Ayyaantuu Online

Faana ABO walii galtee Eertiraa qabee hanga har’aatti, abdii yaaddoof siqiqiin mogoleen dhahame

Faana ABO walii galtee Eertiraa qabee hanga har’aatti, abdii yaaddoof siqiqiin mogoleen dhahame

Keelloo: Waxabajjii 8, 2021

Suura: Imala hogganoota ABO Eertiraa irraa wayiita gara Oromiyaatti taasisan

Dhaaba siyaasaa Oromoo hogganni isaa hedduun hidhaman ABO ilaalchisuun waan uummati beekuu qabu hanga odeeffanne irraa isinii qooduu hedna.

Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) fi mootummaan Itoophiyaa Hagayya 7, 2018 Eertiraa magaalaa Asmaraatti walii galtee irra gahan.

Kunis gama mootummaan peresedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa yeroo sanaa obbo Lammaa Magarsaa, Dr. Warqinee Gabayyoo gara Asmaraatti imaluun marii siyaasaa taasifameen ture.

Guyyuma sana miidiyaaleef yaada laataniin “miira obbolummaan waliin haasofne” jechuun VOA irratti gaafa sana Lammaa Magarsaa yaada kenneera. Gama mootummaanis ta’ee gama ABO’n wal amantoodhaan marii irra gahuu himuudhaan, qabxii irratti walii galan hedduu isaa ifa gochuu akka hinfeene gama lamaaniinuu dubbataniiru.

Haa ta’u malee yoggasuma dhimmooti murteessoon irratti walii galame keessaa tokko WBO’n qaama nageenya Oromoo tiksu ta’uudhaan ilmaan Oromoo dabalee leenjisuufis qaama waraana mootummaa biyyattii keessatti qooda gahaa akka qabaatu waliin haasa’uu dubbatameera. Kana malees WBO’n humna Foolisiif kora bittinneessaaf leenjii gahaa laatee Oromiyaaf ilmaan Oromoo nageenya isaanii tiksuu irratti akka bobba’u walii galame jechuun uummati miira gammachuu keessa seenuun gammachuu isaas ibsate.

Dabalataan; akkaataa walii galtee sanaatti qaamonni lamaanuu ABO’s ta’e mootummaan waraanaa dhabuu kan jedhu yoo ta’u, ABO’n oggasuu Adoolessa 12,2018 ibsa waraana dhaabuu miseensota WBO Oromiyaa keessa jiran maraaf dabarsuun walii galtee sana hojii irra oolchuu eegale. Kunis ABO’n mata duree “Marii Jalqabame Milkeessuuf Labsii Dhukaasa dhaabuu ABO” jechuun ibsa baaseen waraana dhaabuu isaa uummataaf ibse.

Mootummaan garuu labsii ABO dahoo godhatee yoggasuu waraana jabaa WBO’f uummatatti bane. Kana irra dhaabbatees borumtaa isaa ABO’n “Marii jalqabame milkeessuuf labsii dhukaasa dhaabuu ABO’n Adoolessa 12,2018 labseen dahachuun mootummaan Itoophiyaa duula waraanaa WBO’f uummata keenya irratti itti fufee jiru irraa dhaabbachuu qaba” jechuun Adoolessa 13,2018 kallattii maraan waraana bobbaasuu mootummaa balaaleffachuun akka dhaabbatee karaa nagaatti deebi’amu gaafate.

Itti fufuudhaan ABO’n mootummaan akka waraana dhaabuuf “Har’as ABOn Furmaata Siyaasaa karaa Haasawaa Argamsiisuuf Hojjatuu itti Fufa!” Mata duree jedhuun Adoolessa 31,2018 ibsa baaseen gaafate. Ibsa guyyaa kana baase keessattis “…mootummaan lola ABO irratti labse kaasuuni fi waraana bobbaase dachaasuun furmaata haasawaa fi araara buusuuf marii eegalame shaffisaan xumura akka argatu dandeessisuu irratti akka hojjatu irra deebi’ee yaadachiisa. Lubbuun tokkollee darbuu itti fufuun kasaaraa fi kan hiika hin qabne tahuu gadi jabeessee mootummaa hubachiisa.” Jechuun ibsa isaa keessatti xuqeera.

Walii galteen Asmaraa mallatteeffame hedduun osoo hogganni ABO achii as hindhufin gama mootummaan hojii irra ooluu hanqachuun eegale. Mootummaan haldureewwan kahame waraana dhaabuu kan jedhu hojii irra oolchuu diduudhaan bakka miseensonni WBO jiran maratti adamsee waraana itti banuu itti fufe. Kan ABO’n akka inni gocha sana dhaabu gaafates fudhachuu dide.

