Dhaamsa Bara Haaraa HD ABO Irraa Amajjii 2021

0

Dhaamsa Bara Haaraa HD ABO Irraa Amajjii 2021

Ethiopian Politics ኦነግ Ajjeechaa ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National CouncilMiseensota ABO
Hogganootaa fi Miseensota akkasumas deggertoota ABO kanneen mana hidhaa jirtaniif
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Ummata Oromoo Bal’aa
Deggertoota QBO
Firoottan QBOf

Hunda dura baga bara haaraa 2021 nagaan geenye jechaa hawwii qabu maqaa hogganoota ABO, miseensotaa fi hogganootaa fi miseensota ABO mana hidhaa jiraniin isinii dabarsa. Barri haaraan kun ummta Oromoof keessa isaatti bara nagaa fi tasgabbii, bara milkii fi injifannoo, bara haqii fi dhugaan ummata Oromoo bakka argatee ummanni keenya dararaa jalaa bahu, bara sabni keenya mataan ol jedhu akka nuuf tahu hawwii qabu dabarsa.

Barri tokko yeroo darbu, barri ittaanee dhufu abdii fi yaaddoo walcina qabatee dhufa. Yeroo kamiyyuu abdii keenya guddifachuu fi yaaddoo keenya xiqqeessuuf yeroon itti irbuu keenya haaromsannu seensa bara haaraawaa irratti ta’uun beekamaa dha. Barri dabarsine, barri 2020 waan hedduu ulfaataa ta’an bate darbuutti jira. Bara kana keessa dhukkubni hamaa addnuyaa yaaddessee ture, Koronaan yeroo itti waah alle daangesse, lubbuu namoota hedduus galaafatee amma ilele bakka hedduutti galaafataa jiruu dha. Yeroo kana keessatti ogeessota fayyaa, hojjattoota hawaasaa fi qaamota dhibeen kun akka hin babal’anneef hojiilee ciccimaa hojjachaa jiran akka dhaabaattis akka ha-waasa Oromoo bala’aattis galateeffachuu barbaanna. Ummanni keenysa dhaamsota ogeessota fayyaa hordofuun akka dhibeen kun hin babal’anne godhee jira; kanaafis hedduu galateeffan. Keessattuu, miidiyaa Oromoo biyya keessaa fi alaa irraa barnootaa fi odeeffannoo babal’inaan dhibee kanaa ittiin daangessan ummataaf dabarsaa jiran jabeessinee galateeffanna.

Bara 2020 keessa hoggantoonni dhaaba keenyaa ABO fi dhaabotii siyaasaa qabsoo karaa gaggeesan hedduun yeroo itti hidhamnii jiranii dha; waajjiroonni keenya hedduus sababa tokko malee yeroo itti guutummaan cufamnii dha. Miseensonni keenyaa fi deegagrtoonni keenya kumootaan lakkaayamni yeroo itti haqa dhabanii hidhaa keessatti akka dararaman godhamaa jiranii dha.

Artistoota Oromoo akka qaroo ija keenyaatti ilaallu Hacaaluu Hundasaa, Daadhii galaan guyyaa saafaa yeroo itti dhabnee jirruu dha. Artistooti Kanneen kaanis kan itti hidhamanii reebamani dha. Ammas ilmaan Oromoo Oromiyaa mara keessatti yeroo humnoota moo-tummaan ajajuun hidhamaa, ajjeefamaa fi gidirfamaa jiran keessatti argaman. Ummanni keenya bahee galuuf yeroon itti wabii dhabe yoo jiraate bara dabarsaa jirru kana keessatti ta’uun ifaa dha.

Ummanni Oromoo addattii fi ummatootni kaanis qe’ee isaa irratti nagaan jiraachuu dhabee bakka maratti ajjeefamaa fi gidirfamuun naan-noo isaa irraa godaanee biyya alaa fi biyya keessatti baqattummaa fi buqaatummaan jiraachaa yeroo jiru dha. Oromiyaas ta’e biyya Ethio-pia keessatti manni murti bilisan hojjachuun dhibee godinoota hunda keessatti rakkoon fi yaaddoon nageenyaa ummata irra jiru haalaan yeroo yaaddessu keessa jirra.

