Ammee: Daandiin guddicha Finfinnee gara Jibuut geessu cufame

Ammee: Daandiin guddicha Finfinnee gara Jibuut geessu cufame

Keelloo: Adooleessa 20, 2021

Djibouti Road

Odeessa arganneen daandiin guddaan Itoophiyaa fi Jubuutiin wal quunnamsiisu humna waraanaa TPLF’n cufamuun isaa himame.

Daandiin kun Affaar bakka Loogiyaa jedhamutti waraana naannoo Tigraay akka cufate himame. Jibuutiin daandii daldala Itoophiyaa isa olaanaa yoo ta’u haalli kun dinagdee Itoophiyaa kan laamshessu akka ta’e himame.

Mootummaan Itoophiyaa daandii kana bansiisuuf haleellaa Xiyyaaraa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u uummata Affaar xiyyaaraan miidhaa akka jirus eerame.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.