Adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti warraaqsa dhalatanii galma hankaakan/hanqatan (1870 – 2020)

Malkamuu Jaatee, Caamsaa 15 bara 2020

Happened in Adama, Oromia – February 14, 2018

Seensa

Ummati Oromoo mootummaa-maleeyyi ta’uudhaan walabummaa sarbamee, aangoo ittiin diina ofi irraa ittisu dhabuudhaan, balaa (rakkinoota) gurguddoo sirna mootummaa Habashaa keessaa maddaniif bara 1870 irraa eegalee saaxilame: (1) Sanyii duguggaa (ajjefamuu miliyoonaan); (2) Sanyi eenyummaa Oromoo balleessuu (Afaan+Aadaa+Seenaa Oromoo haquu), (3) Oromiyaa qabeenya uumamaan badhaate saamuu, (4)Ummata miliyoona hedduu buqqisuun jireenya hiyyummaa fi baqattummaatiif saaxiiluu fi (5) Diigumsa caasaa bulchiinsa Oromoo (sirna hawaasummaa fi siyaasaa Oromoo dadhabsisuun dhabamsisuu). Gidiraa fi rorroon osoo wal irraa hin citiin mootummaa Habashaa dhufee-darbun bifa walfakkaatun ummata Oromoo irratti bara 1870-2020 rawwatamaa jira.

Bara 1870-1890 weerara Yohaannis fi Minilik hoggananiin ummati Oromoo gara miliyoona 5 ga`u lafa irraa dugugamuu galmeen seenaa mirkanessera. Sanyii Oromoo kallattiin lafa irraa duguguuf gabiromfataan meshaaleen fayyadame: (1) aangoo lolaa ammayyawe hedduminaan hidhachuu waraana Habashaa, (2) daldala garbaa, fi (3) dhukkuba daddarbaa ture. Duula badiisaa irraa ummati hafe miliyonni 5 fi dhalooti aanu ammoo seera mootummaan Habashaa tolfatee waggoota 130 darban alkallattiin sanyii duguggaa geggessaa jiruuf saaxilaman. Mallattolee sabummaa Oromoo owaaluuf dulli wal irraa hin citiin karaa hedduun geggefama. Kana irratti dabalee iyyummaa, beelaa, fi waraana meeshaalee siyaasaa godhachuun acuccaa gar-malee raawwachuun toftaalee murnoota mootummaa Habashaa ta`uun ifaa dha. Mootummaan Hayile Silaase beelaa fi xiyyaara waraanaa fayyadamuun Oromoo miliyoonaa oli lafa irraa duguge. Ittuma fufuun beelaa fi waraanni bara mootummota kolonel Mangistuu fi Mallas hogganamees namoota milyoona lamaa oli lafa irraa haxaaweera. Caamsaa bara 2018 jalqabee murni mootummaa Habashaa, kolone Abyi hogganuus, haaromsuma  warra darbee  ti.

Jeequmsi fi gooliin waggoota 150 darban fufiinsaan tarsiimoo siyaasa Habashaa irraa dhalatan guddachaa fi baballachaa adeemuudhaan sochiilee Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessaan fufiinsaan dhalachuu warraaqsaaf sababii ta`aniru. Fincila yookiin waraana gargaaramuudhaan sirna siyaasaa fi bulchiinsa mootummaa biyya tokko jijjiruun warraaqsa jedhamuun beekama. Revolution is a  change  in the way a country is governed, usually to a different  political  system  and often using  violence  or  war (Dictionary Cambridge). Gurmaawudhaan waggoota 60 darban (1960 – 2020) diddaa fi fincilli ummati Oromoo adda durmmaan keessatti hirmaate baroota sadii walittifufinsaan warraaqsoota sadii argamsisuun mootummaa Itoophiyaa gartulee Habashaan geggefamu jijjireera.

Waan kaleessa keessa turame hiraanfachuun, amma eessa akka jiramu hubachuu nama hanqisuun boori garamitti akka deemamu dursanii beekuu nama dhabsisudhaan, gara gufulee ofi duraa bubuqisu dadhabuun galma sagantefame hanqachuu nama geessa. Kanaafuu, galmee seenaa keessaa sochiilee Finciila Diddaa Gabirummaa (FDG) hirmaannaa ummata Oromoo irratti hundaawun geggefamanii warraaqsa gurguddoo sadii dhalchan ergii cunfamanii tarrifaman booda QBO galma akeekameen ga`uu hanqachuu keessatti walfakkii warraaqsa baroota 1974, 1991, fi 2018 dimshaashan ibsama. Kaayyoon barruu kanaa: barrulee fi argaa-dhageettii keessaa odeeffannoo maddan ragoomsachuun sochiilee FDG bara 1870 – 2018 fufinsaan deemsifaman keessaa warraaqsa walittifufinsaan marsaalee sadii dhalatan fi shirra siyaasaa Habashaan butamanii galma akeekamaniif hankaakan xiinxaluu dha.

If you mess up & learn nothing, it is a mistake; if you mess up & learn something, it is an experience (Mark McFadden).

  1. Sochiilee FDG tokkoffaa fi dhalachuu warraaqsa bara 1974

Sirna mootummaa Habashaa kan saamiicha lafaa fi duguuginsa sanyii namaa yookin dhabamsisuu enyummaa (Afaan, Aadaa, fi Seenaa) sabootaa raawwachuun beekamu ofi irraa kaasuuf Oromoo fi sabooti cunqurfamoon FDG haala facawaan xummura jaarraa 19ffaa keessa jalqaban. Weerara diinaa ofi irraa deebisuuf Oromiyaa bakkoota hedduutti FDG ummati Oromoo geggesse keessaa wareegamni dirrelee Anolee fi Calanqoo seenaa QBO keessatti bakka gurguddoo qabu. Diddaan bara jalqabaa kun daandii sochiilee QBO saaquun akka fincilli itti fufuuf gumaachan. Sochiileen diiddaa qotee bultootaa (peasant uprisings) haala facaween kutaalee Walloo, Tigiraay, Gojjam, Harargee, fi Baalee keessatti baroota adda addaa geggefamaa turan. Sochileen kun sababii qindoomina jaarmiyaa fi siyaasaa hin qabneef aangoo waraana mootummaa Habashaa injifachuuf hin milkoofine. Garuu qabsaawonni kufaniis qabsoon bilisummaa bakkoota adaa addaatti fufeera.

Gara dhuuma walakkeessa jaarraa 20ffaa kessa Oromiyaa kaabaa kessatti FDG geggefame sadarkaa guddaa irra ga`ee ture. Ummati Oromoo kaaba Oromiyaa keessatti argaman mootummaa Haayile Sillaasee mormuudhaan FDG bara 1943 keessa finiinsan. Ficilli kun konyaa Qobboo irraa eegaluun gara konyaalee Raayyaa, Waajiraat, fi Endertaatti baballachuudhaan bara 1948 keessa sochii Wayyaanee (Tumsuu) jedhamu hundesse. Sochiin FDG kunis konyaalee kaaba Oromiyaa keessaa afuur qabatamaan mootummaa gartuu Amaharaan hogganamu jalaa bilisomsee ture, garuu mootummaan Haayile Sillaasee, gargaarsa xiyyaara waraanaa mootummaa Ingilizii irraa argateen, konyaalee FDG keessatti geggefaman irratti boombii robsuudhaan ummata kuma hedduu lafa irraa duguuge. Qabsaawoti hedduun kufaniis qabsoon inuuma ittifufe.

Bara 1960 booda sochii misomaa fi siyaasaa kan jaarmiyaa Macaa fi Tulamaa, sochii aadaa Waldaa Afran Qalloo, sochii Baalee, fi fincila Barattootaan qabsoon hogganame: warraaqsa jalqabaaf daandii tottolche. Sochiileen FDG kun qindaawaa fi guddachaa adeemuudhaan bara 1970 kessa sochiin gara sadarkaa biyyoleessaa guddachuun sirna saamicha lafaa fi daldala garbaa, kan mootii motoota Habashaan hogganamaa ture, hundee buqqiisee ijaaramuu jaarmiyaa siyaasaaf daandiin tolchamuu eegale. Jarmiyooti bara 1968 –1978 hundeefaman: Sochii Soshaalistummaa Itoophiyaa Hundaa (SSIH 1968), Jaarmiyaa Bilisummaa Ummata Itoophiyaa (JBUI1972) yookin Partii Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (PWUI), Adda Bilisummaa Tigraay (ABT1972), Adda Bilisummaa Oromoo (ABO1973), Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT1974), Jaarmiyaa Warraaqsa Maarkis-Leenin (JWML1974), Qabsoo Warraaqsa Ummata Cunqurfamoo Itoophiyaa (QWUCI1975), Gamtaa Dafqaan Bulaa (GDB1975), Barbadaa Warraaqsaa (BW1976) kan“koree loltotaa (Darguu)” jedhame, fi Tokkummaa Jaarmiyoota Maarkis-Leenin Itoophiyaa (TJMLI1977): agoboora jaarmiyoota SSIH, JWML, QWUCI, GDB, fi BW turan.

