Amantii fi Aadaa Oromoo: “Amantii kan biyya lafaaf tolchee kenne warra Kuushi”

(BBC Afaan Oromoo) — Luba Dr Bantii Ujuluu Teessoo Lixa Oromiyaa magaalaa Dambidoollootti dhalatanii guddatan. Dambidoolloo fi Finfinneetti kan baratan namni amantaa kun Waldaa Kiristaanaa Makaana Iyyasuus keessatti lubummaa fi barsiisummaan akkasumas hojii adda addaan tajaajilaa turan.

Barnootaaf Afrikaa Kibbaa deemanii erga deebi’anii booda bara 1993 hanga 1997 pireezidantii Sinoodoosii waldaa kanaa turan.

Bara 2002 maatii isaanii waliin gara Jarman kan imalan Luba Dr Bantii Ujuluu Teessoo wayita ammaa dure mana amantaa warra wangelaa Lutaraan kan biyya Jarmaniiti.

Biyya Jarmanii keessatti luba gurraacha duree mana amantaa ta’an kan jalqabaati.

Kiristaanummaa fi amantaa Oromoo jeebanaa ‘Indigenous Oromo Religion’ irratti qorannoo digirii sadaffaa kan hojjetan Dr Bantiin, yuunivarsitii biyya Jarmanii tokko keessatti ni barsiisu.

Adoolessa bara darbe kora OSA’f wayita Finfinnee dhufanitti arginee dhimma aadaa fi amantaa irratti dubbisnee turre.

Amantaa Warra Wangeelaa fi Oromoo

Hariiroo amantaan warra wangeelaa ykn piroteestaantii fi Oromoon qabu kallattii lamaan ilaaluun ni danda’ama jedhu Dr Bantii Ujuluu.

Amantaan kun kallattii tokkoon Oromummaadhaa fi Oromoo cimseera jedhu.

“Abbaan Gammachis Afaan Oromootti wangeela hiikee, Afaan Oromoon wangeela lallabuun jalqabamuun Afaan Oromoo afaan waaqeffannaa taasise. Itti dabalees carraan barnootaa akka babal’atu taasise,” jedhu.

Yeroo duraaf bara 1904 sababa amantaa kanaan lixa Oromiyaa keessatti barnoonni ammayyaa akka eegalame dubbatu Dr Bantiin.

Namoonni Adda Bilisummaa Oromoo ijaaruu irraa hanga hogganuutti gahee olaanaa qaban hedduun warra manneen barnootaa kana keessatti baratani jedhu.

Akka fakkeenyaatti Baaroo Tumsaa, Luba Guddinaa Tumsaa, Obbo Leenco Lataa fi warren kaanis, “baratanii erga of baranii booda, eenyummaa isaanii gaafachuu, hacuuccaa Oromoorra gahaa ture qolachuuf carraaquu eegalani,” jedhu.

Gama kaaniin sababa amantaatiin manni yaalaa babal’achuus dubbatu.

Abbootiin amantii akka Luba Dafaa Jamoofaa amma danda’ametti amantaa fi Oromummaa wal bira qabanii oofuuf yaalaa turani kan jedhan Dr Bantiin, yeroo keessa misiyoonotni yoo dhufan aadaa Oromoorratti dhiibbaa godhaniiru jedhu.

Gadaa dabalatee aadaa fi duudhaan Oromoo akka laaffatu taasisaniirus jedhu.

“Gara boodanaa ammoo aadaan Oromoo isheenumti hafte akka baddu sirbi cubbuudha, irreechi cubbuudha jechuun eegalame, kana wangeelli hin jedhu,” jedhan.

Kanaaf amantaan warra wangeelaa akka itti Oromoo fayyades miidhes qaba jedhu Luba Dr Bantii Ujuluu.

Gadaa fi amantiin akkamiin araarama?

Amantaan hundi aadaa saba keessatti dhalateen wal makatee ba’e kan jedhan Dr Bantiin “amantiin kamiyyuu aadaa irraa bilisa miti, kana sabni beekuu qaba” jedhu.

Kana kan jedhan aadaan Oromoo fi amantaan Kiristaanummaa akkamitti araaramuu danda’a gaaffii jedhu wayita deebisanidha.

