Agartuu Qeerroo: Siyaasa Itoophiyaa rakkoo gidduu galee jiru, imala isaa itti aanu

Agartuu Qeerroo (Dabaloo Shira siyaasaa): Siyaasa Itoophiyaa rakkoo gidduu galee jiru, imala isaa itti aanu!Danqaa Loltee

Qalbeessaa Dhangi’aatiin, Caamsaa 28, 2021 

Wiirtuu barruu kanaa: Siyaasa Itoophiyaa rakkoo gidduu galee jiru, imala isaa itti aanu!

1. Biyyooti idil addunyaa hedduun dhimma Itoophiyaa keessaa irratti yaada gaafa laatan waa’ee rakkoo Tigiraay qofa dubbachuu yaalu. Kun wantoota hedduu nama tilmaamsisa. 

Dhugaa dubbachuuf rakkoon sarbama mirga namoomaa naannoo Tigiraay keessatti adeemaa jiru akkaan nama dhukkubsa. Namas yaaddessa. Haa ta’u malee rakkoon naannoo Tigiraay keessaa rakkoo waggaa illee hinguunne kan sichi waggaa isaa illee lakkaa’achuuf jirudha.

Rakkoowwan wal xaxaan siyaasa Impaayera Itoophiyaa keessa jiran ijoon rakkoo sabooti Kuush akkasuma sablammiiwwan biyyattii hedduun keessa jiranidha.

Addunyaan waa’ee miskiinoota cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa keessaa addatti waa’ee hacuuccaa saba Oromoo irra hanga har’aa gahaa jiruu utuu argituu dhageessuu callisuun hedduu nama dhukkubsa. Wantoonni Addunyaan feetu nagaa osoo hintaane fedhii ishee nama guutuuf qofa akka jennus nu taasisa. Haalonni akkanaa uumamuutti akka nama tokkootti hedduun gadda.

Ilmaan Oromoo waggoota hedduuf bifa suukanneessaaf dararaa hamaan ajjeefamu. Kun hanga har’aatti waan osoo hindhaabbatin daangaa hingodhatin jirudha. Dhaabbileen mirga namoomaaf dhaabbanne jedhan yeroo hedduu rakkina Oromoo irra gahe gabaasuu lagatu. Kun tarii Oromoo ajjeesuun akka seera ta’etti galmaa’ee jiramoo jechuun nama tilmaamsisa.

Kana malees naannoo Benishaangul Gumuz keessatti rakkoo ajjeechaa Jumulaa uummata Gumuz irra gaheef gahaa jiru, rakkina Kibba biyyattii naannoo Sabaaf sablammootaa keessatti adeemaa jiru irraas dubbachuu saalfatama. Namni namummaan isaa akka kabajamu kanneen jaarmiyaan of ijaaran osoo dhugaan dhimma kabajamuu mirga namummaa irratti kan fuulleffatan ta’ee dhimmoota kana nii dagatu jedhee hinyaadu.

As gama Ameerikaatti wayiitan deebi’u, Ameerikaan uggura jabaa jedhamu Itoophiyaa irra keessee jirti. Uggurri sun meeshaa waraanaa kanaan dura deggaraa turte akka dhorkattus taasisa.

Wanti guddaan sabni keenya hubachuu qabu addunyaan hundi jechuun kan dandeenyu dantaa mataa isaaf akka fiigu beekuun barbaachisaadha. Ameerikaan akka Itiyoophiyaan Oromoo ajjeesaa jirtu osoo argituu dhageessuu, waggoota 5 as bifa addaan sabni keenya Oromoon daguugamee waraana mootummaan ajjeefamaa akka jiru osoo quba qabduu meeshaa waraanaa Itoophiyaatti hanga har’aatti gurgurataa turuu ishee hubachuu feesisa.

Har’a ammoo tattaaffii Ameerikaan waa’ee Tigiraay ilaalchisuun taasisaa jirtu kan dhimma sarbama mirga namoomaan wal qabatu irratti fuulleffannoo olaanaa qofa osoo hintaane rakkoon Itoophiyaa akka waan naannoo Tigiraay qofa keessa ta’etti ilaalamuunis hedduu nama madeessa.

