Dararaa Gurra Namaatti Ulfaatu Dubbachuun Rakkisaa Dha. Dargaggoo Kaffiyaaloo Tafarraa

Jaallannee Gammadaatin, Waxabajjii 18, 2018

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

WAASHINGITAN, DIISII (VOA Afaan Oromoo) — Waxabajjii 15 bara 2018 ykn Jimaata darbe hidhamtoonni 304 mana hidhaa Qaallitti keessaa kan gadhiifaman yoo ta’u kanneen keessaa sadii lammiiwwan Keeniyaa ta’uun gabaafamee jira.

Warra gadhiifaman kana keessaa 289 himannaa shororkeessummaan himatamaanii adabi du’aa fi hidhaan umurii guutuu kan irratti murame keessatti argamu.

Kana gadhiifaman keessaa tokko kan ta’e kan miilli isaa lamaan mana hidhaa keessatti irraa kutame dargaggoo Kaffiyaaloo Tafarraa waggootii darban kudha lamaaf hidhame. Keessumaa Milli isaa Inni mirgaa fayyaa akka turee fi yeroo sadii irra deddebi’uun kutamuu ibsee jira.

Dararaa isaan ana irratti gaggeessan dubbachuun gurra nama dhaggeeffatuutti kan ulfaatu, waan namni dhaga’uu hin qabnee fi waan aadaa keenyaan alaati jedha Kafyaaloon.

Gaaf-tokko akka jijjiramni dhufu nan amana. Garuu dararaa hamaa ana irra ga’e irraa ka’uun umrii dheeradhee lubbuun jiraadhee jijjirama kana nan arga jedhee gonkumaa yaadee hin beeku jedha.

Kaffiyaaloo Tafarraa gargaaruf: gofundme tuqaa

 

 

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020