Gama kaaniin ammoo uummati Oromoo hedduun akka qaama mootummaa aangoo qabate amanee fudhatuuf miidiyaaleen Oromoon daawwatuuf jaallatu marti irratti dalagan. Uummatni Oromoo gariinis Abiyyi Ahemad fi Lammaa Magarsaa sadarkaa faarsuutti ce’e.

Kun qormaata ABO’n keessa hulluuquuf tarkaanfii gamnummaa fudhachuu qabu isa olaanaa ta’ee argame. Uummati wayiita qaama mootummaa ABO’n himatu dhugaadha jedhee amanuun sadarkaa itti ulfaatu irra gahe. Sababaan Lammaa Magarsaa akka qabsoo bilisummaa Oromoo tumsutti fudhachuu ilmaan Oromooti.

Dhugaan jiru garuu Lammaa Magarsaa dabalatee qaamoleen OPDO hedduun isaanii waan Asmaraatti irratti walii galan keessattuu dhimma namoota siyaasaa achi buuteen dhabamee kanneen akka “Nadhii Gammadaa, Jireemyaa Ayyaanaaf…,” danuu isaanii ABO’n gaafatu isaan rifaasisuu kan hinoolle ABO of irraa dhiibuu filatan.

Kanaanis lola siyaasaa irratti banan. Qaamoleen OPDO akka waan muuxatanii Oromummaa isaaniitti deebi’anii sabaaf hojjetan of fakkeessuun namoota Oromoon nii dhaga’a jedhanii yaadan amalaan hawwaachuu jalqaban. Namooti OPDO’n hawwatan kunneenis hojii jaraatti dammaquu dadhabuu ta’uu kan hinoolleen gowwonfamanii mootummaa hadheessuu irra waan ABO’n balleessaa jiru itti fakkaatee uummatas akkanaan hubachiisuu eegalan. Kun ammas qorumsa biraa ABO hudhee qabe ta’e.

Dhiibbaan akki hogganni ABO gara mariitti galee biyya isaa Oromiyaa seenuu taasise inni olaanaan uummati Oromoo qaama aangoo qabate Dr. Abiyyi Ahemad Oromoodha jechuun miidiyaaleen qabsoo Oromoo roga maraan tumsaa turaniif kan mootummaa afaan tokkoon erga saba Oromoo amansiisanii booda ture. “Oromoo biyya bulchaa jira eenyuun waraanu?” Kan jedhus wayiita sanatti akka malee ho’ee hawaasa keessa faca’uu danda’eera.

Addi Bilisummaa Oromoo garuu gama isaan “an mootummaa Yaadig (EPRDF) hin amanu. Miidhaa guddaas saba kiyya irraan gaheera. Haaluuf galagaluun amala isaanii waan ta’eef qaamni 3ffaan nu gidduu ha seenu” jechuun gaafatee ture. Ejjennoo qaama 3ffaa sanattis akka cochee hindhaabbanneef dhiibbaa wayiita sana ture murteessaadha.

Haala kanaan walii galteen mallatteeffamee Hagayya 14,2018 jilli ABO jalqaba haala aanjessuuf Eertiraa irraa gara Itoophiyaatti ergamee gara biyyaa galan.

Rakkinooti hedduun osoo gama mootummaan isa mudatuus ABO’n Waggaa 4’f kan deemaa jiru Finfinnee gale. Hogganni adda Bilisummaa Oromoo biyya isaa Oromiyaa kan seene Fulbaana 15,2018 yoggaa ta’u ilmaan Oromoo golee Oromiyaa mara keessaa magaalaa Finfinnee seenuun simannaan ajab jechisiisu taasifameef.

Simannaan ABO’f taasifame miira gaarii dhaabni kun uummata biraa qabu, dhaaba siyaasaa uummataaf warraaqu ta’uu isaa ragaa baheeraaf. Kanaanis addunyaan dhaaba waggaa dheeraaf qabsoo hidhannoo irra ture kana, uummati dila hedduun jaalala qabaachuu isaa hubattee miira holola garaa garaa ABO irratti oofamaa tureen qabaataa kanneen turan akka jijjiirratanii gaarummaa dhaaba Oromoo kana hubatan taasiseera.

Walii galtee Asmaraatti taasifame dhiibbaa uummati Oromoo taasiseef fedha saba keenya Oromoo waan tureef ABO’n walii galtee sana akka fudhate hima.

Qondaalli ABO Koloneel Gammachuu ayyaanaa dhimma sana ilaalchisuun bara 2019 keessa turtii OMN waliin taasisaniin “Walii galtes sanatti hingaabbu. Baay’een itti gammada. Sababiin isaas Oromoti barbaade. Principle keenya keessatti uummanni hindogoggoru jennee waan yaadnuuf wanti na gaabbisiisu hinjiru” jechuun dubbatanii turan.

ABO’n fi Oromoon eessatti ganaman?

