Agartuu Qeerroo Tibbanaa (Waldarba)

Agartuu Qeerroo Tibbanaa (Waldarba)

Qalbeessaa Dhangi’aatiin, Bitootessa 7, 2021

Agartuu Qeerroo
PM Abiy is not only good at pillaging items, but also at history. Adwa??

Torban kana ayyaana Aduwaa jechuun qaamoleen PP sochiirra turan. Ayyaanni Aduwaa Oromoo nii ilaallata jechuun uummata dhimma ayyaana sanaa fudhachiisuu yaalan. Ayyaanni Aduwaa kan garboonfataa injifadhe jedhee lallabataa turee darbedha. Ayyaanichi saba keenya Oromoo kan ilaalu miti. Dhugaa kana sabni keenya akka hubatu barbaanna. Ayyaanichi garboonfattoota Oromoo ilaallata. Leellistoota Minilik ilaallata. Akkasuma ilma Oromoo irraa dhalatee ashkarii ta’ee jiraachuu jaallatuuf ayyaanichi kan isaati. Ayyaanichi kan leellistoota Itoophiyaati.

Siyaasa keessatti; sabni garbummaa jala jiru, Kabaja guyyaa injifannoo hinqabu. Sabni kan guyyaa injifannoo kabajatu erga bilisoomee, bilisummaa isaa labsatee qofa. Garbummaa jala jiraataa, rakkoo jala oolee utuu buluu sabni guyyaa injifannoon qaba jedhee dubbatu addunyaa kana irra hinjiru.

Aduwaan jalqabumaa lola sirnooti darban waraana isaanii irratti hirmaachisanii darbanidha. Sirni sun ammoo isa Oromoo daguugaa ture. Sirni Oromoo daguugaa ture guyyaa injifannoo inni kabajatu kabajuun kolfa. Qaaniidha. Yeroo guyyaa injifannoo sina garboomsaa sanaa kabajju, sirna darbe saba leellisuuf jaallachuukee ragaa of irratti baateetta. Yeroo ayyaana Aduwaa kabajuu sochoote, Minilik fi fakkaataa isaa galateeffachuuf yaadachuukee beekuu qabda. Gadda keessa kolfi gammachuu hinjiru; garbummaa keessa Injifannoon nii abdatama, malee hinkabajamu. …Sabi garbummaa jala jiru qabsaa’ota horata. Qabsaa’oti isaa of kennanii of wareeganii sabicha roorroo jalaa baasuuf aarsaa nii kaffalu. Lubbuu darbu. Lafee caccabu. Dhiiga dhangalaasu. Sabni garbummaa jala jiru guyyaa injifannoo osoo hintaane, qabsaa’ota lubbuun darbaniif kabaja yaadannoo qaba!. Kun ammoo qabsicha itichisiisuuf, itti fufsiisuuf irbuu kan lubbuun jiru haaronfatudha.

Aduwaan injifannoo Minilik. Injifannoo garboonfataati. Injifannoo Minilik akka injifannoo keetti ilaaluun qaaniidha. Kolfa. Oromoo keessaa dhalatanii kanneen lola sana irratti hirmaatan, ergamtoota Minilik malee goota Oromoof manaa bahan miti. Isaan garboota Minilik ergataa turedha. Garbichaaf kabajaan hinjiru. Garbichi goota, gooti garbicha hinta’u. Garbichi tole jedhee isa waan hunda fudhatu. Isa utuu sabni isaa hacuucamuu halagaaf dibbee reebu. Osoo maatiin isaa gadadoo keessa jiran isa halagaaf Qawwee baatutu garbicha.

Garbichaaf kabaji akkamiin malaree? Garbichi dhimma garaa isaa qofaaf dirree waraanaa deema. Bu’aa garboonfataa maqaa Miindaan kaffaluuf yaadee manaa baha. Du’uu hinfedhu. Jiraachuudha. Waan gafboonfataan kennuuf ittiin nyaatee dhugee uffatee jiraachuun fedhii isaaf hojii isaati.

Gooti ammoo bu’aa sabaa ilaalee mana baha. Sabaaf lubbuu kenna. Sabakoo naa caala. Saba kanaaf lubbuun koo xiqqoodha. Lubbuukoo wareegeen sabakoo hanbifadha. Lubbuukoo aarsaa taasiseen sabakoo baraarfadha. Sabnikoo haa jiraatu. Ani du’ee garbuummaatti daangaan haa ka’amu jedhee manaa ba’a. Goota akkatti beekna.

