“Biyya tuffatan Harreen keessa garmaamu”















“Biyya tuffatan Harreen keessa garmaamu” jedha Oromoon. Hanga Oromoo tuffatan qaroo isaa keessaa dhabamsiisan. Yaalin ajjeechaa hardhaa miti HaaCaaluu irratti kan eegalte. Tan hardhaa yaalii yeroo dheeraa booda mata hidha taate.

Gaafa gurraachi Afrikaa Ameerikaa beekkamtii hin qabne #Ameerikaa keessatti ajjeefamu uummanni Ameerikaa labsii koroonaa cabsee daandii irra oolee bulee sagalee gurraacha kanaaf ta’e. Addunyaan guutun baatee ajjeechaa nama kanaa balaaleffatte. Uummanni bahee hanga masaraa White housetti mormii isaa dhageessisuun sagalee taheef. Hardha Oromoon nama guddaa qaroo ija isaa tokko of biraa dhabeera.
Haacaalun kaleessa uummata Oromoo gaafa daangaa Sumaalee irraa lolli itti baname eenyuyyuu caalaa bara #Wayyaanen biyya bulchaa turtetti sagalee uummata isaa ta’ee kan gaafa sana hin ajjeefamin hardha ajjeefamuun tuffiin Oromoo irratti godhamaa jiru daangaa darbuu isaati.

Hardha Haacaalun hin duune, akkuma obboloota isaa J. Taaddasaa Birruu, Baaroo Tumsaa, Jaal Nadhii Gammada fa’atti Oromummaa isaaf jedhee dhabamsiifame. Kan jiraatti du’e Haacaaluu osoo hin taane Oromoo miliyoona 50ti. HaaCaalun gootummaan wareegame. Kan jiraatti dhaabbatee du’ee reeffa ta’e warra lubbuun jirru. Bara baraan duunee awwaalamuun aadaa nutti taatee Oromi nu tuffatte.

Ajjeechan HaaCaaluu irratti raawwatamte jibba dhuunfaa isarraa qabaniif osoo hin taane jibba Oromoo fi Oromummaa irraa qabaniifi.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region By Sidama Human Rights Activists, May 8, 2020 The persistent violations of human...

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief – July 2, 2020

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief - July 2, 2020 (HRW) -- Ethiopia cracks down following protests over popular singer’s murder; detainees at a facility...