Simannaan ABO erga uummata miliyoona 5 oliin simatamee booda, ABO ganuun karaa qaama mootummaa mataa mataan isaa mumul’achuu eegale. Kunis waadaa dhimma simannaa irratti ABO’f gale haaluu mootummaa dabalatee, wantoonni hedduu mallattoon ganamuu ABO agarsiisan guyyuma simannaa ABO sana qaamolee mootummaa irraa argamuu eegalan.

Adeemsa kana obsaaf kutannoon ilaaluudhaan, hogganni ABO olii irraa hanga gadiitti quba wal qabsiisuun miseensaaf deggaraa isaa maraafiis karaa keessoos karaa miidiyaas ganamuu ABO dudubatamuudhaan obsaan nii sirrata adeemsa jedhamuun eegamaa turuu isaa haasaa qondaalonni ABO taasisan irraa hubatama.

Haala walii galtee ABO ilaalchisee Addi Bilisummaa Oromoo ABO’n gaafa qabsoo karaa nagaatti amanu, nageenya saba isaa Oromoo tiksuuf kan dandeessisu mootummaa waliin ta’ee humna waraanaa siyyaasa irraa walaba ta’e waraana addaa Oromoof akka ijaaramu waadaan galamee ture. Haala kana keessatti miseensotiin WBO mooraa guddicha Eertiraa turan amantoo guutuudhaan kumaaf dhibba sadii kan ta’an mootummaatti hoggana ABO tiin laataman.

Mootummaanis miseensota WBO kana mooraa Ardaayitaa keessatti Leenjiin akka laatamuuf waadaa galuudhaan humna waraanaa Oromoo fi Oromiyaa tiksu ittiin ijaaruuf waadaa gale hojiirra oolchuuf Ardaayitaa keessatti akka Leenjii fudhatan hojiin eegalame. Haala kana keessatti, nageenya Oromoof kan abdataman waraanni kun baatii muraasa gidduutti Leenjii isaanii xumuranii akka bahan waadaan galamee, guyyaan Leenjii xumuranis himamee hojiin itti seename.

Kana keessatti akka hogganni ABO yeroo dubbisuu barbaadu dubbisuu qabu waadaan galame diigamee akka hogganni ABO waraana WBO kana hindubbifne danqaan eegale. Adeemsi kun akka sirratuuf amala ittiin beekamu amala obsaa sanaan hogganni ABO mootummaa kadhataa turuu isaa miidiyaalee garaagaraaf hayyu Dureen ABO Daawud Ibsaa fi Dubbi Himaa ABO dabalatee hogganoonni olaanoon hedduun ibsa laataa turaniiru.

Mootummaan rakkoo dhalchaa jiru kana daddaffiin akka furuuf karaa nagaan gaafatamus itti fufee waadaa ABO dhaaf gale irraa jalaan haaluu eegale.

Akka walii galtee ABO fi mootummaan Magaalaa Asmaraatti haasa’anitti qabeenyaan ABO mootummaan saamamaa ture marti nii deebifama, waajjirri ABO Oromiyaa mara keessatti nii banama kan jedhu ture. Kun hafee Waajjira ABO Gullallee illee guutuun guutuutti kennuufii didee rakkoo dhalchuu itti fufe. Dabalataan qabeenyaa ABO kan waggoota 28 duraa qabee saamame mootummaan isinii laanna jedhee Asmaraa magaalaa Guddoo Eertiraatti waadaa gale sanas haale.

Kun ta’ee wayiita jirutti waraana Bosona Oromiyaa keessa jiru karaa Teknikaan galchuuf waadaa ABO fi mootummaan walii galan sunis fashalaa’uudhaan, Waraana WBO bosona jiran irratti humni waraanaa guddaan mootummaadhaan itti bobbaafame. Kana keessatti waraana WBO Zoonii Lixaa jiran irratti lolli hammaataan mootummaan baname. Haala kanaan waraanni Oraalii 100 tilmaamamu karaa lamaan, Lixaa Wallaggaa fi Wallagga Bahaa daarii Amaaraa irraan Oraaliin 50, 50 ta’u WBO tti bobba’e.

Adeemsi kun abdii karaa nagaa ABO’n qabatee biyya gale cabsuu keessatti gahee olaanaa bahateera. Kana malees abdii fi hawwii nagaaf tasgabbiin nuuf uumame jedhee Oromoon abdataa hawwaa ture bishaaniitti naquu danda’e.

Kun kanaan utuu jiruu, karaa waraanaa WBO cabsuu dadhabuudhaan akka WBO cabsuuf deemanitti humnoonni mootummaa kasaaraa siyyaasaa fi kasaaraa dinagdee guddaan erga dhugamanii booda karaa shiraa WBO bosona Oromiyaa keessaa balleessuuf karoora qabatanii hojiitti seenan.