Dhaabni keenya yeroo qabsootti seenu, qormaanni akkanaa akka isa mudate hubatee ti. Gatii qabsoon gaafatu mara baafnee kaayyoo Oromoo, dimokraasii fi mirga Oromoo milkeessuuf akkuma qabsootti seennetti, ammas dararaa yerotiif otuu hin jilbeeffanne human keenya walitti qindeessinee hojajchuun nagaan kenya kan itti fufu ta’uu irra deebinee hubachiisuu barbaanna.

Kanneen mrga Oromoo danquu murteeffatan amma illee taanaan Oromoo laaffisuu fi cabsuu irraa duubatti akak hin deebine jabeessinee beekuun barbaachisaa dha. Keessattuu, bara keessa bane kana kan hubanne, kanneen nu danqan humnaa fi dandeettii dhaaba keenyaa cabsuuf waantoota sehan armaan gadii irratti xiyyeefatanii hojjachaa akka jiran argaa jirra. Xiyyeeffannoon isaanii hogganoota Oromoo dadhabsiisuu, injifannoolee Oromoon qabsoo isaatiin goontfate duubatti deebisuu, tokkummaa Oromoo cabsuu, sabboonummaa Oromoo balleessuu fi jaarmiyoota walabaa Oromoo balleessuu fi laaffisuu dha.

Dhugaadha, qabsaa’onni Oromoo duula karaa hedduun Oromoo irratti banamee jiru kana karaa hundaan ofirraa facciaa jiru. Ummanni keenyas xiyyeeffannoo mirga Oromoo cabsuuf godhamu kana hubachuun wareegama jajabaa baasaa jira. Hal-leen kunneen amma illee dirmannaa fi jaatanii olaanaa barbaadu; karooraa fi hojii guyyuu hojjatnu mara keessatti sadarkaa duraatti xiyyeeffannoo barbaadu. Bara 2021 seenuuf jira kana keessattis hojiin keenya qabsoo Oromoo jabeessuu daran jabaatee itti fufuu qaba.

Ummanni Oromoo barootaaf kan cunqursaa keessatti dararamaa ture, hogganoota qabsoo gaggeessan baafachuu waan hanqateef ture. Kun qabsoo Oromoon baroota 50n darban keessa gaggeesseen hiikkoo argataa dhufeera. Haata’utii, kann-neen mirga Oromoo danqan hogganoota keenya karaa addaddaan cabsuu fi dadhabsiisuuf shiroota wali irraa hin cinne gaggeessuu hin dhiifne. Umamnni keenya haala kana huabchuun duula hogganoota qabsoo bilisummaa Oromoo irartti gaggeeffamu karaa hundaan akka faccisu hubachiisna. Ummanii hoggana isaa tikfatu, jalaan horataa deemuu injifannoo waaraa galmeessa.

Ummanni keenya yeroo kamiyyuu keessatti waan keessa darbaa dhufe dagachuu hin qabu. Keessayyuu, qabsoo gootata Oromootiin injifannooleen haga yoonaatti galmeeffame kan laayyootti ilaalamu miti. Kannen mirga Oromoo danquu bar-baadan injifannoolee qabsaa’onni Oromoo galmeessan busheessee, Oromoo of duuba deebisuuf halkaniifi guyyaa ho-jjachaa jira. Kuna abadan akka hin taaneef sabni keenya injifannoolee haga yoonaatti galmeeffaman kunuunfachaa kan hafeef tarkaanfachuun barbaachisaa dha. Kana yeroo jennuu injifatnoo maaltu jira jedhanii kan qoosuu yaalan akka jiran akka gaariitti hubatna. Oromoon ijifatnoo hedduu harka galfatee kan hafeef qarqara xumuraa akka gahee jiru shakkii malee dubbtna. Qabsoon keenya kaayyoo dhaaba keenyaa milkeessuu waan ta’eef, karaa dandeenyu maraan qabsoo keenya jabeessuun barbaachisaa dha.

