ABO’n dhaaba labooba abidda Cunqursitootaan qoramedha!

ABO’n dhaaba labooba abidda Cunqursitootaan qoramedha!

Qalbeessaa Dhangi’aatiin, Mudde 28,2020

Hubachiisa: Barruu kana dubbistee xumuruu baannaan hineegalin!

ABO dhaaba labooba abidda
ABOn Sirna Dhiigaa fi Lafee Gootota Wareegamtootaatiin Ijaarame Malee Murna Hofoffee Ulee Qobboo Gantootaa fi Ayyaanlaallattootaan Daddaaqamuu Miti! – Mohammed Hassen Wako

Dhalachuu WBO tiin Oromiyaan jiraate! Bu’aa Ba’ii qabsoo WBO aarsaa gati jabeessa uummata Oromoo yaadachiisuuf qophii qindaa’e. Qabsoo haqaa moggaasa maqaa biyya Oromoo: kan kaan biyya Gurraachotaa, Biyya Ormaaniyaa, Lafa Oromoo jedhee waamaa ture gara Oromiyaatti moggaasuutti ceesise. Akkasuma uummatni Oromoo daangaan lafa isaa sararamee, nagaaf tasgabbiin isaa akka eegamuuf qabsoo haqaa taasifame. Bu’aa ba’iin miseensa isaa mudatu illee waan qabsaa’eef uummati isaa Oromoon afaan isaan dubbatee, afaan isaan baratee akka of ta’ee ofitti boonee jiraatuuf qabsoo bilisummaa ABO’n taasifame qophii hubachiisu. Aarsaa lubbuu qaalii WBO’n saba isaa Oromoof, biyya abbaa isaa Oromiyaaf hanga guyyaa har’aatti kaffalaa jiru haqa WBO diinota Oromoon dabsamaa hanga har’aatti itti jiru uummati Oromoo akka hubatuuf qophii itti yaadamee qophaa’edha. Hanga dhuma sagantaa kanaatti akka nu faana turtan kabajaan isin gaafanna!

“Dhabama Oromummaaf Oromiyaa irra dhabama Lubbuu filachuu” Ejjennoo jedhu qabatee hundeeffama isaa qabee hanga har’aatti qabsoo haqaa bilisummaa Oromoo irratti cichee kan jiru Waraanni Bilisummaa Oromoo Waardiyyaa amanamaa uummata Oromoo fi biyya abbaa keenya Oromiyaati.

Qabsoo Bilisummaa Oromoo gaggeessaa hanga har’aatti waggoota dheeraaf kan jiraate WBO’n, hoggana isaa utuu hinqusatin saba isaaf wareega lubbuu kaffalaa ofii biyyee ta’ee Oromiyaa fi Oromummaa jiraachisaa as gaheera. Moggaasa maqaa biyya abbaa keenya Oromiyaa qabsoo isaan kan raggaasise WBO’n, jiraatee har’a gahuu eenyummaa saba keenya Oromootiif riqichi olaanaan gati jabeessi oggayyuu laphee Oromoo mara keessa jiraatu WBO’n borillee lalisee dagaagee haa jiraatu jenna.

Har’a gaafa waa’ee Oromiyaa dubbannuuf dhimma Oromummaa kaafnu qabsaa’ota qaalii eenyummaa keenya deebisuuf ofii biyyee ta’an aarsaa WBO dagachuun nurra hinjiraatu. Aarsaan WBO’n bara 1974 hanga guyyaa har’aatti kaffalaa jiru aarsaa gati jabeessa saba isaa Oromoon galateeffachiisu ta’uu hubachuu barbaachisa.

Hundeeffamuma irraa danqaa gurguddaan kan isa mudataa as gahe WBO’n, jaalala dhugaa biyya abbaa isaa Oromiyaaf qabu: Obsaan, kutannoof murannoo isaan dabaalee gootummaa qabuun aarsaa barbaachisaa kaffaluudhaan jiraachuu uummata keenya Oromoo har’aa mirkaneessuu danda’eera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata isaa Oromoof akka lubbuutti kan ilaalamu yoggaa ta’u Cunqursitoota saba isaatin hanga har’aa lolamaa akkasuma jechooti isa hinibsine itti maxxanfamaa jiraatamaa as gaheera.

Jechoota xiqqeessii halagaaf diinni Oromoo ittiin isa ibsaniin guyyaa tokkoof haamilee fi mogolee kan hinlaafne; Addi Bilisummaa Oromoo dhaaba jaalalaaf aantummaa saba isaa qabu, dhaaba bilisummaa Oromoof qabsaawu fi Oromiyaa bilisa baasuf socho’u ta’uu qabsoo taasisaa tureef jiruun firii qabsoo uummati isaa ijaan arguu danda’u argamsiisuun murkaneessee jira.

Uummati Oromoo barootaaf koloneeffattootaaf garboonfattootaaf akkasuma abbootii Irree Impaayera Itoophiyaa tole jedhee kan hinbeekne, bakkoota garaagaraatti fincila gurguddaa akka walitti dhiyaatuun taasisaa tureera. Lolli fuulaa fi fuulaa waabee keessatti jia Caamsaa bara 1964tti ennaa bulchiisni naannoo, humna poolisii hogganee, ida’amaan gibira Waggaa kudhanii dirqee funaanuuf Hayila Sillaaseen Oromoo Baalee irratti bane lolli Raayituu fakkeenya diddaa Oromoo keessaa isa tokko.

Kibba Baha Oromiyaa Baalee keessatti Fincilli Hayile Sillaasee irratti uummataan dhohe kun daranuu sadarkaa humna Hayila-sillaaseen ol tahuu irra gahuudhaan waggootaaf itti fufe. Akka Seenaan qabsoo Oromoo himutti Haayila sillaaseen fincila kana dhaamsuuf humna qilleensaa fi hoomaa waraanaa lafoo itti bobbaasee gandeen, qabeenyaa fi lubbuu Oromoo baayee dhabamsiise.

