Agartuu Qeerroo (Maraatummaa siyaasaa)

Agartuu Qeerroo (Maraatummaa siyaasaa)

Qalbeessaa Dhangi’aatiin, Bitootessa 1, 2021

Seensa

1.  Gaafa safuuf maal naan jedhinnuu of keessaa ajjeesu maraatuu jedhama namni. Namni maraate safuu alanfatee nyaata. Safuu irra ejjetee, safuu tatarsaasee dhabamsiisa. Safuu erga ajjeeseen booda, miira namummaa isaa of keessaa balleessa. Aadaaf duudhaa itti guddate of keessaa balleessee waan kolfaa dalaga. Waan kolfaa isaaf sirriidha. Waan sirriin isaaf kolfa. Gaddi isaaf gammachuudha. Gammachuun ammoo isaaf gadda. Boohichi isaaf tapha. Taphi isaaf bohicha. Inni uffatu isaaf maraatu. Inni qullaa adeemu isaaf nama sirriidha. Waan lafa kanarraa waan harkaan qabee qoonqootti gadi erguu danda’u isaaf hundi soorrata. Waan ajaa’u isaaf shittoodha. Yoo barbaachise ammoo shittoon isaaf waan ajaa’u. Namni isaaf bineensa. Bineensi isaaf nama. Halkan isaaf guyyaadha. Guyyaan isaaf halkani.

Maraatuun waan hunde butee qoonqootti ergu umurii hinqabu. Waanuma hunda soorratakoon taasifadha jechuutti umurii of gabaabsa. Hundan nyaadhaatti kosiif sibiiloti garaa isaa nyaatanii booda dhibee itti ta’u. Maraatuun qullaa buusee, nama uffate adeemutti kolfa. Ofii ajaa’aa soorrataa, ajaa’aa baatee adeemaa nama qulqullina eeggatee miira namummaan jiraatutti kolfa. Isa silaa isatti kolfamu namatti kolfa. Kun qalbii dhabuudha. Maraachuudha. Maraatanii qullaa buusanii namoomaa bahuudha. Maraatuun yoo du’e isaaf boqonnaadha. Hanga du’utti garuu waan namni itti kolfu hedduu dalaga. Jamaa gad bahe ofitti qoosisa. Xinnaa guddaa ofitti qasaasisa. Kun maraatuu miira namummaa of keessatti ajjeesu irraa mul’ata. Maraatuu safuuf safeeffata alanfatee, dirree safuu balleesse keessa daaddisu irraa kan argamudha.

Dubbistoota Agartuu Qeerroo. Waggoota murtaa’eef wal irraa fagaannee wal areednee akka jirru beeka. Amma barruu kanaan yoggaan magaa isin gaafachuuf jedhu, jechuun wal gaansanii wal rimeessuu dorroba jechootaa dhalan, guusa jechaa kaakkisanii wal hanqaaqan keessatti isin bira gahuu kiyyaaf jecha nagaa isin gaafachuu dursee waanin isinii qabadhee dhufe mataa isaa isinii xuxxuquu yaale. Murni biyya jeeqaa jiru, murni PP abidda naanneessee ofitti sararuun paartilee siyaasaa Itoophiyaa bulchan keessaa jibbamuun beekamtii argate Galaana goksina jechuun torban dabarsaa jirru dhaadatan.

Yoo maraatummaan sammuu xuqeen ala kan uumaan uume, uumama waaqaa namni ofiifuu Waaqaan ykn Rabbiin uumame Galaana niin goksa jedhee hindhaadatu.

Qurxumii galaana keessaa irratti dhaadachuun salphaa ta’uu mala. Garuu Qurxummittii qabuuf akka dhaadatanitti milkaa’uunii hedduu ulfaata. San bira darbanii Qurxummitti agabsinee balleessuuf Galaana goksina sammuu jedhuun yaaduun ammoo daranuu maratummaa siyaasaa akka ta’etti hubata Agartuun Qeerroo.


Walga’ii Caffee naannoo Oromiyaatti dubbii obbo Fiqaaduu Tasammaa “Qurxummittii balleessuuf galaana goksina!” Jedhan hangam akka rakkoon xiinsammuu isaan qabee jiru nama hubachiisa. Namni xiinsammuun hubameef namni maraate waan wal gatu hinqabu. Maraatuun waan hinjirre akka jirutti ilaala. Waan raawwatamuu hindandeenye niin raawwadha jedha. Kanattidha takkaa lafa kana irratti soorrataaf oolee kan hinbeekne Sibiilli soorrata jechuudhaan Mismaaraaf sibiilota qoonqoo seenan qoonqotti ergee booda dhibee sanaan lafa kanarraa akka godaanu ta’a.

