GUMAATA SEENAA, DAMBOOBSAA DHALOOTAA FI TIKSAA DUUDHAA FI EENYUMMAA OROMOO

  1. Seensa fi Seenaa

GUMAATA SEENAADhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Jaarmiyaa amantii; duudhaa fi aadaa Oromooti. Akka ilaalcha ykn dhugaa Oromootti amantii jechuun ammoo dhimma waliigala jiruuti. Dhimma jiruu yoo jennu dhimma aadaa, afaan, maqaa, eenyummaa, duudhaa, heera, seenaa, sirna, safuu, ayyaantummaa, beekumsa, qaroomina, Gadaa fi walumaagala dhimma lafaa hanga lafee ofiiti jechuudha. Kanaaf Jaarmiyaan Waaqeffannaa Dhaabbatni H/Amantii Waaqeffannaa Oromoo Oromoo ta’uu isaa qofan lafetti amanee as qabuu fi achi qabuu tokko malee kan hojjataa, barsiisaa fi jabeessaa jiru; akkasumas dhala namaa ammoo dhala namaa ta’uu isaa qofaan anatu sii beeka, tiyya malee tee hin taatuu, aadaa tiyya malee, afaan tiyya malee tee hin taatu fi na ta’ii osoo hin qabaatiin; ofta’ii, of-danda’ii, dhugaa jettu ilaaluun dhalli namaa wal hubatee akka waliin jiraatu barnoota duudhaa Oromoo kan barsiisuudha.

Diigamuu Duudhaa Oromoo Sirna Alagaatin Ummatni Oromoo duudhaasaa kan dhabe dhufaatii sirna alagaatini. Duuchumatti ummanni kun erga Gadaan isaa cabee as waa hunda isaa dhabe. Dhimma JIRUU dhiisee dhimma DU’AA akka herreegu ta’ame. Dhimma waloo dhiisee dhimma dhuunfaa akka baree barsiisu dirqisiifame. Dhimma afaan ofii isaa dhiisee afaan biraa akka fudhatu ta’ame. Ilaalcha inni uuma fi uumamaa qabu beekumsa isaa dhabee kan biraan (kan alagaa fi sagantaa alagaan) dhaalame. Eenyummaa isaa dhiisee eenyummaa warra biraa akka himatu godhame. Seenaa biyyaa fi sabummaa mataa isaa dhiisee seenaa sabaa fi biyya biraa akka baratuu fi dha’atu taasifame. Waan argu dhiisee waan hin agarreetti akka amanu ta’ame. Maqaa isaa dhiisee maqaa nama biraan akka owwaatu, maqaa biraa akka baafatu ta’ame.

Maqaa Waaqa fi Kadhaatin Erga abboota teenya cabsanii biyya teenya qabatanii asitti karaan ittin akka malee nu ilmaan isaani hafe dhufaa darbaan cabsani dhuka nu dhugaan keessaa tokko maqaa waaqani ykn amantiini. Waaqa kadhadhu; kadhaatu si baasa; anis siifan kadhadha jedhanii kadhaa akka baru, jireenyi du’a booda jechuun jiruun akka hiyyoomu, akka beekumsa ofii tuffatu qorqalbii hunda cabsanii ilaalcha garagaraa jala maqee akka jiraatullee otoo hin taane jiruu dhabee lafa tanarraa akka badu godhame. Waaqni maqaa Oromoo qabaatuu keetin, Oromummaatti maa amantaan cubbamaa si hin godhu. Warra eenyummaa keenya balleessuuf sagantaa qabutu akka tarsimootti tolfate. Waaqni ammas Afaan Oromoo afaan amantii hin ta’u hin jenne. Alagaatu afaan keenya balleessuuf waaqa da’eeffatee nurratti hojjate. Aadaa fi ilaalchi Oromoo; walumaa gala sagantaan Warra Abbaa Oromoo waaqan walitti nama buusa jechuun akka nuti of irraa gorree isaan jala gorruuf; akka isaanif garba taanee isaan tajaajilluuf maqaa waaqanis bitani nu gurguranii jiru.

