Dhaamsa Gurmuu Hayyoota Oromoo

Dhaamsa Gurmuu Hayyoota Oromoo

Dhaamsa Gurmuu Hayyoota OromooYeroon hardha Oromiyaan keessa jirtu, bara Miniliki Impaayera Itiyophiyaa ijaaruuf ka’ee sanaan wal fakkaata; hardhaa seenaa Boru-Meedaa, seenaa Imbaaboo fi kkf nurraatti deebisaanii hojjechaa jiru. „Gaallaa fi Islamaa biyyaa koo keessaan ariha“ jechuun kan jalqaban, Moototi Yohannis fi Minilik, kaabaa fi kibbaan itti duulanii, kuma dhibbootaan fixanii, ummata Walloo guddicha lafa irraa dhabamsiisuuf carraaqan. Hardhas, horteen isaanii, Oromoota Walloo daguuggaa sanyii yerosii irraa hafan baddubaasuuf duula baldhaa banuun, akkuma jaarraa 19ffaa, ilmaan Oromoo bakka arganitti jumlaan qalaa, qeyee fi qabeenyaa isaanii abiddaan barbadeessaa jiru.

Akkuma mootiin Gojjam laga Abbayyaa cehuun ummata Oromoo lixaa cabsuuf weerara gaggeessaa ture, hardha ilmaan Nafxanyaa Oromiyaa deebistee koloneeffachuuf, maqaa Amaara Liyyu Hayl jedhuun wal gurmeessitee, humna mootummaa of-duuba hiriirsuun, ummata Lixa Oromiyaa irratti duula sanyii-daguuggaa bantee jirti.

Walumaagala, Gartuun hardha aangoo mootummaa dhuunfattee jirtu, heeraa fi seera biyyattii, akkasumas uunkaa seera namoomaa fi safuu ilma namaa addunyaan ittiin bultu irra ejjetuun, ummata Oromoo, Tigraay, Benishangul-Gumuz fi kan Naannoo biroo irratti weerara banuun, hidhaa, ajjeechaa, ummata jumlaan biyya irraa buqqisuu fi yakka lola fi yakka namummaa baldhinaan raawwataa jiraachuun hundaaf ifaa dha.

Egaa, seenaa saba Oromoo keessatti, qormaati murteessaan akka yeroo ammaa Oromoo fi Oromiyaa mudatee hin beeku. Diinooti Oromoo, giti-bittuu Habashaa fi jaleen ishee, bifa addaan of gurmeessitee, karaa tokkoon Oromoo irratti duguuggaa sanyii raawwachaa, karaa birootiin ammoo yeroo kamiiyyuu caalaa miidiyaalee mootummaa fi Habashootaa hundaa irratti, holoa sobaa, duula maqaa-balleessii, tuffii namoomaaf qabanii fi jibbinsa uummata Oromoof qaban, akkasumas, badii uummata keenya irratti dalagani fi dalaguuf deeman ifaa ifatti ibsaa fi labsaa jiru.

Kuni kan agarsiisu diinoti kun, uummata Oromoo lafarraa dhabamsiisuuf, hangam akka kutatanii fi muratanii ka’an, isas hojiirra oolchuuf hammam wal qindeessaas akka jiranii dha. Akeekni isaanii, isa bara Miniliki uummata Oromoo weeraranii gabroofatan irra deebi’uuf qofa osoo hin taane, hardha meeshaa waraanaa fi tarsiimoo ammayyaatiin of cimsanii, uummata lafa irraa daguuganii Oromiyaa dhuunfachuufi dha.

Asirratti dhugaa ilmaan Oromoo marti hubachuu qaban tokko, kaayyoon diinota Oromoo, ummata keenya akka sabaatti lafarraa balleessuuf malee, akka duraanii naannoo, amantii, ilaacha siyaasaa, kkf’n Oromoo addaan qooduun gabroofachuu qofaan hin dhaabatu. Kan dursanii dhabamsiisuuf itti xiyyeeffatan sabboontota Oromoo ta’u illee, Oromoo kamiifuu hin hilan. Isaaniif diinni cimaan dimshaashatti Oromummaa fi ummata Oromoo dha.