Paartileen siyaasaa gaafa maraatan waan godhan xiinxaluu dadhabu. Rakkoo xiinsammuun qabamanii, dandeettii yaaduu isaanii of duraa gadi buusu. Yaaduuf xiinxaluu dadhabuu irraa waan isaan balleessu hedduu dalaguutti fuulleffatu. Yeroof jiraatan illee badii ofii uumaniin akkuma maraatuu si sibiila liqimsu sanaa gatiin harka isaanii isaan dhabamsiisa.

Murni Itoophiyaa jeeqaa jiru paartiin PP sadarkaa maraannaa isa qullaa buusan irra gahaa jira. Waan hunda humnaan galmaan gahuu yaaluu irraa kan ka’e yakka isaan balleessu keessa of oolchu. Har’a PP’n uummata isaan jibbamuu bira darbee addunyaan jibbamaa jira. Kun ammoo aadaa hoggansaa, naamusa biyya bulchuu, safuu biyya hogganuu ajjeesuu isaaniitiin itti dhufaa jira. PP’n safuu hoggansaa guutuun guutuutti of keessaa ajjeesaniiru. Aadaa mootummaan tokko addunyaa kana irratti qabu guutummaan of keessaa haqan. Kanatu akka Agartuu Qeerroo hubatutti paartichi gara maraatummaa siyaasaatti ce’eera jechisiise.

Galaana waaqatu uume. Qurxummii faaya galaanichaa ta’anii galaana sana miidhaksan, Qurxumiilee miidhagina galaanaa kan galaanni akka Warqii qomaatti rarraafatu kan uumes waaqa. Galaanni waaqa uumeen tikfamee jiraata. Qurxumiilleen sun ammoo tika Uumaan godhuuf cinatti olmaa Galaanni sun taasisuuf, tika galaanichi taasisuufiin jiraatu. Kun hiree uumaati. Dhalli namaa akka namummaa isaatti yaaduu qaba. Malee miira namummaa keessaa bahee heera uumaa cabsee yaaduun maraatummaadha. Safuu hawaasaa keessaa bahanii, aadaaf duudhaa bartee silaa hordofuu qaban ajjeesanii jiraachuun maraatummaadha.

Duudhaaf safuun mootummaa tokko irraa eegamu uummata isaa jaallachuudha. Birmadummaa biyya isaa tiksee daangaa biyyaa kabachiisuudha. Daangaa biyyaa kabachiisuu cinatti nageenya lammiilee isaa tiksuudha. Mootummaa jedhee erga of waamee murni tokko waan mootummaa tokko irraa eegamu dalaguu qaba. Malee faallaa mootummaa dhaabachuun maraatummaa siyaasaati.

Wantoonni maraatummaa murna PP ragaa bahan kan biraan faallaa waan olitti jedhee kan dhaabbachuudha. Murni PP birmadummaa biyyaa dabarsee gurgurateera. Daangaa biyyaa tiksuu hindandeenye. Biyyooti Itoophiyaa daangessanii jiraatan, waraanan Itoophiyaa seenanii lammiilee biyyaa ajjeesuu fi saamicha gaggeessuu irratti argamu. Kanaaf ragaan waan waraanni Eertiraa biyya birmadummaa ishee gonfatte jedhamte keessatti raawwataa jirudha. Osoo dhuma Itoophiyaan Birmadummaa qabdi ta’eeyyuu haala amma ta’aa jiruun PP’n biramadummaa biyyaa waraana biyyoota ollaatti dabarsee laateera.

Gara biraan maraatummaa siyaasaa PP raagessu, silaa gahee lubbuu lammiilee tiksuuf dirqama fudhachuu male ofiifuu nama lammiilee biyyattii jumulaan daguugu ta’e. Keessa darbee galaana WBO tiksee jiru goksina jechuudhaan, daguuggaa sanyii raawwachuuf sagantaa akka qabu Caffee irratti marii taasisa.

Maalree wantoonni kun hundi maraatummaa taanani malee, mootummaan lammiilee tokkoon “ani mootummaa keeti” erga jedhee akkamitti daguugeen si dhabamsiisa jedhee dhaadata?

