatee guyyaa borii ilaaluu danda’u qabudha!

ABO’n dhaaba ija taatee guyyaa borii ilaaluu danda’u qabudha!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin  | Bitootessa 11, 2021 
Biyyattii keessatti dhaabbilee siyaasaa hedduu jiru. Dhaabbileen siyaasaa kunneen dantaaf fedhii mataa mataatti kan qabanidha. Kanneen siyaasa gaggeessan hedduun yeroo sagantaan siyaasaa isaanii wal kiphus nii argama. Keessumatti dhaabbilee siyaasaa hedduun maqaa garaagara malee waan isaan adeemaniif sagantaan siyaasaa isaanii kan paartii qawweedhaan biyya bulchaa jiruu waliin wal fakkaata.
Siyaasa tokko wanti adda taasisu sagantaa siyaasaa isaaf heeraaf seera inni qabatee socho’udha. Akkaataa inni ittiin uummatatti of ibsus sagantaa siyaasaa isaatii waliin kan wal qabatudha. Addi bilisummaa Oromoo dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran keessaa dhaaba hanga yaadamuuf hanga hubatamuun olitti uummata isaa Oromootti siqa. Itti siquu qofa osoo hintaane olmaaf bultiin isaa jireenyi isaa Oromoodha. Waan inni qabatee socho’uuf gumeen inni baafatee warraaqu mataansaayyuu bu’aa Oromoo giddu galeeffateeti. Dhaabni uummata keessaa dhalateef jecha siyaasa isaa gabbifachuu irra waa’ee uummata isaa dursee yaadee xiinxalu biyyattii keessatti ABO qofa jechuun danda’a. ABO’n waa’ee Oromoo Kaleeffaaf har’aa qofa kan dubbatuuf hojjetu miti. Waa’ee Oromoo egerii, waa’ee Oromoo boruu, waa’ee Oromoo kan waggaa 5…10…100..200…boodaa illee madaalaa dhaaba socho’udha.
Gaarummaa inni har’a dalagu labata itti aanee dhufu akka fayyaduu danda’utti dhaaba hojjetudha. Kanaaf ABO’n dhaaba ija fagootti argu qabudha jedhe.
Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n anaaf dhaaba fakkaataa hinqabnedha. Dhaabicha keessatti hoggana isaa qofa utuu hintaane, miseensi haaraan reef seenu illee namoota xiinxala ifaa haqaa lafa kaahuu danda’anidha. Waan bor ta’u cimsee dhaabni beeku ABO dhaa. Waan har’a ta’aa jiruuf waggaa 3 dura dhaabni uummata isaa Oromootti himaa tures ABO ta’uu akka hubattanin fedha.
Waan ABO’n jedhe hunduu tartiiba isaanii eeggatanii raawwatan. Kun jabina dhaabichaa mirkaneessa. Xiiqaa’ummaa fi hubannaa dhaabichaa hubachiisa. Miseensotni ABO wantootni barreeffamaan, akkasuma TV dhaan uummataaf qoodaa turan mataan isaa cimina ABO’f ragaa gahaadha. Namni xiqqaan akka ABO keessa hinjirre kan raagessanidha. Namni miseensa ABO ta’u dandeettii yaaduu, bilchina sammuu hangam akka qabu wantoota uummataa mirkaneessanidha.
Har’a Ameerikaan waan ABO’n baatilee dura dubbate kan fakkaatu dhimma Itoophiyaa irratti murtii dabarsite. Ministeerri Haajaa Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken furmaati siyaasa Itoophiyaa keessaa bifa paartilee siyaasaa hunda hirmaachiseen gadi ta’anii mari’achuudha yaada jedhu dabarse. Murtii mootummaa Ce’umsaa biyyoolessa Oromiyaa fakkaatu kan of keessaa qabu ibsichi, yaalii sirni maqaa PP moggaafate Itoophiyaa keessatti taasisaa jiru fudhatama dhowwateera.