Warraaqsa bara 1974 argamsisuu fi qindeessuu keessatti hirmaannaan hayyoota Oromoo guddaa ture. Caasaa jaarmiyaa ummataa kan ijaaree fi diriirse hayyuu Oromoo, Dr Haayilee Fidaa, ture. Qubee afaan Oromoo tolchuu keessattilee ga`ee olaanaa qaba ture. Sadarkaa biyyolessaa irraa hanga ganda qotee-bulaatti ijaaramuu fi diriirfamuu waajjira dhimma jaarmiyaa ummataa (WDhJU) keessatti qoodi hayyoota Oromoo guddaa ture. Dr. Hayilee Fidaa bara sanatti hayyu duree SSIM fi hoggana caasaa WDhJU fi sadarkaa olitti gorsaa mootummaa Darguu ture. “Jaarmiyaan SSIM, mootummaa Darguu tumsuun dorgommii siyaasaa jaarmiyaa PWUI wajjin geggessaa ture ergii injifateen booda suta-sutaan mootummaa Darguu dhunfatee hogganuuf yaale. Garuu murni Darguu (koree loltuu bulchiinsa yeroo) gutummaatti WDhJU dhuunfachuun jaarmiyoota siyaasaa bara sana ijaaraman hunda diigee jaarmiyaa siyaasaa tokkicha aangoome hundeessu saganteesse. Darguun aangoo waraanaa fayyadamuun jaarmiyootaa fi ummata irratti lolli labse, gara sochii FDG kan warraaqsa 2ffaa argamsisutti ceesifame.

Mootummaan Darguu aangoo meeshaa waraanaa keessaa maddu fayyadamee warraaqsa jalqabaa gara dabarse. Sochii warraaqsa bara 1974 keessatti gaaffileen siyaasaa gaafataman: 1ffaa lafti qotee bulaaf haa deebiyu fi 2ffaa mirgi hiree murteeffannaa ummatootaa haa dhugomuu turan. Gaaffiileen siyaasaa kun lamaan kallattiin mirga sabummaa fi abbaa-biyyummaatti hidhamoo dha. Garuu mootummaan Habashaa gartuu Darguun durfamu gaaffilee gurguddoo kana lamaan gara dabarsuudhaan gaaffii qabsoo gitaatti jijjiiree impaayera Habashaa tiksuu saganteefate. Murni kun warraaqsa hatuun maqaa Warraaqsa Soshaalistummaa Itoophiyaa jedhamu moggaasuu fi dhaadannoo “Itoophiyaan haa dursitu” jedhamu maxxansufiin, bara 1974 – 1991 siyaasaa goyyomsaa kan aangoo waraanaan tikfameen, ummatoota cunqurfamoo afaan-fajjessee sirna gabirummaa dheerefate. Goyyomsaa siyaasaa kana irratti gurmuun qabsaawotaa dammaqan sochii FDG eegalan.

Waaranni magaalaa keessaa kan Goolii-adii jedhamee jaarmiyaan PWUI hoggannee fi Goolii-diimaa jedhamee mootummaan Darguu qindesse namoota kuumaatama heedduu ergii galaafateen booda mootummaan Darguu aangoo abbaa irrummaa gutummaan mirkaneefate. Ol`aantummaa aangoo waraanaa fayyadamuudhaan ergii jaarmiyaa PWUI injifateen booda mootummichi gara jaarmiyaa SSIM galagaluun miseensotaa fi hogganoota jaarmiyichaa dhabamsiise. Jaarmiyaan SSIM suta-sutaan mootummaa Darguu dhuunfachuuf toftaan qiyyaafatees ituu hin milkaawiin hafudhaan haayyu-duree fi hoogganoota jaarmyichaa dhabamsisuu fi caasaa jaarmyichaa dhuunfachuun injifannoo Darguun xummurame. Haaluuma walfakkaatuun jaarmiyoota bara warraaqsa 1ffaa dhalatan diigaman. Haaroomsa siyaasaa Habashaa hoogganuudhaan mootummaa sirna dimookiraasii fi walqixxummaa argamsisuuf yaaliin haayyoonni siyaasaa QBO taasisan caalmaa aangoo waraanaatiin fashale.

Yaaliin sirna dimokiraasii hundeessuu hin milkaawiin hafuudhaan murna abbaa irree gartuu Amaharaan hoogganamuu maddisiise. Murni kun maqaa Darguu jedhamu irraa gara komiisheena Ijaarsa Paartii Hojjetoota Itoophiyaa (KIPHI) fi jaarmiyaa Paartii Hojjetoota Itoophiyaa (PHI) ofi jijjiruudhaan bara 1974 – 1991 aangoo waraanaa fayyadamee daangaa mootummaa Habashaa baballise. Darguun karoora siyaasaa kana fiixaan baasuuf odeeffannoo gantoota irraa argatee fayyadamuun tarkaanfii suukanneessaa fudhachuun sagantaa yeroo gabaabduudhaan sochilee FDG magaalaa keessa turan ergii dhabamsiisee booda sochiilee FDG dirree hidhannoo kan baadiyyaa keessatti geggefamu owwaaluuf sagantaa duula waraanaa wal irraa hin citnee baafatee guutummaan QBO dhabamsisuu irratti xiyyeffate. Waraana Golii-diimaa Darguun magaalaa keessatti hogganeen namooti nagaan gara kumaatama 30 hanga kumaatama 750 tilmaamaman bara 1976 – 1977 lafa irraa duguugaman. Garuu qabsaawoti miliquun hafan ijaaramanii sochii FDG 2ffaa hogganuu eegalan.

  1. Sochiilee FDG lammaffaa fi dhalachuu warraaqsa bara 1991

Siyaasa abbaa irrummaa mormuun sochiileen FDG bara 1974 magaalaa fi baadiyyaa keessatti eegaluun waggaa 17 booda bara 1991 kan dhalate warraaqsa 2ffaa dorrobe. Jaarmiyooleen diigamuu irraa hafan, fakkenyaaf ABO, ABT, fi ABUT sagantaa riphee lolaa qindaween qabsoo itti fufuuf murteessan. Jaarmiyaan ABO wareegama qaalii baasudhaan duula jalqabaa diinoti QBO karaa mootummaa Habashaa fi mootummaa Somaaliyaa golee maraan (duraa fi duubaan) irratti labsan gootummaan of irraa ittisuudhaan QBO daran hadhaawaa obsaan ful-duratti tarkaanfachisuu eegale. ABO gaachaanummaan QBO tiksuudhaan hogganuuf dirqama seena-qabeessa fudhate. Injifannoo adeemsa QBO keessatti galmaawaan tikfataa dirqama sadarkaa ol´aanaa ofitti fudhachuun adeemsa QBO haalan wal-xaxaa hiikuu eegale. ABO haala baayyee ulfaataa ta`e keessatti hojii QBO birkilee siyaasaa, waraanaa, fi dipilomaasii jalatti qindeessuudhaan hooggane. Hojiin QBO baadiyaa keessatti babal’achaa adeemuudhaan hoogganotaa fi caasaalee jaarmiyaa, lafa ball`aa Oromiyaa keessa diriirse.