Yakki waraanaa Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessatti adeemaa jiru addunyaayyuu dallansiisee jira. Haa ta’u malee dhugaan jiru, yakki waraanaa naannoo Tigiraay keessatti kan raawwatamaa jirutti dachaa kan naanna’u biyya keenya Oromiyaa keessatti raawwataa jira.

Oromiyaan murna PP tiin dararaan hammeenyaa saalfachiisaan irra gahaa jira. Hammeenya PP’n saba keenya irratti waggaa 3 asitti raawwataa jiru gochaa hammeenyaa biyya Jarman kan Hitilariin raawwatamaa tureen gadi miti.

Oromiyaa keessatti qe’ee abbaa keenyaa irratti dhalanne. Biyyoo daa’imummaan daaknee feenu soorannee gudda irratti jireenya molqamne. Qe’ee keenya keessatti dhugaa utuu qabnuu yakkamaa jedhamnee adamsamnee ajjeefamna. Araddaa abbaa keenyaa irratti arfii Qawween rukutamnee dhiiga dhangalaasaa jirra. Yakki waraanaa biyya abbaa keenyaa Oromiyaa irratti raawwataa jiru kan naannoo Tigiraay oli.

Kun ammoo waraana murni PP aangoo irratti tiksuuf ijaarameen raawwatamaa jira. Ifatti bahanii har’a Oromoo isa galaana ta’ee akka Qurxummiitti WBO of keessa ruuqee jiraachisaa jiru goksina jedhanii har’a ifatti haa labsan malee, Oromoo irratti duulli daguuggaa bifa addaan qindaa’ee akkuma Abiyyi Ahemad aangoo qabateen labsamee dalagamaa jira.

Qabeenyaan uummata keenyaa mana jireenyaa isaa waliin gubata. Maanguddoon Oromoo danda’ee mana keessaa bahuu dadhabu mana waliin gubataa ture. Qabeenyaan araddaa irraa kanneen akka Jimaa (Caatii), Bunaa, Muuzii fi kaan carabamanii barbadeeffamaa turan. Uummati keenya Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessaa waraana shiftaa PP kan maqaa raayyaa ittisa biyyaa fi humna addaa jedhamuun qe’een duraa golgolaa’ee godaansaaf saaxilame. Biyya abbaa keenyaa irratti salphifamne. Salphinni biyya ofii keessatti baqattuu ta’uu caalu jiraa? Salphinni qe’ee ofii keessatti misirroowwan rasaasaan dhabuu caalu jiraa? Salphinni ulfa daa’ima dhalachuuf warraaqu waliin mana ofiitti rasaasaan dhabuu caalu jiraa?

Waraanni PP Oromoo salphise. Uummata keenya miliyoona shanitti tilmaamamu qe’ee isaa irraa godaansise. Daangaa irratti saboota biraa shiraan Oromoo irratti duulchisuun lola daangaa Oromiyaa irratti banee saba keenya godaantuu taasise. Lafa Oromoon irra qubatee jiru dhibbantaan harka 100 keessaa harka 10 saamee Oromiyaa irraa mureera. Daangaa naannoolee irraan shira xaxameen waggaa sadan kana lafti Kilomeetira hedduun Oromoon irraa buqqaa’ee sabootiin biroon dhuunfatamaniiru. Saamichi lafaa uummata Oromoo irratti babal’achuu cinatti daguuggaa sanyii nurratti raawwateen ilmaam Oromoo gara kuma kudhaniitti tilmaaman waraana murna PP tiin ajjeefamaniiru.

Waggaa sadii keessatti lammiileen 10,000 lakkaa’aman kan Ulfi hedduun keessatti argaman ajjeefamuun hangam akka daguuggaa sanyii, dhaadannoo bidhaan sana goksuuf galma gahinsa isaaf hojjetamaa jiru raagessuu isaa tilmaamuun dhiba hinse’u. Har’as Oromiyaa kutaalee garaa garaa keessatti yoo xiqqaate namni 5 guyyaatti du’ee oola. Kun miirri namummaa keessaa du’ee, duudhaaf safuun mootummaan tokko qabaachuu male ajjeefamee, nyaara haddatteen maqaa mootummaan biyya hunkuraa jiraachuu ibsa. Safuu wal’aaluun ammoo maraatummaa ta’uutti amana agartuun Qeerroo.