Seenaa kana irraa waa xiqqoo walii boccoquuf, Hayila Sillaaseen Akkuma fincila Oromoo Raayyaa duraan humna qilleensaa Ingliziin dhabamsiise, kan Baaleef ammoo ogeeyyii (experts) waraanaa fi meeshaa Ameerikaanitti gargaaramee uummata Oromoo Baalee waraanuu seenaan kan lallabu; lola bara 1967 Baalee Dalloo keessatti tahe irratti ogeeyyii (experts) waraanaa Ameerikaan deggaramee meeshaa waraanaa gurgguddaa akka Baazuqaa fi Jeettiin (Xiyyaaraan) boombii ilmaan Oromoo haqa isaaniif lolatan irratti harcaasuun miidhaa guddaa erga irraan gahee booda, konyaa Elkarree dhuunfatamee ture deebisee qabachuu Hayila Sillaasee seenaan lallaba.

Seenaa dhuma keessatti uummati Oromoo lolatee kan injifatamne, tooftaa siyaasaa garaagaraan uummatni keenya cabaa as gahuutu himama. Hayila Sillaaseen uummata nagaa Oromoo humna qilleensaa fi lafoon haa waraanu malee, injifannoo barbaadu saba keenya irratti argachuu akka hindandeenye hubachuudhaan, mammaaksa “Garbuu Garbuudhaan hidhu” jedhutti fayyadamuu isaatu eerama.

Kanaanis Oromoo Oromoon hidhee garboonfachuuf saganteeffatee Jeneraal Jaagamaatti gargaaramuun hoggantoota qabsichaa kanneen akka Jeneraal Waaqoo Guutuu qabachuuf akeekkate.

Haala kanaan Jeneraal Jaagamaan Jeneraal Waaqoo waliin quunnamtii uume. Quunnamtichi garuu qabsoo haqaa itti fufnaa utuu hin taane, wanta Hayila Sillaaseen nuuf qoodan fudhatnee mootiicha tajaajilla kan jedhu ture.

Duula gowwoomsaa karaa Jaagamaa Keelloo kanaan jia Bitootessaa bara 1970tti Waaqoon mootummaa Hayila sillaaseetti araaramee hidhattootnii fi deggertootni isaas gar-tokko akka sochii qabbaneessan tahe.

Waanuma bara keenya kana dhiyeenya WBO irratti ta’e kan fakkaatu, Jeneraal Waaqoo Guutuu Hayile Sillaasee waliin waadaa walii galamee araaramullee; booda garuu wanti karaa Hayile Sillaasee irbuu seenameef guutamuufii hanqannaan Waaqoo Guutuu qabsootti deebi’uu seenaan dubbata.

Qabsoon bilisummaa aarsaa kaffaluu gaafata. Qabsoo uummati keenya eenyummaa isaaf taasisaa ture, aarsaa qaalii deebii hinqabne lubbuu hedduun itti dhabamaa as gahe.

Cuunfaa seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessa yoggaa seennu; Bara 1967tti mootummaan Hayila Sillaasee Waldaa WalGargaarsa Maccaa fi Tuulamaa seeran dhorke. Kuni Waldaan Maccaa fi Tuulamaa uummata isaa dinagdeef siyaasaan qaraa jiraachuu hubachuurraa, dinagdeen Oromoo gabbatee akka sirna Nafxanyaa inni gaggeessu irra hingalagalleef sodaa qaburraa ka’ee dhaabbilee hawaasaa keessaa tokko kan ta’e Waldaa Maccaa fi Tuulamaa irratti dhorkaan bahe.

Boodarras Hayila Sillaaseen hoggantootaa fi miseensota Waldaa kanaa kaan hidhee kaan ammoo ajjeesuu jalqabe. Geggeessaa waraanaa olaanaa fi hogganaa Waldaa kanaa kan ta’e Jeneraal Taaddasaa Birruus qabamee hidhame. Akka seenaan eerutti yaaddoon guddaan Waldaa kana irraa Nafxanyoota biraa eegale, Waldaan Maccaa fi Tuulamaa bifa hojii hawaasaa uummataaf hojjechuun haa ijaaramu malee gara dhaabbata siyaasaatti socho’aa jira shakki jedhu horachuu fi Waldaan kun Oromoo Maccaa fi Tuulamaa walitti hidhee ka’ee daranuu guutummaa Oromiyaa tokkummeessuuf sochii inni gara Kibba Baha Oromiyaa uummata Oromoo Baalee waliin hidhata gochuuf deemsa eegaluu dhaga’uun rifaatuu guddaa Hayila Sillaaseetti uumee ture.

Biyya keenya keessatti Sirni cunqursaa Impaayera Itophiyaa Minilik irraa eegale hanga har’aatti amala wal fakkaataa fi tarsiimoo wal simaa qabatee socho’aa as gahee ittis jira.

Hayile Sillaaseen akka aangoo irraa darbameen bara 1967 Dargiin aangootti dhufe. Hayila Sillaaseen aangoo irraa kufee Dargiin yoggaa gara aangootti dhufe uummati cunqursaa Impaayera Itoophiyaa jala ture marti abdii guddaa jijjiiramni nii dhufa jedhuun guutame. Akkuma hawwiif abdii uummataa Dargiinis sirna sooshaalizimii kan hundumaa wal qixxeessuun Impaayerattii keessatti nan buuuressaa jechaa dhaadachaa aangoo qabatee, gama kaaniin bittaa abbaa irrummaa isaa itti fufe.

Biyyattii Impaayera Itoophiyaa keessatti fedhiin uummata bal’aaf qabsaa’otaa takkaa guutee kan hinbeekne, uummati yoggaa Hayila Sillaasee irratti finciletti akeekni ilmaan Oromoo fi cunqursamoo biroon sirna fiwudaalaa Hayila sillaasee kuffisuuf qabsoo gochaa turan, sirna cunqursaa Impaayerattii hundeen dhabamsiisuu ture.

Dargiin akkuma sirna har’a PP jechuun uummata goolaa jiruu, daranuu olaantummaa aadaa fi afaan Amaaraa kan Oromoo fi sabaa fi sab-lammii kibba Impaayeratti irratti dagaagse malee, ittiin hin qixxeessine.

Akkuma mammaakasi “kan fincooftu hiikee, kan albaatu fuudhe” jedhu Oromoon sirna cubbamaa Hayila Sillaasee hundeen buqqaasee, sirna afaan isaa dubbachuun isa yakkisiisuun dhaalame. Sirna Dargiin afaan ofiin dubbachuun dhippummaaf farra Warraaqsaan nama yakkisiisuu jalqabe.

Hundeeffama ABO fi moggaasa maqaa WBO argachuu waraana qabsoo bilisummaa galiin gahuuf qabsoo irra hanga har’aa jiruu.

