AMMAS CARRAAN BIRAA AKKA NU HIN DABARRE, OFQOPHEESSUUN AMMA

AMMAS CARRAAN BIRAA AKKA NU HIN DABARRE, OFQOPHEESSUUN AMMA

Berhanu Hundee, Bitootessa 2, 2021

OFQOPHEESSUUN AMMA
Kayyoo guddaa fageenyii hin daangesine..  Milkaayaa bobbaa milkii.

Akkuma Jaal Marroon yeroo tokko jedhe, Impaayarri Itoophiyaa tun raafamtee, bututtee, burkutooftee kufuuf waan dhiyaatte fakkaata. Murni Badhaadhina ofiin jedhu fi yakkamaa Abiyoot Kaasaayeetiin hogganamu fi sirni Nafxanoota haaraa deebisee of ijaaraa jiru kunis umuriin isaa waan gabaabbate fakkaata. Uummatni Oromoo yeroo kamiiyyuu caalaa kan arrabsame, tuffatame, salphate fi badiin hanga kana hin jedhamne irra gahe murna shiftootaa mootummaa Bilxiginnaa ofiin jettu fi gorsitoota Nafxanootaa jalatti.

Erga namtich maraataan Abiyyi jedhamu kun injifannoo Qeerroo fi Qarree butee aangootti dhufee calqabee, wanti Oromoorra gahaa jiru himamee hin dhumu. Sabboontotni jumlaadhaan mana hidhaatti guuramuun; hoggantootni mana hidhaatti dararamuun, ilmaan Oromoo qaqqaalii ta’an ajjeefamuun; sabni Oromoo Habashootaan halkanii fi guyyaa arrabsamuun; maqaa WBO balleessuu jedhuun manneen qotee bultootaa gubachuun; uummatni Oromoo rakkinoota adda addaatiif saaxilamuun fi kkf hunduu sirna nama nyaataa kana jalatti.

Sirni abbaa irree kamiiyyuu kufuun waan hin hafneef, kan Abiyoot Kaasaayee fi Nafxanyoota haaraas kufuun isaa waan ooluu miti. “Yeroo bari’uuf jedhu dukkanni ni hammaata” akkuma jedhamu, dararamni uummata Oromoos kan daangaa dabre kun gaaf tokko dabruun isaa akka hin oolle shakkiin hin jiru. Haa ta’u malee, kuni dabruu akka danda’u fi sana booda uummatni keenya lammata haala akkanaatti akka hin deebine, qabsoo hadhaawaa kana daran cimsuu fi waan dhufuufis sirriitti of qopheessuu dha. Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo (QBO) keessatti wanti afaanfaajjii uumaa turan kana booda jiraachuu hin qaban.

Fakkeenyaaf,

  • Itoophiyaa diimookraatessinee, achi keessatti gaafiin Oromoo ni deebi’a wanti jedhamaa ture yeroo xumuraatiif haqamuu qaba;
  • Qabsoo hidhannoo yeroon irraa dabree jira jedhanii kanaan mormuun, hangam akka rakkootti nu geesse kan dabrerraa hubatamuu qaba;
  • Itoophiyaa Oromootu ijaaree asiin gahe; kanaafuu Oromoon ammas biyyattii tana tiksuu fii jiraachisuuf ittigaafatama qaba wanti jedhamu dogongora akka ta’e;
  • Kaayyoo fi galii qulqulluu kan waloo ta’e dhabuun hangam gantootaaf, galtootaa fi ayyaan-laallattootaaf akka balbala bane hubachuun barbaachisaa dha

Kanaafuu, tarkaanfiin ykn sadarkaan duraa, wantoota afaanfaajjii uuman kana uummata keenyaaf ifa godhuu dha. Uummata keenya, waan isaaf ta’u; waan isaaf tolu; karaan isa baasu maal ta’uu akka qabu hubachiisuu dha. Itti aansee, humna Oromoo cimsuurratti jabinaan hojjechuu dha. Humni cimuu qabu immoo humna waraanaa ti. Innis shakkii tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan uummata keenya bilisummaatti geessu fi sana boodas humna ittisaa Oromiyaa ta’uu danda’u ijaaruu dha. WBO cimsuun wabii bilisummaa fi akkasumas nagaa fi nageenya uummata Oromoo tiksuu dha. WBO jabeessuun filannoo (option) osoo hin taane dirqama Oromummaa ti jedheen amana.