Haala imaayerri Itoophiyaa keessa dabarte fi hardha keessa jirtu gadi fageenyaan xiinxaluun, akkasumas balaa hamaa ummata keenya irratti xiyyeeffatame tilmaamuudhaan, Gurmuun Hayoota Oromoo (GHO), ilmaan Oromoo maraaf dhaamsa fi waamicha Oromummaa armaan gadii dabarsa.

  1. Waliigala: Diinota keessaa fi gufuulee QBO
    1. Seenaa ilma namaa keessatti, namootni saba fi qomoo isaanii gananii, alagaatti kooluu galuun, alagaaf lukkee fi gaachana tahan; lola uummata keessaa bahan irratti geggeffamu keessatti alagaaf humna tahanii alagaadhaan akka gootaatti, saba isaanii biratti ammoo akka diinaatti kan ilaalaman hedduu dha. Seenaa saba Oromoo keessatti, akka fakkeenyaatti addadurummaan kan ka’u Goobana Daaccee ti. Jaarraa (bar-dhibbee) 21ffaa keessattis, humni/gartuun maqaa Oromoo moggaafatee of ijaaree, garuu uummata keessaa bahe kana hacuucee fi hiraarsee, gadi qabee diina saamsisuu irratti, kan akka OPDO/ODP/PP waan jiru hin fakkaatu.Baroota hacuuccaa TPLF/EPRDF 27 keessatti, gartuun kan TPLF qubaan funaantee maqaa itti moggaasuun, uummata Oromoo hiraarsuuf akka meeshaatti dhimma itti bahaa turte kun, hardha maqaa Biltsiginnaa/PP ofitti maxxansuun, humna sabboonummaa Itiyophiyaa/Amaaraa aangomsuuf harcaatota Dargii, EPRP fi finxaaleyyii saba Amaaraa irraa kan wal gurmeesse jala galuun, kaayyoo isaanii uummata Oromoo fi uummatoota cunqurfamoo hafan irratti dhugoomsuuf marxifatee hojjetaa jira. Akkuma asiin olitti tuqame, kaayyoo gita-bittuu Itiyoophiyaa fi kan Nafxanyootaa fiixaan baasuuf, ilmaan cunqurfamoo irratti sanyii-daguuggaa geggeessaa kan jiru diina uummatootaa waan taheef, uummati cunqurfamoon marti, gartuu kana angoo irraa hundeen buqqisuuf qabsoo waliin akka qindeeffatan waamicha goona.
    2. Gartuun hardha aangoo mootummaa biyya Itiyoophiyaa dhuunfatee jiru, Seenaa galtootaa fi gantootaa sirna impaayera Itiyoophiyaa ijaaruu keessatti akka ergamtuutti qooda fudhatan irra dibuun, „impaayera kana kan ijaaree Oromoo dha“ jechuun seenaa sobaa barreessaa fi barsiisaa jiraachuun, seenaa ofii ittiin miidhagfachuuf fi, impaayericha akka duriitti deebisanii suphuuf ifaajjii godhamu keessaa isa tokko tahuu uummanni hubatee, asoosama seenaa akkasii harkatti akka diduu hubbachiisna.Itti dabalees, keessaahuu namootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti gaafatama ol-aanaa qabaachaa turan, hardha PP’tti kooluu galanii, osoo PP‘n uummata Oromoo dhabamsiisuuf ifatti duula geggeessaa jirtuu, humna faashistii kanaan „mootumma Oromoo ti“ jechuun isaanii, garaan buluuf jecha qaanii fi salphina hagamii uffachuuf qophii akka tahani ibsuu irra taree, yakka dhiifama hin qabne uummata Oromoo irratti dalagaa jiraachuun isaanii hubatamuu qaba.
  1. Waraana Bilisummaa Oromoof