Akka kanattis Ameerikaan michuu ishee Itoophiyaaf nagaa uumti jedhee hintilmaamu. Kana jechuun badii michuun ishee Itoophiyaan saboota biyyattii biroo irraan geessu osoo beektuu dhageessuu callisuun ofuma isheefuu dantaa mataa isheef akka adeemaa jirtu nama tilmaamsa. Malee dhugumatti waa’ee sarbama mirga namoomaaf adeemaa jirti jechuu hindandeenyu.

Rakkoowwan Itoophiyaa keessaa ijoon rakkoo walakkaa saba biyyattii kan ta’e rakkoo Oromoo irra gahaa jiruuf hanga ammaa furmaata maseenee jirudha.

Rakkoon kunis hiika hanga hinargannetti, keessoon Itoophiyaa naga qabeettii biyyooti michuu Impaayera Itoophiyaa hawwaan dhugoomsuu hindanda’u.

Itoophiyaan Oromoo balfaa, eenyummaa Oromoo of irraa qolataa jireenya itti fufuu hindandeessu. Dhimmi eenyummaa lammiilee, dhimmi tattaaffiin Itoophiyaan Oromoo lafa irraa daguuguuf taasisaa jirtuu hiika argatee daangaa godhachuu barbaachisa.

1.1 Siyaasaa fi rakkoo siyaasa Impaayera Itoophiyaa 

Siyaasni Impaayera Itoophiyaa saba tokko jiraachisee saba tokkoof eenyummaa saba hinfeene dhabamsiisuu irratti bu’uurame. Akkuma kanattis socho’uuf abbala. Keessumatti akeekaaf kaayyoo olaanaa taasisuudhaan sabaaf eenyummaa akkasuma Afaan Amaaraa babal’isaa eenyummaaf afaan saboota biroo ammoo awwaaluuf xiyyeeffatama.

Kana malees Federaalizimii ajjeesuun naannolee fi saboota kaan awwaaluu irratti fuulleffannoo hogganooti Itoophiyaa qaamoleen PP dalagaa jiru. Kun ammoo matuma PP’f luugama sochii isaan dhorku taasiseera.

Qaamoleen Biltsiginnaa akeeka naannolee dhabsiisuu fuulleffannoon raawwataa jiran. Kana jechuun afaan, aadaa fi eenyummaa akkasuma amantii awwaaluuf xiyyeeffatamee dalagamaa jira. Akka akeeka Muummee Ministeera Itoophiyaa Abiyyi Ahemad qabuutti, Oromoo, Sidaamaa, Somaalee, Affaar, fi…maqaaleen saboota kaanii ol ka’ee haasa’amuus ta’ee bulchiinsi naannoo haala kanaan qoqqodamee taasifamuun hinbarbaachisu.

Barbaachisummaa kan hinqabne qofa osoo hintaane rakkoo amma biyyattii mudatee jiruuf inni olaanaa Federaalizimiidha jechuun tilmaamu. Kun gowwummaa olaanaa isaaniiti. Har’a jaarraa 21 keessa dhiisii saba tokko haxaa’anii dhabamsiisuun, daguuggaa sanyii raawwatanii saba biraa eenyummaa isaa saba jaallatan keessa awwaaluun akka hindanda’amne hubachuu dadhabuu isaa agarsiisa.

Rakkoon biyyattii keessaa olaanaa hogganoota biyyattii gaggeessaa jirra jedhan mataa isaaniiti. Isaan eenyummaa saba tokkoo awwaaluu irratti bobbaa taasisan, isaan loogummaa sanyii akka biyyattii keessatti babal’atuuf tokko ofitti aansanii tokko budoomsuu yaalantu madda rakkina siyaasaa biyyattiiti.

Xaxaan siyaasa Impaayera Itoophiyaa keessaa furmaati eessaan argama kan jedhuufi karaa dalgaa bobbaa taasisee kan jiru warreen biyyattii bulchina jedhanidha. Yaada furmaataa isaan fudhatan afaan qawween rakkina furuu yaaluun isaanii rakkina siyaasaa biyyattii daranuu hammeessee akka wal xaxaa ta’u taasiseera.