Maqaa Ayyaanaan/Ayyaantummaan

Maqaa ayyaanatinis Oromoon ofirraa goree alagaa jala goruun akka ayyaantummaa warra keenya irraa adda cinnus nurratti hojjatame. Akka Malkaa fi Tulluu biyya biraa faarsinu, akka maqaa namoota warra darbanii warra biyya biraa fi warra nu gabroomsee ykn duudhaa keenya balleessee waamnee kadhannuu fi faarsinu nu gochuun nu golgoleessani. Kan intala ajjeesee haadhan boochisa jedhu, kan ilmas ajjeeseen abbaa boochisaa jedhus boroo fi diinqa nu qabatee ykn karraa fi ulaa curroqaa bulee akka boo’ichii fi deegni nurraa hin cinne nu bittinsaa, nu qoodaa isaan jiraachise. Kanas mataa namaa fi diinagdee keenya duursa isaaniin gabbarree akka ta’es namuu hubachuma qaba.

Ayyaantummaa Warra Abbaa Oromoo galanni haa ga’utii humna hunda fayyadamanii hayyoota fi haqa Oromoo awwaalanii dhabamsiisuu hin dandeenye. Haqa kana nuun ga’uun nus ofta’uun Jaarmiyaa Waaqeffannaa Dhaabbata H/Amantii Waaqeffannaa jaarmiyaa amantii warra keenyan ijaarramnee Galmoota Warra Abbaa Oromoo alagaan diigdes deebifnee ijaarrachuun Barnoota Warra Abbaa Oromoo (Barnoota A/Waaqeffannaa fi Heera Gadaa Oromoo), Ayyaantummaa Warra Keenyaa fi jireenya Oromoo sanatti deebinee Galma gallee jirra. Deemsa keenyas ofta’uun waggaa torbaffaa (7ffaa) keenya geenyee.

Walumaa galatti dhalootni ofta’uu dhalootni haaraan kun akka waan alagaa fi sagantaa alagaa didee duudhaa fi aadaa isaatti, waan abbaa ofitti deebi’ee ofta’aa jiru, Galma Waaqeffannaa amantii akaakiloota fi abaabiloota isaa ijaaraa jiruu ni agartu, ni hubattu; akkasumas haqa A/waaqeffannaa keessa jiruus ifa fuulduree Oromummaa dhaloota dhufuu akeekuf beekkamtii kana ni kennitu jennee amanna.

  1. Hundeeffama (Qaama seerummaa Argachuu) Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa

Dhaabbatni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa qaama seerummaa argatee erga giddu- galeessummaa tokkoon socho’uu eegalee waggoota torba guuteera. Haagayya 27/2005 ykn Sep. 02/2013 ALAtti qaama seerummaa argate. Kanaan duratti namootni dhuunfaniifi Galmootni Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa muraasni Magaalotaafi naannoo Dhaabbata

Barnoota Olaanoo Yuunivarsiitii adda addaatti bifa isaanii danda’ameen sochii duudhaa Oromoo, aadaa fi Amantii Waaqeffannaa gaggeessaa turun isaanii sochii deebi’ee ijaaramuu duudhaa fi aadaa Amantii Waaqeffannaa kana keessaatti qooda guddaa taphataniiru.

Kanatti aansee (qaama seerummaa erga argameen booda) Waaqeffattootni Galmoota duraan turaniifi dhaabbachuuf tattaafachaa jiran aaga wal dhageechisuun akkataa ittin hojii amantichaa qaama seerummaa dhabuun akka rakkootti nu muudata ture sana maqsinee ooggansa tolfannee; caasaalee diriirsun akkamiin Galmoota Amantii Waaqeffannaa babal’ifna?, barnoota aadaafi duudhaa amantichaas Galmootan geenya? fi kkf deebisuuf Yaa’ii Galma Amantii Waaqeffannaa Malkaa Gafarsaa Buraayyuutti Onkololeessa 23, bara 2006 Galmoota yeroo sana hundeeffamanii jiran baay’inaan 15 ta’aniifi waaqeffattoota magaalaa garagaraa irraa walitti dhufanii mari’atameen marii lammaaffaaf Go/Wallagga Bahaa, Magaalaa Naqamtee Galma Amantii Waaqeffannaa Naqamteetti Sadaasa 13, Bara 2006tti saganteeffate. Bifuma kanaan Sadaasa 13/2006 Ma/Naqamteetti Yaa’ii Golee Oromiyaa hundaa walitti yaa’een gaggeessitoota Dhaabbataa akka biyyaatti filatee hojii duudhaa Oromoo fi Amantii Waaqeffannaa akka biyyaatti giddu-galeessuummaa tokkoon eegale.

Ofta’an Walta’an! Walta’an Abbaa Waan ofii Ta’an!