Humni Oromoon qabu tokko tokkummaa ummata Oromoo ti. Sabni guddaa kun gaafa tokkummaan socho’e raajii hojjachuu akka dnada’u waan beekaniif meeshaalee qaban maraan tokkummaa Oromoo diiguu fi laaffisuu irratti ijibbaata gochaa jiran. Haala kana hubachuun, ummanni keenya karaa hundaan tokkummaa saba keenyaa eeguu fi jabeessuu irratti akka hojjatu dhaammanna.

Kanneen galii qabsoo Oromoo gufachiisuu barbaadan waan irratti xiyyeeffatan keessaa kan biros sabboonummaa Oromoo ti. Sabboonummaan Oromoo saba Oromoof falmuu fi saba Oromoof quuqamuu dha. Kun akka yakkaatti ilaalamee yeroo sabboonummaa Oromoo diiguuf ifaajeen godhamu argaa jirra. Sabboonummaan Oromoo dantaa saba Oromoo fi lammiilee Oromiyaa mara tiksuun ala akeeka biraa hin qabu. Kana ummata keenays ta’ee halagaa ololaan akka malee hubachiifaman barsiisuun hojii keenya bara kana irratti xiyyeeffannu ta’a. Kana biraan, sabboonummaan Oromoo akka guddatuu fi jabaatu-uf sagantaalee jiran mara keessatti hammatamee akka irratti hojjatamu dhaammanna.

Ummanni Oromoo kana bakka kaayyeefate gahu jaarmiyaa jabaa yoo qabaatee dha. Kanneen dantaa Oromoo dura dhaabbatan kana waan beekaniif jaarmiyaalee hawaasaa, siyaasaa, aadaa, dinagdee, namoomaa, marabbaa fi ogummaa laaffisuu fi balleessuu irratti akeekkatanii hojjachaa jiran. Ummanni keenya dhugaa kana waan hubateef, jaarmiyaalee Oro-moo baroota 50n darban ijaaraman eeggachaa jira. Kun daran jabaatee itti fufuu qaba. Jaarmiyaalee Oromoo mara irraa haleellaa irraa eeguu fi jaarmiyaaleen Oromoo akka daran jabaatan karaa hundaan utubuun barbaachisaa dha. Beekumsaa fi ogummaa qabnuun jaarmiyaalee Oromoo yoo jabeeffanne, bakka yaadne gahuu waanti nu dhorku hin jiraatu.

Walumaan yeroo ummata Oromoof qormaata ta’e bara 2020 xumurree bara 2021 itti seenaa waan jirruuf ABO barri 2021 keessa ummanni keenya Oromoon tokkummaa isaa kan duraanii irra cimsuun roorroo bifa kamiinuu itti rorrifamaa jiru qab-soo karaa nagaan of irraa jilbeefachiisuuf qalbii haaraa fi yaada haaraan of qopheessuun murteessaa dha jenna. Ummatni hin ijaaramne humna tahuu hin danda’u. Humna tahan malee ammoo kaayyoo ka’aniif galmaan gahun hin danda’amu. Akeeka kaaneef galmaan gahuuf ijaaramuun ammas ijaaramuun caalaatti murteessaa dha. Humna yoo hin qabaanne ammoo akeeka hawwan bakkaan gahuun hin danda’amu. QBO haga ammaatti injifannoolee galmeessuu kan danda’e waan ABO jalatti ijaaramee tokkummaan qabsoo godheefi. Gaafa qabsoon kun lafaa ka’uu jalqabee jaarmayaa keenya laaffisuuf shirri keessaa fi alaa hedduun nu danqaa turan ummta keenya bal’aaf ifaa dha. ABO garuu jaaramuun humna tahuu waan beekuuf jaarmaa isaa tikfataa fi jabeessaa har’a gahe. Baroottan dabran qabsoo keenyaa fi jarmaayaa keenya ABO dadhabsiisuu fi dhabamsiisuuf shira xaxame maseensaa keessa baanee as geenye.

