Alaa Gara Keessa irra Keessa Gara Alaati – Dandaamachuu fi Madaquu

Warquu Burraayyuu (Ph.D), Caamsaa 27, 2020

Madaquu

Hubaachisaa: (1) Barreeffamni yaada mataa kiyyaa kun, nama dhunfaa irrati xiyyeeffanna hinqabu. Yeroon kana barreessuu sammuu koo keessa kan jiru WBO fi WBO qofaa dha. WBOf kan yaadu garuu anaa qofaas miti, kumaatamaa fi miliyoonan jiru. (2) Afaan Engliffaan Caamsaa 25, 2020 akkamiti WBOn gargaaramuu fi jabaachuu danda’aa (kaayyoo barreeffama sanaa) jedheen barruu tokko barreessen ture. Yaada gabbinaa nama 55rraa (20 namoota biyyaa jiranrra), qeeqa nama tokkorraa, “emilii” fi ergaa karaa keessan na ga’ee jira. Namni tokko moo maaluumaf barreesite jedhee kan naa abaruu barbaades inuma jira. Akkasumaa moo karaa WBOn itti gargaaramu namoon bayyeen keessan naa gaafatani jiru. Hunda keessan iyyuu galaatoma jedha. (3) Barreeffama kana gad jiru yeroo dubisttan, sirreeffama qubee caala qabiyyee isaa irrati xiyyeefadha. Yaada, qalbii, fi qabeenya keenyaa, kaayyoo guddicha harka qabnutti waloon haa dirmmanu.

Seensa: Bara 1991 dura, qabsoon bilisummaa Oromoo karaa siyaasaa fi waraanaa gaggeeffamu hooggana biyya keessaa waan ta’eef qajeelfama karaa alaa itti dhaqu guddaa hin turree. Gareen hooggana biyya alaa jiru hojii diplomaasii, Oromoo biyyaa alaa jiru dadaamaqsuu fi kan kana fakkaatu hojjata ture. Haala rakkissa irra kan ka’ee bara 1992 booda hoggantoonni Qabsoo Bilisummaa Oromoo gar-tokko gara biyyaa alaatti dhiibamani ba’uun ni beekama. Kana irra kan ka’ees tartiba wal-taliigu keessati yeroo dheeraf ajajini/qajeelffamni alaa gara keessatti ture. Kun miseensoota ABO birattis hojii irra olaa ture. Haa ta’uu malee, bara 2018 Fulbaana irraa jalqabee tartiibni kun ni jijjiirame. Hoggantooni gara biyyati galan. Qabsa’ota alaalaa ajaaja turan walinis qaamaan wal-hargan. Gammachunis ta’ee. Yeroo xiqqofis haara galfatan. Dhaabni Oromoo guddichi ABOn jiijirama tarsiimoos godhe. Qabsoo hidhanno fi qabosoo karaa nagaa ol-duuka ofaa tureerra, guutuma guuttummati gara qabsoo nagaati of deebise. Waraan Bilisummaa Oromoos (WBO) akka hiikatee, miseensi WBOs gara gara fedhii isaati booba’uu akka qabuu fi mootumman gargarsa akka godhuuf; yookin hidhannoo isaa walin caasa nageenya biyyaati keessati akka hammatamu fi qama qabsoo karaa nagaa ta’ee akka deemus mootummaa waliin walii galtee jalqabaa godhame. Garuu, waliigalteen jalqabaa kun ji’aa sadii irra hindabarre. Wal ganuun dhufe. Gaafi WBO karaa dhugaa fi walamaantitin fudhaachu manna, Mottumman Itiyoopiyaa waraana WBO irrati lola labsee. Karaa Nagaati kan of keenne ABOn gochaa motummaa kanatti mufaate.