(Qaama Seerummaa Dh/H/A/W)

  1. Ijaarfama ykn Gurmaa’ina Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa

3.1. Giddu-gala Dhaabbatni Hordoftoota A/Waaqeffannaa akkataa Oromiyaa bal’oo waliin ga’ee babal’inaa fi guddina hojii aadaa, duudhaa fi A/Waaqeffannaaf tolutti Giddu-galoota shan (5n) tolfatee hojiisaa eegale.

Giddu-gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Giddu-galeessaa A. Teessoo:- Buraayyuu Galma Amantii Waaqeffannaa Malkaa Gafarsa Buraayyuuti. Buraayyuun ammas Teessoo Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa lakkofsa tokko. B. Naannawa Hojii:- Finfinnee fi Naannawaa Finfinnee, Godina Shawaa Lixaa, Shawaa Kibbaa Lixaa fi hanga Jimmati.

Giddu-gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Bahaa A. Teessoo:- Boosat Oolacitii Galma Amantii Waaqeffannaa Boosati. Boosat Teessoo Dhaabbata H/Amantii Waaqeffannaa lakkofsa 2ffaadhasi. B. Naannawaa Hojii:- Harargee laman, Shawaa Bahaa, Arsii fi Dirree Dhawaadha.

Giddu-gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Kibbaa A. Teessoo:- Magaalaa Bulee Horaa Galma Amantii Waaqeffannaa Bulee Horaati. B. Naannawa Hojii:- Boorana,Gujii lamaan, Baalee lamaan fi Arsii Lixaa dabalata.

✓ Giddu gala Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Lixaa

  1. Teessoo:- Magaalaa Naqamtee Galma Amantii Waaqeffannaa Naqamteeti. B. Naannawaa Hojii:- Wallagga arfan, Iluu Abbaa Booraa fi hanga Buunno Baddalleetti hojii Amantii Waaqeffannaa itti gaafatamummaan gaggeessaa.

Giddu gala H/Amantii Waaqeffannaa Kaabaa A. Teessoo:- magaalaa Fiichee; Galma Amantii Waaqeffannaa Diida-Heexooti. B. Naannawa Hojii:- Godina Salaale fi Walloo hundaa irratti hojii Amantii Waaqeffannaa hunda itti gaafatamummaan hojjata.

Hub. Giddu galootni shananu Oromiyaan alattis hojii Amantii Waaqeffannaa kallattii isaaniin bakki itti gaggeessan jira. Fkn:- Giddu gala H/Amantii Waaqeffannaa Giddu galeessaa; Naannoo Kibbaa Godina Guraageetti Galma Amantii Waaqeffannaa Walqixxee, Giddu-galli Lixaa ammoo Galma Haroo Baaroo (Gambeella)

(Giddu-galoota shananii fi teessoo isaani)

3.2. Wiirtuu Amantii Waaqeffannaa Godinaa

Wiirtuun A/Waaqeffannaa Godinaa kan hundaa’u Godina tokko keessatti Galmootni Amantii waaqeffannaa kudhanii fi kanaa ol yoo ta’an yoo ta’u; bifa kanaan yeroo ammaa Wiirtuu Amantii Waaqeffannaa Godinaa torbatu (7tu) hundaa’ee hojii aadaa, duudhaa fi A/Waaqeffannaa gaggeessaa jira. Isaanis Wiirtuu A/waaqeffannaa godinaa kan godina Salalee, Sh/Bahaa, Sh/lixaa, Sh/Kibba Lixaa, Harargee Lamaani fi Godina addaa Naannawaa Finfinnee fi Finfinneeti. Kanaan alattis Godinoota Oromiyaa hunda keessaattis Galmootni banamanii hojiin A/Waaqeffannaa gaggeeffamaa kan jiruudha.

3.3. Konyaa Amantii Waaqeffannaa

Konyaan A/Waaqeffannaa kan hundaa’u sadarkaa Aanaa tokko keessatti Galmootni Amantii Waaqeffannaa shanii fi kanaa ol yoo ta’e ta’ee; yeroo ammaa kana Konyaa Amantii Waaqeffannaa digdamii shantu (25) hundaa’ee jira.

3.4. Galmoota Amantii Waaqeffannaa

Yeroo ammaa kana Golee Oromiyaa hunda keessatti Galmootni dhibba sadii fi sagaltamii afur ta’an banamanii hojii A/Waaqeffannaa gaggeessaa jiru. Oromiyaan alattis iddoo Oromoo fi waaqeffattootni jiranitti banamaa kan jiruudha. Fkn Galma A/Waaqeffannaa Kanaadaa Toroontoo biyya Kanaadatti, Galma Dirree Hadiyyaa naannoo Ummattoota Kibbaa Hadiyaatti, Galma A/Waaqeffannaa Gubbaa Laaftoo Naannoo Amaaraa Magaalaa Wallo Waldiyaa fi kkfnidha.