ABT fi ABUT ammoo ergii ijaaraman booda jaarmiyota Eriteriyaa keessatti qabsoo siyaasaa fi hidhannoo geggeessaa turan wajjin karaa lafa jalaan walqunamtii eegalan. Qunnamtichis karaa maadhilee Adda Bilisummaa Eriteriyaa (ABE) fi Adda Bilisummaa Ummata Eriteriyaa (ABUE) dhoksaan Itoophiyaa keessatti hojjetan keessaan ABT yeroo ABE quunnamu; ABUT ammoo ABUE qunname. Qabsoo siyasaa, hidhannoo, fi dipilomaasii bara 1976 – 1989 geggefameen qabsoon siyaasa Tigraay gara sadarkaa olitti guddate. ABUT fi Socii Dimokirasii Ummata Itoophiyaa (SDUI) walitti idayamuun jaarmiyaa Adda Warraaqsa Dimokiraasii Ummatoota Itoophiyaa (ADWUI) hundeefame. Walitti dabalamuu ABUT fi SDUI irraa bara 1989 ADWUI ergii tolchamee waggaa tokko booda bara 1990 bojiyamtoota waraanaa irraa Dhaaba Dimokiraatawaa Ummata Oromoo (DhDUO) bixxiluun itti idayachuun milkaawe. Ijaaramuun ADWUI akka diigumsi caasaa mootummaa Amaharaa dhiyatee fi akka caasaan mootummaa Tigraay dhalachaa fi diriirfamaa jiru mirkanesse. Jaarmiyaa ADWUI meeshaa godhachudhaan ABUT mootii jaarmiyoota siyaasa Itoophiyaa jarraa 21ffa ta`uuf qophaawe.

Dhalooti mootii motoota Habashaa kan afaan Tigriffaa dubbatan haaluma adeemsa siyaasaa armaan olitti ibsameen jaarmiyaa ADWUI tolfachudhaan dirree riphee lolaa keessatti lammilee Amaharaa fi Oromoo boojiyaman of dura ofuun, gara masaraa mootummaa Habashaa gulu`fan: aangoo siyaasaa waggoota 100 oliif Habashaa afaan Amahariffaa dubbataniin harkaa fudhatame deebifachuuf. Milkoomina siyaasaaf meeshaalee gurguddoo 2 fayyadaman. Miseensota jaarmiyaa PWUI Gondor irraa gara Tigraayi baqatan irraa SDUI bara 1980 hundessu fi Tigraayi fi Eriteriyaa keessatti ABUT fi ABUE dirree to`atan kessatti waraana Darguu boojiyaman irraa DhDUO bara 1989 (Gobanaa Daacee summiin du`ee waggaa 100 booda) hundeefachuun gutummaa Itoophiyaa to`achuun milkaaweef. Haaluma kanaan siyasaa Habashaa kessatti ergamtummaan Oromoo gara sadarkaa jaarmiyaatti guddachuun, QBO jaarmiyaan ABO hogganu danquun eegalame. Dhiittaan mirga namomaa bara 1991 – 2018 Oromiyaa keessatti raawwataman akka DhDUO meshaa ABUT tolfate ta`e mullise. Haaqa Oromoo kabachisuuf DhDUO dandeettii akka hin  horatin fi ergamtuu diinaa ta`uun mirkanaawe.

Bara 1974 booda sochiileen FDG qindaawaa fi guddachaa adeemuudhaan ijaaramuu fi lakkofsaan baayyachuu jaarmiyaa siyaasaa Oromoof daandiin tolchamuu eegale. Jaarmiyooti bara 1974 – 1991 hundeefaman: Adda Bilisummaa Oromoo Abboo (1976) kan mootummaan Somaaliyaa haaluma siyaasa Habashaan walfakkaatuun meeshaa gobiromfannaaf tolfatee qabeenya ummata Oromoo saamuuf saganteefate, Adda Islaama Bilisummaa Oromiyaa (1978), Ijaarsa Bilisummaa Saba Oromoo (1988), fi Adda Bilisummaa Tokkummaa Ummata Oromoo (1989). Jaarmiyooti siyaasaa Oromoo bara sochiilee FDG 2ffaa ijaaraman kun gamtaawuu (tokkomuu yookin waltumsuu) keessaan warraaqsa 2ffa bara 1991 dhalate hogganuuf hin milkoofine sababilee hedduuf. Fakkenyaaf, jaarmiyoota siyaasaa keessatti afaan-fajjii hogganummaa dhalateetti fayyadamudhaan, gantooti ummataa (ergamtootiin diinaa, DhDUO), mooraa QBO keessa dhokatanii seenuun akka hojiii jeequmsaa fi diigumsaa baballisan haalli mijjataaf ademeera.

Jaarmiyaa siyaasaa fi sochii diplomaasiin deggeramee bara 1974 – 1991 waraanni riphee lolaa hogganummaa ABUE, ABUT fi ABO jalatti geggefame, looltuu mootummaa Darguu gara miliyoona tokkoo fi meeshaa waraanaa ammayyawe hidhate injifachuudhaan, bara 1991 dhalachuu warraaqsa 2ffaa mirkaneesse. Jaarmiyaa ABUE fi jaarmiyaa ABUT giddutti icitiidhaan tumsi siyaasaa tolchamuudhaan dhalachuu fi babalifamuu mootummaa Tigraayif daandii siyaasaa, toftaa waraanaa, fi tarsimoo diplomaasii aanjesse. Tumsi kun iccitiin qabamee lafa-jalaan ijaaramee bara 1988 – 1998 hojjetaa ture. ABUE fi ABUT tumsa ergii ijaarratan booda dirree Walloo, Gondor, Goojaam, Naqamtee, fi Amboo irraan Ebla bara 1991 magaalaa Finfinnee seenanii to`achuun mootummaa lam-tokkee, mootummaa ce´umsaa Itoophiyaa fi mootummaa Eriteriyaa haaraa, hundeesuu irratti milkaawan.

Eebila bara 1991 yeroo sirni mootummaa Habashaa ilaalcha siyaasa soshaalistummaa addunyaa hordofu diigame kanatti jaarmiyaan ABO mootummaa cee`umsaa hundeessu keessatti hirmaannaa guddaa qaba ture. Kaayyoo warraaqsa 2ffaa milkeessuuf hirmaannaa ijaaraa ABO taasise kun baatilee gabaabduu booda shira murnoota siyaasaa Habashaa, ABUE fi ABUT, xaxaniin boorawe. Itoophiyaa keessatti sirna dimookiraasii hundeessuuf fedhii fi dandeettiin mootummaa ABUT qabu jalqaba irraa shakkii keessa seene. Gartuun kun aangoo waraanaa fayyadamuun dorgommii jaarmiyoota siyaasaa walaba ugguruu eegale: fakkenyaaf, filmaata bulchiinsa naannoo kan Waxabajji bara 1992tti karoorfame keessatti ABO Oromiyaa irratti ni injifata sodaa jedhu irraa akka filmaati haqaa fi bilisa ta’ee hin adeemsifamne danquudhaan tooftaa mull’ataa fi dhokataa fayyadamuun bacancarfame. Dhiibbaa aguggaadhaan adeemsifamaa ture kun akka ummati Oromoo jaarmiyaa ABO hin filanneef qoqqobe. Karaa nagaa fi dimookirasii argaminnaaf kan hawwame bilisummaan hin argamiin hafe.

Mootummooti Habashaa lamaanuu, kan Eriteriyaa fi kan Tigraay, akka fedhanitti qabeenyaa ummatoota Itoophiyaa saamuu eegalan. Sagantaa saamicha qabeenyaa kana milkeessuuf, ABUE fi ABUT wal-tumsuun, jaarmiyoota siyaasaa mirga ummataaf qabsaawan irratti duula kallattii maraan labsan. Fakkenyaaf ABUE fi ABUT sagantaa saamicha qabeenyaa akkuma fedhanitti fiixaan baafachuuf kallattiin walitumsuun bara 1988 – 1998 jaarmiyaa ABO irratti duula siyaasaa, waraanaa, fi dipilomaasii qindeessaa turan. Qabeenyaa lafa irraa fi lafa keessa jiran hanga dandeettii isaanii saamuun, halkanii fi guyyaa, daandilee gara Asab, Walloo, fi Gondor geessan irraan gara Eriteriyaa fi Tigraay gurrachaa turan. Fakkenyaaf bara 1991 – 1998 qabeenya uumamaa Oromiyaa fi Kibba Itoophiyaa keessaa ABUE saamaa tureef ragaan: “biyyi Eriteriyaa buna oomishuuf lafa-qonnaa mijjatu osoo hin qabaatin, bara 1992 – 1998 buna heddumminaan gabaa addunyaatiif dhiyeessaa turteetti”.