ABOn Ilmoo isaa WBO Oromooti Dabarsee Kennu: Guyyaa saafaa hoogganni dhaabaa ifatti WBO abbotii gadaa fi uummata Oromooti dabarse keenne. Nagaaf jechaa ABOn wareegama kana caalaa kaffalu jira ree? Waggooti edduuf waraana guddisee, dammaqsee, gurmeessee, leenjisee, hidhaachisee bobbaase uummata isaa uummataa Oromoof keenne. Egaa ABOn abbaan WBO Oromoo keessa kan ba’e, ilmaan Oromoo qaqqallii kana ga’uumssa fi danddeeti itti dabaaleefi Oromoof deebisee. Kunis abbaa irre mottumma birrati fudhatama hinharganne. Humna qabu hundumaa, gargarsa biyyaa alaa dabalatee, Mottumman Itiiyoophiyaa WBO dhaabamsiisuuf itti duulee. Duulli kunis duula fiixa ba’uu danda’us hinturre. WBO nis duula kana of-irraa qolachuu irra darbe uummata fi qabsoo Oromoo badii irraa dhadhamachiise. Akka dhala Oromooti qaanii gudda keessas nuu baase.

WBO Waamicha Dhi’eesu: ABOn ilmoo isaa WBO yeroo uummata isaa Oromooti deebisu, WBO nis uummata maraaf waamichaa ataattama godhe. Waamicha biyya keessa godhamee kana Oromoon biyyaa keessa jiru irraa caalan dafee oowaatee, birmachuus godhe. Kan biyyaa alaa jiruu fi hangi tookko kan biyyaa keessa jiran afaan faajjii keessa galan: Gar-tokko, motummaa sanaaf yeroon haa kennamu jedhe, haangi tookko moo bilisoomnne jirra WBOn nuu hibarbaachisuu jedhan, gar-biroon dhaabni wammichaa nuuf hingonee jedhan, warri hafaan karaa duran beekkamuun malee WBO gargaaru akka hindandeenye himatan. Oromoon biyyaa alaa jiran gari-caalu afaan faajjajji kana keessa ture. Kan biyyaa alaa jirru keessaa hangi xiqqoo tokkotu waamichaa sana dhaagahee socho’ee WBO bira dhaabbate. Garee gareetin of ijaree kan socho’ee namootuma xiqqoo turan.  Dhunfaan akka beekkamtiti gargaara kan turan inuma jiru. Akka walooti beekkame kan as ba’ee garuu hinturree. Kana keessa, gareen tokko waamichaa WBO dhaaga’uu dhan Sochii Gargaarasa WBO Idla Adunyaa (Global WBO Task Force) kan WBO dhaan ajajamu biyyaa alaa kanatti namoota muraasan utubamu danda’e. Gargaarsi Idla Adunyaa kun namootan dafee hinfudhaatamne. Haa ta’uu garuu, akkumaa wal beekumssan miseensii itti dabalama, dandeeti isaa ol-guddissaa, deggersa WBO dandaamachisuu irra darbee, dhi’eesi WBOf barbaachisu ataattaman qaaqqabsisuu danda’ee. WBOn diinnarra of-ittisuu irra gara tarkaanfi laalleessa fudhachuutis ce’ee. Kun ajaajaa WBO biyyaa keessan mirkaana’ee. Ajaajni biyyaa keessa gara biyyaa alaati jechuun kana dha.

Dandaamachuu fi Madaquu: Kan dur barreerra gara haarati yeroo ceenu uumaamuma keenya irra sammun namaa dafee hinfudhaatu, irraas dandaamachuun fi waan haara dhufeeti madaquun yeroo nama gaafata. Dandaamachun, dandeetti dafaani rakkina irra of baraaru dha; madaaquun ammoo rakkinicha offiti fudhaatani qabsoo keessan godhamun gara jiijjiirama gaarii titi of ceesisu ta’aa.  Lameenu rakkinaa itti dhufeerra baqaachuu utuu hintaane, qabsoo keessaa ofiitti gaggeessuu dhan rakkinicha irra aanuti amanu. Eenyu keenya iyyuu jireenyi keenya gama gaariti akka ce’u feena. Waan yaadnee fi hawwine maarti yeroo hundumaa nuuf hinguutu. Yoo guute illee akka salphaati hinhargamu. Rakkinni walirra hin cinne nu qunnamuu mala. Yeroo keessaa jiijiramni if keessati dhufee, fiiganii jalaa ba’uu hindanda’aamu. Itti madaaquu malee kan darbe irrati rarra’aani jirachuuf fuul duraati tarkanffachuu yaalamus hinta’uu. Jijiirama of keessati dhalate yoo ofit hin simanne fuldureen keenya guddachuu hindanda’uu. Attamit aangoo fi ajaja keessa gara alaati darbu kana akka simaannu, itti madaqnnuu, kan darbee irra barannutti milka’uu guddina fuldura keenya ibsa.