    1. Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBOn), gidiraa uummata isaa irra gahu kallattiin dura dhaabachuun lubbuu fi qaama itti dhabaa hardha gaheera; ittis jira. Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti Gootota sabaaf of wareegan maraaf kabajni bara baraa haa tahu, seenaan ol kaasee isaan haa yaadatu jechaa, ulfina fi jaalala qabnuuf ibsina.
    2. Hoggantootni fi miseensotni WBO tooftaalee fi tarsiimoolee ittin qabsa’aa jirtan, muuxannoo, gahumsa fi dandeettii hundaa waan qabdaniif gorsi alaa isin barbaachisu jira nutti hin fakkaatu. Bilisummaa fi abbaa-biyyuummaa uummata Oromoo dhugoomsuuf aarsaa isin hardha kaffalaa jirtan ulfaataa tahuu hubannee, wanna dandeenyu hundaan akka isin cina dhaabannu waadaa galla. Qabsoon keenya haqa-qabeessa waan taheef, akka injifannus shakkii tokko hin qabnu.Gadadoo fi gabrummaa uummata irraa qolachuuf wareegama hadhooftuu kaffalaa waan jirtanuuf ilmaan Oromoo marti akka isin faana hiriirani fi isiniif tumsan waamicha Oromummaa dhiheessinaaf.
  1. Qeerroo fi Qarree Oromoof
    1. Ijoolleen hardhaa, dhaabaa fi dagalee hawaasaa, abbaa-biyyaa fi hogganoota Oromoo boruu ti. Hacuuccaa fi saaminsi hardha uummata irratti raawwatamu uummata hiraarsuu irra taree, hegeree dhaloota dhufuus ni quucarsa. Beekaa fi qaroo uummatichaa fixuu fi, dhalooti dhufu afaan, seenaa fi aadaa saba isaa akka wallaalu, barumsa dhowwachuu fi siyaasa, dinagdee fi hawwaasummaa keessatti iddoo isa dhorkachuun eenyummaa uummatichaa dhabamsiisuuf carraaquun akeeka fi karoora diinaa ti. Qeerroo fi Qarreen Oromoo kana sirriitti hubatuun, wal faana hireeranii aarsaa guddaa kafaluun mootummaa cunqursaa TPLF of irraa buusuun seenaa cululuqaa galmeessaniiru.
    2. Qeerroo fi Qarreen Oromoo muuxannoo yeroo darban irraa ka’uun, injifannoon wareegama keessaniin dhufe garuu humnoota cunqursaa birootiin butame deebistanii gonfachuuf, maal gochuu akka qabdan ni beektuu jennee amanna. Haa ta’u malee, duulli amma qindoominaan dhufe kun isa durii irra waan adda isa godhuu waan qabuuf, tooftaaleen qabsoos akkasuma bifa jijjiirrachuu qabu jennee yaadna. Sirna gabroomfataa hegeree keessan dukkaneessaa jiru hundeen buqqisuuf, tooftaa fi tarsiimoo cimaa akkasumas naamusa haala keessa jirtan madaaluun of ijaaruun akka sochootan isin hubachiisna. Odeeffannoo barbaachisoo ta’an saffisaan waliif qooduudhaan, burjaajii isinitti uumuuf soba fi olola diinni facaasu irraa hanga dandeessan of tiksaa. Iccitii qabachuu fi akka hin taanetti suuraa wal kaasuun diina harka akka hin galle eeggachuun, tooftaalee diinaa hubachuu fi sochii gantuu fi galtuun naanoo keesanii gootu too’achuun, nagaa fi tasgabbii naannoo keessaniif eegumsa godhaa, jenna.
