Dhaamsa Ajajaan WBO Zoonii Lixaa, Jaal Marroo Dirribaa

Dhaamsa Ajajaan WBO Zoonii Lixaa, Jaal Marroo Dirribaa

(Oromedia, 24 Waxabajjii 2020) Ajajaan WBO Zoonii Lixaa ummanni Oromoo lolee mirga isaa akka kabachiifatu dhaamsa dabarse.

Ajajaan WBO Zoonii Lixaa, Jaal Marroo Dirribaa dhaamsa Waxabajjii 24 bara 2020 dabarseen “kabajaan afaan qawwee jira” jedheera.

“Sabni xiqqoon, hanga funyaaniitti hidhate yeroo of kafalchiisu; sabni guddaan, garuu hidhannoo wal hiikkachiise yeroo akka malee tuffatamu agarre,” kan jedhe Jaal Marroon, adeemsi kunis Oromoo tuffachiisuu bira darbee akka ajjeechisaa jiru hubachiiseera.

“Tuffiirra darbees akka maleetti ajjeefame,” jedhe Jaal marroon.

Oromoon baruma baraan yeroo taa’ee dhaanamu argaa guddachuu kan ibse Jaal Marroon, “Oromoo dhaanee nama boossisu an takkaa hin agarre. Amaara, Sumaalee, Tigree, Afaar, Beenshaangul… warri kun yeroo Oromoo qehee isaarratti gurra qimmiidanii boossisan arguun garuu salpha,” jedheera.

Dhuma irrattis Oromoo douu dhiisee hojiitti akka jabaatu dhaamsa jabaa dabarseera.

“Oromoo oduu dhiisii, hidhuu walhidhachiisi! Addunyaan tola hin beektu, of hin gowwomsiin!”

Jaal Marroon kabajaan qawwee keessa akka jirus dhaamasa kana keessatti dabarseera.

“Kabajaan Afaan Qawwee Jira!!”

Jaal Marroo Dirribaa ajajaa WBO Zoonii lixaa kan dhaloota Qubee keessaa bahee mirga ummata Oromoo kabachiisuuf of kennee qabsoo hidhannootti jiruu dha.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.