Gaaffii fi Deebii Jaal Marroo fi RABO Amajjii 09, 2021

0

Damee Boruu irraa | Amajjii 11, 2021

Guyyaa dheengeddaa Amajjii 09, 2021 utuu marasaa hawwaasaa telefoona koo irraa gagalagalchuu gaaffii fi deebii Jaal Marroon RABO irratti gochaa jirutti bahe. Diinni keenya Jaal Marroon du’e jira jedhanii yaroo dibbee tumaa fi sirbaa jiran sagalee isaa dhaga’uu caalaa kan na gammachiisu hin jiru. Midiyaan nafxanyootaa fi finxaaleyyii Amhaaraa bal’inaan oduu kana facaasaa jiru. Kana malee weerara Tigray booda Jaal Marroon du’un gammachaa dhachaa tahe arganne jedhanii midiyaan isaanii biyya keessaa fi alaa labsaa turan. Guyyaa Amajjii 01, 2021 Guyyaa WBO fi bara haaraa irratti Jaal Marroon dubbii gochuun isaa kan yaadatamu. Garuu warri diina Oromoo tahan namni gaaf sana dubbate Jaal Marroo miti utuu hin taane nama biraati jedhanii soba isiinii dhugeefachuuf yaalaa turan.

Waan diinni Oromoo itti jiru ifaa dha. Jabaa Oromoo ajjeessuu fi lafa irraa balleessan malee Uummata Oromoo cabsuu fi bituun akka hin danda’an bareechanii beeku. Yaalli wagaa sadan darban kana keessatti godhaniin Jaal Marroon injifatee waraana diinaa of irraa ittisuun yaadoo guddaa itti uumee jira. Akeeka Oromiyaa lamaffaa cabsanii bituuf gufuun guddaan isaan dura jiru Jaal Marroo fi waraana inni hhoogganu. Erga juntaa Tigray cabsanee booda imaamata Beenshangulii fi Oromiyaa akka garbuu baraahessan irra deemana kan jedhu qabu ture. Jaal Marroo ajjeessuun jabaa Oromoo tokko dhabamsiisu irra darbee waraana qor-qalbii Uummata Oromoo cabsuuf godhamu dha. Oromonni baayyeen yaadahanii dubbiin kun ammam dhugaa dha jedhanii wal gaafachaas jiru.

Jaal Marroon har’a nama tokko miti. Sirna tahee jira warri jedhan dhugaa.  Maarroo kumaatamatu Qabsoo Bilisuummaa Uummata Oromoof hiriira akka galaa jiru fira mitit diinni keenya iyyuu argaa jira. Nafxanyoonnii fi finxaaleyyii Amhaaraa Jaal Marroo ajjeessuuf lafaa fi qilleessa irraan dhamaa’aa akka jiran ni beekna. Humna jabaa karaa lafaa itti dhufu jalaa maqee umurii isaa dheeressun Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo wabii guddaa taha. Balaa karaa qilleensa irraa dhufuu tokko wal quunnamtii elektirooniks xiqqeessuuf nama bakka isaa bu’ee dubbatu gochuun akka barbaachisu yaroo darbee yaada koo dhiyeesef waanan jiruuf irra deebi’uun barbaachisaa natti hin fakkaatu.

Marsaa Hawaasa irrtti bara kana bal’naan kan oddeefamaa jiru Mootummaan Kononeel Abiyi Liyuu Haayilii Amhaaraa fi Somaalee uffata Humna Addaa Oromiyaa itti uwisee humna qilleessaa wajjin gara dhiya Oromiyaa erguuf qophii xumuree jira kan jedhu. Dhugaa tahuu isaaf ragaan qabatamaan hin jiru. Dr. Getaachew Jigi kaleessaTigrayi Media House irratti gaaffii fi deebii yaroo godhuu Waraanni atobisii gara dhibaa gara Wallagaa deemaa jira jedhee ture. Burqaan oduu isaa maal akka tahe ifa hin goone.

Kun Kanaan utuu jiru gara gaaffii fi deebii Jaal Marroo haa deebi’uu. Erga Amajjii 01, 2021 gad baatee dubbatee booda ille soba du’ee jira siin jedhu kana maal jetta jettee gaafatte. Deebii bareedaa kenneef. Kunoo nan jiraa jedhe. Waan barbaadan haa jedhan jedhee bira darbe. Nama lubbuun jiraate sitti dubbachaa jiru duutee jirta jedhanii gaafachuun barbaachisaa dha?  Kan baayyee na suukanneese gaaffi ishee isa lamaffaa ti. Sagalee ishee ajjeeftee nama Jaal Marroof ooge fakkeessitee Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo irratti summii facaafte. “WBO fi ABO gargar baaftan”jedhanii isin komatu kana maal jetta jettee gaafate.