    3. Mootummaa uummata keessan dhiigsaa jiruuf qawwee hin baatinaa! Yeroo ammaa, namootni tokko tokko, RIB seenanii leenjii fudhatanii deebi’anii WBOtti makamuu dha, jedhanii kan yaadan jiraachuu malu. Tooftaan akkanaa kun dogoggora jennee yaadna. Warri achi keessa jiraniyyuu karaa ittiin keessaa bahan dhabanii rakkoo keessa jiru. Kanaafuu, Qeerroo fi Qarreen Oromoo qabsoo hidhannoo seenuu yoo barbaaddan, kallattiidhaan WBO seenuu ykn cinatti gargaaruu dha male, yeroo ammaatti Waraana Mootummaan too’atamu kamiiyyuu akka hin seenne jabeessinee isiiniif dhaamna; dhaamsa kana isinis waliif dabarsaa.
    4. Qeerroo fi Qarreen naannoo humnooti diinaa amma yeroof itti haphate keessa jirtan, hanga diinni Oromiyaa godina biroo cabsee isinitti deebi’utti teessanii hin eeginaa. Kanaaf, hinumaayyu, qabsoo keessan lafa diinni itti haphatee jirutti itti mudduu, tooftaalee adda addaa fayyadamuun, fakkeenyaaf karaa cufuu, gantuu adabuu fi caasa PP qubsuma dhoowachuudhaan, obboloota keessan lolli irratti deemsifamaa jiru gargaaruu dandeessu; kun hedduu barbaachisaa fi murteessaa dha.
  1. Uummata Oromoo Maraaf
    1. Akkuma uummata kamiifuu malu, uummati Oromoos akka saba tokkootti mirgoota bu’uraa, kanneen eenyuunuu hin daangeffamne fi hin faallessamne qaba. Uummati Oromoo, cunqursaa fi saaminsa halagaa kamuu irraa walaba tahuuf; Oromiyaa irratti Abbaa-biyyummaa fi qabeenya uumamaa biyya isaa irratti ajajuuf; Aadaa fi Safuu isaa irratti hundaawee ofiin of bulchuuf mirga guutuu qaba. Mirgoota kana kan isa irraa mulqe, gabrummaa humna qawween irratti fe’ame jalaa of baasuuf, baroota dheeraf qabsoo hadhooftuu geggeessaa jira. Qabsoo kana keessatti, yakka fi hiraarsa mootummaan gabrooftaa uummata irra hin geessine hin jiru. Uummatni Oromoo dur irra caalaa hardha, seera malee hidhamaa, saamamaa, ilmaan isaa ajjeefamaa, dubartootni gudeedamaa fi jumlaan qeyee isaa irraa buqqifamaa akka jiru isin uummaticha caalaa kan beeku hin jiru.
    2. Egaa yeroon ammaa kun yoomiyyuu caalaa isiniif yeroo qormaataa fi gaaga’amaa ti. Humni hardha aangoo mootummaa dhuunfate, cunqursaa koloneeffannaa itti fufsiisuuf qofa osoo hin taane, Oromoo akka sabaatti lafa irraa dhabamsiisee, Oromiyaa Habashoota dhuunfachiisuuf kan kutatee ka’e waan ta’eef, sanyii-daguuggi isinitti xiyyeeffatame kana irraa of baraaruuf, akka ilmaan abbaa tokkootti wal faanaa ka’uun dirqama tatee jirti. Kanaaf, isa diinni Oromoo, qomoo, amantee, kutaa fi lagaan isin qooduuf olola burjaajessaa oofuun osoo wal hin hirin, aggaammii diinaa kana doomsuuf bakka jirtuu waliin akka kaanu iyyata lammummaa dabarsina.
    3. Duula diinni amma bifa addaatiin Oromiyaa irratti bane kana keessatti, baldhinaan lubbuu ilmaan namaa galaafachuu fi qeyee fi maasii gubuun qabeenyas barbadeessuu irraa waan duubatti hin deebine dha. Kanaaf, bakka jirtanitti waliif birmachuu fi wal utubuun, qabeenya milqsaachuu fi galaa nyaataa dhokfachuun balaa kana irraa ofi fi wal baraaruu yaalaa. Diinnii amma dhufe kun, kan safuu hin beekne waa taheef hamaa humnaan isinitti dhufeef garaa hin laafinaa!

