Filannoo Bara 2013 Ilaalchiisee Ibsa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa Kenname

Filannoo Bara 2013 Ilaalchiisee Ibsa Kongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) irraa Kenname

KFOFilannoon marsa 6ffaa geggeeffamuuf mootummaafi boordiin filannoo qophii gochaa akka jiranu KFOn odeeffannoo qaba. Biyya keenya keessatti dirreen dimookiraasii akka ijaaramu dhaabi keenya yeroo bu’uureeffame irraa eegalee filannoo geggeeffama ture keessatti waggoota digdamaa oliif karaa nagaan qabsa’aa kan ture yoo ta’u, filannoo biyyaleessa marsaa 6ffaaf bara 2012 keessatti hirmachuuf qophii barbaachisu godhaa utuu jirruu filannoon sun dabarfamuunsa ni yaadatama. Ammallee filannoo bara kana geggeeffamuuf karoorfame irratti qooda fudhachuuf fedhii guddaa kan qabnu ta’uusa ni beekama.

Haata’u malee, haaluma kanaan dura addeessa turre hoggantootiifi miseensoti KFO filannoo keessatti taajjabdoota, dorgomtootaafi qindeesitoota ta’uu kan danda’an sadarkaa federala irraa kaasee hanga gandaatti hidhamanii waan jiraniif akkasumas waajjiraleen keenya waajjira muummee irraa kan hafe kanneen biroo nurratti cufamani jiranitti filannoo keessatti hirmachuun hedduu nutti ulfata. Kanaafuu, hattaataman walii galtee biyyalessa irra gahamee filaannoon dimookiraatawaa, amanamafi fudhatama ta’u akka geggeefamuuf, akkasumas nageenyi waarawaan akka bu’uuf yoo barbaadame:-

  1. Hoggantootifi miseensoti keenya martinuu akka hiikaman;
  2. Waajjiraleen keenya martinuu akka nuuf banaman;
  3. Mirgi bilisummaan socho’anu nuuf kabajamee dirreen siyaassaa dorgomiif akka mijata ta’e akka uumamu ni gaafanna.

Kongireesii Federalawaa Oromoo (KFO)
Finfinnee: Sadaasaa 30/2013


ምርጫ 2013ን አስመለክቶ ከኦሮሞ ፌዴራላዊ ኮንግረስ (ኦፌኮ) የተሰጠ መግለጫ

ስድስተኛው አገራዊ ምርጫ እንደሚካሄድ በመንግስትና በምርጫ ቦርድ እንቅስቃሴዎች እየተደረጉ እንደሆነ ኦፌኮ እያየ እና እየሰማ ነው፡፡ በአገራችን ዴሞክራሲያዊ ሥርአት እንዲገነባ ከምስረታው ጀምሮ በምርጫ ውስጥ ሲሳተፍ የቆየው ፓርቲያችን (ኦፌኮ) ላለፉት ሁለት አስርተ ዓመታትና በላይ በሠላማዊ መንገድ እየታገለ ለ6ኛ ጊዜ በ2012 ሊካሄድ ታቅዶ ለነበረው አገራዊ ምርጫም ሰፊ ዝግጅት በማድረግ ላይ እያለን ምርጫው መተላለፉ ይታወሳል፡፡ አሁንም በ2013 እንዲደረግ በተያዘው ዕቅድ መሠረት በምርጫው ለመሳተፍ ፍላጎት እንዳለንም ይታወቃል፡፡

ነገር ግን ቀደም ሲል በተደጋጋሚ ስናሳውቅ እንደቆየነው ሁሉ ከፌዴራል እስከ ቀበሌ ድረስ ያሉ ታዛቢ፣ ተወዳዳሪና አስተባባሪ ሊሆኑ የሚችሉ አመራርና አባሎቻችን ታስረውና ከማዕከላዊ ጽ/ቤት ውጭ ያሉ አብዛኛው ቢሮዎቻችን ተዘግተው ባሉበት ሁኔታ ውስጥ በምርጫው ለመሳተፍ እጅግ በጣም አስቸጋሪ ይሆንብናል፡፡ ስለዚህ በአስቸኳይ የተሳካ ብሔራዊ መግባባት ላይ ተደርሶ ምርጫው በታቀደለት ጊዜ ውስጥ ሠላማዊ፣ ዴሞክራሲያዊና ተአማኒነት ባለው ሁኔታ እንዲደረግና በአገራችን ዘላቂ ሠላም እንዲሰፍን ከተፈለገ፤

  1. የታሰሩ አመራሮችና አባሎቻችን በሙሉ እንዲፈቱ፣
  2. በመንግስት ኃይሎች የተዘጉ ጽ/ቤቶቻችን እንዲከፈቱ፣
  3. በነፃነት የመንቀሳቀስ መብታችን ተከብሮ የምርጫው ዝግጅት ለማድረግ የሚያስችል ፖለቲካዊ ምህዳር እንዲፈጠር እንጠይቃለን፡፡

የኦሮሞ ፌዴራላዊ ኮንግረስ (ኦፌኮ)
ፊንፊኔ፤ ሕዳር 30/2013 ዓም

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.