Malee Qawwee kan baatu hundaan goota hinjennu. Kan dhukaasee ajjeesu hindi goota miti. Gooti kan sabaati. Sabni ammoo gootaaf kabaja kenna. Gooti sabni kabaja kennuu kan Qawwee baatee darbe mara miti. Kan sabicha jiraachisuu, sabicha ijaaruu, sabicha irraa roorroo deebisuuf saganteeffatee fuulleffatee qabsoo taasisetu goota.

Kanneen mootummaa Impaayera Itoophiyaa ashkaraa har’a gahaan martuu garboota Impaayera Itoophiyaati. Malee; gootota Oromoo miti. Isaan aangoo Impaayera Itoophiyaa tiksaa turanidha. Isaan aangoo garboonfattootaa teessoo irratti tiksuuf saba keessaa bahaniif naatoof marartoo dhabanii ajjeesaa turani. Garii ibsaan torchi taasisan. Garii ajjeesanii gatanii sabuma isaanii wareebessa nyaachisan. Erga garboonfataa irraa fudhatee warra haadhoo isaaniiyyuu ajjeesuun akkamiin goota jenna?

Jeneeraalonni Minilk Oromoo irraa dhalatanis dhiisanis yakki isaan Oromoo irratti raawwatan akkuma sirna isaaniitti kan isaan yakkisiisudha. Yakkamaan fira taanaan yakki irraa qulqulla’a yaada jedhe hinqabu. Jeneraalli Minilik akkuma Minilik kan balaaleffatamanidha. Jemeraalonni PP’s akkuma PP hadheeffannee balaaleffataa jirru kan balaaleffannudha.

Jeneraal abaluu Oromoodha waan ta’eef goota hinta’u. Sirna yakkamaadhaan Jeneraalummaan laatameef taanaan innuu yakkamaadha. Akkatti haa hubatamu.

Baalchaa Saafoo fi fakkaataan isaan kanneenuma fakkeenya jemeraal Biraanuu Julaa fi Baacaa Dabalee har’aati. Warra of hintaane. Warra amala ergamuu malee, amala ergamuu jalaa hinbaaneef kabaja kennuun goota jenneen waamuun salphina.

Inni har’a Baalchaa Abbaa Nabsoo faarsu bor ammoo jeneeraal Biraanuu Juulaa faarsa. Waan Biraanuu Juulaa Oromoo taasisaa jiru har’a argaaf dhagaa’aan jira. Abbooti keenya darbanis kanneen sirna durii keessatti aangoo waraanaa qaban maal akka isaan taasisaa turan cimsanii beeku jedheen amana.

Agartuu Qeerroo waan torban kana adeemaa jiru kanaaf maqaa Waldarba jedhe kenneera. Dhugaaf sobni yeroo wal faana deemu. Kan haqa barbaadu, daandii haqaa irraa yeroo goru gara haqaatti deebisuu feesisa. Taatee torban kanaa irra dhaabbachuun Waldarbi qabxii lama gurguddoo qaba. Isaaniis Waldarba qabsoo fi waldaba siyaasaati.

1. Waldarba qabsoo

Waldarba qabsoo kanin jedhe qabxiin olitti kaase illee dabalata. Qabsoo jaallataa, garboonfataa leellisaa adeemuun waldarba waan wal hinfakkaanneedha. Qabsoo bilisummaa saba ofii leellisaa garboonfataaf guyyaa injifannoo isaa kabajuun waldarba. Hogganaa wiirtuu garboonfataa kanneen akka Minilk abaaraa, ergamtoota isaa kanneen ergamaniifii uummata ajjeesaa turan waraana isaa leellisuun waldarba. Wal hinfakkaatu. Waliin hindeemu. Qabsoo bilisummaa Oromoo, mirkaneeffachuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo leellisaa Itoophiyaa faarsuun wal darba. Qabsoon Itoophiyaa ijaaruu fi Oromiyaa ijaaruu lafaaf samuu wal irraa fagaata.

Namni Oromiyaa jaallatu Itoophiyaa leellisuun Waldarba. Lamaan kunneen waliin hindeeman. Har’a PP keessatti MM Dr. Abiyyi Ahemad abaaraa, Jeneraal Biraanuu juulaa faarsuun Waldaba qabsooti. Kun lamaan matumaa addaan bahanii hinilaalaman. Sirni garboonfataa waraana tolfata. Waan hunda waraanaan taasisa. Yakki daguuggaa sanyiis waraana isaan raawwatama. Sirna sana jibbine, balfine jechuun Waraana isaa bara san turanis jibbuu akka ta’e hubachuu feesisa.