Kan biraa waan dhufuuf of qopheessuu kan dandeenyu fi ammas injifannoon qabsoo Oromoo akka hin hatamne/butamne eeguu kan dandeenyu akkuma ABOdhaan labsame fi KFOdhaan mirkanaawe “Mootummaa Ce’umsaa Biyyooless Oromiyaa – MCBO) ijaaruuf qophii gahaa ta’e godhuu bira dabramee caasaan kun akka Oromiyaa keessatti diriiru kutannoo fi murannoodhaan hojjechuu dha. Asirratti wanti hubatamuu qabu, MCBO ijaaruu dura WBO cimsuun hedduu murteessaa dha. Kunis sababni isaa mootummaa ijaaramuuf deemu ykn ijaaramu kan tiksuu danda’u fi akka milkaa’u kan taasisu cimina WBO ti. Akkuma baddaatti jedhame, WBOn bilisa baasaa qofaa osoo hin taane, humna ittisaa Oromiyaa fi eegduu MCBO ti jechuu dha. Waayee MCBO yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.

Egaa, akkuma seensarratti tuqame, murni mootummaa jettee of yaamtu ykn/fi sirni Nafxanyaa Abiyootiin hogganamu kufaatiin isaa saffisaa waan jiru fakkaata. Keessaa fi alaan dhiibbaan ittibaay’achaa jira. Addunyaan yoomiyyoo caalaa xiyyeeffannaa keessa isaan galchitee jirti. Kana biratti immoo diinagdeen biyyattii baay’ee du’ee jira. Uummatni (keessumaayyuu uummatni magaalotaa) waan nyaatuu fi dhugu dhabuuf deemaa jira. Waraanni fi jeequmsi adda addaa biyyattii nagaa dhoowwee (dhorkee) jira. Murni PP hanguma kuftutti jabaa of fakkeessiti malee, keessi ishii burkutaayee jira. Wannumti isaan ittin boonanii fi abdatan waan jiru hin fakkaatu. Wacuu kaadiroota ishiirraa kan hafe, wanti jabina isaanii agarsiisu hin jiru. Nama hidhuu, dararuun, ajjeesuun, qabeenya saamuun, dubartii gudeeduun kuni hunduu mallattoo dadhabinaa ti malee jabina hin ta’u. Humni kufuuf deemu tokko waanuma qabu hunda achii fi as darbatee cimaa of fakkeessa malee lafarra hin jiru.

Kanaafuu, uummatni keenya ammas akkuma bara 2018 haasa’a mi’aawaa afanfaajjessaadhaan burjaaja’ee; injifannoo isaa dabarsee humna biraatti akka hin kennine, kan dabrerraa baratamee, ofeeggannoo cimaadhaan akkasumas murannoo fi kutannoodhaan; hunda caalaa immoo galii ifa ta’e tokkorratti waliigalamee qabsoon kun xumuramuu qaba. Galiin qabsoo kanaa immoo mamii fi shakkii tokko malee, hiree ofii ofiin mufteeffachuu fi abbaabiyummaa keenya mirkaneeffachuu dha. Hiree ofii ofiin murteffachuun har’uma calqabuu qaba. WBO haa cimsinu; MCBO haa ijaarrannu. Kanaa ala Oromoodhaaf furmaatni biraa hin jiru. Yoo jiraatellee abjuu dha malee lafarratti hin mirkanaa’u. Oromoo dammaqi!!

Hanga dhimma biraatiin walitti deebinutti nagaatti

1 Comment

  1. Ganamaan bobbaan beeynuu tanumaan nu balleeyse
    Bobbaanee heelata’n beeynuu tanumaat nu wayyeeysee
    Reefu bubuusaa saahil waa cimuu’n geenyee
    Waan gabrummaan nugootee nuti waa himuun geenyee

    Jarana akka wbotti kan jaaramuu qabu dargaggoota amma bilxiginnaa keessa seentee dha. Akka bilxiginnaan isaan gootu beektaa? Isaan shakkamoodha. shakii san ifirraa buusuuf waan hin goone hin qaban. badhaasaafi basaasaan doorsifamanii umrii guutuu dabarsu. jooleen tun amma dhaqqabamuu qabdi.

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.