Injifannoolee haga ammaatti QBO galmeesse jabeeffataa kan nu hafan harkaa gahachuuf, qabsoo bilisummaa Oromoo daran humna amansiisaa tahuu isaa mirkaneessuuf jabaannee socho’uu nu barbaachisa. Kana godhuuf ammoo qab-soon daran finiinsuu fi of qopheessuutu nurraa eegama. Bara 2021 keessa dirqamni ulfaataan nu eeggatu jaarmayaa harkaa qabnu cimsataa fi jabeessaa, ummatni keenya daran akka ijaaramuu fi mirga isaa harka galfatuuf yoom illee caalaa onneen akka socho’u hojjachuun dha.

Haalli Oromiyaa fi waliigala Ethiopia rakkoo diinagdee, hawaasummaa, siyaasaa fi nageenyaan yeroo kamuu caalaa yaaddeessaa ta’ee waan jiruuf, filmaati karaa nagaa dorgomanii dimokraasiin sagalee ummataa dhugoomsuun abdachiisaa waan hin taaneef lammiileen Oromiyaa mootummaa Cee’umsa biyyooleessa Oromiyaaf qabsaawuun Oromiyaa irratti mootummaan cee‘umsaa nageenya amansiisaa buusuu daddaffiin ijaaramee nagaa fi qabanni dursa ummataaf argamsiisuun dhaabotiin siyaasaa gara filmaata haqaatti deemuun murteessaa ta’uu ABOn itti amana kanaafis ni qabsaaya

Dhaabni keessan ABOn qabsoo karaa nagaa gaggeeffamu keessatti qooda fudhachuun Oromiyaa fi ummattoota Oromi-yaa keessa jiraatan walaba baasuun nagaa fi dimokiraasii guutuu biyyachatti fiduuf qabsoo haqaa itti fufuuf moo-tummaan cee’umsaa biyyoolessa Oromiyaa akka ijaaramuuf lammiilee Oromiyaa mara mirga dhabee qabsaawaa jiruuf dhaamsa dabarsa.

Qabsoon bilisummaa Oromoo milkaawee galii isaa gahuuf ummatni Oromoo tokkummaa isaa qabsoo irratti waliin wareegamuun, dantaa saba isaa waliin tikfatuun fi ijaarsa isaa ABO waliin cimsatee keessatti qooda lammummaa isaa jabeeffatuun murteessaa dha.

Nuti lammiileen Oromiyaa jireenya dhorkamnee, baqannee biyyaa baanee nagaa dhorkatamnee, lafti keenya barba baraan nu irraa sarbamee gurguramee lafa dhablee taanee, barannee hojii dhablee taanee waan jirruf furmaati nuuf jiru qabso keenya finiinsinee nagaa fi dimokiraasii akkasumsa walqixxummaa haqaa lammiilee Oromiyaa fi sabootaaf qabsaawuuf tokkummaan akka sossoonu waamicha kiyya gad jabeessee haaromsa.

Sabooti cunqurfamoon, dhaabotni mirkanaawuu mirga ummatootaaf qabsoo irra jirtan, humnooti dimokraasii fi kabajamuu mirga dhala namaaf dhaabbatan hundi garaa garummaa nu gidduu jiru waliif beeknee fi walii dandeenyee dimokrasii mirkaneessuu fi mirga ummataa dhugoomsuuf qabsoo irratti akka wal tumsinu ABO waamicha isinii dabarsa. Bara 2021 keessa Hundi keenya kanaaf kaanee fuula duratti haa sochoonu.

Barri bara milkii fi bara injifatnoo isinii haa ta’u.

Injifatnoon Ummata Bal’aaf!!

HD ABO

Finfinnee, Oromiyaa
Amajjii 2021

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.