Diddaa uummata Oromoo rogeessuun, dhaabaaf jaarmiyaa tokko jalatti taliigee Oromoon warraaquu akka qabuuf irratti walii galamuudhaan ABO’n bu’uurame. ABOn kan hundeeffame bara 1973 yoggaa ta’u; Kaayyoon inni guddaan ABOn qabatee hundeeffame ummata Oromoo sirna kolonii Itoophiyaa jalaa bilisa baase Oromiyaan biyya of dandeesse taate akka hundooftuf ture.

Kanas karaa waraanaan sirna kolonii Itoophiyaa fi Sirna Impaayera Itoophiyaa dura dhaabbachuuf ilma isaa hangafaa taasisuudhaan Waraana Bilisummaa Oromoo ijaaruun diina uummata isaa dura dhaabbataa as gaheera.

Bara 1973, haalli siyaasaa Itoophiyaa jijjiirama xiqqoo kan agarsiise ture. Hoggantoonni fi miseensonni Waldaa Maccaaf Tuulamaa warri hidhamuu jalaa ba’an karaa lafa jalaa gaazexaa dhoksaan maxxanfamu kan akka “Kana Beektaa?” fi “The Oromo Voice Against Tyranny” jedhamutti fayyadamuun ummata kakaasuu itti fufan jedha seenaan qabsoo bilisummaa Oromoo.

Waraana Bilisummaa Oromoof maqaan kan kenname bara 1973 ta’uu fi namoota jalqaba ABO hundeessaniin moggaasi WBO’f kennamuu seenaan qabsoo eera.

Seenaan kan jedhu irraa bara 1973 keessa “Miseensonni Waldaa Maccaaf Tuulamaa dhoksaadhaan kora Huseen Soraa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni Oromoo biraa baay’een irratti kan hirmaatan qopheessan. ABO’n kan hundeeffamee fi sagantaan siyaasasaa kan barreeffame kora kanarratti ifa ta’uu isaa seenaa qabsoo bilisummaa ABO golaaf gumbii Kofa ABO keessatti barreeffamee jiru irraa hubatama. Kora kana irratti Hararge Lixaatti hidhattoonni Tulluu Carcar irra qubatan akka gobla waraana dhaaba ABO tti hammatamuudhaan maqaan isaaniis Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) jedhamuun laatameef.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan Tulluu Carcar irra jiru hooggansa Hasan Ibraahim kan irra caala maqaa Elemoo Qilxuu jedhamuun beekamu jala gale.

Bara 1974, WBO sochiisaa gaarren irratti baballisiise, kunis bulchitoota naannichaa biratti sodaa guddaa uumeera jedha seenaan. keessattuu erga abbaa lafaa hamaa kan ta’e Mulaatuu Taganyi ajjeefamee booda adamoon WBO irratti baay’ee hammachuu seenaatu ragaa ba’a.

Mootummaan Dargii Waraana Itoophiyaa jeneraal Geetaachoo Shibashiin durfamu akka finciltoota kana dhabamsiisuuf erge. Fulbaana 6, 1974, Waraanni Bilisummaa Oromoo kan jalqabaa dhukaasa moortaaritiin Waraana Xirroo irratti moo’ame; lola kanaan WBO irraa Ahimad Taqii fi Elemoo Qilxuu yoo du’an loltoota WBO sadi’i qofatu lubbuun hafe.

Aarsaa Waaraanni Bilisummaa Oromoo gaarreen Oromiyaa Hararge irratti kaffale, kan oggayyuu yaadatamuuf gootaawwan ilmi Oromoo leellisaa jiraatu gaarreen sana irratti lafee caban oggayyuu kan laphee saba Oromoo keessa jiraatanidha. Gocha har’a PP’n Oromoo irratti raawwataa jiru kan fakkaatu; Gootichi Oromoo “Kun Sagalee Bilisummaa Oromooti!” Jechuun yeroo jalqabaaf maqaa WBO’n dhukaase Elemoo Qilxuu Wareegamuun booda Fincila Oromoo itti fufuu akka hin dandeenye gochuuf, Dargiin uummata magaaloota naannoo WBO’n itti socho’aa ture sana keessa jiraatan hidhuu fi ajjeesuu jalqabe. keessattuu magaalota Galamsoo , Baddeessaa, Machaaraa, Bookee fi Balballee keessatti ajjeechaa suukanneessaaf hidhaa daran babal’ise.

Waraanni riphee lolaa gabaabaa kana booda ABO’n addaan faffaca’e, hooggantoonni isaa muraasni gara Edenitti deebi’uun dhaabicha deebisanii karaa qabachiisuuf yaalan garuu hin milkoofne.

Jeneraal Taaddasaa Birruu kan mana hidhaatii ba’ee qabsoo waraanaa Shawaa keessatti Hayiluu Raggaasaa wajjin itti fufan. Boodarra garuu lamaanuu jechuun Jeneraal Taaddasaa Birruu fi Hayiluu Raggaasaa qabamanii bara 1976 ajjeefaman. Garuu WBO jeneraal Taaddasaa Birruu hundeesse waraana ittuma fufe, namoonni itti makamuunis ajjeechaa Taaddasaa booda ni dabale.

Hundeeffama ABO’n duratti biyya abbaa keenya Oromiyaaf moggaasi dhaabbataan hinlaatamne ture. Habashoonni tasumayyuu Oromoon akka biyya hinqabneetti yoggaa ibsan, barreessitoonni Awuuroophaa takkii “Biyya uummata fuula Gurraachaa, Biyya uummata mammagaallanii, Biyya Ormaaniyaa, Lafa Oromoo…fi” waan itti fakkaate jedhanii ibsu ture. ABO’n akkuma hundeeffameen maqaa biyya abbaa isaa biyya Oromoo, Oromiyaa jechuun moggaase raggaasise. Kun bu’aa qabsoo bilisummaa ABO’n argame keessaa isa hangafaati.

Dargiin aangootti erga dhufee qabee Oromoo Oromummaa isaaf falmatuu fi ittiin boonu hidhuu, dararuu fi ajjeesuu akkuma PP har’aa kanatti duula gaggeesse.