Haluma warraaqsa bara 1974 wajjin walfakkaatuun warraaqsi lammaffaaniis aangoo waraanaan gara dabarfamuu eegale. Bara 1991 – 1992 yeroo bulchiinsi mootummaa Itoophiyaa (Habashaa) gartuu Amaharaa irraa gara gartuu Tigraay cee`sifamaa turetti walii galteen siyaasaa roga ifa ta`e hin qabnetu hogganoota ABO fi hogganoota ABUT (ABUE) gidduutti raawwatame. Walii-galtee yeroo mootummaa ce´umsaa iftoomina hin qabaatiin kana irratti hundaawuudhaan qondaaloti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi dabbalooti jaarmiyaa ABO akkaataa ABUT waliin hojjetan irratti marihataa turan. Garuu yeroo hedduu hogganooti ABUT waliigaltee diiguun deggertoota, miseensota, fi dabballoota ABO hidhuu fi ajjeesuudhaan tuffii ABO fi ummata Oromoof qaban ifatti argarsiisan. Walii-galtee iftoomina hin qabne kanaan hojjechuu keessatti shira xaxamaa tureen hogganoota ABO sadarkaa olii, qondaalota, dabbaloota, miseensota, fi deggertoota ajjeesuun baballachaama adeeme.

Aangoon mootummaa Habashaa warra afaan Amahariffaa dubbatu irraa gara warra afaan Tigriffaa dubbatu gutummaatti ergii jijjirameen booda osoo hin bubbuliin sadarkkaa tokkoffatti QBO laamshessuu fi sirna gabirummaa haareffame tikfatuun sagnteefame. Mootummaan ABUT kun qaamoota akka ABUE (gargaartota waraanaa fi siyaasaa), mootumoota dureeyii (tooftaa fi maallaqa), fi gantoota ummata Oromoo keessatti dhalatan (odeeffannoo kennan) irraa tumsa qindeffachuun duulli wal irraa hin citne ABO fi ummata Oromoo irratti labsame. Haaluma kanaan siyaasaa QBO hoogganummaa ABOn durfamu fi siyaasaa gabrummaa murna Habashaa kan ilaalcha warraaqxumma dimookiraasii jedhame aguggatee haareefame gidduutti wal-dhibdeen dhalate guddachaa adeemuudhaan WBO diiguu fi mootummaa ce`uumsaa keessaa dhiibanii jaarmiyaa ABO baasuun saganteefame. Duula kallatii maraan ABO fi WBO irratti banuun akka motummaa ce`umsaa keessaa baafamuuf dirqamu taasifame. Kanaafuu, warraaqsi 2ffaa dhalatee osoo shanan hin gutiin shirra siyaasaa Habashaan butamee gara dabarfamuun sochii FDG kan warraaqsa 3ffaa dhalchu argamsise.

  1. Sochiilee FDG sadaffaa fi dhalachuu warraaqsa bara 2018

Sirna siyaasa gabiromfannaa gartuleen Habashaa haarawaan (ABUE fi ABUT) tolfachuu eegalan mormuudhaan magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa keessatti sochilee FDG bara 1991 jalqabame kessaan warraaqsi 3ffaan dorrobe waggoota 27 booda bara 2018 dhalate. Walumaagala mootummoti Habashaa afaan Amahariffaa fi afaan Tigiriffaa dubbatan martuu kayyoon isaanii saamicha qabeenya uumamaa, shira siyasaa, fi ol-aantummaa saba keessaa dhalatanii ummatoota cunqurfamoo irratti agarsiifachuu dha. Mootummooti ilmaan Minilik (1889 – 1991) fi Yohaannis (1991 – 2018) baroota adda addaa diriirfaman hunduu sirna acuccaa hogganan keessatti qabxilee heddudhaan wal fakkaatu. Fakkenyaaf qabxilee gurguddoo sadiin walifakkaatu: (1ffaa) daangaa lafa (biyya) ummatoota weeraranii hirmaachuu irratti waliigaltee mallatteesuu, (2ffaa) Waliigaltee diiguun waraana (loolisa) banuu; fi (3ffaa) Biyya Oromoo fi biyya ummatoota kibba Itoophiyaa weeraruun qabeenyaa saamuudhaan ol-aantummaa dinagidee, hawaasummaa, fi siyaasaa hin raafamne hundeeffachuu dha.

Mootummaa warra Habashaa waliigaltee kabajee hin beekne wajjiin hogganni ABO waligaltee iftoomina hin qabne keessa seenudhaan dagamee qabsaawota qa`qqaalii kumaatama wareegama daangaa darbeef saaxiile. Diinoti bifa haaraween bara 1991 Oromiyaa weeraran kuniis ABO fi WBO diiganii dhabamsiisuudhaan gutummaa Oromiyaa to`achuuf karoora yeroo gababaa fi dheeraa qindeeffatan. Hoggana ABO marfama walxaxe keessa naquu fi WBO gara moraa (mana hiidhaa) galchuudhaan dulli waraanaa kallattii maraan jalqabe. Waxabajjii bara 1992 ABOn dhiibamee yeroo mootummaa ceehumsaa Itoophiyaa keessaa baafame, mootummooti ABUE fi ABUT sochii waraanaa waliin qindeeffachuudhaan kallachoota QBO, WBO fi ABO, dhabamsisuuf lola jabaa golee maraan banan. Miseensoti WBO moraa (mana-hidhaa) diinaan marfame keessaa cabsanii ba`uuf dirqaman, garuu waraanni diinnaa oli`aantummaa meeshaa waraanaa fi da`oo tarsimaawe qabachudhaan haleellaa irratti baneen miidhaa guddaaf saaxilaman.

Kumaatama heddutti kan herregaman miseensoti fi qondaaltoti WBO fi ABO akkasumas ummati Oromoo kumaatamni hedduun qubsumoota (kampii) waraana mootummaa Habashaa naannoo Dhidhessaa, Huursoo, Bilaattee, Ziwaayi, fi kkf keessatti golee Oromiyaa mara irraa walitti guramuudhaan hiidhaa, reebicha, qaama-hirr’achuu, ajjechaa, fi shororkaa daangaa hin qabneef saaxilaman. Qondaaloti WBO fi dabballooti ABO ijoo turan lubbuu isaanii dhaban. Walumaagalatti QBO ukkaamsaa diinaa irraa ittisuuf, gootoliin ilmaan Oromoo, qabeenyaa kaminuu kan hin geddaramne fi jijjiirraa kaminuu kan bakka hin bune, lubbuu isaanii wareegan. Farreen nagaa fi diinoota dimookirasii kan ta`aan (murnooti Habashaa, ABUE fi ABUT) golee maraan ummata Oromoo irratti duula banan. Murnooti Habashaa yeroon isaaniif tolte kun WBO fi ABO, kallachaa fi gaachana QBO,  guutummaatti dhabamsisuudhaan qabenya Oromiyaa akka feedhanitti saamuun Abisiniyaa kaabaa (Erteriyaa fi Tigraay) duromsuun biyya warshaalee fi daldalaa taasisuuf abjootan.

Qophii gutuu fi gargaarsa alagaa kamuu osoo hin qabaatiin lola (waraana) diinni haaraan saganteesse seenuuf jaarmiyaan ABO dirqame. Weerara ball’aa ABUE fi ABUT waltumsuun bara 1992 – 1998 ABO irratti geggessaniin gaaga’amni ABO fi WBO irra qaqabe hedduu ulfataa ture. Garuu caalmaa (oli`aantummaa) meeshaa waraanaa fi baayyina loltuu qabaniin gutummaatti ABO fi WBO dhabamsisuuf hin milkoofine. Fuula durattis dinni kamuu hin milkaa’u: yeroon dheeratus haqi (mirgi) ummata Oromoo haarefamuu hoogganummaa siyaasa QBO keessaan gutummaatti ni kabajama. Gootummaan diina loluun ittuma fufee wareegama qa`qqaalii gootooliin Oromoo kuumaatamni hedduun baasaniin jaarmiyooti QBO tikfamaniru. Qabsaawooti heedduun wareegama baasaniin qabsoon bilisummaa ittuumaa finiinaa adeeme.