Gantuu isin keessa teessee diina tumsitu ykn oduu deddeebistuuf malaan qabaa malee keessoon keessan itti of hin saaxilinaa; jara akkasii maalummaa isaanii malaan Qeerroo fi Qarree akkasumas WBOf eeraa. Qooda Qabsoo Bilisummaa Oromoof gumaachitan xinnoo dha jettanii hin tuffatinaa, kanumatu walitti dabalamee  injifannoo fidaa!

  1. Lammiilee Humna Ittisa Biyyaa fi Poolisii keessa jirtaniif
    1. Akeeki humna ittisa biyyaa tokkoo, daangaaa biyya isaa tiksuun diina alaa dhufu uummata isaa irraa ittisuu dha. Gaafatamni polisoota biyya tokko ammoo nagaa fi tasgabbi uummataa eeguu dha. Biyya mootummaa abbaa-irree jalatti bultu keessatti garuu, raayyaan biyyichaa, poolisiis tahee humni tikaa, aangoo abbaa irree san tiksuuf, uummata gibira kaffalee isaan jiraachisu hiraarsuu irratti bobbaafamu. Ergamni isaanii, nageenya biyyaa fi kan uummataa tiksuu osoo hin taanee, abbaa-irree irraa uummaticha tiksuutti gadi bu’a. Hardha Itiyoophiyaa keessatti ifaan ifatti kanatu geggeeffamaa jira. Humnooti ittisa biyaa fi humnooti polisii garagaraa, Biltsiginnaa/PP seera malee aangoo mootummaa dhuunfateef ulee tahuudhaan, morkattoota aangoo isaa dhabamisiisuuf bobbaafamuun, qaroo Oromoo fi kanneen uummatota biroo dhabamsiisuu fi hidhaatti guuruu bira taranii, gartuu ol-aantummaa Amaraa fi sirna nafxanyaa deebisee uummatoota irratti fe’uuf kutatee ka’eef meeshaa tahuun uummata Oromoo fi cunqurfamoo biroo irratti duula sanyii daguuggii geggeessaa jiru.
    2. Lammiileen Oromoo humnoota RIB, poolisii federaalaa fi polisii Oromiyaa, akkasumaas humnoota tikaa garagaraa keessa jirtan kana hin beektan, jedhnee hin amannu. Mee gaafiilee tokko tokko isin gaafanna: amantanus amanuu baattanus, guyyaan bilisummaa Oromoo, guyyaa garbummaatti xumurri godhamu dhihootti ni dhufa. Egaa, ajjaja diinota Oromoo fudhattanii duguuggaa sanyii saba keessan irratti raawwatamu keessatti qooda fudhachuu itti fuftuu? Moo cinaa dhaabbattanii, ani-hin-ajjeesin-malee-maaltu-na-dhibe jettanii ilaaltu? Yeroon kun yeroo seenaati! Kanaaf qophooftanii jirtuu? Uummata keenya, gabromfannaa Habashaa, gidiraa bar dhibbaa fi hiraarsa daangaa dhabe jalaa of baasuuf jecha ilmaan isaa itti wareegaa jiru dura dhaabatanii, kaayyoo dhalootaa, galfata qomoo hin nyaatina! Mootummaa ofiifuu kufuuf hallayyaa irra jiru bira dhaabbachuu dhiisaatii gara uummata keessanii goraa jennee waamicha obbolummaa isiniif dhaamna. Seexaa isiniif haa ta’u!
  1. Hawaasotaa Oromoo fi Oromoota biyya ambaa jiraatan maraaf

Akkuma beektan, irra deddeebinee hiriira nagaa bahaa tureera. Ammas kana ni dhiifna miti. Haa ta’u malee, rakkoon sabni keenya yeroo ammaa keessa jiru hiriira nagaa qofaan hiikamuu akka hin dandeenye argineerra. Hinumaayyuu, itti caalee akkuma argaa fi dhaga’aa jirru duguuggaa sanyiif duula haaraan Oromoof Oromiyaa irratti banameera.

Qabsoo karaa nagaa waan jedhamu ifaan ifatti cufameera. Oromoonis qabsoo hidhannoo malee carraa biroo tokkollee akka hin qabne baree waanuma qabu qabatee qabsoo irra jira.  Humnootni diinaa, kuusaa dur biyyattiin qabdu kan saamanii of hidhachiisan caalaa gargaarsa biyya ambaa irraa akka gaariiti argataa jiru. Nuyi woo Oromoon, Humna Ittisa Oromiyaa, WBO waan dandeenyun gargaaraa jirraa?