Kana irraa ilmaan Oromoo fi cunqurfamoo kibba Impaayerattii, bittaa kolonii Hayila sillaasee irraa gara kan dargiitti tarkaanfatan. Sabboontotni Oromoo labsii siyaasaaf Dargiin walqixxummaa jedhee karaa saaqetti haajomanii Fulbaana bara 1974 hanga gurraandhala 1977tti kutaa Oromiyaa warra akka Baalee, Arsii, Harargee, Shawaa fi Wallagga keessatti gartuun hawwisoo aadaa Oromoo dhaabbatanii aadaa fi afaan Oromoo waltajjiitti baasuu fi tokkummaa Oromoo argisiisuuf tattaafan ittiin yakkaman.

Yeroo sana ture sirba tokkummaa Oromoo kan lallabamuu eegale.

“Adaamaadhaan, Naazireeti jedhanii
Tolasaa fi Badhaasaa kiristinnaa kaasanii
Ilmaan abbaa tokkoo gar gar nu baasanii!…” sirbi jedhus Waltajjii bara sanaa irratti sirbame.

Sanaan ture dhuma bara 1976 fi jalqaba 1977tti Gartuun Hawwisoo Aadaa Oromoo Kutaalee 7 (Shawaa, Harargee, Arsii. Baalee, Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa Fi Kafaa) Finfinnee irratti walitti dhufanii sirba aadaa fi doii garaa garaa kan argisiisan. Dargiin afaaniin walqixxummaa lallabaa ilmaan Oromoo jajjabina eenyummaa Oromoo irratti qooda fudhatan dhippummaan yakkee hidhaatti guure kan jedhu seenaan, Baruma 1976 keessa, qotee bulaan Oromoo walakkeessa Oromiyaa Dhiha Shaawaa waltumsanii, ayyaana Oromoo kutaa garaa garaa irraa walitti fidu tokko bifa Ayyana Buttaan Bokkuu Xuleettii qopheessan. Ayyaanni fakkaataan kan Bokkuu Xulee, kutaa dhiha Wallaggaa konyaa Gimbii ona Innaangootti bara kana qopheeffamuu seenaan ragaa baha. Kun ammoo ilmaan nafxanyaa ifa baasanii akka balaaleffatanii fi maqaa Farra Warraaqxummaan Oromootti akka duulan taasise jedha seenaa barreeffame lallabee kan ibsu.

Sababa sanaan ilmaan Oromoo Dargiin galaafate keessaa sab-boontotni akka Immiruu Ibsaa, Birruu Warquu fi Faarsii Hirphaa warra jalqabaatti seenaan galmeessedha.

Bara 1977 mootummaan Koloneel Mangistuun baay’ee hammaate. Dargiin dura afaan tolaa gara aangotti dhufe humnaan dhidhiitee uummata bulchuutti as deebi’e. Kan Dargii mormu ajjeesuuf hidhuutti fuulleffate. Haala kana damdamachuuf ABO’n Kora Hatattamaa taa’e. Kora kanaan hoggana ABO’s haaresse. Kana malees murtii hoogganootnii ABO marti akka Dirree WBO Bahaa dhaqan murteessee ka’e.

Haala kana keessatti Baaroo Tumsaa jaarmaa ABO jabeessee gadi dhaabuuf beekumsaaf kutannoo addaa kan qabu gara Dirree Bahaatti imale. Lalisummaan ABO daran gabbachuu eegaluudhaan Jaallan qabsoo isaa Bariisoo Waabee, Gadaa Gammadaa, Gootabobbaas Bultum, Galaasaa Dilboo, Abboomaa Mitikkuu faa dirree waraanaa seenani.

Bara sana obbo Leencoo Lataa Finfinnee dhumatti hafuudhaan bara 1978 haalli daran hammaannaan Dirree Bahaa seenu isaatu himama. Dargiin bara 1978 kana qabsoo Bilisummaa Oromoo danquuf baajeta biyyattii parsantaa 70% waraanaaf oolchuus seenaan ragaadha.

Haala hineegamne keessatti qabsoo irra osoo jiranii qaaliiwwan hanga har’aa ija Oromoo duraa seenaan isaanii dhibee hinbeekne Baaroo Tumsaa fi Badhoo Dachaas wareegamanii lubbuun darban.

Gochaa Dargiiin uummata Oromoo irratti taasisu barataan Oromoo dura dhaabbatee falmaa ture. Kana irrattis dabballoonni dargii barataa Oromoo jibbuu, ija shakkiin ilaaluun adamsanii ajjeesuu, hidhuuf hiraarsuu irratti bobba’uu seenatu hima.

Qabsoo Oromoo dhaamsuuf saboota biroo Oromiyaa keessatti dhalatanitti Dargiin dhimma bahaa turuus seenaan ibsee, Mangistuu Hayila Maariyaam bara 1977
Kaaba irraa qubattoota 250,000 Oromiyaa keessa qubsiise.

Qubattoonni kunneen hanga har’aa wal horanii Oromiyaa keessa kan jiraniif bakka jiran maratti miidhaa Oromoo qofa irratti xiyyeeffate dalaguun beekamu.

Dargiin Qubattoota kana leenjisee hidhachiisuun sochii ABOtti gufuu cimaa akka tahan dhimma itti bahate. Qubattoonni kun Gondar, Tigiraay, kaaba Amaaraa fi Walloo irraa guuramanii dhufuutu himama. Qubattoonnii bara 1979tti, namoota 25,000 wallagga, kuma kudha shan (15,000) Baalee ennaa qubachiisu bakka (kutaa) biroo bifa fakkaataan qubsiisaa ture.

Hidhaan daranuu Dargiin hammaachuudhaan dhuma bara 1979 keessa hoogganoota ABO magaalaa jiraniif miseensotni ABO gameeyyii hedduun guuramanii hidhaatti naqaman. Osoo hogganaaf miseensi ABO Finfinnee dabalatee magaalota keessaa guutummaan hin hidhamiin; ABO’n labsii hogganaa fi miseensotni isaa hatattamaan gara Dirree WBO baha Oromiyaa fi gara biyya Sudaanitti socho’an labse. Labsii sana bu’uura godhachuun namoota gara Sudaanitti bahan keessaa tokko Hayyu Duree ABO har’aa jaal Daawud Ibsaati.