Intalli gaaffii kana gaafattu Jaallannee(Zayitunaa Baqalaa) namni jedhamtu kun nama safuu hin beekne kashlabee  kaadhimaan ishee qabsoo keessatti qabamee hidhame jenaan hiriyyaa isaa nama Jireenyaa Guddataa(Zalaalam Tafarraa) jedhamu itti heerumtee biyya Kanadaa jiraati. Jaal Marroo, namni kadhimaa ishee turee fi inni abbaa mana ishee tahe qabsoo keessatti warra hiriyyaa turan jedhama. Kana irraa kan ka’e Jaallanneen Jaal Marroo wajjin wal quunnamitti lafa jala waan qabduuf Jaal Marroo waan oddeefamaa jira jettu sana lafa jala waan isa fudhachiifte jirtu fakkaata. Gaaffii ishee fi deebii isaa irra xumura kana irra gahe malee ragaa tokko illee hin qabu.

Yaroo itti diinni Uummata keenya lafa irraa dugugee balleessuuf haaduu qarataa jiru kana ijaarsa Oromoo jidduu mamiin, shakkiin fi wal dura dhaabbachuun akka dhalatu yaaluu caalaa diinni qabsoo kanaa hin jiru. Yaroon kun yaroo humni qabsoo keenyaa itituu qabu dha. WBO fi ABO jidduu miti warra OPDO iyyuu yaroon uummata keessan araara gaafatanii badii jalaa oltan amma jedhee dhiibaa gochaan. Maaliif yoo jeenne diinni nafxanyootaa fi finxaaleeyyiin Amhaara lafa Oromo malee Uummata Oromoo ijaan arguu hin barbaadu. OPDOn illee utuu hin hafne akka hunda keenya balleessuuf deeman hubachuu maaliif akka dagannu naaf hin galu.

Utuu komiin akkasii jiraate iyyuu yaroon kun yaroo wal irratti galgaluu qabnu miti. Komiin asaasaa kan namni oduu wal ulaa olee bulu. Qabsoo keesatti wal komachuu utuu hin taane karaa barbaachisaa taheen wal qeeqanii wal qajeelchuun ni danda’ama. Jireenya keenya keessatti kan nuu faarsu fi komatus akka jiru dhagachuu hin qabnu. Warri har’a wal faarsu boru wal komata. Warri har’a wal komatu boru wal ammata, wal faarsa. Haala qabsoon itti deemtu murteessa. Odduus tahe komii marsaa hawaasaa irratti deema jiru keessaa waan isheen kaafte kana karaa koo hin dhageenye. Bara kana waan hawwaasa keessa jiru marsaa hawwaa irra yaroo nana’aa agarra.  An hin dhageenye yookan hin agarree jechuun ishee hin dhageenye jechu akka hin taane naaf gala.

Gaaffiin ishee kun Jaal Marroon baayyee waan isa xuqe natti fakkaata. Kanaafan duraan lafa jala kan itti himaa tutre yoo hin jiraanne waan waa’ee seenaa Qabsoo Bilisuummaa Oromoo waggaa afurtmaa olii kaasee yaroo isaa balleessuuf hin jiru. Garaan isaa akka aarii qabu naaf gala. Haasan isaa dheerate dhiiba dhiigaa natti fiduuf ture. Yaroo dheeraa fudhatee erga fixee booda “Murtii Kori Sabaa Arfafaan dabrse hojii irra olshaa jirra jechuu keetii” jette yaada isa gabaatti walitti qabdeef. Eyyee akkana jedhee yaada ishee dhugoomseef bira darbe. Duraanuu akkuma karaa keenya dirqama qabso qabnu hojiin agarssisaa jira namni immoo waan barbaade yoo haasa’e dhima isaa ti jedhee bira darbuu danda’a ture.

Gaaffiin ishee inni sadaffaan waa’ee beektota Oromoo ilaalu. “Isin waa’ee lolaa malee waa’ee diplomaasii waan beektan hin jiru isiiniin jedhu.  Namni projektii qopheesse isin wajjin hojjechuu barbaade isin didan jiraa?” jette gaafatte. Gaaffii kanaaf Jaal Marroon utuu yaada isaa irratti kenatiin yaroo biraaf dabrsitee jirti. Deebii Jaal Marroo utuu hin taane gaaffii isheetu rakkoo qaba. Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoo keessa bara dheeraa tureera. Akka bara kana Oromoon biyyaa alaa jiruu fi biyya jiru WBO wajjin dhaabbatee hin beeku. Warri miseensa taane dirqama keenya utuu wal irraa hin kune dandeettii fi qabeenya qabnuun waraana keenya wajjin jira.

