Dorgommii Daayimand Liigii: Atileet Siifan Haasan maayilii tokkoon riikardii addunyaa cabsite
(BBC) — Atileet Siifan Haasan fiigicha fageenya maayilii tokkoon riikardii addunyaa waggoota 23’f ture cabsite.
Atileetin dhalootaan Itoophiyaa garuu biyya Neezarlaandiif fiigaa jirtu Siifan, dorgommii daayimand liigii Monaakootti dorgomame daqiiqaa afuriifi sakandii 12:33’n xumurte.
Kunis riikardii atileetii Raashiyaa Sivetilaanaa Maasterkovaadhaan bara 1996’tti daqiiqaa afuriifi sakandii 12:56 galmaa’e kan cabsite.
Fiigicha fageenya 5,000 shaampiyoonaa Awurooppaa kan taate atileet Siifan Haasan injifannoo isheen akka hedduu gammadde himti.
- Atileet Yoomiif riikardii waggaa 22 ture harkatti galfate
- Atileetii baqataa waan ta’ef badhaasa ‘dhowwamaa ture’
Dorgommiin kaleessa (Jimaata) galgalaa osoo hin dorgomamin guyyaa tokko dura ‘sakandii sadii ykn afur’ fooyyessuuf yaada qabdi turte.
Ta’us, 800m saffisa hin qabu ture kan jettu Siifan, dorgommiin hanguma xumuramaa deemu riikardii cabsuf akka jettullee hin hubanne ture.
Atileetii Itoophiyaa Gudaf Tsaggaay suuta of biraa dhiistee saffisa dabaluun erga injifatte turte booda ture riikardii cabsuu ishii kan hubatte. Waan hin eegnees ture.
”Yeroon sarara fiigichaa xumuru qaxxaamure, baay’een gammade. ”
- Atileet Hagoos G/Hiyweet dorgommii irratti raajii ta’e
- “Akkamitti akkan dogoggore anumaafuu naaf hin galu”
Fiigicha fageenya 1,500m shaampiyoonaa Awurooppaa kan taata atileetin Biriteen Laawuraa Muyir 2ffaa yeroo baatu atileetin Kanaadaa 3ffaa baate.
Atileet Siifan duuba kan kaataa turte atileetin Itoophiyaa Gudaf Tsaggaay 4ffaa kan baate.
Yaada 5,000m cabsuu
Akitti 400m xumuraa itti fiige bareeda ture kan jettu Siifan ”fiigicha 5,000m irratti ofitti amanamummaakoo naaf dabala,” jetteetti.
Yaada ishee Walda Federeeshinoota Atileetiksii Idil – addunyaa (IAAF)’f kan kennite Siifan, jajjabina daawwattoonni isheef kennaniin guddaa gammadde.
- Leenjiisaa Itoophiyaa atleetota Chaayinaa leenjisu
- Atileetii ‘osoo hin karoorfatin’ riikardii addunyaa cabse
Dorgommiin itti aanu isheen fiigdu 5,000 dha. ”Riikardiin addunyaa biraa cabsuu barbaadu 5,000m dha. Eessatti akkan dorgomu garuu hin barre,” jetteetti.
Atileet Ganzabee Dibaabaan waggaa afur dura 1,500m’n riikardii addunyaa jorroo fiigichaa Siifan galmeessite irratti injifatatte.
Atileet Yoomiif Qajeelchaan baranuma baatii Bitootessaatti fiigicha mana keessaa maayilii tokkon Boostanitti riikardii addunyaa waggoota 22 ture cabsun isaa ni yaadatama.
Odeessa kana irratti dabalata
- Rekoordii Yoomiif Qajeelchaa: ‘Yaalii riikardii sadaffaaf taasisen milkaa’e’5 Bitooteessa 2019
- Atileet Firaa’ol Eebbisaa: ‘Waggaan torba umurii kiyyarraa akka gubatettiin yaada’20 Waxabajjii 2019
- Dorgommii Daayimand Liigii: Atileet Hagoos G/Hiyweet osoo hin goolabin dorgommii xumure6 Adooleessa 2019
- Atileet Saamu’el Tafarraa: ‘Anuu Yoomiif ni injifata jedhee eegeen ture’18 Guraandhala 2019
- Sintaayyoo Isheetuu: Leenjisaa waggoota 30’f mo’icha atileetotaa duuba ture kana beektuu?15 Bitooteessa 2019
- “Akkamitti akkan dogoggore anumaafuu naaf hin galu” – Atileet Hagoos Gabrahiwoot8 Adooleessa 2019