Oromoon duris humna waraanaatin caalamee cabe. Hardha ammoo utuu nuti biyya ambaa jirru akka salphaatti gargaaruu dandeenyuu, sabni keenyaa humna waraanaan caalamee lammata cabaa? Karaadhuma danda’ame kamiinuu of tiksuun (self-defence) seera namoomaa qofa osoo hin ta’in seeruma  uumamaa ti. Amma kaanee qindoominaan WBOtti cichinee yoo dirmannee abadan sabni keenya lammata hincabu/ hin garboomu. Deebii keenya oduudhaan osoo hin taane hojiidhaan argisiisuun yeroon isaa amma dha. Ammaaf ammati! Waamicha lammummaatiif owwaadhaa, haa owwaannu! Yoo dogoggoraan waamichi kun isin/nu bira hin geenye ta’elee hiyyaafannee karaa dandahame fi wanna dandeenyuu gumaachuudhaan qooda keenya haa baanu!

  1. Hayyoota Oromoo maraaf

Qabsoon bilisummaa uummata gabroomee tokkoo, hirmaannaa, deggerssa, hoggansa fi kutannoo beektota (hayyoota) uummatichaan alatti ni milkaawa jedhanii yaaduun abjuu dha. Hayyooti Oromoo, siyaasa, dinagdee fi hawwaasummaa uummataa keessatti gahee fi qooda keessan akka beektan ni amanna. Beekuu fi beekumsa ofii sabaaf oolchuun garuu walii lama. Sabni keenya maal keessa akka jiruu fi maaltu as itti adeemaa akka jiru, kanaafis maal gochuu akka qabu beekuu dhiisuun ni mala. Sabni keenya irra-caalaan nu barsiifate malee ofiif hin baranne. Nuyi woo yeroo kanatti maal gochuufii qabnaa maal gochuu dandeenya? Haala jiru jala-buunee xiinxaluudhaan kallattii qabsoo agarsiisuun, toftaalee qabsoon barbaadu eeruun, dhaloota haaraaf hamilee fi fakkeenya gaarii ta’uun nurraa eegama. Yeroo tokko tokko hogganootni dhaabilee siyaasaa gurguddoon illee burjaajawuu ni malu; isa kanas qeeqaa fi yaada ijaaraa ta’ee kennuufiin karaatti deebissun gaafatama beekaa/hayyuu ti.

Rakkoo jabaa uummata irratti dhufe hiikuuf, qaamolee gurguddoon, kan akka dhaabbilee amantaa fi dhaabbileen hawaasotaa Oromoo baldhoon, Hayyoota irraa waan heeddu akka eeganii fi akka abdatan barree, qooda keenya akka baahnu wal hubachiisuu barbaadna. Hayyuummaan saba ofiitiif hin taane hiikkaa akka hin qabne wal hubachuusun gaarii dha.

Kanaaf, tokko tokkoon beektota Oromoo gaafatamni seenaa fi dirqamni lammummaa ulfaataan akka nurraa jiru hubannee, afaan fajjaahuu fi bita-galuun dhaabatee, dirqama yeroon gaafatuu bahachuuf beekaan Oromoo hunduu wal waamnee ka’uun ijaaramnee QBO daran deggerruuf akka nutti dabalamtan GHOn carraa kanaan waamicha dhiheessa.

  1. Dhaabillee Amantaa Oromoof

Oromoon akka saba guddaatti amantaalee adda addaa haa qabaatuyyuu malee dhalootaan/ dhiigaan/ lammummaan tokko – hundu Oromoo dha. Oromoon kan diinaan cabe fi gabrummaa jalatti kufee cunqurfamaa fi hiraarfamaa jiru akka kiristaanaa ykn islaamaa ykn waaqeffataa ta’ee osoo hin taane akka Oromootti dha. Gabrummaa hiddaan buqqisee bilisummaa isaa deebisee yoo goonfates akkasuma akka Oromootti dha.