Gaazexaa Addis Zaman jedhamu Ebla 24 bara 1971 akka lakkoofsa Habashaatti maxxansame irratti hoggantootni farra warraaqsaa sagal qabaman jechuun baase hoggantoota qotee bulaa Oromoo irraan ajjeechaa fi miidhaa geessifame ragaa ba’a. Namootni maqaan dhahaman kunis:

  1. Alii Ahmad- Dura taaa waldaa qottoota konyaa Carcar.
  2. Abdallaa Badhaasoo Dura taaa waldaa qottoota ona mieessoo
  3. Faqaaduu Damisee Barreessaa
  4. Taammiraat Balaay wal-qunnamsisaa waldaa qottoota
  5. Umar Ahmad fi Dhaabaa kan jedhamanii fi hakiimummaa kan tajaajilan
  6. Alii Abdallaa
  7. Sh\ Mahammad Naasir Abduu Ahmad
  8. Usumaan Alii qabduu maallaqaa fi barreessaa waldaa qottoota araddaa
  9. Hasan Adam Itti gaafatamaa misooma kutaa Harar kan turan. Humni Dargii maqaa Farra Warraaqsaa itti moggaasuun kan hiraarse ta’uu saaxila.

Gaazexaan “Journal of the union of Oromo student in North America” jedhu Mudde 1980 keessa gabaasa fuula 15-16 irratti maxxanseen Miidhaa Dargii yerosii akka gabaasetti, namootni miliyoona lamaa ol siyaasaan yakkamanii mannetii hidhaa keessatti dhiphachaa jiruu, jechuun dalagaa farrummaa dargii yerosii saaxileera.

Hidhamtoota kana keessa irra caalaan Oromoo ta’uu kan ibsu barruun sun, Dhiphoo, Miseensa ABOtii fi deggertoota jechuun kan hidhaman akka ta’e akeeka. Haala kana keessatti seenaan kan galmeesseen Ebla jalqaba bara 1979 keessa guyyaa tokkotti magaalaa Dirre Dhawaa qofa keessa namootni 350 siyaasaan shakkamuudhaan ukkaamsaman.

Ilmaan Oromoo Dargiin ukkamsaman kana keessa ijoolleen waggaa 12 fi maanguddoon waggaa 75 kan keessatti argamanii ta’uu kan eeramu; Jia Bitootessaa bara 1978 keessa kutaa Wallaggaattii namootni 1000, Amboo 250, Fichee 200, dararama mana hidhaa dargiif saaxilamuu gabaafamaa ture. Harar, Arsii, Baalee, Sidaamoo fi k.k.fn keessaa kan kumaan lakkaawaman hedduun, maqaa dhiphoo fi sargoo gabbii jedhuun guuramanii hidhaatti naqamuus eerama.

Aarsaa qaalii Waraanni Bilisummaa Oromoo WBO’n bakka iyyuutti baasaa as gaheen, Dirree dhiyaa Ebla 2, 1981 saglii WBO miseensota 17 of kessaa qabuun baname irraa Jaal Daawwud Ibsaa abbaa saglii, Abbaa Caalaa Lataa itti aanaa abbaa saglii, Tottoobaa Waaqwayaa dabballe sagilii turan. Miseensonni WBO kun akkuma biyya seenaniin saffisaan uummataan walbaruun hojii guddaa hojjetan.

Haalli isaan hineegne Mudde 22, 1981 warri hojiif karaa Gidaamii seenan abbaa sagilii fi dabballe sagilii dabalatee jaallaan 8 shira diinatiin summii nyaachifamuun namoonni 7 yammuu du’an Jaal Daawwud summii sanaan laafee harka diinaatti kufuun hidhaa dargii seene.

Kana malees balaa kanaan walfakkaatu dirree bahaa irratti hooggantoota ABO hojiif gara Sumaaliyaa deemaa jiran irratti shiftoota sumaaleetiin gammojjii Ogaaden bakka shinniiggaa jedhamutti Ebla 15, 1980 ajjeechaa suukaneessaan Hayyu Duree ABO yero sanaa Magarsaa Barii dabalatee hogganoota olaanoo dhaabichaaf miseensota Gumii Sabaa ABO walumatti namni 11 shiftaa Somaaleen ajjeefaman.

Maqaa ABO itti maxxansuun Dargiin deggartoota beektootaa fi jaarsolii Oromoo hidhee dararuu fi qabeenyaa saamuun daran hammaataa dhufee Bara 1984 fi 1985 waraanni Dargii qotatee bulaa Harargee, Arsii fi Baalee, qubsuma gandaaf dirquuf jecha horii beeladaa fi gaala 8,000 ol akka saaman kaan akka fixanii dabalataan midhaan tonii kumaatamootaa fi manneetii kumaatamaan lakkaawaman gubuu isaanii kitaabni Gadaa Meelbaa fuula 98 irratti barreessee jira.

Dargiin humna Sudaan takkaa lola Oromoo waliin seenee hinbeekne illee ABO tti bara 1984 duulchisee lolchiisaa turuu seenaa ragaadha. Hidhaa, ukkaamsaanii fi ajjeechaan Dargiin Oromoo irratti raawwataa ture hanga bara 1991 arihameetti addaan hin citne. Mirgaaf falmachuu fi Qabsoon bilisummaa Oromoo garuu dabree itti fufe.

Dhaabni TPLF bara 1983tti Sochii Dimokraasummaa Ummatoota Itophiyaa SDUI (kanneen duraan EPRP irraa foxxoqanii itti dabalaman) waliin teessuma jalqabaa tolfatee, innis akkuma sirnoota darbaniitti ABO/WBO irratti lola jalqabe.

Humnootiin TPLF Bara 1988 irraa kaasanii waraqaa hogganaa ABO fi akeeka isaa qeequ facaasuu eegalan. Silaa kan irratti ololamuu qabu diina waloo walii qaban Dargii tahee utuu jiruu, akeeka ABOn deemuuf ofii mormuu caalaa, saboota biroo biratti ABO fudhatama dhabsiisuuf qeeqa diiggaa ABO itti fufan.

TPLF akkuma teessuma qabataniin sammuu dhalootaa Itoophiyaa leellisiisuuf waa’ee Itoophiyaa lallabuun hadoochaa, ABO rukutuuf jecha maqaa Oromootin saba keenya keessaa OPDO dhaaba jedhamtu bara 1990 keessa ijaaran.

