Awuroopaa fi Ameerikan Mootummaa Ergatan Dhabaa Jiru

Awuroopaa fi Ameerikan Mootummaa Ergatan Dhabaa Jiru

Damee Boruu: Muddee 6, 2020

Treason Mootummaa Ergatan
Bad puppets

Bara 1884 Auwroopaan Afrikaa qircachuu wal gahii magalaa Berliin itti yaroo godhan kan Afrikaa bakka bu’ee hirmaate Mootummaa Minilki qofa ture. Afrikaan maraa garbummaa Awuroopaa jalatti akka kuftu yoo tahu biyyi Minilki bulchaa jiru Abisiiniyaan immoo akka warra Awuroop biyyoota naannoo isaae jiran akka qabatu murteefame. Sababa kana irraa kan ka’e Minilki meeshaa waraanaa baraa , gorsitoota waraanaa fi siyaasaa Awuroopaa argachuuf ayyaantomeera.

Minilki meeshaa waraanaa baraa waan argateef uummatoota naannoo Abisiiniyaa jiran kan akka Oromoo, Guragee, Kanbaataa, Walaayita,Sidamaa, Afaar, Somalee fi kan hafan hundaa cabsee humnaan bituun itti hin jabaanne. Bituu caalaa amma Itaaliyaan bara 1936 biyya Impaayera Itoophiyaa weeratu Abysiiniyaan gabaa garbummaan (slave trade) beekamtu turte. Gabaa garbummaa kan balleesse Itaaliyanii yoo tahu bara dheeraa sana namni meeqa Impaayeera Itoophiyaa keessa akka gurguramee jiru tilmaamuun rakkisaa miti. Warri lola irratti dhumaatti rraa hafe gurguramuun sayiin uummata garboomee akka hubamaa ture ifaa dha.  

Waraana addunyaa lammaffaaf kan sababa tahe tokko biyyooni Awuroopaa  akka Jarmanii fi Itaaliyaan Afrikaa keessaa kan garbooftan baayyee waan qabneef humnaan gahaa isaanii fudhachuu barbaadan. Irraa guddaan Afrikaa Ingilizii fi Fransaayiin kan qircame dha. Itaaliyaan gahaa ishee argachuuf kan humna warra Awuroopaan warajoo taatee jirtu Abyisiiniyaa weerartee qabachuuf dirqamte.Yaroo sanatti Afrikaa keessa biyyoonni Awuropaa jalatti hin kufne Abysiiniyaa fi Labeeriyaa turan.  Abysiiniyaan of ishee iyyuu garbooftuu taatee akka dantaa isaanii tiksituu warra Awuroopatu ishee kadhimatee tiksaa ture. Labeeriyaa immoo Ameerikaatu guaracha Ameerikaa gara Afrikaa deebisee  akeeka qubachiisuu waan qabuu akka hin qabane taate.

Waraana Addunyaa lammaffaa keessatti biyyoonni Awuroopaa waan baayyee dadhabaniif biyya garbummaa fi tuhanaa isaanii jala turan Afrikaa fi Ashiyaa keessatti Ameerikan itti gaafataummaa fudhatee itti darbe. Fakkeenyaa Fransaayi Veetinaam keessa dhabdee yaroo baatu Ameeriikaan itti darbee waraana dhumaatii guddaa Uummata Veetinaam irratti raawwate amma bara 1975 geggeessaa ture. Akkuma kana Waraana Addunyaa Lammaffaa booda Ameeriikaan adda duraan tuhanaa Abyiisniyaatti dabartee jirti.

Maqaan Abysiiniyaa fi Itoophiyaa jedhu galmaahuu Gamtaa Biyyota Addunyaa(League of Nations) rakkoo ture. Harmeen Itoophiyaa Habashaataa waggaa kuma sadii faarfamtu kan maqaa Itoophiyaan mogaafamte Waraana Addunyaa booda Mootummaa Haayile Silaaseen akka tahe seenaa jalaa dhokkataa miti. Hundeen mootummaa Abysiinia Aksum yoo tahu gara jaaraa 13 ffaa warri Zaaguwwee hundee Mootummaa sana gara Laalibeela gadi fidan. Warri Mootummaa Zaaguwwe dhaabbaa’e warra Agawoo akka tahan himama. Nafxanyoonni seenaa hatuu malee seenaa tolchu hin beekan.

