Bofa Qofaa Miti Kan Muxxatu

Bofa Qofaa Miti Kan Muxxatu

Damee Boruu: Bitootessa 10/2021

Bofa Muxxatu
Mootummaan Habashaa bara dhufaa darbaan akka bofaa muxatee Uummata Oromoo irratti wal furuun waan haaraa miti
. Sirni Abbaa lafaa kan hundee sirna nafxanyaa tahe qabsoo uummata bal’aan bara 1975 labsi lafaan kan uummata gochuun akka barbadaa’u tahuuf yaalamee ture. Haa tahu malee kan aangoo dhunfate ilmaan nafxanyootaa waan tahaniif qabsoo uummatni bara dheeraaaf gochaa ture harkaa butanii maqaa soshaalizimiin uummata keenyaa saamaa, hidhaa fi ajjeessaa dantaa dhuunfaa isaanii gonfachaa turan.

Sirni Abbaa lafaa labsiin waan bade haa fakkaatu malee baduu irraa bifa jijjiratee akka dhufaa ture har’a ija isaa argaa jirra. Bara Dargii 1985 fi bara Haayile Selaasee 1973 qongee biyyattii keessati argame sababa godhachuudhaan Uummata Amhaaraa biyya Oromoo keessaa baayyinaan qubsiisuun tooftaa haaraa lafa qabanaa tahee jira. Uummatni Oromoo rakkataa isatti baqatee gargaaruun aadaa isaa waan taheef namoota isatti baqatan kanaaf mana ijaaree, lafaa fi sanyii keneef qubachiise. Isaanis garuu suuta suuta namoota isaanii of itti hawwachuudhaan Uummata Oromoo naannoo isaanii jiran dhiibachuu fi qee’ee isaa irraa buqqisanii lafa isaa dhuunfachuu tooftaa haaraa godhatanii amma har’aa ittiin deemaa jiru.

Warra yaroo sana naannoo Matakal, Hanger Gutiin, Dongoroo fi Waamaa Haagaloo qubatan anuu bareecheen beeka. Bifa kanaan Jimmaa, Illuu Abbaa Boraa fi biyya Oromiyaa naannoo adda addaa hedduu keessa akka qubatanii turan waan dhokkachuu danda’u miti. Akkuma Mootummaan Dargii isaan irraa Ittisa  godhee isaan eegaa ture bara EPRDF illee tajaajila guddaatu isaaniif godhamaa ture. Bara EPRDF keessa bakka bakkatti ifatti “Gaallaa Gadaayi” jedhanii ijaaramanii akka ilmaan Oromoo ajjeessaa turan ni yaadatama. Warri kun of ijaaruu fi hidhachuun aadaa keenya jechuun Uummata Oromoo naanoo isaanii jiraatu irratti yaaddoo tahaa turan. Har’a immoo haala qabatamaan yaaddoo guuddaa ifatti mul’atu tahaa jiru. Yaaddoo guddaa kan godhu immoo yaroo kana mootummaan ifatti isaan hidhachiisuu labsuu isaa ti. Yaroo isaan hidhatan Uummata Oromoo irraa immoo hidhannaa yartuu dhoksaan bitatee qabu mootummaan irraa hiikuun uummata keenya gaaga’ama guddaaf saaxilaa jira.

Mootummaan EPRDF TPLFiin hooggannamuu qabeenya Uummata Oromoo saamuu malee nageenyaa fi dantaa Uummata Oromoo tiksuuf fedhii tokko illee qabaachaa hin turre. OPDOn maqaaf ijaarsa Oromoo haa jedhamtu malee ergaa TPLF raawwatee waan irraa harca’e saamachuun hojii ishee keessa isa duraa ture. Uummatni keenya haala jiru kana hubatee kummaataman itti aarsaa baasee mootuummaa EPRDF jilbeefachiise abbaa aangoo kan turte TPLF ofii irraa buqqisuu danda’eera.

Bara darban sadan kana keessa Mootummaan Habashaa namoota Afaan Oromoo dubbatutti daatee akka bofaa muxatee akka uummata keenya gowwomsuu fi mataa irratti bahaa jiru argaa jirra. Har’a Oromiyaa bakka hundaa keesatti boombii uummatni keenya bara baraan irra deemuu yaroo owwaalanii jiran teenyee ilaalaa jirra. Bara Faannoo fi Milishaan Amhaaraa ijaaramee magaala gudditti Oromiyaa Finfinnee humnaan qabatee uummata keenya keessaa funaanee ari’uu dhaadatu irraa geenyee jirra. Namoota rakkatee biyyaa Oromoo keessa qubatee nagaan Uummata  Oromoo wajjin jiraachaa ture siyaasaa of tullummaan guutanii maqaa Faannoon hidhachiisaanii Uummata Oromoo irratti bobaasuun yakka mataa isaa danda’e. Badii inni fiduu danda’uuf kan itti gaafatamu finxaalleyyii fi of tultota Amhaaraa kana akka tahan bareechanii hubachuu qabu. Hojiin isaanii qubatoota Amhaaraa gargaaruu utuu hin taane balaaf isaan saaxiluu akka tahe hubachuu qabu. Faannoo fi Milishaan Amhaaraa sanyii Uummata Oromoo duguganii balleessuuf humnaa fi dandeetii isaa hin qaban.