“Gadaan deebi’ee haa ijaaramu gaafa jennu, akkuma ganna 500 dura turetti osoo hin taane, of haaressa. Gaarummaan Gadaa duruma irraa amala of haaressuu qaba.”

Yeroo haaressu kana akka waan hedduu of keessatti hammatutti ta’uu qaba jedhu.

Gadaan dur mootummaa jiddugaleessaa hin qabu ture kan jedhan Dr Bantiin “kan jiddugaleessatti walitti qabu Abbaa Muudaa ykn Qaalluu ture” jedhu.

“Yeroos amantii Waaqeffataa duwwaatu waan tureefi akkasitti hojjeta ture, amma garuu Gadaan haara’ee amantii kaaniifis iddoo kennuu qaba,” jedhu.

Kana gochuuf garuu amantiiwwan kunneenis waanti jijjiiruu qaban jira jedhu. Fakkeenyaaf “Irreechi cubbuudha yoo kan jedhan ta’e hin ta’u,” jedhu.

“Irreechi galateeffannaadha, warri Awurooppaas ni godhu, anis luba warra Awurooppaa ta’e nan godha,” jedhan.

Amantiin Oromoo itti fufiinsa amantii warra Kushi kan jedhan lubni kun, “amantii seexanaati jechuun dhaabbachuu qaba,” jedhu.

‘Ka KaNum’ ‘Waaqa kan uumu’i

Tutankhamun fi Ka, Osiris fuulduratti suuraa agarsiisu awwaalcha Tutankhamun keessaa kan argame

Amantii uumuu kanarratti warra Kuush kan dursu hin jiru, “amantiidhumayyuu kan biyya lafaaf tolchee kenne warra Kuushi, isa kanaaf ragaa arkiyoolojiitu jira,” jedhu.

Waaqa kan jedhu matumti isaa jecha ‘Ka’ warra Kuush irraa dhufe jedhan.

Barreeffamni ‘Heerogiloofiksii’ arkiyoolojiistonni Masrii keessatti argatan ‘Ka Kanum’ jedhu, ogeeyyiin kunneen osoo Afaan Oromoo hin beekiin, ‘It is Ka who created’ jedhanii Afaan Ingiliziitti hiikani jedhu.

‘Ka Kanum’ jechuun ‘Waaqa kan uumu’ jechuudha jedhan.

Dur magaalotni yookin biyyoonni adda addatti Waaqa ofii isaanii qabu turan jedhu.

“Teebis Meemfiis kan jedhamtu Kaayiroon har’a Waaqa tokko qabdi, Daandiraan Waaqa tokko qaba, Marawween Waaqa tokko qabdi ture, maqaa Waaqa sanaatiin biyyi sun bulaa ture.”

Yeroo duraatiif lakki Waaqni tokko jedhe yaad-rimee Waaqa tokkoo ykn ‘Monotheism’ jedhamu kan uume Fara’oon Akaneetaan nama jedhamudha jedhu.

Kuni A.L.A’tti waggaa 1390 dura waan ta’e akka ta’es dubbatu.

Ilmi nama Akaneetaan jedhamu kana bakka bu’e maqaan isaa ‘Heeroogiloofiiksiin’ yoo barreeffamu ‘Tutankhamun’ jedhama jedhan.

Jecha kana arkiyoolojiistonni wayita Afaan Ingiliziitti hiikan, ‘Tutankhamun’ jechuun ‘He who believes in mass’ jechuudha jedhanii hiikani jedhu.

Kana Afaan Oromootti yoo deebiste, TuTa KaMun’ jechun ‘Tuutaan kan amanu’ jechudha kunimmoo Gadaadha jedhu.

Yaad-rimeen Waaqa tokkicha jedhu amma addunyaan fudhatte kun achirraa kan dhufedha jedhu Dr Bantiin.

Dabalataan yaad-rimeewwaan akka Waaqa, ilma-waaqaa, durbi dahuu, du’anii du’aa ka’uufi kanneen kana fakkaatan amantaa kiristaanaa keessa jiran dhugeeffannaa ykn ‘mythology’ warra Kuush keessaa fudhatamanii jedhu.