Silaa furmaata haala salphaan argamuu malu, kan wal qixxummaaf kabajamuu mirga namoomaa,  akkasuma kabajamuu eenyummaa saboota biyyattii maraa akka lafa qabatu taasisuu irra afaan qawween rakkina furra jechuun saba akka hinjiraanne hawwan irratti lola labsan.

Sabni lolli jaarraa hedduuf Itoophiyaan irratti baname uummata Oromooti. Labsiin waraanaa kun jaarraa ol kan lakkoofsise hanga har’aa ajjeefamuuf hidhamuun Oromoo akkuma namummaatti akka hinilaalamne taasiseera.

Kun ammoo dargaggoota Oromoof saba keenya Oromoo dallansiisuun waan danda’uun deebii roorrisaaf akka laatu dhiibaa jira dhiibeeras. Har’a dhiibbaan kamuu Oromummaa dhabamsiisuuf eenyummaa saba keenya Oromoo barbadeessuu hindanda’u. Nagaan ta’us karaa ittiin dhufe maraan Oromoof of kabachiisuuf qophaa’aa ta’uu barbaachisa. Qophii amma itti jiru daran jabeessuun furmaata saba keenya Oromoo nii ta’a.

1.2 maaltu itti aana?

Haalli Itoophiyaa keessaa ammaa fedhaan osoo hintaane dirqamaan jijjiirama. Jijjiiramni kunis karaa lamaan dhufuu mala. Kunis gama marii siyaasaa hunda hirmaachisee fi gama waraanaan dirqama gara furmaatatti numa deema.

1.2.1. Marii siyaasaa hunda hirmaachise.

Marii siyaasaa jechuun dhaabbileen siyaasaa mormituu jaarmiyaaleen dhimma siyaasaa irratti bobbaa taasisan kan waliin mari’ataniidha. Mariin siyaasaa biyyooti addunyaa har’a gaafataa jiran hanga sadarkaa mootummaa ce’umsaatti kan deemsisudha. Kunis dhaabbileen siyaasaa qaamolee mootummaa waliin gadi ta’anii, akkasuma kanneen waraana gaggeessaa jiranis gadi ta’anii rakkoo jiru mariin akka furan kan taasifamudha.

Mariin siyaasaa jedhamu haldureewwan barbaachisoo ta’e qaba. Qaamoleen dirree irratti kallattiif al kallattiin waraana raawwataa jiran dursanii waraana dhaabuu qabu. Waraana dhaabuu isaanii kanas labsii ragaa waliin mirkanaa’een labsuu qabu. Mootummaan kanneen siyaasaaf hidhe hunda marii sana dursee mana hidhaa irraa hiikuun marii siyaasaatti seenuuf dirqama.

Mootummaan qaama Shororkeessummaan labse akkuma labsetti labsiin irraa kaasuu gaafata. Erga sana booda gara mariitti seenama. Mariin siyaasaa kunis miidhaawwan gahaniif badiiwwan raawwataman eenyuun akka raawwataman faana qaama walabaa qoratuun akka murkanaa’uuf walii galama.

Sana keessatti qaamoleen walabaa mormitoota siyaasaa irraas ta’ee mootummaa keessaa kanneen harka hinqabneen qorannoon gaggeeffama. Akkuma idil addunyaatti waraanni seera mataa isaa qaba. Qorannoo sana keessatti waraana seera waraana idil addunyaa cabse adda baafama. Hogganni waraana sanaas nii sakatta’ama. Miidhaa gaheef gaafatama akka fudhatu seera waraanaa idil addunyaa sanaa akka gaafatamu ta’a.

Beenyaan waraana keessatti qaqqabes qaamolee siyaasaan mari’atama.

Kun ammoo qabeenyaa maca’e qaamoleen wal waraanaa turan nii dhiyeeffatu. Qabeenya akka jaarmiyaa isaatti seera waraanaa cabsee duraa miidhame qaamni lamaanuu akka dhiyeeffatu taasifama. Sana keessatti kan balleesseetti badiin nii murama. Beenyaa sana akka kaffalus taasifama. Yakkamaan mana murtii addunyaatti akka dhiyaatu godhama. Biyyattiin ammoo qaama yakkamaa hintaanee akka gaggeeffamtu taasifama. Kun marii siyaasaa hunda hirmaachise keessatti taasifama.

