Ajjeechaa Joorj Filooyid: ‘Oromoo ta’uun jijjiirama hin qabu, poolisiif gurraachi gurraachuma’

(BBC Afaan Oromoo) — Gurraachi lammii Ameerikaa Joorj Filooyid harka poolisii adii torban darbe erga du’e booda bakkeewwan hedduu biyya Ameerikaatti mormiifi jeequmsi mudateera.
Mormiin duraa naga qabeessa ta’us boodarra bifa jijjiirratee jeequmsatti jijjiirameera.
Saamichi akkasumas qabeenyi barbadaa’eera. Pirezidantiin biyyattii Donaald Tiraamp yoo bulchinsoonni to’achuu dhaban waraana akka bobbaasan himaniiru.
Dhalattoonni Oromoo maal taajjaban?
Magaalaa dura Joorj Filooyid itti du’eefi mormiin itti ka’e Miniyaapoolis kan jiraattu Faaxumaa Badhaasoo ”yeroon kuni sodaachisaadha” jechuun ibsiti.
Wanti Joorj Filooyid qunname ishees qunnamuu akka danda’u ibsiti.
- Donaald Tiraamp mormii adeemaa jirutti loltuu akka bobbaasan dhaadatan
- Daqiiqaawwan dhumaa 30 Joorji Filooyid maal fakkaata ture?
”Akka Oromoo tokkootti poolisiin akkuma Joorj Filooyid ilaalutti na ilaala. Isaaniif gurraachi gurraachuma. Asitti sanyiin garaagartee hin fidu.”
Oromoo, Somaalii, Eertiraa osoo hin jedhin hunduu hiriira mormii keessa hirmaachuu kan himtu Faaxumaan, hammeenyi poolisii hunda keenyaaf tokkuma ”hundi keenya gurraacha waan taanef” jechuun himti.
‘Nu saamani’
Dhalattoota Oromoo Ameerikaa irraa dubbisne keessaa inni biraa Duulaa Abdiisaa saamamuu isaa hima.
”Saamicha guddaatu jira. Namoonni saamichaaf bahan jiru. Namoonni maqaa gurraachaa balleessuuf kan gadi bahan jiru.”
Humni nagaa kabachiisu lakkoofsaan dabaluu akka taajjabe kan dubbatu Duulaan, hiriyyaa isaa waliin hojii biznasii dalagu irratti miidhaan dhaqqabuu isaa hima.
”Meeshaankoo hundumtuu miidhameera. Akka kompitaraa, pirintarii, miidhameera. Kan hiriyyaakoo immoo bilbila mobaayilii gatii qaban caccabsanii jalaa fudhataniiru.
Restoraantiin magaalaa Miniyaapolis argamuufi dhalattoota Itoophiyaa ta’e tokkos gubachuun isaas gabaafameera.
Kanneen daandiitti bahan namoonni walqixa ilaalamuu qabu, namni gurraacha waan ta’ef ilaalamuu hin qabu jechuun gaafachaa jiru.
”Guyyaa kaleessaa hawaasni naannawa kana jiraatu hawaasa Oromoo dabalatee bakkeewwan qulqulleessaa oolani.
”Dhaabbatellee jechuu baatu ammaaf tasgabbaa’e jira,” kan jettu immoo Saamiyaa Usmaanidha.