Gadda Guddaa: J Dheengee Hussein har’aa ganama Nairobi boqote

Gadda Guddaa

Dheengee Hussein
J/Dheengee Hussein har’aa ganama dhukubaa tasaa isa mudateen akka Nairobi ti 5:00 am boqote.

Jaal Dhengeen Miseensi Koree Hojii Raawwachiiftuu Wajjira Alaa ABO fi Qabsaawaa waggaa dheeraa ture.
Jaal Dheengee Hussein miseensa gameessa ABO ture. Seenaan isaa galmee qabsaa’otaa keessatti galmaa’ee barayyuu jiraata!!

Boqotuu Jaala keenyaa yeroo dhageenye guddaa guddaa nutti dhagame. Maatii, miseensota, qabsaawotaa fi ummata Oromoo maraafis jajjabina hawwa.

Nagaan boqodhu!

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.