Adeemsi Karaa Malee Furmaatatti Geessuu Hin Danda’u

Waliigaltee ABO, Mootummaa Itoophiyaa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduutti irra gahame hojiitti hiikuu keessatti dhimma WBO wajjin kan wal qabate irratti hojjechuuf Koreen Waloo takka ABO fi PDO irraa ijaaramtee hojii irra jiraachuun dhugaa dha. Koreen tun gama lachuu (ABO fi PDO) irraa nama 3, 3 of keessaa qabdi. HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa fi I/A Dura Taa’aa PDO fi Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dr. Lammaa Magarsaatiin utubamte. Hoogganootni kun lameen waliin tahuudhaan akka Koree ol’aanaatti hojii Koree tanaa hordofu.

Koreen tun dirqama isii oggaa raaw’attu HD-ABO Jaal Daawud Ibsaa fi I/A Dura Taa’aa PDO Dr. Lammaa Magarsaatiif gabaasaa galchiti. Hoogganootni gabaasaan dhihaatuuf kunneenis gabaasa dhihaateef irratti hundaawanii wal mariidhaan murtii malu kennu. Dhimma itti-baha hojii Koree tanaa irratti gadi bahanii Ummataaf ibsa kennuun bu’a-qabeessaa fi sirriis kan tahu tartiibni akkaataa adeemsa hojichaa kan armaan olitti ibsame kun eegamee erga hojiin kun xumuramee booda yoo tahe dha.

Hojiin kun bifa olitti ibsame kanaan tartiiba isaa eeggatee osoo xumura irra hin gahamin yaada gama tokkoo qofa irratti hundaawuudhaan gabaasaan ykn. ibsi Ummataaf dhihaatu bu’a qabeessa, guutuu fi qajeelaas hin tahu. Waan taheef, dhimma kana ilaalchisee miseensa koree waloo tanaa kan tahan Obbo Mogos Eda’ee qofa waabeffachuudhaan gabaasaan guyyaa har’aa miidiyaaleedhaan tamsa’uun fudhatama kan hin qabnee fi adeemsa karaa malee akka tahe hubachiisna.

Injifannoo Ummata Oromoof !

Adda Bilisummaa Oromoo

Mudde 25, 2018

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...