Addi Bilisummaa Sidaamaa, SLF filannoo fakkeessaa keessatti akka hin hirmaanne ibse

Oduu Simbirtuu Ganamaa❗
Addi Bilisummaa Sidaamaa, SLF filannoo fakkeessaa keessatti akka hin hirmaannee fi hidhamtootni siyaasaa Sidaamaa, Oromoo fi Sumaalee haalduree tokko malee akka hiikaman gaafate. Filannoo dharaa waliin kan gangalannu nuti sobaaf hin qabsoosne jedheera. Hooggansichi, Woldeamaanu’eel Dubbaalee ejjennoon keenyaa fi rakkinni keenya kanuma ABO fi KFO irra gahus jedhan
Qeerroo Intelligence Group

Daraatuu Tulluu fi Feyyisaa Leellisaa❗
Dhihoo kana dhimma Jawar Mohammedfaa irratti Fayyisaa Leellisaa,Keessaa baateen waan jedhe ni yaadattu. Atileet,Kolonel Daraartuu Tulluu garuu, namoota beekamoo fi jaallatamoo qabattee ” Ani isin dhabuu hin danda’u; akka dhuunfaattis sabaattis miidhamna; nyaata nyaadhaa; biyyi kun biyya nyaata lagatanii haqa argachuun haa hafuutii biyya haqni rasaasaan rukkutamu dha.” jechuun akka nyaatan taasiste. Seenaa Oromoo keessatti taateen lagannaa nyaataa guyyaa 40 bara baraan yaadatama. Feyyisaa Leellisaa, Keessaa baatee fi gandeen pirezedaantii isaanii Cundhuura gammachiisuuf taasistes seenaa kana keessatti galmee gurraachaan yaadatamaa hafti.
Qeerroo Intelligence Group

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.