Kanaan alattis Galmootni Amantii Waaqeffannaa dhiibbaa garagaraa dandamachuu dadhabee idleen sagantaasaa gaggeeffatuu dadhabes hedduun turaniiru. Fakkeenyaf Naannoo Beenishangul Gumuuz Godina Matakkal Magalaa Gaaleessaatti kan ijaarame Galma A/Waaqeffannaa Galeessaa, Wallo-Dasseetti Galma Malkaa Bor-kennaa fi Oromiyaa keessattis iddoo tokko tokkotti ilaalcha biraa nutti maxxansuun iddoon itti gufatan ni jira. Fakkeenyaaf Oromiyaa dhihaatti baay’atus Magaalaa Finfinnee dabalatee iddoo biroos darbee darbee kan jiruudha.

Haa ta’u malee dhiibbaa fi rakkoo jiru hunda dandamatee Dhaabbatni H/Amantii Waaqeffannaa yeroo ammaa Galmoota 394 gaggeessaa kan jirudha. Hojiin dabalataan babal’isuus itti fufee hojjatamaa kan jiruudha.

3.5. Wiirtuu Barnootaa Amantii Waaqeffannaa

Barnootni aadaa, duudhaa fi A/Waaqeffannaa karaalee sadiin kennama. Tokko; sagantaa idlee Galmaa irratti. Lammaffaa Sagantaalee fi Ayyaanota gaggeeffamu irratti hawaasa bal’aa hirmaate hundafi sadaffaan Wiirtuu Barnootaa Amantii Waaqeffannaa ijaarametti. Wiirtuun barnootaa kun Wiirtuu itti Galmootni konyaalee tokko keessa jiranii fi walitti dhiyeenya qaban barattoota sadii fi sadii ol ergatuun idleen leenjiin addaa barnooticharratti kennamuudha. Barattootni wiirtuu barnoota kun waggaaf sagantaan ba’ee itti leenjifamanii ga’umsa argataniin xummura waggaa waggaan eebbifamu. Wiirtuun Barnootaa A/Waqeffannaa erga hundaa’ee waggaa afur (4) ta’ee marsaa sadiif barattoota Wiirtuu eebbisisee jira. Bifa kanaanis barattootni gaggeessummaa fi barsiisummaaf eebbifaman kan bara sadan darbanii dhiiraa dubaraan kuma shanii fi soddomii sagal ni ga’u.

  1. Hojiilee Aadaa, Duudhaa, Gadaa fi A/Waaqeffannaa Dhaabbatni H/Amantii Waaqeffannaa hojjate

4.1. Galmoota Amantii Waaqeffannaa Babal’isuu

Galmoota A/Waaqeffannaa 394 golee Oromiyaa hunda keessatti deebisee ijaareera. Kunis kaayyoon keenya duraa Galmoota aadaa fi duudhaa keenyaa abboota teenyarraa humnaan diigaman deebisanii ijaaruu waan ta’eefi. lafa abboota teenyaa irratti, duudhaa abboota teenyaan, moggaasa abboota teenyani kan ijaaramani fi ijaaramaa jiran.

Fakkeenyaaf; Galma A/Waaqeffannaa Agamtii (maqaa araddaa ganamatiin Harargee lixatti), Galma Amantii Waaqeffannaa Mana Sibuu (maqaa Oromoo gosan Qeellam Wallagga), Galma A/Waaqeffannaa Tulluu Beegii (maqaa Tulluu ulfootin Jimma), Galma A/WaaqeffannaaHora Finfinnee (maqaa Horaatin Finfinneetti), Galma A/Waaqeffannaa Boosat (maqaa gosa Oromootin Shawaa bahatti) fi kkf kaasuu ni dandeenya.

  • Lafa fi araddaa waaqeffannaa dachee aadaa fi duudhaa Oromoo nu jalaa fuudhaandeebifachuun sagantaa Warra Abbaa Oromoo itti gaggeeffachuuf hojiin boonsan hojjatameeraa; hojjatamaas jira. Kunis mirga lafa sirna ofii itti gaggeeffatan gonfatuuti.