Jijirama dhugaa hargamu akka salphatti fudhachuun akkam rakkissa akka ta’ee bekttoon qor-qalbii barreesanirru. Dandaammachuu (resilience) fi itti of madaquun (adaptability) yeroo barbaada, offittummarra offquschuu barbaada. Jijjirama kana fudhaachuu fi itti madaaqun yeroo gaafata. Kana gidduuttis waliti bu’uumsii fi hamiin, oloola walirrati oofuun kanuma jirudha. Harka diinaati keessa jiraa, dhaaba kana diiguf kan jedhaanis inuma jiru. Biyyaa alaa kana hoogganna WBO ta’uuf kan taataafatu jiras jedhameera. ABO fi WBO wal jala dhaabufis jedhamera. Kun wal shakki irra kan ka’e dha. Gariin muuxannoo darberra ka’ee waan kana shaakka. Namni tokko tokko garuu hojjin hojjetamu kara isaa yooo ta’ee qofa fudhaatam qaba jedhee yaada. Ofii kan hinhojjenne, waanumaa namni hojjete moo kan itti hintolles jira. Amaallii namaa akkumaa fuulaa isaa garaagara. Waan hundumaa keessaa walhubannoon barbachisaa dha. Kan madaqees kan hinmaadaqiniis WBO gargaaru inumaa barbaada. Garaagaruma isaani waamichaa WBO dhaga’ani safiisiisan deebii kennu irrati dha. Karaa itti gargaaru barbaadu fi, yaadutis gargar ta’uu maluu. Egaa kan mana tokko ijaaru citaa wal-hinsaamu jedhuu mitree?

Xumura: Ajajni dur-beeknnu alaa irra gara keessati ture. Amma keessa gara alaati dhufee. Dur Oromoon biyyaa alaa irraa qajeelffamma fi bilisummaa eega ture, amma garuu inni biyya keessaa qajeelfama biyyuuma keessaa, offuumarra eegata. Inni biyya alaas, isuma biyya kessarra ajaja eegata. Ajajini biyyaa keessa gara alaati jechuun kana dha. Kun kan WBO qofaa miti. Dhaabichis, hoggantoota isaa guutummaa guututi biyyaa keessa qaba. Dhaaba ABO gargaarun dirqama miseensa isaa qofa miti. Caasa isaa eeganii gaaffi Oromoon qabuu galma isaatiin ga’uun barbaachisaa dha. ABOn akeeka dhaabata ta’ee qaba. Akeekicha bakkaan ga’uun kan miseensa isaa qofa utuu hintanne kan uummata Oromooti. ABOn WBO ilmaa isaa ta’e, Oromooti dabarsee kenneera. Oromoon mucaa isaa kunuunffachun dirqama isaati. Yeroo dandaamatan fi madaqaan gar-tokkotti luuca’uun hinhafuu. Ammasiti, mana ofii danqaarachun barbaachisaa dha. Qaawwa diinaaf banuun hinbarbaachisu. Anaaf, akka dhunfaati, OROMOO, ABO fi WBOn, TOKKEE MAQAA SADIIT!

Horaa Bulaa!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...

I have bad news for Abiy and neo-nafxanyaas

I have bad news for Abiy and neo-nafxanyaas, YOU HAVE AWAKEN THE OROMO NATION! Moa Abagodu, PhD, July 5, 2020 The Oromo Nation do not have...

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region By Sidama Human Rights Activists, May 8, 2020 The persistent violations of human...