Yaroo duraaf warra WBOs tahe ABOn hin jiru jechaa turan hunduu galgalee akka barbaachisaa tahetti gurmaa’ee WBO wajjin dhaabbachaa yaroo jiru gaaffii kana fakkaatu isaa fide?  Gaaffii ishee kana booda eenyu akka taate ishee qorachuuf yaaleera. Eenyummaa ishees xiqqoo bareen jira. Abbaa manaa ishee wajjin Projektii raadiyoo kana dabrsuuf horii akka kadhachaa jirtan dhaga’e. Garuu isheen Jaal Marroo irraa waa’ee projektii raadiyoo ishee kanaaf eehama argatee jirt? Qasboo keessatti nama projektii barreesse waraana waan kana hojjechuu nan danda’a jedhee gaafatu amma yoonaa argee hin beeku.  Mootummaa, Universitii fi ijaarsa gurguddaa waa qorataa jiruu projektii kan dhiyeessan baajeta ittiin qoratan yookan hojjetan argachhuf. Waraanni keenya ofii isaafuu baajeta hin qabu nama biraa hojjechisuu miti.

Karaa biraa barataan, Oggeessi fi hawaasi Oromoo biyyaa alaa kana keessatti bifa adda addaan gurmaa’ee rakkina Mootummaan K. Abiyi Uummata Oromoo iraan gahaa jiru saaxiluu fi akka qabsoon bilisummaa Uummata Oromoo dhagatii argatu irratti hojii boonsaan hojjetamee jira. Hojjtamaas jira. Beeka Oromoo tahee namni waan tokko mijjeessuu danda’u WBO wajjin dhaabbachuu irraa of booda waan jedhu in se’u. Kanaaf namoota Oromoo hojiinis tahe baqataa tahanii biyyota akka Sudaan, Sudaan Kibaa fi Misiraa jiraniif WBO qoratee namootni dirqama fudhatanii hojjetan baayye barbaachisaa barbaachisaa natti fakkaata. Yoo naannoo Sanaa namni hin argamne of keessaa namoota dandeettii qaban of keessa gara Sudaan baafachuu qaba.Yaroo tokko tokko inni hojjechuu danda’uuf inni hojjechiisu wal arguun rakkina.

Biyya alaa kana keessatti hojii boonsaa qabsooftuun Seenaa Jajjamoo qofa senetrootaa fi bakka buu’oota mana marii Ameerikaa galagalshitee yaroo haqa Uummata Oromoo akka dhaabbatn gootu Jaallenees haati raadiyoo isa jirti? Maaliif Jaal Marroo hojii boonsaa hoojjetama jiru akkasii itti himtee garaan isaa akka ciisu hin gootu? An raadiyoo qabaachuu irraa rakkina hin qabu.  Raadiyyoo ishee kanan gargaaramtee maaliif akka Qabsoon Bilisumma Uummata Oromoo ititte ddina isaa injifatu gochuuf dhiiba maaliif goone?  Bakka har’a jiru kana irraa gara boodaa deebinee wal nyaachuuf deemna? Diinni keenya Oromoo sanyii lafa irraa dugugee balleessu deemu kanatti? Jaal Marroo qofaatti dhunfachuuf si achi hin dandeessu. Jaal Marroon mallattoo fi qabeenya Uummata Oromoo bal’aa tahee jira. Akka amma gochaa jirtu kana fugisoo isa gorsuu fi fallaa isa deemsiisuun isaafis tahe Qabsoo Bilisummaa Uummata Oromoof bu’aa hin qabu. Ishee utuu hin taane Jaal Marroon bakka isaaf madalu dhaabbachuu qaba. Oduu akkasi fi komii akkasi wajjin deemuu dhaga’uun isa irraa hin eegamu. Jaal Marroo akka maqaa kee mataa kees ol qabadhu. Nama akka Jaallannee irraa oduu hin fudhatiin. Wal beekuu, wal mararsfachuu, wal jaalachuu fi qabsoon waliin hin deemu. Qabsoon hadhooftu dha. Dhugaa barbaaddi. Qabsoon asaasan hin deemu. Namn si komatu yoo jiraate raga wajjin gad baase amma hin dhiyyeessine asaasaa dha. Kanaafuu fudhatama hin qabu.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.