Bara 1991 booda sochiileen FDG qindaawaa fi guddachaa ademuu keessan lakkofsi jaarmiyota siyaasaa baayyachaa ademe. Jarmiyooti bara 1991 – 2018 hundeefaman: Addaa Tokkummaa Bilisummaa Oromoo (1992), Adda Bilisummaa Ummata Oromoo (1993), Kongresii Ummata Oromoo (1996), Gumii Bilisummaa Oromiyaa (1996), Tokkummaa Humnoota Bilisummaa Oromoo (2000), Qaama Ce`umsaa ABO (2001), Warraaqsa Federalistii fi Dimookirasii Oromoo (2004), Adda Walabummaa Oromoo (2004), Partii Bilisummaa Saba Oromiyaa (2004), Partii Bilisummaa Oromoo (2004), Kongiresii Saba Oromoo (2005), Partii Dimookraasii Ummata Oromoo Hundaa (2005), Partii Sirna Gadaa Qaroome (2005), Adda Bilisummaa fi Dimookiratummaa Oromiyaa (2005), Qaama Jijjirama ABO (2008), Adda Fincila Dimookirasii fi Bilisummaa Oromoo (2009), Kongiresa Federaalistii Oromoo (KFO2012), Koree Yeroo ABO (2012), Gurmuu Qabsaawota ABO (2012), Adda Dimokiraatawaa Oromoo (2013), Kallacha Walabummaa Oromiyaa (2015), Adda Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa (ATWO2017), fi Paartii Dimokiraasii Oromoo (2018). Jaarmiyoleen bara sochiilee FDG 3ffaa ijaaraman kun gamtaawuun warraaqsa 3ffa hogganuun galma akeekameen ga`uf hin milkoofine sababileema warraaqsa bara 1974 fi 1991 mudatan wajjin walfakkaatanin.

Sochiileen barattoota Oromoo sadarkaalee mana barnootaa fi yunversitii keessatti bara 1992 haala facawaan eegalee guddachaama adeemudhaan sochiilee FDG 3ffaa finiinse. Gara dhuma bara 1990ta irraa jalqabee sochiin FDG moraa barnoota sadarkaalee tokkoffaa fi lammaffaa hanga Yuniversitii geggefamaa ture qindawaa adeeme. Ficilli qindoomina qabu kun sadaasa bara 2005 irraa eegalee gara sochiilee dargaggoota Oromoo adunyaatti guddachudhaan teessuma mootummaa Habashaa raasuu jalqabe. Sochiilee FDG kana dhabamsisudhaan umurii sirna gabirummaa dheereffachuuf dinni haala haaraween seeroota tumatee siyaasa saamicha qabenyaa fi dhittaa mirga namomaa sagantesse. Serooti gurguddoon bara 2005 – 2008 labsaman: (1) labsa bulchiinsa fayyadama lafa badiyyaa, (2) labsa jaarmiyaa tola`oltummaa, fi (3) labsa farra golii. Mootummaan ABUT labsilee kana meesheffatee duula saamicha lafaa fi dhitta mirga namomaa haareefate.

Bara 2008 booda toftaa dhokataa mootummaan Habashaa fayyadamuu keessaa inni guddaan  tarsimawee toftaa addaan geggefamuu eegale. Fakkenyaaf sadarkaa 1ffaatti saamicha qabeenya uumamaa geggessuun ummata Oromoo baadiyaa jiraatu goolii iyyummaa, beelaa, fi waraana keessaa burqaniif saaxiluun ummata miliyona hedduu lafa jirenyaa irraa buqqisuun jalqabame. Bara 2008 – 2018 lafa qonnaan-jiraattotaa fi horsisee-bultotaa hektaara gara miliyoona 7 ol ta`u saamuun dureeyyotaaf hiramuu galmeen qorannoo saamicha lafaa ni mirkaneessa.  Akkasumas ummatoota daangaa Oromiyaa irra jiraatan hidhachiisuun ummata Oromoo irratti waraana bansisuun ummati miliyoonaa ol buqiifamee baqattummaaf saxilame. Golii kana meeshaa godhachuun adeemsa yeroo dheeraa keessa bifa biyya Oromoo roga-malee gochuun dhabamsiisuun sagantaa yeroo dheeraa dinni karoorsee dha. Haa ta`u malee, rorroo baroota dheeraaf toftaalee adda addaan mootummoti Habashaa hogganan irra aanuuf qabsoo hadhooftuu geggessun ummata Oromoo ittumafufe.

Sochiileen dargaggoota Oromoo adunyaa qindawaa adeemudhaan bara 2012 dhalachuu sochii qerroo bilisummaa Oromoo mirkanessuun moraa diinaa jeequu jalqabe. Gabiroomfataan toftaa haareffachuun bara 2008 irraa eegalee saamicha lafa baadiyyaa fi nannoo magaalaa babalifataa adeemuun fi  adeemsa kana keessatti dhiittaa mirga namomaa hamaan fufinsaan raawwatamu akka sochiin qerroo fi qarree gara ummata gutuu hirmaachisutti ce`eesifamu godhe. Ijaaramuu Gumii Abbootii Gadaa (GAG)  fi hundeeffamuu Gurmuu Qerroo fi Qarree Bilisummaa (GQQB) keessaan sochiin FDG gara sadarkaa waarraaqsa 3ffaa argamsisuutti guddate. Tokkummaan Oromoo uumamaan oromummaa irratti hundaawes gara sadarkaa amansisaatti ceesifamaa adeemudhaan deebifamee ijaaramuun mootummaa ummataa (sirna Gadaa /demokiraasii) diyaachutu abdachiise.

Bara 2016 booda sochiin FDG 3ffaa maqaa warraaqsa Oromoo yookiin warraaqsa Fincila Xummura Gabirummaa jedhamuun waamun jalqabame. Hirmannaa walittifufeen bara 2014 irraa eegaluun hogganummaa GQQBn fincilli geggefame, gutummaa biyyoolessatti bara 2016 – 2018 guuddachudhaan, mootummaa Habashaa bara 1991 – 2018 dhiiga Oromoo dhangalasaa ture Guraandhala bara 2018 diiguun aangoomina Oromummaa keessaa burqu agarsiise. Garuu haaluma warraaqsa Guraandhala bara 1974 dhoween walfakkaatuun gartuun mootummaa ABUT keessatti ofi ijaare warraaqsa 3ffaa to`achuudhaan gara fedhutti ofuu eegale. Gartuun siyaasaa Habashaa leellisu jaarmiyoota ergamtuu mootummaa ABUT turan (SDUI kan booda Sochii Dimokiraasii Ummata Amaharaa/SDUA jedhame fi DhDUO) keessatti ofi ijaaruun sochowuu egale. Murni kun maqoota Oromaraa (Caamsaa 2018), Partiilee Dimokiratummaa Amaharaa fi Oromoo/PDA fi PDO (Fulbaana 2018) fi Partii Badhaadhinaa/PB (Muddee 2019) maxxanfatuun warraaqsa buteefis maqaa Idaa`ama (Badhaadhina) jedhu moggaasee siyaasaa afaan-fajjiin ummata burjaajessuu eegale.

Murni PB kun, Habashaa afaan Oromoo dubbatan fayyadamuudhaan aangoo mootummaa Amaharaa bara 1889 – 1991 ture haaressuun deebisee ijaaruu saganteefate. Yeroo gabaabduu keessatti jijjirama mootummaa dhuunfachudhaan toftaa tarsimaaween injifannolee adeemsa QBO keessatti galmawaan haquun dhabamsisutu karoorfame. Muxannoolee shira siyaasaa Habashaa bara 1991 duraa fi booda turan walitti makuun mootummaa lam-tokkee qola bakkeen afaan Oromoo dubbatee Oromoo basaasu fi keessaan ammoo harka lafa jalaan mootummaa Habashaa oli`aantummaa Amaharaa tiksu hundeesuu irratti gartuun siyaasaa PB milkaawera. Murni kun aangoo mootummaa keessaa burqan fayyadamee fi gantoota meesheffachuun sabbonummaa Oromoo wareegama qaaliin ijaarame suuta suutaan diiguun sabbonummaa Itoophiyaa mallattoolee sabummaa (Afaan+Aadaa+Seenaa) Habashaa irratti hundaawe baballisuun tiksuu abjoote. Kanaafuu, shirri siyaasaa Habashaa keessaa maddu osoo olee hin bubbuliin ofi saaxiludhaan sochiilee FDG afuraffaaf daandii tottolchuu jalqabe.