Dabni Mootummaan Itoophiyaa hojjetu kun yoo yaroon siraa’uu baate Oromiyaa duwwaa utuu hin taanee naannoon gaafa Afrikaa gara jeequmsaa dhaabbachuu hin dandeenyetti deemsisuu danda’a.   Hammenyi yaroo gabaaba kana keessatti biyyaa Tigraayi itti rawwatamee uummatni addunyaa dowwataa jiru kun Oromiyaa fi Benshungul keessatti uummata biyyaa lafaa jalaa dhokatee waggaa sadiif raawwatamaa ture.

Faannoo fi Milishaan Amhaaraa adaba godhachuu qaba. Yoo haala kanaan kan itti fufan ta’e waliin jiraachuun gonkumaa hin danda’amu. Kanaafuu WBOn, Qeerroo fi Uummatni Oromoo irree tokkoon ka’ee Faannoo fi Milishaa Amhaaraa Oromiyaa keessaa akka bahan gaafachuu qofaa utuu hin taanee dhiibnee baasuu qabna. Amma isaan naannoo hundaa keessaa hin baane nagaa waaraan Gaafa Afrikaa irratti argamuu hin danda’u. Fedhii isaaniin yoo hin baanee nagaa argachuuf saba fi sab-lammiin walii galee of irraa dhiibee baasuun dirqama taha.

Faannoo fi Milishaa Amhaaraa kuun safuu fi saalifii kan hin qabne, seeraa fi heera kan hin beekne waan tahaniif walii gallee waliin jiraachuuf hin deemnu. Jeequmsa dheeresanii qabeenya barbadeessuu fi dhiiga uummataa dhangalaasaa hiyyuma, beelaa fi gadadoon akka Gaafa Afrikaa irraa qubatu gochuu irraa utuu wal hubannaan argamee akkaata itti gargar baanu irratti hojjtamee badii guddaa dhufaa jiru xiqqeessinee waan wayyu natti fakkaata. Balaan gaafa dhufu hunda keenyaaf dhufa malee filate hin dhufu.

Kanaafu warri badiin dhufaa jira jenne hubannuu fi fudhannuu akkaata itti balaa badii nutti deemaa jiru kana yoo dandeenye hanbisuu yoo dhabne xiqqeessuu irratti gahaa keenya keennuu yaaduu qabna. Har’a adda duraan kan dhumaa jiru Uummata Tigraayi, Benshaangulii fi Oromoo qofa fakkaata. Boru garuu Uummanti Afaar, Somaalee, Gabeelaa fi Uummatni Kibaa akkuma kana akka dhumuuf deemu mamuu hin qabnu.

Sabaa fi sab-lammii hunda keessaa warri mataa isaanii utuu hin taanee garaa isaaniin yaadan jiru. Warri kun amma garaan isaanii akka guuteef maalee rakkoon saba isaanii fi nageenyi biyya isaaniii biyyaa isaanii itti hin mul’atu. Mee ilaalaa. Utuu biyyi Impaayeera Itoophiyaa ija keenyaa duratti qilee seenaa jirtuu, isaan cooma kutatanii, booka unatanii sirbaa bulu. Obbo Taayyee Dandena dollarri waan dhibeef wuskii dhiisaa bookaa dhugaa jedhee kadhachaa jira. Uummatni biyyaa waan ciniinee bulu dhabee mar’immaan isaa maratee yaroo bulu isaan booka dhuguu tufatanii wuskiif gaggabu.

Ibdi biyya Impaayeera Itoophiyyaa keessatti qabachaa jiru gara dhumaatii bara baraan dhaabbachuu hin dandeenyeetti tarkaanfataa jira. Wal hubatamee fi wal galtee waliin jiraachuuf akka hin danda’amne waan argaa jirruuf utuu kana caalaa dhiiga wal hin dhangalaasii fi qabeenya biyyaa hin barbadeessin ammumaan akkaataa itti gargar bahu dandeenyu irratti fala barbaaduun qaroomina. Wal balleessanii, biyyas balleessuu irraa namani bu’aa argatu hin jiru. Akka natti fakkaatutti gaaga’ama dhuma hin qabne dhiibbatee waan dhufaa jiruuf dhumaatii fi balaa dhufaa jiru salpiisuuf yaroon gargar bahuun gaarii natti fakkaata.

 

                                      Gadaan Gadaa Xumura Garbumaa Ti!

                                      Injifannoo Uummata Oromoof!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.