Oromiyaa magaalaalee garaa garaa keessatti saamichi murna PP tiin uummata irratti hojjetaa jira.

Maqaa maallaqa ibsaa kan gatii Lakkooftuu yoo xiqqaate namni dur maallaqa 100 hanga 500 kanfalaa ture, sadarkaa hinyaadaminiin gaafatamaa jira. Maqaa lakkooftuu ibsaatiin uummati magaalaalee Oromiyaa saamichi guddaan irratti adeemaa jiraachuu kulkulfatanii himatu.

Gatiin ibsaa bakka itti gatii mana jireenyaa nama sanaa ol ta’ee yeroo miliyoona 20 ol gaafatamefaa akka jiru uummati himataa jira. Kun saamicha murni PP geessisaa jiru yoo ta’u murni kun maraachuu isaa ifatti of beeksisaa jira.

2. Muka jallinaa goge keessaa, Muka eebbaa margee dagaage

Kutaa agartuu Qeerroo har’aa keessaa kun egeree Oromiyaaf Itoophiyaa kan hubachiisudha. Kutaa kana keessatti akkaataa Itoophiyaan itti nyaatamaa jirtu gabaabinaan ibsuudhaan egeree qabsoo bilisummaa Oromoo hanga fuulduratti argaa jirru kutaa ibsuu yaaludha.

Wayiita ammaa kanatti Itoophiyaa biyyi Impaayeraan ijaaramte, kan tokko leellisaa tokko quucarsaa jaarraa hedduu jiraatte dhabama irra jirti. Dhabama Impaayera badduu kanaa keessatti Oromiyaa ol kaafamuu irratti argamti. Wayiita dheebuun Oromoof dheeba bahee, beelli Oromoo beela bahu irra gahaa jirra. Egeree abdachisaa qabna. Qabsoon Oromoo dargaggoota keenyaan taasifamaa jiru sadarkaa mogolee guddaa kaayyoo qabsoo bilisummaaf ta’u irra gaheera.

Qabsoon keenya dorrobeera. Wanti dorrobe tika barbaada. Akka harki halagaa dhahee hingatachiifte eeggachuu feesisa. Kan dorrobe nii dhala. Kan dhalate nii guddata. Bilisummaan dorrobe namoota dandeettiif gahumsa itti qabaniin tikfamaa jira. Abjuun qabsaa’ota keenyaa yeroonni dhugoomuuf jedhu fagoo hinfakkaatu. Dhiyaateera. Aduun gadadoo, aduun dararaa sun lixaa jirti. Amma aduu Koosoo fokkiftuu sana bahaa jira. Aduuun Gadadoo gaafa Oromiyaa irraa dhiitu, aduun gammachuuf aduun bilisummaa bahuuf quuqaa jirti. Gama bahaan aduun bilisummaa wayiita quuqaa jirtu, gama lixaan ammoo aduun gadadoo lixuuf ifa koosoo ishee galgalaa, fokkiftuu diimtuu sana kan balaa bakka bu’u bifa diimaa sana fudhattee lixaa jirti. Oromiyaa keessatti dhihuun Aduu gadadoo fi bari’ee mul’achuun aduu bilisummaa ergaan takkaadha. Kun fagoo waan jiru hinfakkaatu

Muka jallinaa badiisaaf biqile gogaa jira. Muka jallinaa gogaa jiru kana keessaan muki eebbaa yeroof cunqurfamaa ture biqilee dagaagaa jira. Biyyi jallinaan ijaaramte Impaayerri Itoophiyaa gogdee wayiita badaa jirtutti, Oromiyaan Biqilee cunqursaa jala ture dagaaguutti jira. Wayiita biyyi impaayera Itoophiyaan jallinaan ijaaramte diigamaa jirtutti Oromiyaan biqile guddatee dagaaguutti jira. Dagaaga saffisaa kanaanis akka baay’ee ol dheeratee fagootti argamuu danda’utti, akka addunyaa irratti mul’achuu danda’utti guddina saffisaatti jira.

Rakkoon Itoophiyaan kan Abiyyi Ahemad bulchaan jira jedhu, paartiin PP harkaan ofitti fide sadarkaa dhabama isaa irra isaan gahutti ce’ee jira. Itoophiyaan keessaaf alaan abidda ishee gubee barbadeessuun gubataa jirti. Akka ammaa kanatti Itoophiyaan muka qiinqimamedha. Mukti qiinqimame goguu qofa furmaata hinqabu.