Abbaa jibbanii ilma hinjaallatan. Minilik abbaa yoo ta’e, jeneeraalonni isaa yerosii isaaf ilma. Anbaaf ilma santu Oromoo daguugsise. “Gowwaan ilma hadheessee abbaa qarshii kadhata” akkuma jedhan, qaama tokko addaan baasanii ilaaluu yaaduun gowwummaadha.

– Waldarba siyaasaa

Jireenyi siyaasa. Olaanii buluunuu, bulanii ooluunii. Rafanii ka’uunuu, ka’anii rafuunis siyaasa barbaada. Siyaasa malee hinjiraatamu. Siyaasaan ala hinojjetamu. An siyaasa irraa bilisa jechuun soba. Namni kamuu siyaasaan kuulama. Siyaasa jireenyaa. Siyaasa gaggeessummaa. Siyaasa dinagdee. Siyaasa hoggansa maatii. Siyaasa aadaa.

Waan jaallattu jiraachisuuf siyaasa si barbaada. Aadaa uummatakee jaallatta taanaan, jiraachuu aadaa sabakeef siyaasa si barbaada. Galma gahuu qabsoo sabakee feeta taanaan sana dhugoomsuuf siyaasa si barbaada. Toofaa si gaafata.

Siyaasni qabsoo Oromiyaa keessaa waan lama jira. Lamaanuu Oromoo fayyaduuf hojjechuu himu. Isa sana kan haalaan addaan baafatee fudhatuu qabu Oromoodha. Si mataakeeti. Siyaasni qabsoo gumee lafaa qabu qaba. Gumee sana dhugoomsuuf hojjeta. Kaayyoof galma lafa kaawwate saba dhugoomsuuf carraaqa.

Oromoon siyaasa mataa isaa qaba. Biyya walabaa ijaarrachuudha. Oromiyaa jiraachufachuu. Oromoo dhaba irraa baraaruudha. Oromoon akka saba biraan hindhugamne, akka of ta’ee jiraatu taasisuudha. Oromiyaa ijaaruu, Oromummaa dagaagsuun fedhaaf hawwii Oromoo hundaati, qaama PP yookan Itoophiyaanistoota irraan alatti.

Kanaafuu siyaasa kana kan dhugoomsu dalaguu feesisa. Fedhii Oromiyaa ijaaruun Oromummaa dagaagsuu namni qabu lallaba Itoophiyaa waliin waan rakkatuuf hinqabu. Waa’ee Itoophiyaatiin gurri isaa akka duuduuf lallaba taasifamu dhaggeeffachuu hinqabu. Dhalli Oromoo waa’ee Oromoo, waa’ee Oromiyaa jaallachuuf jiraachifachuu haa dhaggeeffatu sana irrattis haa hojjetu.

Osoo Oromiyaaf Oromummaa jaallattuu hojii Impaayeta yakkamaa Itoophiyummaa jabeessu hojjechuun waldarba siyaasaati. Osoo Oromummaa jaallattuu Itoophiyummaa leellisuun waldarba siyaasaati. Osoo Oromiyaa leellistuu Itoophiyaa natu ijaare jettee waan yerookee gubu dalaguun waldarba siyaasaati. Ati Oromoo Oromummaa jaallatu taanaan waa’ee Itoophiyaa lallabuun sirraa hineegamu. Sis hinfayyadu. Waa’ee Oromiyaa lallabuu, waa’ee Oromummaa bakka deemtu maratti sabakee hubachiisuun dhugumaan Oromoo sabboonaa si jechisiisa. Kanaan ala waa’ee Oromiyaa of keessa kaawwachaa, lallaba Itoophiyaaf morma loqsitee socho’uun wal darba siyaasaati.

2. Amoolee Gannaa

Jira jetta. Akkuma gaafa an kaaheeti. Bakkuma an kaahe jira jettee eegda. Ilaaltus waan hir’ataa jiru sitti hinfakkaatu. Suuta copha. Suuta ya’a. Osoo hinargin cophee yaa’ee dhuma. Amooleen gannaa hinabdatamu. Osoo hinbeekin baqa. Erga dhumee barama.