Karaalee sadiin; tokko bulchiinsi magaalootaa, aanaalee fi gandootaa haqummaafi nagummaa Waaqeffannaa hubateet argatuu dandeenye. Lammaaffaa Oromootu aadaa fi duudhaa isaaf qabiyyee lafa isaa kan ta’e akka irratti of ijaarruufi sagantaa ofii gaggeeffannuuf nuuf kenne. Sadaffaa gumaata Waaqeffattootan bitachuudhani.

Fakkeenyaaf:- Galma Malkaa Gafarsa Buraayyuu (Magaalaa Buraayyuu) Kennaa bulchiinsa magaatin, Galma A/Waaqeffannaa Tolee (Shawaa Kibba Lixaa) kennaa bulchinsa Aanaatin, Galma Malkaa Birratttee (Mogor) bittan, Galma Odaa Jaarraa Waataa (Walloo Aanaa Jiillee Dhummuugaa Mag. Haxaayyee) kennaa nama dhuunfanii fi kkf.

Yeroo ammaa kanatti Galmootni dhibba tokkoo fi ja’aatamii torba (167) ta’an lafa dhuunfaa Waaqeffannaa hojii hojjatameen argatanii ijaaramuu danda’anii jiru. Galmootni kunneen ijaarsafis maallaqa ijaarsaa fi ogummaa ijaarsanis ofii isaaniin waltumsuun kan ijaarrachuu danda’ani. Itti fufas kan jiruudha.

  • Ujuba ykn iddoo Awwaalchaa

Galmootni A/Waaqeffannaa gara dhibbaatti (100)tti siiqan lafa awwaalchaa argatanii jiru.

Fakkeenyaf:- Galma Hora Doonii (Shawaa bahaa magaalaa Doonii), Galma Sadeen Sooddoo (Sooddoo magaalaa Arbuu Culullee), Galma A/Waaqeffannaa Tulluu barrak (GAONF magaalaa Sandaafaa) fi kkf.

Walumaa galatti hojiin dhimma lafaa; aadaa fi duudhaa Waaqeffannaatif iddoo argachuu hojii waaqeffannaa hojjataa turre fi jirru keessaatti hojii baayyee nu danqeedha. Dhimma murteessaa fi mirga itti qabnu ta’ee otoo jiruu bulchiinsi dhimmi ilaallatu nagummaa fi haqummaa aadaa fi duudhaa kanaaf beekkamtii kennuu diduu, shakkuu fi kkf irraa ka’uun kan rakkataa turree fi jirruudha. Kana ta’ee osoo jiruu garuu amma olitti heerame kana hojjattuun danda’ameera. Dhimmi awwaalcha dhabuu Waaqeffattootaa qor-qalbii hawaasa kanaa cabsuuf iddoo nu dhorkachuun reeffi Oromoo rakkataa turuu miidiyaale hawaasa fi garagaraan darbaallee tureera.

Hedduun waggootan lamaan dura ture rirriittannaa fi obsuumaan dhokfannee hojjataa turre. Kan iddoo waaqeffannaa dhabuu kana caala rakkoo kan tureefi ta’ullee ciminan dhalootni hojjatuun as geenyeerra.

4.2. Barnoota aadaa, duudhaa fi Waaqeffannaa barnoota Warra Gadaa yk Warra Abbaa Oromoo barsiisuu

Amantiin Waaqeffannaa amantii barnoota, heerota, naamusa, afoolaa, seenaa, hiibboo, mammaaksota fi sheekkoo mata ishee barsiiftu qabdu; kan hawaasa Oromoo ykn hordofa amantichaa jiruu fi jireenya isaanii keessaatti bobbase galchu, kan fuula walitti deebisu, nam- tokkee irraa kaasee nagaan akka of danda’ee oolee bulu qajeelchu qabdi. Barnoonni A/Waaqeffannaa kunis barnoota dhugaa maandheeffatee, dhaloota jaalala, haqaa fi nagaan wal jala yaasuudha. Kunis sagantaa gaafa Oromoonnis tahee Kuush sirni isaanii hin diigamin ittiin wal qajeelchaa turan haammata.