Yaadni koo seenaa Abysiinia barreessuuf miti. Waan ilmaan nafxanyaa afuufan hunddu kijiba.Itoophiyaan umurii kuma sadii qabdu hin jirtui. Jiraatees hin beektu. Itoophiyaa “ganaanaa” jedhamtu argamtes, taates hin dhaga’amne. Seenaa guddoon isheen qabdu akkuma har’a ija keenya duratti argaa jirru wal ajjeesuu, wal qaluu, wal barbadeessuu, wal balleessuu fi hiyyumaa fi gadadumaan jiraachuu dha.  Uummatni Impaayeera kana yaroo beelaa fi waraanan dhumu agarra. Sana irra darbee bara baraan baqataa dha. Maaliif yoo jenne biyya kana keessatti dhugaan jiraates, hojiin argamees waan hin beekneef.

Rakkinni keenya guddaan tokko biyyoonni Imperiyaalistoo Awuroopaa fi Ameeriika uummata Afrikaa beelaa, dhukkubaa fi waraanan dhumiif dantaa tokko akka hin qabne hubachuu dhabuu dha. Isaan uummatani Afrikaa lafa irraa duguggamee bade yoo dantaan isaanii eegameef gammachuu isaanii ti.  Karaa biraa jaala saba tokko yookaan jibbinsa saba kami iyyuu hin qaban. Isaan nama humna qabaatee uummata isaa caccabsee bituu fi isaanii bareechee ergamu qofa barbaadu. Mootummaa Impaayeera Itoophiyaaf gargaarsa laachuuf irra darbanii baajeta mootummaaf kenanii kan uummata keenya ficisiisaa jiru isaan akka tahe dagachuu hin qabnu.

Nuyi akka nu gargaaran utuu hin taane mootummaa kanaaf meeshaa waraanaa fi maalaqaa badhaasaa jiran yoo dhaaban qabsoo keenyaan hiree keenya ni murteefanna. Mootummaan Itoophiyaa ergamtuu isaan Afrikaa duwwa utuu hin Lola Kooriyaa illee ergatanii akka jiran beekamaa dha. Afrikaa keessatti immoo galgalaa fi ganama akka saree waamamee kan ergamu Mootummaa Itoophiyaa akka tahe namni hin agarree jira natti hin fakkaatu.

Kan beekamuu qabu Mootummaa Itoophiyaa irraa warra Awuroopaas tahe Ameerikaa jaalala adda tahe hin qaban. Waan dantaa isaanii eegduuf qofa leelisaa jiru.Uummata keenya irraa balaa sukkaneessaa hidhaa, ajjechaa fi saaminsa gahaa jiruufis nuuf gaddanii nu gargaaraa hin jiran. Yoo ofii keenya jabbannee hiree keenya kan murteefannu tahe akkuma warra biraa gargaaran waan nu hin gargaarreef hin jiru. Ammaan booda hundee Abysiiniya keessatti ibidi qabatee jira. Ibdi kun dhala irra dhalatti akka darbu mamuu hin qabu.

Mootummaan federaalaa seera kabachiisuuf jedhee yoo Mootummaa Naannoo Tigray irratti kan dulu tahe milishaa fi liyuu Haayiliin Amhaaraa mana maalitti? Seera isa kamiin isaan immoo Tigray weeraruu danda’u? Seenaa waraana fi muuxxannoo qabu irraa kan ka’e Uummatni Tigray waraana kana injifannoon akka irra aanu nan abda dha. Mootummaan Habashoota gaga’ama kana keessa bahee lammaffaa humna Impeeralistootaaf ergamuu waan danda’u natti fakkaatu. Isaan illee kana booda iji isaanii gama biraa waan ilaalu natti fakkaata.  Humni Habashaa walitti fayyuuf bara dheeraa fi dhaltoota baayee isaan fudhachuun ni mala. Amma sana jeequmsi har’a dhalate hin tasgabaa’u.

Uummatni Oromoo filmaata tokkicha qofa qaba. Irreen tokkoon Bahaa amma Dhihaa, Kaabaa amma kibbaa hark wal qabatee WBO fi QBO wajjin hiriiruun hiree isaa murteefachuu qaba. Utuu jeeqmsii fi badii har’a jiru caalu hin hammaatiin hatattamaan Mootummaa Cehumsaa Biyoolessa Oromiyaa dhaabbachuu qabna.

Gadaan Gadaa Xumura Garbummaa Ti!
Injifannoo Uummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.