Impaayerri Itoophiyaa har’aa keessatti PP’n Amoolee gannaa ta’aa jirti. Baqaa jiran. Akka baqanii dhumaa jiran ofuma isaaniifuu waan hubatan hinfakkaatu. Suuta ya’anii dhumaa, dhumanii badaa jiru. Kanatu Amoolee gannaa isaan taasisa. Jirra osoo jedhanii dhabamaa jiru. Dhaadannoo jiraachuu lallabaa, dhabamuun isaanii argama. Dhaadannoo morkataa isaanii guutummaan daguuganii balleessuu taasisaa, ofii daguugamanii badaa jiran. PP’n jirra jedhu, dhugaan jiru baquuf cophanii dhumuun takkaa irraa dhaabbatee hinjiru. Addatti waggaa kana keessa ammoo kan dura suuta cophaa turanuu waan haalaan daddaffiin baqaa jiran fakkaatu.

– Waa’ee Itoophiyaa torban kana maaltu ture

Torban kana Itoophiyaatti addunyaan baroodaa jirti. Biyyooti hedduun akeekkachiisa kennuufiitti jiran. Yakki waraanaa raawwatamuu isaa himaa jiran. Rakkoo Itoophiyaa jechuun waa’ee naannoo Tigiraay ijoo dubbii taasifachuun Addunyaan wacaaf iyya guddaa irra jirti. Kun kufaatii PP saffisiisuuf furmaata uummata naannoo Tigiraay’f argamsiisuu mala.

Dhugaan nuti beekuu qabnu dhimma kana keessa jira. Addunyaan yakka waraanaa jechuudhaan waa’ee naannoo Tigiraay qofa irratti maaliif fuulleffatte? Itoophiyaa naannoon rakkina qabu, naannoo Tigiraay qofaa?

Yakki waraanaa murna PP tiin naannoo Tigiraay qofa keessatti adeemaa jira? Kan naannoolee biraa maaliif callisuun filatame? Naannoo Oromiyaa waggaa 3 waraanni uummata nagaatti labsamee ajjeechaan ilmaan Oromoo kuma kudhanii olitti tilmaamamu kan PP ajjeeste maaliif addunyaa jalaa dhokate? Waa’ee Itoophiyaa keessatti Oromiyaan hinammatamuu? Eeyyee nus akka waa’ee Itoophiyaa keessatti hinammatamneef hojjetaa jirra. Nuun waa’ee Oromiyaa jedhamee akka dubbatamuu qabu feena. Ammoo yakka nurra gahaa jiruuf waa’ee Oromiyaa keessaa jedhanii maaliif dubbachuuf addunyaa afaan luugame?

Agartuu Qeerroo akka hubatutti fedhiin addunyaa kan dhuunfaa ishee malee kan uummata rakkatee miti. Addunyaa isa fiigu waliin fiigdi! Fedhii mataa isaanii kan addatti argataniif waa’ee Tigiraay qofa lallabu. Osoo dhugumaan yakka dhabamsiisuu irratti hojjechuuf ta’ee kan naannoo Oromiyaa keessaa akkasuma yakka waraanaa uummata Konsoo, Benishaangul illee akkamiin callisu?
– Fedhiin biyyoota alaa maali?
Waan adamsan qabu. Dantaa ofii tikfataa socho’u. Kanas ta’e sana sochiin addunyaan itti jirtu PP’f kasaaraadha. Diinni saba keenyaa kasaaruun bu’aa dhaba hinse’u.

3. Egeree Oromiyaa fi Ollaa ishee Itoophiyaa Agartuun Qeerroo tibbanaa maal tilmaama?

Egereen Oromiyaa ifa. Gammachuudha. Nagaaf boqonnaa abdachiisaatti adeemaa jirti.

– Oromiyaan fuulduratti akkam taati? Abdiin biyya abbaa Keenya Oromiyaa maal irra gaheera?

Abdiin Oromiyaa qabsaa’ota bilisummaati. Warreen Oromiyaa ijaaruuf of wareegaa jiran. Kanneen qabsoo isaaniin Oromoo ifatti baasaa jirantu abdii Oromooti. Biyyooti alaa (Raashiyaa, Ameerikaa, Chaayinaa, Jaaphaan…) Oromiyaa waan fayyadan humaa hinqaban. Oromiyaaf abdiin ilmaan ishee qofa.

Aggaammiin Oromiyaa miidhuuf taasifamu marti ilmaan Oromoon qolatama! Oromiyaan qolee ol qabdee barri deemtu dhiyoodh.

Maayii irratti agartuun Qeerroo uummati Oromoo qabsoo jabeessee itti haa fufu! Injifannoo bilisummaa fuulduratti aggaamee jiruuf of haa qopheessu jenna.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.