Burruusa mataa ABO rukutu akka ta’utti dholondholanii qabata itti tolchuudhaan Oromiyaa keessatti DHDUO/OPDO ijaaran. Murni Oromiyaa keessatti dhalatanii TPLF’n jalqaba OPDO jedhamuun ijaaraman bakka lamaa walitti dhufan. Isaanis warra duraan miseensa EPRP turan oggaa tahan, 2ffaan loltoota Dargii warra Shaabiyaa fi Wayyaaneen boojiamanii EPDMtti ijaaraman tahuutu ibsama.

Kaadhimamtootuma OPDO Oggaa TPLF ilmaan nafxanyaa afaan Oromoo dubbatanii fi Oromoo EPDM keessa jiran booji’amtoota dhaaba OPDO ijaarra jedhanii itti dhiheessan, warri dammaqiinsa qabanii fi dubbichi maaliif akka deemamu hubatan yaada mormii dhiheessan nii dhabamsiifaman.

Booji’amtoota Dargii kanneen jalqaba hogganummaa OPDOf kaadhimaman keessaa 1ffaan nama Tasammaa Leencoo, 2ffaan Asaffaa Kitilaa 3ffaan Ajajaa dhibbaa Abduu jedhaman turan. Isaan kun utuu ABO’n jiruu Oromiyaa keessatti dhaabni biraan hin hundaa’u jechuudhaan TPLF mormanii, as buuteen isaanii dhabame.

Asaffaan hogganoota EPRP keessaa tokko ture. Keessattuu Asaffaa Kitilaa fi Abduun, ijaaramuu OPDO seera idil-addunyaa irratti hundaauun mormii kaasan. Gartuun OPDOn irraa ijaaramuuf deemamu, boojiamtoota. Akka seera idil-addunyaatti ammoo boojiamaa akka meeshaatti itti gargaaramuun dhorkaa tahuu ibsuun mormii kaasuu isaanii seenaan dubbata.

Yaada ishee galmaan gahachuuf jecha TPLF miseensota IHDN keessaa kan Dura Taaaa OPDOf jedhamee ture Asaffaa Kitilaa erga dhabamsiistee booda, laga Takkazeetu nyaate jechuun gabaasa dhiyeessite. Eenyu waliin bobbaee, yoom, attamitti Takkazeedhaan akka nyaatame wanti ibsuu fi beekamu garuu hinturre.

Ajajaa dhibbaa Abduun ammoo ni gane jedhamee achi buuteen isaa wallaalamee hafe. Kan TPLF’n eessa geessite jedhee gaafates hinturre. Abduun ni ganee malee, biyya kamitti akka baafate, yookaan dhaaba kamitti akka dabalame wanti ibsames hin turre.

Erga warri akka Asaffaa Kitilaa fi Abduu, kanneen qondaala turanii fi dammaqoo taan TPLFn dhabamsiifamanii booda, warri waraana Dargii keessattis tahe EPRDF keessatti bakka homaatuu hin qabnee fi TPLF gara barbaadutti oofuu dandau, akka buureessituu OPDOtti fudhataman . Isaanis:

  1. Taayyee T/Maariyaam (Kumaa Dammaksaa) oggaa sana barsiisaa ijoollee kutaa 4ffaa gad baratanii kan ture.
  2. Taayyee Dhibbisaa (Yoonaattaan) Waajjira Taamiraat Laayinee keessa ergamaa poostaa deddeebisaa kan ture.
  3. Baacaa Dabalee sirbituu fi gitaara rukutaa kan ture.
  4. Minaasee W/Gioorgis (A/Duulaa Gammadaa) hakiima waraanaa (Buttaa) kan ture.
  5. Takkaalinyi Tafarraa (Ibraahim Malkaa) qondaala waraanaa Wayyaanee kan turan akka bu’uuressitoota OPDO TPLF bocce.

Dhaabni maqaa Dh D U O (OPDO) jedhuun gufuu Qabsoo Bilisummaa Oromoof ABUT qopheesse kun Eblaa 27-29 bara 1990tti raadiyoo ABUTn labsame.

Kufaatii mootummaa Dargii booda dhaabotni siyaasaa kaayyoo, sagantaa fi ilaalcha adda addaa qaban walitti dhufanii, carraa argameen, hireen sabaa fi sab-lammoota Impaayerattii maal tahuu qabaa fi attamiin buluu qabdii irratti mariin geggeeffamuu jalqabe. walgahii isa dhumaa irratti Charter akka tolfamu, ABO fi ABUT waliin tahanii biyya sana akka bulchan walii galame.

Itti fufees akka seenaan Chaarteraa ibsutti gareeleen adda addaa, ilaalcha garaa garaa qaban, Adoolessa (July) 1-5 bara 1991tti magaalaa Finfinneetti, kora guutuu biyyaa geggeeffatani, Teessuma sana irratti chaartera yeroo cehumsaa Itophiyaa mirkaneessuun xumuran.

Waltahiinsi Adoolessa 19, 1991 Finfinneetti raawwatame kana irratti, lamaanuu (ABO fi ABUT), wanneen gama gama isaaniin raawwachuu qaban irratti marii balaan deemsifamee, sagantaa isaanii hojoomsuu fi kaayyoo isaanii karaa nagaa fi dimokraataween, walabummaan tarkaanfachiisuu akka dandaan waliigalamee, murtiin waliin hojjechuu ni dandaama jedhu irra gahameetu charteritti seename.

ABO fi ABUt (TPLF) Chaartera sana keessatti waliin hojjechuuf jaarsummaa Shaabiyaa (Eertiraa) fi Sudaan gidduu seenanii Sudaan magaalaa Kaartumitti walii mallatteeffame.

Tuqaaleen gurguddoon irratti waliigaman keessaa ijoon: mirgoota Dimokraasii, nam-tokkees tahe murnaa eeguu fi eegsisuu kan jedhu yoo ta’u sunis: Mirgi amantii, yaada ofii ibsachuu, gurmaawuu, walgahuu, mormuu fi deggeruu ni kabajama, Mirgoota warra kaanii hanga hin dhiibnetti, sochii siyaasaa kamuu keessatti daangessa tokko malee hirmaachuu, dhaaba siyaasaa gurmeessuuf mirga qabaachuu, Sabaa fi sab-lammootaaf mirgi hiree murteeffatnaa mirkanaaweeraaf, kanneen jedhan ture.

