Diigin Ilmaan Oromoo qabsoo kanaaf jigee hojii keessaan isinii haakennu!

Fedhii Aangoof fedhii dhuuffaa keessaniif Diiga qabsaawota ilmaan oromoo gatii dhoowwaa jirtuu Ekeraan jaallanii Boqonnaa isin haa dhoowwitu!
Wanajjira Muummee ABO Gullalleetti Walgahiin Fonqolchaa Kora jeehamuun Gaggeefamaara.
Akka Odeessi amma Waajjira Gulallee keessaa bahe ibsutti Waardiyoota Waajjiraa humna poolisaatiin toohachuun wal gahii gaggeefataru.
Walgahii kana irratti kanneen hirmaatan Miseensota Shanee Gumii Gumii Dabaa ABO keessaa
1. Jaal Araarsoo Biqilaa
2. Jaal Ibsaa Nagawoo
3. Jaal Atoomsaa Kumsaa
4. Jaal Jabeessaa Gabbisaa
5. Jaal Toleeeaa Adabaa fi
Miseensota Gumii Sabaa ABO(MGS)
1. Jaal Milkeessaa Irkoo
2. Jaal Qajeelaa Mardaasaa fi
kanneen biroo hubannoo malee waamaman,
1. Jaal Hundee Daraaraa
2. Jaal Dachaas Roobaa
3. Jaal Bilisummaa Oolmaa Qubee
4. Jaal Xilahuun Bantii(Kaptain)
5. Jaal Injinar Mohaammad Haajii ti.
Kan biroo,
6.Jaal Oromsiis Elemoo yaamamee dhufee haala jiru hubachuun itti hirmaachuu didee biraa deeme.
walumaa galatti namoota 12 ta’uun, Waraana mootummaa waammatanii waardiyoota Waajjira Gullallee ugguruun waraanaan marfamanii gaggeeffataaru.