Maskii warqee Tutankhamun Godambaa Masrii keessatti

‘Waaqa miti namatu wal lole’

Addunyaarratti wal waraansaa fi lola biyyoota akkasumas gareewwan adda addaa jidduu jiruuf irra jireessa sababa kan ta’u amantiidha.

Kuni waan ta’uu hin qabnedha jedhu Dr Bantiin. “Waaqatu wal lole osoo hin ta’iin, namatu wal lola,” jedhu.

“Waaqni nama uume, namni ammoo akka itti Waaqa sana quunnamu uummate, sanatu amantii ta’e,” jedhu.

Amantiin hunduu hundeen isaa tokko, hunduu nagaa lallaba, garaagarummaa xiqqoo jirtu mariin furuun ni danda’ama waan ta’eef ka’umsa wal dhubdee ta’uu hin qabu jedhu.

Waan ani itti amanu, waan ani beekutu sirriidha jechuu hin qabnu jedhan.

Fakkeenyaaf “garaagarummaan amantii Oromoo fi Kiristaanummaa gidduu jiru waan guddaa ani qorannoo kootiin arge hin jiru,” jedhu.

“Waaqeffataan namni erga dhalate cubbuu hojjeta jedha, Kiristaanni ammoo namni cubbuu waliin dhalata jedha. Waaqeffataan du’a booda guyyaa firdiitu jira jedhee hin amanu, Kiristaanni garuu akkas jedhe amana.”

Kuni waan badaa irratti wal lolamu miti jedhan.

Addunyaan akkamiin amantiin wal danda’ee waliin jiraata dubbi jedhutti jirti, sun Awurooppaa keessatti sirriitti hojjeteera. Afrikaa keessa garuu sababa hubannaan gahaan hin jirreef milkaa’uu hin dandeenye jedhan.

Gaafa Afrikaan Kiristaanummaa fudhatu warri Awurooppaa Waaqa biraa waaqessaa turan kan jedhan Dr Bantiin, kanuma keenya fuudhani akka nuti ittiin wal lollu taasisani jedhu.

Kuushi fi Itoophiyaa

Luba Dr Bantii Ujuluu Kitaabni Qulqulluu biyya Jarmanitti wayita hiikamu jecha Itoophiyaa jedhu jecha Kush jedhuun bakka buusan jechuun komiin irratti dhiyaatee ture.

Kitaabicha kan hiike warruma Jarmaniiti malee anaa miti jedhu Dr Bantiin.

Jarri gaafa hiikkatan Itoophiyaa kan jedhu dur Kuush ture jedhanii Kuushitti deebisani jedhan.

Sana akka waan ani harka keessaa qabuutti gabaafamee balaaleffannaa fi arrabsoon hedduun narra gahee ture jedhu.

Dhugaan jiru garuu osoo warri Giriik jecha Itoophiyaa jedhu hin fayyadamiin dura Macaafa Qulqulluu keessatti Kuush jedhama ture jedhu.

Itoophiyaa jechi jedhu walumaa galatti saba gurraacha ykn kallattiin yoo hiikamu ‘uummata fuula gubataa’ jechuudha kan jedhan Dr Bantiin, Itoophiyaanis Kuushis wantuma tokko ibsu jedhu.

“Namni Itoophiyaa ofiin jedhu Kuush ofiin jechuu isaati, kan Kuush ofiin jedhus Itoophiyaa ofiin jechuu isaati garaagarummaa hin qabu,” jedhan.

Kuush Itoophiyaa qofa osoo hin taane guutummaa gurraacha Afrikaa walitti qaba jedhu.


Similar Articles

Comments

  1. Waaqa aanfatdhaa,
    Qaalluus aanfatdhaa.
    Waaqeffatnaan hangafa aanfata (amantii) hundaa ti. Handhuurri isaas Madda Walaabuu ti. Innis laga Waabee irraa Dhihatti walakkaa Arsii (Sikkoo fii Maddo keessatti argama. Maqaan moggoon isaa bakka danuu jiraatanis bu’uurri isa Baddaa Baalee ta’uun mirkana.
    Horaa,bulaa,hoffolaa.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020