Haa ta’u malee gocha farrummaan wayyaaneen qabsoon karaa nagaa ABO yeroo chaarteraa sana karoorfate fashaleessuuf, waan irratti walii galame kana mara tokko tokkoon haaluun ABO ganuu itti fufte.

Gantummaa waadaa Chaarteraa TPLF oolee osoo hinbulin Adoolessaa bara 1991, waltahiinsi Charteraa mallatteeffamaa wayiita jiru keessa magaalaa Dirre-dhawaatti dhukaasa jalqan. Waajjira ABO Dirre-dhawaa fi Hararitti dhukaasa banan. Gocha sanaan, Miseensi Waajjira Siyaasaa ABO tokko ukkaamsamee, miseensi biraan tokko immoo ajjeefame.

Bakka kaanitti ammoo, dhimma nagaa fi hariiroo dalagaa haasauu fakkeesanii, qondaalota ABO ofitti waamanii ukkaamsuu fi ajjeesuun, hojiin dhaabichaa naannoo tokko tokkotti akka gufatu taasisan. Walgahiin ji’a Adoolessaa xumuramee erga walii mallateefamee osoo oolee hinbulin jia Hagayya bara 1991 keessa Miseensa Waajjira Siyaasaa ABO kan tahe, Gammachiis Dhaabaa, Nagallee Booranatti wal tahiinsaaf haasauu fakkeessanii waamanii humnoonni Wayyaanee ajjeesan. Haalli kun koree ABO fi ADWUI (EPRDF) irraa ergamaniin qoratamee badii EPRDF tahuun mirkaneeffame illee, tarkaanfiin fudhatame hin turre.

Ji’uma Nageellee Booranaatti hoggana Siyaasa ABO ajjeesanitti, Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamtetti qonnaan bulaa baadiyyaa naannoo magaalaa Naqamtee, garii buaa xixiqqaan gowwomsuun, kaan ammoo humnaan dirqanii of dura buusanii waraanni TPLF fi OPDO Fulbaana 22 bara 1991 waajjira ABO magaalaa Naqamtee irratti dhukaasa banuu seenaan hima. Balaa kanaan qonnaan bulaa humnaan dirqamanii dhufan keessaa fi waraana ADWUI irraa namootni 7 yoggaa ajjeefaman, gama ABOn lola gaafa sanaa irraatti dabballootni ABO 3 madaa’aniiru. Dabballee ABO madaa’e keessaa tokko Mahaammad Alii kan jedhamuu fi duraan lola dargii waliin tahee irratti madaaee kan ture waan ta’eef sababa lola gaafa sanaan bayyanachuu dadhabee guyyoota muraasa booda wareegameera.

Aarsaan ABO’n kaffalu itti fufuudhaan Caamsaa (May) 1, bara 1992 dabballootni ABO Baacaa Lammaa fi Habtaamuu jedhaman zoonii Dhiha Shawaa ona Baakkootti loltoota TPLF fi wal ta’a OPDO tiin ajjeeffaman. Baacaa Lammaa erga rasaasaan rukutamee mana walaansaa seenee booda, loltootni TPLF mana walaansaatii baasanii Siif rasaasaa balleessuu hin barbaachisu jechuudhaan akka bofaa uleen tumanii ajjeesuu galmeen seenaa nii eera.

Caamsaa 1 hanga 4 bara 1992tti, hiriira nagaa ilmaan Oromoo Jijjigaatii hanga laga Hawaashitti godhan irratti humni waraanaa Wayyaanee lola banee balaa sanaan namootni 205 ajjeesamanii 300 ol madaawan.

Baruma 1992 kana Kutaa Oromiyaa Arsii naannoo Caancoo, Gunaa fi Afaakkootti waraanni Wayyaanee, haala suukkanneessaan, manneetii jireenyaa 606 gubsisuun midhaan gombisaa 2,041 fi horii beeladaa 1,500 saamanii saamsisuun miidhaa guddaa geessisan.

Haalonni kun marti danqaa ABO tti uumuuf kan Wayyaaneef OPDO’n dalagaman turan. Kanaan fedhiin ABOn nagaaf qabu gufatee waliigalteen Chaarteraa mallatteefamees diigamuun qabsoo hidhannoo isaa WBO’n adeemsisutti deebi’ee haaressuun dirree qabsoo hidhannootti ABO’n seene. ABO’nis Chaartera keessaa haalota rakkisoo akkanaan dhiibamee bahe.

Erga ABO’n dhiibamee Chaartera keessaa bahee maqaa ABO tiin ilmaan Oromoo jiilmaan qabanii mana hiraarsaatti darbachuun hojii guyyuu TPLF fi OPDO’n waliin ta’anii Oromiyaa keessatti dalagan ta’e. Haala kanaan manneen hiraarsaa taasifamanii mooraan leenjii waraana Dargii durii ilmaan Oromoo simachuu jalqaban. Mana hiraarsaa kanneen keessaa: Dhidheessa, Agarfaa, Huursoo, Bilaattee, Zuwaay fi Xoollaay kan Godina Jimma kessatti argamutti jumulaan Oromoo guuranii hidhan.

Manneen hiraarsaa kanattis nyaata summeessuun miseensota WBO qabamanii hidhamaniif ilmaan Oromoo sabboontota ta’an kumaan lakkaa’amanii akka dhuman taasifame.

Mana hiraarsaa Huursootti ilmaan Oromoo lakkoofsi isaanii 900 ol tahan WBO fi sabboontonni Oromoo bara 1993 keessa duanii jiru, jechuun barruun Madda Walaabuu jia Fulbaana bara 1993 bahe saaxilee jira.

Sadaasa 20 bara 1993tti ilmaan Oromoo 51 manuma hidha Huursoo kana keessaa baafamanii duaan adabamuu barruun Karaa Bilisummaa jettu, lakk 18. Adoolessa 1,bara 1994 maxxanfamte ibsitee jirti.

Mooruma hidhaa Huursoo kana keessaa hidhaa waggaa 2 booda Oromootni 8 jia Amajjii bara 1994 keessa baafamanii ajjesamuu barruun Oromo Commentay jedhu kan Fulbaana 1,1994 maxxansame saaxilera.

Ragaa biraan waa’ee mana hiraarsaa Huursoo Jaarsi Mahaammad yookaan Abbaa Jibriil jedhamu ganda mooraa hidhaa Huursoo cinaatti argamtu Sarkamaa jedhamtu keessa jiraatu, bara 1993, keessa baatii 6 keessatti namootni 2000 hiraarsa adda addaatiin dhumuu fi awwaalcha dhabanii bakkeetti gatamaa turuu ijaan arguu isaa ibseera.