Amantaan hunduu nagaa fi jaalala barsiisu; Dhaabilleen amantii nagaa fi tasgabbii uummataaf hojjetu. Mirga dhala namaatiif ni falmatu. Oromoon uummata dhugaa qabuu dha; qabsoon isaas qabsoo haqaa ti. Bilisummaa isaa fi walabummaa biyya isaatiif qabsoo hadhaawaa gochaa jira malee, daangaa dabree, namatti hin buune, bu’ees hin beeku. Oromoon uummata nagaa jaalatuu dha. Dhugaa kana diinnuu ni beeka. Haa ta’u malee, diinni Oromiyaa badhaatuu dhuunfachuuf fi qabeenya Oromoo saamuuf jedhee uummata nagaa kana irratti duula fi waraana labsaa ture; hardhas labsamaa jira. Diinotni keenyas lafa fi qabeenya keenya barbaadu malee Oromoo akka namaatti hin barbaadan. Waaqayyoo uummatoota hundaa waan uumeef, kan baabsuufiif hin qabu. Dhaabileen amantaa tokko tokko garuu humnoota siyaasaaf golgaa tahuun uummata keenya irratti duula qorqalbii geggeessu. Kaayyoon diinota Oromoo ammoo duula ifa tahee fi alii amanteen dahachuun Oromoo akka uummataatti lafa irraa dhabamsiisuu ta’ee as bahaa jira. Badii akkanaa kana Waaqayyoo/Rabbi ni jaalataa? Waaqayyo kana hin jaalatu.

Kanaafuu, dhaabbileen amantaa fi hordoftooti isaanii, qabsoo haqaa kana waan dandeessan hundaan akka utubdan fi jajjabeesuudhaan qooda olaanaa qabdan akka baatan GHOn waamicha lammummaa – dhaamsa Oromummaa kabajaan isinif dhiheessa.

  1. Dhaabbilee Siyaasaa Oromoof

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo rakkoo uummata keenyaa isin hin beekne jira jennee of hin sobnu. Garuu, waan tokko tokko wal hubachiisuun barbaachisaa dha jennee yaadna. Kanaafuu, ilaalcha fi sagantaalee siyaasaa adda addaa qabaattanus; tooftaa fi tarsiimoo gara garaa hordoftanus, kaayyoon isin ittiin ijaaramtan, uummata Oromootiif qabsaa’uu akka ta’e amanna. Waan uummata ykn saba kana keessaa baataniif roorroon uummata kanaa isinitti dhagahamnaan qabsootti akka seentan, gariin umrii keessan guutuu akka qabsooftan ni hubanna. Karaan isaa bitaanis haa ta’u mirgaan, jaalalaanis haa ta’u humnaan, galmi Qabsoo Uummata Oromoo, nama dhuunfaa ykn dhaaba osoo hin taane uummata Oromoo aangesuu/bilisoomsuu yoo ta’u, battala kanatti ammoo xiyyeefannoon, humna diina itti duulaa jiru kana jalaa Oromiyaa dandamachiisuu dha. Diina tokkoomee fi qindoomee nutti dhufe kana salphifnee deebisuuf, muuxannoo bara dheeraa qabdanitti fayyadamtanii, garaagarummaa xixinnoo isin gidduu jiru yoo danda’ame furattanii yoo dadhabame yeroof bulfattanii, dhimma biyyoolessaa Oromootiif dursa kennuu dhaan Oromoo saba guddaa kana ogummaan hogganuu irratti akka wal taatanii jabaattan kabajaan isiini yaadachiisuu barbaadna.

Oromiyaa irratti bilisummaa fi abbaa-biyyummaa uummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo godhamu keessatti, humna fi dandeettii qabuun maraan isin cina dhaabachuuf, GHOn waadaa gala.

IUOf

Gurmuu Hayyoota Oromoo (GHO)
Oromoo Intellectuals Society (OIS)

Ebla 2021

 

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.