Daangaalee irraan biyyoota hedduu waliin lolatti seentee jirti. Lolli keessaa wayiita daranuu jabaatee jirutti, miira oftulummaa Maraatummaa Siyaasaan kuulameen murni PP of dhabamsiisaa jirti. Impaayerri gadadoon Itoophiyaa jedhamtu goguutti jirti. Oromiyaan lalisuu ishee addaan kuttee hinbeektu. Qottoo Oromiyaa muruuf qiinqimuuf qaramaa turan, kanneen doomsan hedduu Oromiyaan horatteetti. Kun abdii egeree biyya abbaa keenya Oromiyaati

Lolli keessoos ta’ee lolli alaan Itoophiyaatti banamee jiru guutummaan dhabamsiisuu akka danda’uu haalonni adeemaa jiran ragaa bahu. Tibba kana mootummaan Ameerikaa yakka waraanaa Aksum keessatti waraanni Eertiraa geessisuu gabaasa Amnesty Internaashinaal baase hordofuudhaan loltoonni Eertiraa naannoo Tigiraay hatattamaan akka gadhiisan gaafate.

Deebiin maraatummaa siyaasaa irraa madde ammoo gama Itoophiyaan mootummaa Ameerikaaf deebi’e. Ofuma ishee birmadummaa biyyaa dabarsitee gurgutee, murni PP akka waan Ameerikaan birmadummaa Itoophiyaa keessa seenetti dubbatti. Ofumaa olaantummaa seeraa cabsitee, maqaa olaantummaa seeraa kabachiisuu jedhuun dhaadataa ibsa Ameerikaa akka hinfudhanne ibsite. Ameerikaan gama isheen yoo loltoonni Eertiraa fi humni naannoo Amaaraa naannoo Tigiraay gadhiisuu didan tarkaanfitti kan seentu ta’ee ibsaa jirta. Kun wayiita qabsoon bilisummaa uummata Oromoo sadarkaa abdachiisaaf firii argamsiisuu jala gahetti tibbana wantoota ta’aa jiranidha.

Gama kaaniin Sudaan Xiyyaarri Itoophiyaa karaa hidha laga abbayyaa darbuu akka hinqabne akeekkachiifte. Misir akka gaazexaan biyyattii gabaasaa jirutti Sudaan dhimma hidha laga abbayyaa xumura akka itti goonuuf dirqama fudhattee jirtu daddaffiin bahachuu qabdi jechuun duubaan Sudaaniin dhiibaa jirti.

Gama kaaniin Waraanni Keeniyaa fi Itoophiyaa guyyaa har’aa lola walitti banuu isaani gabaafama. Haalonni kun akka agartuun Qeerroo argaa jirutti, abidda walakkaa dhaabattee harka facaasaa jiraachuu Itoophiyaa agarsiisa.

Agartuun Qeerroo fuula kana duratti waan lama Itoophiyaa keessatti ta’uu danda’u jedha. Wantoonni lamaan kun kan furmaata amansiisaa Oromoof fidan akka ta’e amana. Gama lamaaniinuu furmaati kan dhufu malee gufuun firmaata qabsoo bilisummaa Oromoo guutummaan sadarkaa dhabama irra gahe irra jira.

Akka biyyattii keessatti amma mul’ataa jiruun furmaata siyaasa Itoophiyaa ammaaf dirqama wantoonni lamaan gadii carraa raawwachuu olaanaa ta’e qabu. Wantoonni lamaan agartuun Qeerroo ta’uu danda’u, uumamuu malu jedhee tilmaamu;

  1. Giddu seentummaan biyyota alaa Itoophiyaa erga dhuunfatee, gaaga’ama tokkoon alatti furmaata siyaasa.
  2. Lola hamaaf rifaasisaa naannoo magaalaalee gurguddoo Itoophiyaa keessatti mul’achuu malu.

Kanneen kun lamaan keessaa tokko dirqama uumamuu malu. Isaan booda bishaan dheebotamaa ture burqaan isaa qabamee ukkaamsaa jala ture futta’ee burquun Oromoof lammiileen Oromiyaa dhuganii dheebuu bahu.