  1. Sochiilee FDG afuraffaa onkoloolessa bara 2018 jalqabe

Sagantaa impaayera Habashaa haareessuun tiksuu fixaan baafachuuf, murni mootummaa Habashaa shafxiin gutamee, onkoloolessa bara 2018 irraa eegaluun  jaarmiyoota hundee Oromummaa taa`an kanneen akka ABO, WBO, KFO, ATWO (Paartii Biyyolessaa Oromiyaa), GAG, fi GQQB irratti kallattii fi alkallattiin duula waraanaa labse. Duula kana milkeeffachufiis amantii, gosaa, fi siyaasaa meeshaa godhachuudhan Oromoo addaan qodee tokkummaa Oromoo uumamaan oromummaa irratti hundawe diiguudhaan sabummaa Oromoo fi biyyummaa Oromiyaa dadhabsisuun dhabamsisuu saganteefate. Haaluma bara 1991 fi 1992 yeroo aangoon mootummaa Habashaa murna ABUTn gutummaatti dhunfatameen walfakkaatuu fi daran walxaxeen osoo olee hin bubbuliin sadarkkaa tokkoffatti QBO laamshessuu fi sirna gabirummaa haareffame tiksuuf karoorfate.

Ukkaamsaa diinaa irraa QBO dandamachisuuf sochii FDG 4ffaa eegaluuf ummati Oromoo dirqame. Godinaalee kibbaa fi liixa Oromiyaa keessatti QBO deggeeruuf sochiilee ummati Oromoo jalqabe dhabamsisuuf dinni yeroo kamuu caallaatti ammenyummaa isaa mirkanesse. Yakkooti dhiittaa mirga namoomaa osoo wal irraa hin citiin onkolooleessa bara 2018 hanga bitooteessa bara 2020  ummata meesha maleeyyii (civilians) irratti raawwataman akka mootummaan Habashaa, koloneel Abiyyi hogganu, fufiinsa sirna faashistummaa mootummoota darbanii ta`e mirkanasse. Gabaasi mirga namoomaa jaarmiyoota mirga namoomaaf falmaniin gurmaawe akka agarsiutti yakkooti kibbaa fi lixa Oromiyaa keessatti ummata Oromoo irratti raawwataman baayyee sukanessoo dha. Cunfaan yakkoota dhiittaa mirga namoomaa Oromiyaa keessatti raayyaa ittisa impayeera Habashaan hogganummaa kolonel Abiyyi jalatti raawwataman warri ijoon armaan gaditti tarrifamu:

  • Akka bineensaati adamsuun namoota sivilii rasaasaan ajjeesuun nageenya ummataa goluu
  • Abidda dukaasaa fayyadamuun mana, maasii, fi bosona guggubuun lubbu ilmaan namaa, omiisha qonnaa, beelada, bosona, fi bineyyii bosonaa barbadeessuun ummatatti sodaa naquu
  • Ummata Oromoo kumaatama hedduu qubsumotaa fi moraa leenjii waraanaa keessatti hiidhudhaan reebicha, qaama-hirr’achuu, ajjechaa, fi shororkaa daangaa hin qabneef saaxiluu
  • Haala safuu fi ooda sirna aadaa cabsuun shamarran fi dubartoota Oromoo gudeedudhaan hawaasa Oromoo leyyaasisuun (qaanessuun) hamilee cabsuu
  • Namoota sivilii rasaasaan tumanii ajjeesuun bosoona keessatti gatuun bineensaa nyaachisuu
  • Baadiyyaa keessatti omiisha qonnaa ibiddaan barbadeessuu fi hojiin misooma qonnaa akka hin raawwatamne huggurudhaan namoota miliyoona digdamaa ol beelaaf saaxiluu
  • Qe`ee jireenya diigudhaan ummata miliyoona heedduu buqisuun baqattummaaf saaxilu
  • Ummata magaalaa irraa daandii bishanii fi ibsaa muruun tajaajila bishanii fi fayyaa dhorkachuu
  • Summii fi dhukkuba daddarbaa meeshaa godhachudhaan yakka sanyii duguggaa sagantessuu
  • Odeefannoo yakkoota raawwatamanii adunyaa jalaa dhoksuuf bilbilaa fi internetii cufuu

Sanyii dhala-namaa gutummaatti dhabamsisuudhaan qabenyaa uumamaa dhunfachuun saamanii gurgurachuun tarsimoo sirna mootummaa gabiroomfataa ti.  Mootummaan Habashaa bara mototaa (1889 – 1974), Darguu (1974 – 1991), ABUT (1991 – 2018), fi PB (2018 – ????) martuu qabeenya uumamaa fi dinagidee Oromiyaa gutummaatti duunfachuuf toftaalee gara-garaa fayyadamuun yakkoota sanyii duguggaa ummata Oromoo irratti raawwachuu galmee seenaa keessaa dubbifama.  Murni PB, akkuma warra darbee sana, sanyii Oromoo lafa irraa haxaawuuf tarsiimoo dhokataa diriirfateera. Yakka sanyii-duguuggaa raawatuuf sagantefate kanas seera qabeessa taasifatee, seera dhoksaatti tumateen, injifannoolee adeemsa QBO waggoota 60 darban keessatti galmawaan hunda haquun dhabamsisuu karooresse. Garuu  ummati Oromoo hammeeenyaa fi yakkoota  diinaaf tole jedhee jilbeenfachuu didudhaan FDG 4ffaa hogganummaa ajaja olaanaa WBO jalatti finiinseera.

  1. Walfakkii fi hanqina warraaqsoota adeemsa QBO keessatti dhalatan

Warraaqsooti adeemsa QBO keessatti walittifufinsaan baroota sadii (1974, 1991, fi 2018) dhalatan qabxilee baayyeen waalifakkaatu, sababii sochiilee FDG walitti hidhaman keessaan dhalataniif. (1) Warraaqsi bara sadanuu oli`aantummaa aangoo waraanaa gartuun siyaasa Habashaa hidhateen butamanii gara dabarfaman. (2) Warraaqsi bara sadanuu daandii nagaa fi sirna dimokiraasii argamsisu irraa maquun mootummaa abbaa irree maddisisuu keessaan sirna mootummaa Habashaa haaromsee tikse. (3) Mootummaan Habashaa warraaqsa hatetti maqaa akka soshaalistummaa/walqixxummaa (1974 – 1991), dimookiraasii/misooma (1991 – 2018), fi idaa`ama/badhaadhina (2018 – ????) maxxanfatee siyaasa goyyomsaan qalbii ummataa hawate. (4) Murnooti warraqsa butanii gara dabarsan kun hunduu jaarmiyoota QBO fi ummata Oromoo diguun dhabamsisuu irratti xiiyyeeffatu, akka fedhanitti lafaa fi qabeenya ummata Oromoo gutummaatti dhuunfachuuf. (5) Warraaqsi hatamuun booda warraaqsa biraa dhalchuuf sochiin FDG ittumafufuu.

Sababilee hedduu irraa kan ka`een, waluumaagalatti jaarmiyoti QBO, sochiilee warraaqsa dhalchan hogganuun beekamu malee warraaqsa dhalate to`achuun galma saganteefameen ga`uuf hin milkoofine. Warraaqsoti marsaalee sadanuu dhalatan, rakkoolee keessaa fi alaan maddan yeroon furachuu hanqachuu jaarmiyotaa irraa kan ka`een, galma karoorfame ga`uu hanqachuudhaan sochiilee FDG kan walittifufinsaan warraaqsa biraa dhalchu argamsiisan. Galma hankaakuu warraaqsaaf sababii ijoon: “dhalachuu warraaqsaaf sochiilee FDG adeemsa QBO keessatti bu`ura turan siyoominan to`achuu hanqachuu jaarmiyotaa ti”. Sochiilee FDG keessatti hanqinooti argaman hangi tokko gabatee armaan gadii keessatti dimshashaan tuqamu.