Gochii Abiy Ahimad raawwataa jiru fudhatama hinqabu, akkaataa inni adeemuttis furmaati akka hinargamne hubachiiste. Kun cimina ABO kanneen raagessan keessaa isa olaanaadha. Olis fiige, gadis utaalee paartileen siyaasaa Itoophiyaa keessaa murtii ABO dabarsu dhufee dhuma itti gala.
Kun cimina dhaabichaaf gahumsa namoota dhaabicha hoggananii fuudhanii adeemaa jiruu kan raagessu keessaa isa olaanaadha. ABO’n biyyattii keessatti addatti Oromiyaa keessatti waan Oromoo fi lammiilee Oromiyaa keessa jiran giddu galeeffate murteessa. Kunis gaaga’ama siyaasaa bor labata itti aanu, Oromoof kaan gidduutti dhufu bofa hanqisuun dhaaba warraaquudha. Badiin har’a dalagamu dhaloota itti aanee dhufu akka gaaga’u hubachuu dhabuudhaan Itoophiyaa keessatti dhaabbileen siyaasaa hedduun saba keessaa bahaniif kasaaraa daldalaniiru.
Keessattii dhaabbileen naannoo Amaaraa keessaa bahan labati Oromoo itti aanu gabbatee,baratee waa’ee isaa gaafachuu gaafa jalqabu, akkasuma lammiileen biyyattii hacuuccaa isaanii jala jiran dammaqanii bor jabaachuu danda’u jedhee tilmaamuu dadhabuudhaan daguuggaa sanyii raawwataa turaniin gaaga’ama saba isaaniitti fidaniiru.
Aarsaan har’a uummati Tigraay kaffalaa jiru Kisaaraa TPLF waggaa 30 darban irraa qabanii hanga waggaa sadan darban kanaatti dalaganidha. TPLF osoo waa’ee har’aa tilmaamuu danda’aniiru ta’ee, ija fagootto argu qabatanii waggaa 30 dura guyyaa har’aa ilaaluu danda’an osoo ta’e yakka gurguddaaf ciigaasisaa dhala namaa irratti nii dalagu hinturre. Yakki isaan raawwatan labata itti aanu kan miidhu ta’uu osoo tilmaaman ta’ee yakka ta’uu osoo beekanii ilma namaa gidirsuun hojii cubbuu kan hojjetan hinturre. Kun ija fagootti argu dhabuu isaaniirraa itti dhufe.
Oromoon dhaaba siyaasaa ABO qabaachuu isaatti boonuu qaba. Dhaaba dargaggoota qaroo hedduu oomisheef, dhaaba roorroo irraa kutuuf gama roorroo deebisuu danda’u hundaan ilmaan isaa ijaaree qabsootti galche leellisuuf onnee isaa keessatti kan duraan olitti caaphessee kaahachuu qaba. Kun gumaata dhaabichi isaaf laate baasuu ta’uu haa hubatu. ABO’n wiirtuu nageenya isaatii ta’uu mirkaneeffatee dhaggeeffachuu fi hordofuunis dirqama isaa ta’uu sabni keenya Oromoon cimsee akka hubatun barruu kanaan dhaama.
Waan ABO’n har’a jedhu, kaan ammoo erga hirribbaa ka’anii erga ABO isaan dursee tarkaanfatee bulanii akka fudhataniif itti galan hubachuun barbaachisaadha. Dhaabni goota lolee lolchiisu, hayyuuf waan borii arguu danda’u horachuu itti beeku ABO ammallee haa waaru, haa dagaagun jedha.
ABO’n dhaaba ija taatee guyyaa borii ilaaluu danda’u qabudha. Har’a dhaabbatee taatee borii dhaaba himudha. Dhaaba furmaata waayitaawaa saba isaaf kaaniif illee lafa kaahuudha. Dhaaba hogganaa qabee hanga miseensa haaraatti namooti keessa jiran waa tilmaamuuf xiinxaluu danda’ani hubattoota Oromooti.
Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Bitootessa 11,2021

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.