Fincilli Xumura Gabrummaa Barattoota Oromoon Geggeeffamu Itti Fufee Jira!

Nuyi Bilisummaa Barbaanna!, Hidhamtootni Siyaasaa haa hiikaman , Haqni Haacaaluuf kan jedhu hiriirri jabaatee itti fufe

SQ | Guraandhala 6, 2021

Hiriirri Mormii barattoota mana barumsaa qophaayinaa magaalaa Amboon Guraandhala 5/2021 eegale baha Oromiyaa tti babal’achuun Magaalaa Dirree Dhawaattii fi Harargee Bahaa Dirree Xiyyaaraatti kan gaggeeffamee ture guyyaa har’aa guraandhala 6/2021 lixa Shaggar Magaalaa Geedoo, wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee fi Horroo Guduruu Jimmaa Raareetti barattootni mana barnootaa sadarkaa lammaffaa baratan hiriira barattootni mana barumsaa qophaayinaa Amboo eegalan wal irraa fuudhuun guyyaa har’aa gaggeeffataa oolaniiru.

Hiriira barattootni mana barumsaa sadarkaa 2ffaa gaggeessaa jiran ammaan booda Oromiyaa keessatti Bilisummaa barbaanna, hidhamtootni siyaasaa haal duree tokko malee akka hiikamanii fi Haqni Hacaaluu akka bahu gaafataniiru.

Hiriirri Mormii kun hidhaa fi ajjeechaa sukkaneessaan Oromiyaa keessatti lammiilee Oromiyaa irratti waraana PPn ajajamanii raawwatamaa jiran kan balaaleffate yoo tahu olaantummaa seeraa tuffachuun kan Manni murtii lakkise poolisiin hidhee jiraachuun haqa I Sabboontotaa ukkaamsuuf deemaa jiru tahuus Mormii barattootni gaggeessan keessatti akka dhaadannootti sagalee isaanii dhageesifataa turaniiru.

Hiriirri Mormii kun roorroo daangaa darbe sirni amma jiru ilmaan Oromoo fi lammiilee Oromiyaa irratti raawwachaa jiru balaaleffachuu qofa osoo hin taane hundeen jijjiiruuf akka barattootni mana barnootaa sadarkaa lammaffaa gaggeessaa jiran kun Sagalee Qeerrootti himaniiru.

Hanga gabaasaa kana qindeessinutti poolisiin barattoota hiriira mormii bahanii sagalee isaanii dhageesifataa turan irratti tarkaanfii fudhateen barattootni hedduun reebicha hamaaf kan saaxilam yoo tahu barattooni baayyeenis qaama waraanaan qabamanii hidhamanii jiraachuu maddeen keenya nuuf himaniiru.
=================================================================
Hiriirri mormii sirna pp balaaleffatu barattoota mana barumsaa Dirree Dhawaan gaggeeffamaa jira
SQ | Guraandhala 5, 2021

Mormiin sirna pp balaaleffatu kan kan mana barnootaa qophaayinaa Amboon ganama eegale barattoota Dirree Dhawaan itti fufee jira.

Hiriira mormii kana irratti hidhamtootni siyaasaa haa hiikaman Filannoo dura nagaa fi Tasgabbiin biyyaaf jiraachuun murteessaa dha kan jedhuun waamicha MCBOf ABOn labsame KFOn ofitti fudhate akka hojiirra ooluu qabuuf waamicha dabarsaniiru.

Mormiin barattoota mana barnootaa qophaayinaa AMBOOn qormaata hin fudhanna osoo sabni keenya qaroo keenya ajjeefamuu, hidhamuu jechuun eegale yeroo ammaa baha Oromiyaa keessatti magaalaa Dirre Dhawaatti kan deemsifamaa jiru tahuun itti fufee jira.
================================================================

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.