# Sochiilee FDG marsaalee sadii warraaqsa argamsiisan keessatti hanqinoota mullatan warra ijoo
Sochii FDG bara 1870 – 1974 Sochii FDG bara 1974 – 1991 Sochii FDG bara 1991 – 2018
1. Duguggaa sanyii oli`aantummaa aangoo waraanaan kallattii hundaan demsifame irraa dandamachudhaan qabsoo qindeessuun bara dheeraa gaafate Qindoominan hogganamuu FDG argamsisuu keessaan waliiftumsuu dadhabuu jaarmiyota QBO Jaarmiyoti qindoominaan QBO hogganuu hanqachudhaan aangoo hin qophaawiniif irratti waldorgomuun qabenyaa facaasanii diina tumsan
2. Barnootaa fi odeeffannoo irraa uggaramudhaan dammaqiinsaa fi ijaarsa ga`aa argachuu dhabuu Tarsimoo fi ilaalcha siyaasaa iftoomina hin qabneen QBO hogganuun afaan-fajjii diina fayyaduuf daandii tolche Diina QBO sadarkalee heddutti argaman dagachuun kaayyoo walfakkaatu osoo qabanii tokkomuu hanqachuun walirratti duuluu jaarmiyotaa
3. Jaarmiyaa fi aangoo waraanaa qindawaa akka hin ijaarranneef daandiin cufaa (qoqqobbii) ta`uu Qabenyaa aangoo maddisisu fi daran QBO deggeruf olu ga`umsan argachuu dhabuu Jaarmiyaa tiikaa fi aangoo waraanaa nageenya ummataa eegu ijaaruu hanqachuu
4. Sochiileen FDG gara sadarkaa jaarmiyaatiin hogganamutti guddachuun bara dheraa gaafate Argamu fi tikfamuu nagenya  ummataaf aangoo waraanaa ijaarrachuun murtessaa akka ta`e ilaalchaa fi tarsimoo adunyaan kun hordoftu irraa hubachuu hanqachuu Jaarmiyooti dogongora darbe irraa muxannoo ga`aa argachuu dhabuun, kayyoo fi galii waloo kessaan waltumsuun hafee ummata kessatti afaan-fajjii baballisuun diina deggeruu
5 Jaarmiyooti siyaasaa sadarkaa ijaaramuu irra waan turaniif muuxannoo ittiin warraaqsa to`atan hin qaban ture Sadarkaa guddina QBO fi ummata Oromoo wajjin kan walmadaalu jaarmiyaa tiikaa argamsisuu hanqachuu Sadarkaan gumaacha deggerssa qabenyaa fi qorannoo, ulfaatina fi xaxiinsa, sadarkaa deemsa QBO wajjiin wal hin madaalle
6 Siyaasaa Habashaa haaromsuun mirgoota ummata cunqurfamoo kabachiisuun aadaa Habashaa wajjin walsimatuu diduu Lammii Oromiyaa humnoota waraana Darguu keessa turan, deebisanii ijaaruun, QBOf hiriirsuu hanqachuu Heeraa fi seera jaarmiyaa QBO kabajuu hanqachuun moraa QBO digumsaaf saaxiluu
7 Oromummaan owwaalamee waan tureef ummata Oromoo deebisuun ilaalcha oromummaa irratti ijaaruf wareegama qaalii gaafate Kaayyoon mootummaa Habashaa kamuu saamicha qabenyaa fi lafa Oromoo ta`uun hin hubatamne Moraan QBO eegumsa ga`aa dhabuun ergamoota dinaan jeeqamuun tasgabbii dhabuu

Xummura

Galmeen seenaa qabsoo bilisummaa sadarkaa adunyaatti argamu akka agarsisutti gabirummaan qabsoo dhalchee, qabsoon ammoo bilisummaa akka dhalchu mirkanessa. Kanaafuu, hanga waanjoon gabirummaa gutummaatti qolatamutti QBO hadhooftuu fininsuun waan hin hafne ta`uu FDG jarraa tokkoo fi walakkaa geggefametu mirkanessera. Guutummaa Oromiyaa keessatti ummati Oromoo haala faffacawaan sirna gabirummaa irratti fincilli geggesse guddachaa adeemuun warraaqsa gurguddoo argamsiseera. Sochiilee FDG kessaa warraaqsi marsaalee sadii baroota 1974, 1991, fi 2018 dhalatan jijjirama sirna mootummaa Habashaa suphanii tiksan argamsiisan. Garuu sirna mootummaa Habshaa hameenyaa fi shiraan gutame hundee jijjirudhaan nagaa waraawe argamsisuun mootummaa feedha ummataan ijaarame hundessuuf hin milkoofine. Adeemsa QBO keessatti gatii qaalii baasuun warraaqsi argamuun waanuma baramee dha. Warraaqsoti dhalatan martuu sirna cunqursaa moofaa diiguun sirna cunqursaa hareefame hundeessudhaan daandii warraaqsaa itti aanu saaquu jalqabu.

Sochilee FDG baroota dheeraa geggefame keessatti nageenya (jireenya, gammachuu, fi guddina)  fi mirgoota namoomaa Oromoo fi saboota cunqurfamoo Itoophiyaa kan tiksu mootummaa argamsisuun yoo hin milkaawinis adeemsa QBO keessatti injifannoleen bu`uraa galmaawaniru. Adeemsa QBO walitti fufinsaan waggoota 150 geggefame keessatti: (1) Ummati Oromoo of irratti amantii horachuun diina ofi irraa lolan malee bilisummaan akka hin argamne hubachaa adeeme, (2) Bilisummaa gonfachuun of irratti hirkachuun ta`uu beeke, (3) Adunyaa irratti sagalee bilisummaa dhagessiseen saba Oromoo fi Oromiyaa sadarkaa adunyaatti beeksise, (4) Afaan+Aadaa+Seenaa Oromoo du`aa kaasuun jiraachisuu jalqabe, (5) Sabi Oromoo gaaffilee siyaasaa deebi’ii barbaadan qabaachuu adunyaatti beeksise, (6) Qabsoo bilisummaatiin Oromummaan hundee sabummaa Oromoo ta`uun mirkanaawe, fi (7) Qindoominaan FDG irratti hirmaachuun QBO milkessuuf murteessaa ta`uu mullise.

Dinni golee maraan ummata Oromoo irratti duuluun QBO ukkaamsee dhabamsisuuf, toftaa hedduu fayyadama. Gartuun mootummaa Habashaa hunduu qaama ergamuuf Oromiyaa keessatti tolfachuu irratti waan milkaaweef bara dheeraaf ummata Oromoo gabiromfachuu dandayeera. Meeshaa jabaan roorroo sirna gabirummaa dhugomsee fi tiksee jiru Oromoo ganuudhaan galtummaan diina tajaajiluu ta`ee osoo ifaan mullatuu; rakkoo kana furuuf ilaalchi kenname xiqqoo dha.  Meeshaa tolfate kana riqicha godhachuun diinni mooraa QBO keessatti dhoksaan ofi ijaaruun afaan-fajjii fi goolii wal irraa hin citiin oomishuuf milkaweera, sababii jaarmiyoti Oromoo tika ga`aa hin qabneef. Keessumaa waggoota 20 dabiran keessa hogganummaa facawaan moraa QBO keessatti waan ballifameef dinni haala mijjataa kanatti akka fedhetti fayyadame.  Adeemsi siyaasaa burjaajjiin gutame kunis waliin-xaxaa keessaa ba`uun wareegama baayyee ulfaataa gaafatu keessa adeemsa QBO naqeera. Kanaafuu, tarsimoo qaroomee fi tooftaa foyyawe fayyadamudhaan yoo meeshaan dinni tolfate gutummaan to`atameef,  sochiilee FDG keessaa warraaqsi dhalatu kaayyolee QBO galmaan ga`uuf ni milkaawa.

Barruun kun haasaa Oromoo bara duriin xummurama. Gaaf tokko jarreen lama lafa fagoo dhaquuf galaa fudhatanii ka’an. Galaa sana murachaa otuu adeemanii inni isaan harkatti dhumuuf yommuu jedhe wal loluutti ka’an. Inni tokko “Ofii keetiif guddiftee murattee, anaaf immoo xineesitee murte” jedhee isa kaan lole. Akkasitti buddeenicha harkatti baatanii otuu adeemanii muka tokko jala yommuu ga’an qamalee tokko mukicha irratti arganii, “Yaa qamu! Mee gad bu’ii nu araarsi” jedhan. Qamu dafee mukicha irraa gad buu’ee, “Egaa mee dura buddeenicha isa irratti wal loltan kana natti kennaa isinan araarsaa” jedhe. Jarreen sun dafanii buddeena isaanii qamutti kennan. Inni garuu buddeenicha isaan harkaa fuudhee isa tokko irraa si’a tokko cuffatee “Isa kanatu caala” jedhe. Amma immoo isa kaanii irraa cuffatee “Amma immoo isa kanatu caala” jedhe. Otuma akkas jedhuu buddeenichi isa harkatti yommuu dhumuu ga’ee isa hafe afaan keessa kaawwatee muka yaabbate. Mukicha irra taa’ee jarreen sana lamaanitti kolfee, “Wanta namooti lama irraatti wal lolan nama sadaffaatu fudhata” jedhe.