1.2.2 Waraanaan

Biyyattiin yoo marii siyaasaaf ulaa banuu diddee itti fufte kasaaraa guddaan akka biyyaatti qaqqabu daranuu jabaatee itti fufuu mala. Kunis mootummaan yoo karaa nagaan gadi taa’ee rakkoo furuuf fedha dhabe humno isa morman waraanaan cimanii akka dura dhaabbatan dirqamu. Kana keessatti waraanni guddaan biyyattii keessatti gaggeeffamu daranuu hammaachuu mala.

Waraana kana keessatti qaamolee mootummaa dabalatee uummati nagaanis daran miidhamuuf gaaga’amuun dirqama ta’a. Waraana keessatti nagaan ykn miidhamuu dhabuun waan hinjirreef.

Ta’u illee qaamooti mootummaa daranuu salphina fokkisaa salphachuu malu. Carraa bal’aa silaa karaa mariin argamuuf kan lubbuun isaanii illee keessa bararaamuu malu didanii waraana lubbuu qondaalota isaanii maratti adeemutti seenuuf abjoochuu jechuudha. Qaamni mootummaa mormee qawwee kaase daranuu sochii waraanaa isaa irraa duubatti akka hinjenne dhiibanii akkasuma aariif xiiqii keessa saba galchanii akka of barbadeessan taasisaa jiru jechaadha.

Walii galatti dirqama furmaati siyaasaa biyyattii kana keessatti nii dhufa. Furmaati kun yoo Oromoon ammumaa qabee itti qophaa’e, hariiroo biyyoota addunyaa waliin qabu jabeeffate daran milkaa’aa ta’ee abbaa geebaa ta’uu danda’a. Kunis fedhiin saba keenyaa gara tokkotti dhufee faffacaatii kan hinqabne jaarmiyaaf dhaaba jalatti taliigamee yoo socho’e qofa. Kun yoo hintaane, Oromoon gamtaa isaa jaarmiyaa qabuuf dhaaba siyaasaa qabuun addunyaatti agarsiisuu qofa osoo hintaane humna qabu qaama isa dhabamsiisaa jirutti agarsiisuu yoo baate balaa guddaan furmaata sichi dhufu kana booda dhufu daran hammaata.

Akkuma waggaa sadan darban dura ture dirqamaan furmaati yookaan qa’aa xiqqaan numa dhufa. Furmaata sana ija gamnuma siyaasaa qabuun ilaaluu barbaachisa. Kana yoo hintaane dabaloon shiraa siyaasaa funyoon isaa daranuu hallayyaatti nu oofuuf deema. Shira sana dursanii hubachuun irra aanuun garuu gaara milkaa’inaa nu yaabbisa.

Dabaloo Shira siyaasaa kanin jedheef Impaayera Itoophiyaa keessatti EPRDF keessaafuu PP’n shira waggaa sadii as uumteen carraa bal’aa Oromoon argachuu malu gowwomsaaf shiraan dhabsiiftee aarsaa hinmalle nu kaffalchiisaa jira. Ammas PP’n shira dabalataa uumuu danda’u, kanaaf kan lammataa kun Dabaloo Siyaasaa jedhamuu danda’a jechaadha.

Furmaata kana yoo itti dammaqe Oromoon harka dhaabbilee siyaasaa yookaan jaarmiyaatti dabarsee kennuu barbaachisa. Kanaan ala nama dhaaba hinqabne, nama jaarmiyaa hinqabne kan waa’een siyaasaaf shirri siyaasa Itoophiyaa daranuu dukkanaa itti ta’etti hiixatee sabni Oromoo kan kennu yoo ta’e akkuma yeroo darbe sana ta’a. Abbaa imaanaa itti laate nama dhaaba hinqabne sanas nu sabichas akka gaaga’u hubachuu barbaachisa.

Siyaasni kamuu siyaasaan rukutama. Siyaasaan dhidhiibama. Siyaasaan siyaasaan caba. Siyaasaan okkola. Siyaasaan barbadaa’a. Siyaasaanis of haaressa.

Injifannoon Uummata Oromoof
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Caamsaa 28,2021

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.