Barnoonni ofta’uu ykn duudhaa Oromoo; aadaa fi seenaa hubachiisee bu’uura cimaa kan haadhaa abbaa ofii; saba ofii irraa muuxannoo jireenyaan fooyya’insa guddinaa fidaa adeemuudhaan qaroominaaf gumaachuudha. Dhaabbanni H/Amantii Waaqeffannaa barnoota kana giddu- galeessummaa Jaarmiyaa Waaqeffannaa eegee; waaqeffannaa namuusa fi safuu duraan qabdu sanatti deebisee ijaaruuf barsiisaa ture. Yeroo ammaas Wiirtuu Barnoota Amantii Waaqeffannaa shantamii afur (54) irratti leenjisaa jira. Fakkeenyaf bu’uura barnoota A/Waaqeffannaa duudhaa Oromoo ta’e boqonnaalee digdama keessaa tokko tokko ijoosaa gaggabaabinaan yoo isinii akeeku:- A. Waaqeffataa Ta’uun Ofta’uudha. Of-ta’uun kara abbaa ofii fuula deebi’uudha; Ofuma ta’anii argamuudha, waan ofiitin akka ofiitti jiraachudha. Akkuma namni tokko hidda dhalootaa irraa dhufe qabu, akki inni itti jiraachuu qabu akka dhaloota isaa sana ta’uu qabaata. “Yoo of ta’an, wal ta’an; Yoo wal ta’an, abbaa waan ofii ta’an!” Namni of ta’e abbaa aadaa, afaan, amantii, safuu, duudhaa fi qabeenyaa ofii ta’a. Walumaa galatti Ofta’uun dhimma eenyummaa; idda dhaloota ofii fi ani eenyutii?; nama barsiisa.

Namni of ta’e maal argata, namni of hin taane hoo maal dhaba?

Dhaloonni Of-ta’e, dursa ofuma argata; wal argata; afaan, aadaa, amantii, safuu fi waan isaa hunda argata. Waan ofiititti abbaa ta’a. Dhaloonni of hin taane hoo? Namni of hin taane faalladhuma nama of ta’eeti. Ofiisaa fi dhaloota ofii akkasumas aadaa, amantii, duudhaa, safuu fi qabeenya isaa hunda dhaba. Waan isaatitti abbaa ta’uun hafee tajaajilaa nama isa harkaa qabuu ta’a.

  1. Waaqeffataan Dhala Namaa Akkamitti Ilaalaa? Barnootni kun boqonnaa afur jalatti kan kennamu ta’ee; Waaqeffataan/Oromoon ilaalchan addunyaa kana irra nama shantu jira jedheet beeka.

Shanan hoo? Mucaa tokko fudhatanii irratti heerani. Mucuma kanatu nama afur qaba. Namni afran inni qabu abbaa, haadha, obboleessa fi obboleettii dha. Isatti shan ta’a. Akkasumas heera ittiin bulmaata yakka keessatti yakka abbaa fi ilmaa, yakka haadha fi ilmaa, yakka obboleessa fi obboleessaa, yakka obboleessa fi obboleetti jedhee heera arfan kanaan addunyaa tana mana tokko godhee fudhata. Namuma arfan jiru kana bu’uureffatee teechisee ka’a.

Yakka abbaa fi ilmaa jedhee yoggaa heeru abbaatti kan ilma isaa fakkaatu, ilmattis kan abbaa isaa fakkaatu addunyaa kana guutuun abbaa fi ilma jedha. Yakka haadhaa fi ilmaa jedhee yoo heerus, haadhatti kan ilma ishii fakkaatu, ilmattis kan haadha isaa fakkaattu addunyaa guutuun haadhaa fi ilma. Yakka obboleessaa fi obboleessaa jedhee yoo heeru, kan obboleessa isaa fakkaatu waliin addunyaa guutuu obboleessaa fi obboleessa. Yakka obboleessaa fi obboleettii jedhee yoo heeru, obboleessatti kan obboleettii isaa fakkaattu, obboleettitis kan obboleessa ishii fakkaatu addunyaa kana guutuu obboleessa fi obboleettidha jedheet heera; hanga abbaan warraa fi haati warraa heera obboleessaa-obboleettitiin wajjin bulaniititti. Kanaaf Akka Amantii Waaqeffannaatti garaagarummaa bifaa, sanyii, gosaa, amantii fi kkf osoo hin qoodin; dhala namaa ta’uudhan, fuula namaa qabaachuudhaan qofa kabaja. Dhala namaa waan ta’e fuula isaatin nama ta’uu qofaan addunyaa kana guutuu walqixxummaadhaan ilaala. Kuni garee kooti, suni garee kiyyaa miti waan jedhamuun addaa addummaa ilaalchaatiin dhala namaarratti loogii raawwachuun fudhatama hin qabu. “addunyaa tana irratti wanti hanga ardii ykn bantii lafaa kana ulfaatu ulfina hala namaati” wanti Oromoon jedhus hiika kana qaba, guddaadha.