Akki walii galtee Asmaraa sun hafee WBO’n akka waan harka kennateetti akka galu taasifame. Waraanni Bilisummaa Oromoo bosonaatti hafe maal godhuuf hafe yaadni jedhus akka daran babal’atee haada’amu taasifame. Oromoon Bilisoomee jira kana booda WBO’n hinfeesisu yaadni jedhu saba Oromoo keessa akka seenu taasifame.

Kanaanis dhiibbaa guddaan ABO irratti ta’e. ABO’n haalli adeemamaa jiru marti erga kan yaadameen ol ta’ee humna isaan olis ta’ee booda waa’ee WBO keessaa harka isaa fudhachuu uummataaf hime. Kanaanis WBO’n kan Oromooti, uummati Oromoo akka barbaade ha taasifatu jechuun waltajjii bal’aa irratti labsame.

Erga WBO’n kan uummataa jedhameen booda shirri WBO galchuu jedhus sun cimee adeeme. Kana keessatti qaamoleen shira sana tarii osoo hinubatin qooda keessaa bahatan illee hindhiban.

Haala kana keessatti miseensoti WBO gara 1,000 tilmaaman bosonaa akka bahan taasifame. Waraana shiraan bosonaa baasan hedduu kanas akka uummati eeggateef abdatetti osoo hintaane gara mana hidhaa Xoollaay’f kaanitti akka hidhaman taasifame.

Uummati Oromoo abbootii gadaa galchaa jira, gara nageenya keenya tiksuutti waraanni kun nuu deemaa jira kan jedhee abdates hawwii qofa ta’ee hafe.

Mooraa mana hidhaa Xoollaaytti waraana WBO geeffaman kanas soorrata dhorkachuun dararaa irraan gahuun gama mootummaan mul’ate. Kana malees nyaata summeessuun WBO’n tilmaamaan 400 ta’an summii mana hidhaatti laatameefiin miidhaman.

Kun dhugaa ABO kan hubachiisuu eegale keessaa isa tokko ta’e.

Haalli kun daranuu gara mariitti kan deemamu irra gara waraanaatti kan adeemu ta’e. WBO’n hedduun shira sana hubachuun bosonatti hafan. Kanneen bosonatti hafan yakkamoo akka ta’anitti maqaan mogga’eef. Haalli daranuu gaafa wal xaxaa adeemu, sochiin ABO guutummaan bakka hedduu danqamaa dhufuun yaaddoo uummatattis uume.

Haala kanaan booda waajjiraaleen ABO bakka hundaa humna waraanaa mootummaan cufamuuf saamamuu eegalan. Qondaalonni ABO, miseensoti ajjeefamuuf hidhamuun itti fufe.

ABO’n har’a hoggana isaa gara caalu mana hidhaatti duraa darbatamaniiru. Hogganoota isaa kaan ammoo ofitti siqsuudhaan qaamoleen mootummaa caasaa isaanii taasifatanii bakka isaan barbaachisanitti dhimma itti bahataa jiran. Akka keessoon hoggana ABO wal dhabee dhaabni Oromoon abdatu kun diigamuufis tattaaffiin laayyoo hintaane gama mootummaa kan ofiin jedhu PPn raawwate.

Hidhaan hogganaaf qondaaltota ABO fi miseensa isaa guutuu Oromoo irratti qaama PP’n raawwate.

Hogganoota olaanoo miseensa Shanee Gumii Gumii Sabaa ABO keessaa Abdii Raggaasaa fi Mikaa’el Booran mana hidhaa kan jiran yoo ta’u hogganni gidduu ABO kanneen 10 ta’an akkasuma qondaaltonni hedduun, miseensotaaf dargaggooti dhaabichaa walumaa gala tilmaamaan ilmaan Oromoo kuma kudhanii ol (10,000) mana hidhaatti darbatamaniiru.

Kanneen tilmaama lakkoofsaan gara kuma afurii (4,000) ammoo Oromoo irraa erga hogganni ABO biyya galee ajjeefamaniiru.

Haalonni waajjira ABO cufuuf saamamuu fi hogganoota dhaabichaa hidhuu kun ammoo akka dhaabni siyaasaa kun hojii filannoof isa dandeessisu hinojjenne taasisuun dhiibbaa irraan gahe. Dhiibbaa kanaanis ABO’n filannoo keessaa baafameera. Filannoo keessaas dhiibamee bahuu uummataaf ibse.

Erga kunneen ta’een booda manni HD ABO torbanoota darban keessa humna waraanaa mootummaa ofiin jedhuun cabsameera. Mana jireenyaa cabsanii itti seenuudhaanis namoota mooraa sana galan hidhaniiru. Quba akka qabnutti HD ABO Daawud Ibsaa hidhaa dhaabbii mooraa isaanii keessatti hidhamanii jiraachuudha.

Irra deebiin kan maxxanfame.

Exit mobile version