  1. Giddu seentummaan biyyota alaa Itoophiyaa erga dhuunfatee, gaaga’ama tokkoon alatti furmaata siyaasa.Qabxiin kun gaaffiin dhaabni keenya addi bilisummaa Oromoo ABO’n gaafate yoo deebii argate kan uumamudha. Kunis mootummaan Ce’umsa Biyyoolessa Oromiyaa kan ABO’n gaafate ragga’uudhaan mirkanaa’a. Gaaffiin ABO kun miidhaa fi qisaasama biyyaa hir’isuuf gahee olaanaa kan bahatudha. Gaga’amaaf ajjeechaa waraanaan dhufu qolachuuf, miidhaaf kisaaraa waraanaan dhufu qolachuuf karaa nagaa ta’e gaaga’ama tokkoon alatti furmaata biyyattii argamuu danda’u kan akeekudha.Murni PP fedhiin utuu hintaane ofuma isaafuu dirqamaan gaaffii ABO kana deebisuu danda’a. Kun yoo oftulummaaf maratummaa siyaasaa amma keessa jiran, maraatummaa balaa guddaa akka isaan biyyatti fidan isaan taasisaa jiru keessaa dammaqanii yoo miira namummaan yaadan mirkanaa’a. Murni PP didee humnumaan biyya kanan bulcha jedhee kan adeemu yoo ta’e qabxii lammaffaa itti aanu kanatu biyyattii keessatti adeema yaaddoo jedhu qaba Agartuun Qeerroo tibba kanaa.
  2. Lola hamaaf rifaasisaa naannoo magaalaalee gurguddoo Itoophiyaa keessatti mul’achuu malu.Itoophiyaan goolama hamaa keessa jirti. Kufaatii guddaaf saaxilamteetti. Lammiilee biyyattiis kisaaraa guddaaf saaxilamanii jiru. Kisaaraaf gaaga’ama amma biyya kana mudatee jiruuf yakkamaan akka badii badii isaatti seeraaf yoo dhiyaate qofa damdamachuun danda’ama. Nutis akka biyya keenya Oromiyaatti yakkamtoota murna PP yakka waraanaa lammiilee nagaa irratti adeemsisan seeraan gaafachuu qofaan nagaan biyyaaf lammiilee mirkanaa’a.Murni PP maafiyaan wal ijaaruudhaa, Qawwee hidhatee biyyattii dhuunfatee waan jiruuf, murna yakkamaan keessatti wal horee jiru waan ta’eef humna afaan Qawween barcuma aangoo tikfataa dahoo aangoo jalatti yakka waraanaa raawwataa jiru seeraaf dhiyeessuun ammoo humna feesisa. Kanaaf addunyaas paartilee siyaasaaf, dhaabbileen mirga namoomaa haa ta’u qaamni nagaa biyya kanaaf hojjetaa jiru, gara tarkaanfii humnaan qabuutti socho’uu eegala. Humnaan seeraaf aangaa’aa kana dhiyeessuun waraanni biyyattii keessatti eegalee jiru yeroo murtaa’eef muddisiisee akka itti fufu taasisa. Waraana sana keessatti hogganaa yakkamtoota PP irraa qabee kanneen yakka waraanaa har’aa raawwataa jiran gaafa seeraaf dhiyaatanii badii isaaniif gaafatama fudhatan nagaan biyya kanaa nii eegama.

Hordoftoota Agartuu Qeerroo. Barruun har’a qabadhee dhufe kan hanga ammaa dhaggeeffataa turtan kanneeni. Biyyattii keessatti jeequmsa guddaaf kan sababaa ta’e yakkamoota PP sadarkaa hoggansa garaagaraa irra jiran ta’uu akka hubattaniin fedha. Yakkamaan ija hinqabu. Yakka isaaf gaafatama akka fudhatu waan beekuuf hanga gaafa daaraa ta’uutti uummata dararuuf ajjeesuuf hidhuu itti fufuu mala. Sun garuu gaafatama jalaa kan isa baasu osoo hintaane daranuu gaafatama guddaa akka fudhatu kan taasisu akka ta’e goolaba barruu kiyya agartuu Qeerroo tibbanaa kanaan ibsuun yaala.

Barruu wal fakkaatuun hanga wal agarrutti nagaa naa ta’aa. Alaaf manni, sa’aa namni, waatiif daa’imni keessan, araddaaf qe’een keessan nagaa haa ta’un jenna.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Bitootessa 1,2021

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.