  1. Waaqeffataan Jiruufi Waan Jiraa Beeka Jiruun maali, wanni jiraa hoo ?

Jiruu jechuun dhala namaa yoo ta’u; Waan jiraa yommuu jedhamu immoo qabeenya(diinagdee) dha. kanaaf “Waan Jiraaf Jettee Jiruu Hin Dhabin”. Akka amantii waaqeffannaatti dhalli namaa fi diinagdeen adda bahee beekameet, dhalli namaa diinagdeetti tajaajilama. Waan jiraatiif jettee jiruu hin dhabin yommuu jedhamus, qabeenyaf(diinagdeef) jettee dhala namaa (obboleessakee, abbaakee, haadha ykn obbleettii) kee hin miidhin jechuudha.

Qabxii kanarratti waaqeffataan jiruu fi waan jiraa beeka yoo jedhamu; namni tokko dhala namaa, saba ofii, dhaloota ofii faayidaa dhuunfa fi ofiif jecha diinagdeen hin geeddaru, hin miidu jechuudha.

  1. Soddoma Uumaa Ambaa Soddoma Uumaa Ambaa yoo jennu; Kudhan obsi, kudhan dhoksi, kudhan gorsii qaba. Soddomni Uumaa Ambaa wajjin jireenya hawaasa tokkootif waan bu’uura ta’eedha. Wal danda’ee wajjin jiraachuu keessatti dhaloota nageenyummaa walii qabuu, dhaloota walii obsu, walii dhoksuu fi wal gorsuun jiraatu uuma. Kanas bal’inaan boqonnaa torba jalatti baratama.

Walumaa galatti bu’uurri barnoota aadaa, duudhaa, safuu, Gadaa fi Waaqeffannaa heera Warra Abbaa Oromoo kan hundeen tolee hundaa ta’uufi maalummaa Oromoo itti baratan, itti dhalootni illee of baran waan ta’eef Jaarmiyaan kun hojii boonsaa hojjateeraa; hojjatas jira.

  1. Kaaayyoo, Milkoomina argatee fi maalif beekamtiin kuni malaaf?

Dhaabbannii H/ Amantii Waaqeffannaa Kaayyoowwan gurguddoo kaahachuun akkuma hojii babal’inaa fi guddina aadaa, duudhaa fi A/Waaqeffannaaf sochii eegaleen kaayyoowwan sana irrattis hojii boonsaa hojjachuun itti milkaahera. Kaayyoowwan sunneenis;

  1. Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa bakka jiranii walitti qabuuni fi gurmeessuun; gurmuun nuti Waaqeffattoota jedhani waloon walitti akka dhufani Waaqeffatan, baratan ta’ee gochuu danda’eera. Itti fufees hojjataa kan jiruudha. Kana qofas osoo hin taanee Oromoonni gaaddisa mataasaa akka qabaatu godhee; eenyummaa, duudhaa, Gadaa, safuu fi Amantii Oromoo ganamaa akka baratan Wiirtuu/gaaddisa saaqefira.
  2. Tooftaa baruumsi amantichaa itti kennamuu qindeessuufi diriirsuun hojiirra oolchuu ta’ee itti milkaa’era. Barnoota amantii cinaattis Ijoolleen Oromoo barnoota baraneen akka milkaa’aniif Galmoota keessatti barattoonni qareeyyiin barattootaa sadarkaa gadi aanaa jiran fi kanneen deeggarsa barnootaa barbaadan akka argatan haala aanjessef. Aamlee gama hundaan ta’eeraf. 3. Iddoo ijaarsa Galmaa fi iddoo ujuba/tajaajila awwaalchaaf oolu bakkota hedduutti

argamsiisee dhiibbaa gama kanas qarafuu qabeera. 4. Amantiin Waaqeffannaa naamusa isaa fi giddu galeessummaasaa eeggatee guyyuu

guyyuun akka adeemsifamuu gochuu danda’eera. 5. Sirni Gadaa bu`uura Utubaa Oromummaa ta`e, Afaan, Aadaa fi duudhaaleen keenya akka guddatanii fi cimaniif barnoota kennuun dhaloota Oromummaatti amanan keessaattu dhaloota haaraa qindeessuu danda’eera. 6. Ayyaanni Yaadannoo Warra Abbaa Oromoo Miila lamaan lafa qabatee akka deebi’ee ijaaramuuf qorannaa fi qormaataa argaa dhageettii Oromoo irratti godheen barnootaan dabaalee dhaloota qareera. Akkasumas cimina Ayyaana Irreechas qooda jabaa gumaataa tureera. 7. Meeshaalee duudhaa fi ulfoowwan Oromoo qoratee, walitti qabee kunuunsuu fi