Dhiha Oromiyaa mooraa hiraarsaa Dhidheessaa keessatti ammoo Oromoo 8,000 taanii fi bakka garaagaraatii guuramanii hidhamuun dararamaa turan dhumuu jaarsi Oromoo Ona Diggaa keessa, naannoo sana jiraatu ibsuun, lafa sana irraa qotanii nyaachuu lagatanii akka gadhiisan ibsan.

Qotee bulaa ona Diggaa naannoo mooraa waraana Dhidheessaa jiraatuu fi maqaan isaa Oliiqaa jedhamu, lafa gabbataa naannoo mooraa waraanaa sana jiru dhiisanii maaliif lafa dhiqamee borqaae irratti akka rakkatan gaafatamanii oggaa deebi miidiyaaleef laatan “Lafti gabbataan illee numa jira garuu waatu keessa jira” jechuun waaee dhimmichaa haasauu akka jibban ibsataa “Waggaa 9 dura ati dhagauu fi dhagauu dhabuu kee hin beeku malee mooraa waraanaa sana keessatti namni keenya 8,000 taan, isin waraana Bilisummaa Oromoo WBO dha jedhamanii hidhamanii turani. Bara sana namni keenya mooraa kanatti hidhame nyaataa fi walaansa dhorkamee guddaa waan midhameef guyyaaguyyaadhaan reeffi nama keenyaa 10 ykn 20 ol tahu lafa irra harkifamee qonnaa maasaa keenya irratti gatamaa ture” jechuun laficha qotuun Irmii itti taanaan akka gadhiise namni Oliiqaa jedhamuu turtii waggaa 9 booda ibse

Oromiyaa Zoonii Iluu Abbaa Booraa araddaalee sigmoo fi Gaattiraa keessaa jia Guraandhala bara 1995 fi Caamsaa 1995tti Oromoo hedduun waraana Wayyaaneen hidhamanii hiraarfaman. Araddaalee kanneen keessaa namootni 28 murtii seeraa malee ajjeesamanii bakkeetti gatamuun kanneen waraabessaan nyaataman keessaa maqaan namoota: Abdulqaadir Abbaa kaarruu, Raayyaa Muusaa, Shek Jihaad Abbaa Garoo, Usumaan Abbaa Gissaa, Haj Adam Abbaa Saambii, Haj Ali Abbaa Diggaa (ilma isaanii waliin), Yimaam Abbaa Alii, Raimoo Abbaa moggaa, Sheek Daaliil Sheek Kadir, Shariif Abbaa Gaaroo (obboleessa isaanii waliin) jechuun seenaan maqaa waliin lafa kaha.

Dhiha Harargee, magaalaa Mieessoo fi Asaboot gidduutti kan argamtu Gaara Suufiitti Gurraandhala 21, 2007 bakka tokkotti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo 20 ol fixe.

Sadaasa 2, bara 2005tti, mana hidhaa Qaallittii dhukaasa jumulaa hidhamtoota Oromoo irratti Wayyaaneef OPDO’n banameen namootni 19 ajjeefamanii, hedduun ammoo gar-malee madaawan.

Magaalaa Ambootti Fulbaana 3 bara 1994tti obbo Daraaraa kafanii hidhattoota Wayyaaneen ajjeefameera.

Jia Hagayyaa bara 1995 keessa namootni 27 loltoota ADWUIn Dhiha Wallaggaa, ona Jaarsoo Gambeel, naannoo magaalaa Baabboo Gambeelitti ajjeesamuu isaanii, Suee Poilook qormaata gooteen addeessite. Reeffi jaraa Ebla 28, 1995 booda argamuu jiraattootni naannichaa ibsuu dubbatte.

Zoonii Wallaggaa Bahaa Ona Billoo Boshee ganda Guutee Shamboloo keessaa Obbo Fufaa Guddataa WBO waliin qunnamtii qabdaa sababa jedhuun loltootni Wayyaanee, nama lubbuu qabutti, bishaan danfaa itti naqanii erga affeelanii booda harka lamaan boodatti hidhanii Ebla 18 bara 1995 halkan walakkaa saa 12:00 bakka itti affeelanii fuudhanii bosona keessatti gatan. Barii isaa argamee mana walaansaa Naqamteetti geessamee erga fooyyaee booda, eenyutu akka isaan affeelee fi sababa isaa ennaa ibsatan. “Bishaan danfaa keessa buusee kan na affeele, loltoota IHDG (ADWUI). Sababa waraana ABO naannoo kee keessa sossoaa jiru gargaarta, tumsita jedhamuun akka ta’e ibsate.

Aarsaawwan muraasi olitti eerre danqaa qabsoo bilisummaa Oromoof kan diinni saba keenyaa nurratti adeemsisaa as gahedha. Qabsoon ABO galma akka hingeenye maqaan garaagaraa “Mankaraarsitummaa, Shororkeessummaa, Shiftummaa,…” kan kana fakkaatan OPDO dhaan ABO tti moggaafamaa tureera.

Bara 2020 kanas hanga guyyaa har’aatti WBO’n biyya keenya Oromiyaa tiksuuf aarsaa gati jabeessa, lubbuu qaalii hinqabne kaffalee qabsoo bilisummaa gaggeessaa jira.

Waraanni Bilisummaa Oromoo uummata isaa Oromoo fi Oromummaa dagaagsuuf aarsaa qaalii lubbuu isaa qabu tokkitti laatee qabsoof akka bahetti, hanga galma qabsoo isaa dhugaa gahutti qabsoo hidhannoon falma hadhaawaa taasisaa jira.

Waayita har’aas mootummaan maqaa PP jedhuun of waamu maqaa WBO gurraacjessuu fi hadheessuu irratti bobbaa guddaa taasisaa jira. Keessattuu akka uummati keenya Oromoon jibbu taasisuuf waan hinyaalle hinqabu.

Maayii irratti ABO’n dhaaba labooba abidda Cunqursitootaan qoramedha. Jaarmiyaa rakkoof gidiraa meeqa damdamatee har’a gabbatee dirree Oromiyaa mara keessatti qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsaa jirudha. WBO’n bara baraan haa jiraatu.

Goolabe

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.