Ragaalee

  1. Abdi T. 2020. There were some false starts at democracy in Ethiopia – let us make it real this time round! Accessed from website April 12, 2020 http://ayyaantuu.org/english/there-were-some-false-starts-at-democracy-in-ethiopia-let-us-make-it-real-this-time-round/
  2. Acemoglu D. and Robinson J. A. 2012. Why nations fail, the origins of power, prosperity, and poverty. Profile book LTD, 3A Exmouth House, Pine street, London
  3. Arthur G.1984. The Horn of Africa. Marine Corps Command & Staff College. Subject Area Strategic Issues
  4. Asrat G. 2007. The search for peace: the conflict between Ethiopia and Eritrea: Towards sustainable peace between Ethiopia and Eritrea (chapter 6). Proceedings of scholarly conference on the Ethiopia-Eritrea conflict held in Oslo, Norway, 6 – 7 July 2006. Fafo report 2007:14 (52 – 61)
  5. Beenyaa 2020. Rakkoo Lixaa fi Kibba Oromiyaa Bu’aa warraaqsa gufatee. Accessed from website April 12, 2020 kichuu.com/lammii-beenyaa-dhimma-rakkoo-lixa-oromiyaa-fi-kibbaa-irratti-haasawaa-sabbatatti-taasise/
  6. Berhe K. 2005. Ethiopia: democratization and unity: The role of the Tigray People`s Liberation Front. Münster: Verlagshaus Monsenstein und vannerdat OHG. P.49, 50, 52, 90, 91, and 92
  7. Beyene A. 2020. I must abandon a false hope now. Accessed from website April 12, 2020 http://ayyaantuu.org/english/i-must-abandon-a-false-hope-now/
  8. Bokkuu D.D. 2008. Ilaalcha Oromoo (Kitaaba Aadaa, Seenaa, fi Duudhaa Oromoo. Oromia Publishing LLC: Atlanta, Georgia, USA.
  9. Boruu D. 2019. Haala Yaroo Wajjin Tarkaanfachuun WBOf Injifannoo Dha! Accessed from website April 12, 2020 https://kichuu.com/haala-yaroo-wajjin-tarkaanfachuun-wbof-injifannoo-dha/
  10. Burayu 2020. Ethiopia’s PM Abiy Ahmed: Listen Carefully, Give Attention and Move Wisely (Our Struggle is Significantly Bigger than the Restoration of Internet/Phones Access). Accessed from website April 12, 2020 https://kichuu.com/ethiopias-pm-abiy-ahmed-listen-carefully-give-attention-and-move-wisely/
  11. Deressa B. K. 2020. Is Colonel Abiy Ahmed’s government an Infection or Inflammation? Accessed from website April 12, 2020  http://ayyaantuu.org/afaan-oromoo/is-colonel-abiy-ahmeds-government-an-infection-or-inflammation/
  12. Dictionary Cambridge org 2020. Revolution. Accessed from website April 12, 2020 https://dictionary.cambridge.org/dictionary/english/revolution
  13. com. 2010. Overview of Oromia. Accessed from website April 12, 2020 http://www.gadaa.com/aboutOromo
  14. org 2000-2020. Ethiopian revolution. Accessed from website April 12, 2020 www.globalsecurity.org/military/world/war/ethiopia.htm
  15. Guutama I. 2003. Prison of conscience (Upper compound Maa`ikalaawii, Ethiopian terror prison and tradition. Gubirmans Publishing. New York.
  16. Hassan M. fi Maatii D. 2008. Goota Oromiyaa. Oromia publishing LLC. Atlanata Georgia, USA.
  17. Hirpo T. 1997. Haasaa Oromoo. Hermannsburg, Germany
  18. Hundee B. 2020. From Empire Co-builder, Gobena Daachee, to Empire keeper, Abiy Ahmed. Accessed from website April 12, 2020 http://ayyaantuu.org/english/from-empire-co-builder-gobena-daachee-to-empire-resuscitator-abiy-ahmed/
  19. Jaatee M. 2014. Bu`aa-ba`ii amna qabsoo bilisummaa Oromoo kaleessaa, har’aa fi borii. Kyagab & Sons graphics, Kampala, Uganda
  20. Jaatee M. and Anywaa Survival Organization 2016. Land Grabbing and Violations of Human Rights in Ethiopia. Accessed from website April 12, 2020 http://genocidewatch.net/2016/02/01/land-grabbing-in-ethiopia/
  21. Jaatee M. 2018. Jaarmiyaan waraana bilisummaa Oromoo adeemsa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti dhalate malee diina miti. Accessed from website April 12, 2020 http://www.bilisummaa.com/jaarmiyaan-waraana-bilisummaa-oromoo-adeemsa-qabsoo-bilisummaa-oromoo-keessatti-dhalate-malee-diina-miti/
  22. Jaatee M. 2019. Historical aspects of landgrab in Ethiopia with political game linked to land tenure of successive regimes (1889 – 2018). Accessed from website April 12, 2020 https://kichuu.com/historical-aspects-of-landgrab-in-ethiopia-with-political-game-linked-to-land-tenure-of-successive-regimes-1889-2018/
  23. Lata L. 2007. The search for peace: the conflict between Ethiopia and Eritrea: The cause, mediation, and settlement of the Ethiopia-Eritrea conflicts (chapter 8). Proceedings of scholarly conference on the Ethiopia-Eritrea conflict held in Oslo, Norway, 6 – 7 July 2006. Fafo report 2007:14 (68 – 87)
  24. Markakis J. 2020. The Legacy of the Past on Ethiopia’s Modern Political Life. Accessed from website April 12, 2020 http://roape.net/2020/03/12/the-legacy-of-the-past-on-ethiopias-modern-political-life/
  25. Mecha T. K. 2018. The recumbent empire (Does it require dispersal or redressal?) Rajii Printing Press. Addis Ababa, Ethiopia
  26. Mulataa Z. 2010. Antidemocratic system of governance in Ethiopia under absolute dictatorship of TPLF regime. Accessed from website April 12, 2020 ethiomedia.com/absolute/anti_democratic_governance_in_ethiopia.pdf
  27. OMRHO Human Rights Abuses Committed by the Ethiopian Army in Different Parts of Ethiopia. Accessed from website April 12, 2020 http://ayyaantuu.org/wp-content/uploads/2020/02/FinalOMRHORReport2019.pdf
  28. Pagden 2008. World at war: the 2500 year-struggle between East & West. Oxford University press Inc., New York.
  29. Piero Scaruffi, 2009. Wars and casualties of the 20th and 21st Accessed from website April 12, 2020 http://www.scaruffi.com/politics/massacre.html
  30. Shell S. R. 2018. Children of HOPE, The Odyssey of the Oromo Slaves from Ethiopia to South Africa. Ohio University Press, Athens
  31. Teumay 2013. Raya under destruction. Accessed from website April 12, 2020 http://www.ethiomedia.com/addis/5606.html
  32. The Economist 2020. A hidden war threatens Ethiopia’s transition to democracy. Accessed from website April 12, 2020 https://kichuu.com/a-hidden-war-threatens-ethiopias-transition-to-democracy/
  33. Tsegaye T. 2011. Ras Gobena (1821-1889). Accessed from website April 12, 2020 shaka.mistral.co.uk/gobena.htm
  34. WBO 2019. LABSA WARAANA BILISUMMAA OROMOO, Ebla 1, 2019. Accessed from website April 12, 2020  https://kichuu.com/labsa-waraana-bilisummaa-oromoo/
  35. Wikipedia 2019. Union of Ethiopian Marxist–Leninist Organizations. Accessed from website April 12, 2020 https://en.wikipedia.org/wiki/Union_of_Ethiopian_Marxist%E2%80%93Leninist_Organizations

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020