dhaloonnni akka itti maayii bahan taasiseera 8. Ardaaleen jilaa Kan akka Malkaa, Tulluu, Dirree, Horaa fi kkf kabajaa isaaniif malu akka

argatanitti maqaa lafaaf namaa Oromoo deebisuuf hojiin hojjate heddudha. 9. Qabeenya biyyaa (ummataa) miidhaa, badii, dhiibbaa, faalamaafi manca`iinsarraa hambisuuf miira abbuummaan hojjachuu ilaalchisees duudhaa Waaqeffannaan guddaa milkaa’eera.

  1. Sagantaa Of-danda’uu ijaaruu

Sagantaan of-danda’uu sagantaa Waaqeffannaan qabdu keessaa isa tokko. Sagantaan kunis Kutaa mataa isaa Kutaa Of-danda’uu Dhaabbata H/Amantii Waaqeffannaan gaggeeffama.. Sagantaan Of-danda’uu hirkattuummaa jalaa gama hundaan ba’uun dhalootni ofii of danda’anii waan ofiitti dhimma ba’uudhan akka jiraatuu danda’an gochuuf hojjatuudha. Ummatni Oromoo waa hundaan saba ofta’ee walta’uun ofdanda’ee jiraataa tureedha. Kanaaf nus bakka kufnee kaanee bakka sabni keenya irraa kufetti deebi’uudhaa hojjanna. Diinagdeenis duroomuu, sammuunis bilchaatun duroomani warraa heeraa ta’uuf hojjatuu jechuudha.

Kutaan of-danda’uu yeroo ammaa barnoota fi gorsa sagantichi qabu dhaloota isaatin ga’uun lafa irrattis hojiin ka’uumsaa jajalqabaa jira. Kanaanis karaa qabateera jechuudha. Akka fakkeenyatti oomisha midhaan garagaraa midhaan nyaatafi galtee Industiriif oolu akka boqqoolloo, salaaxaa, loozii, mishingaa fi barbaree omishuu jalqabeera.

Kana malees hojii horsiisa beeyladaa jalqabeera. Horsiisa beeyladatin alattis yeroo dhiyootti daldala dabalatee hojii garagaraa babal’isuuf sagantaafi karoora magaalas qorataa jira. Kanaaf dhalootni keenya bakka hundaa; waan hundaan of dandeenyee hirkattummaa bifa garagaraa irraa bilisa baanee jiraatuuf hojjatuu, gurmaa’uu, waan qaban walitti fiduun hojjatuu baruufi barsiisuu itti fufeera.

  1. Murteeffannoo fi Wareegama kanfalame

Akka osoo qabnuuf dhabneet akka duuchan hin dhabneef immoo waa xiqqoon dukkana jaboo keessatti dungoo qabsiissuun ni guddannaa fi dansooma keenya kaleessatti deebi’uuf dhaloonni waan keenya isa akkaan akka dhabamuuf kallattii hedduun irratti xiyyeefatame badiinsa irraa oolfachuuf finni booree guduunfatee tokkummaan hiriire. Beekumsi keenyaa guddaan, duudhaan keenya gabbaataan, safuuni fi safeeffannaan keenya, Gadaa fi Waaqeffaannaan tuujuma irraa karaa dhugaan akka galoon biyyee lafarraa bishaaniin dhiquu diinota eenyummaa Oromootin dhiqamaa fi qoqoramaa hambaan hafnaan warri hambaa kaleessa immoo akkattiiyuuu dhoksaa fi malan dhalootan gahan.

‘’Wanti Ofii ni barra yoo jedhan nama darararti, barre yoo jedhan nama irraa bararti, ni dhiisna yoo jedhan immoo nama mararti’’ waan ta’eef hin dhiisnuf kanas itti cichinee “waan dheeratte jalaan hulluuqaa; waan gabaabbatte irraan utaalaafi kan gufuu taate ammoo buqqisaa.” As geenye. Santu dhaloota qacalee beekumsi karaa hedduu itti hiixatamee fi buuleyyii Oromoo hagoo dhaan “ silaa biyyi baddee takka takkee irriiba dhabdeef biyyi hafte!” akkuma jedhamu Dhaabbanni Hordoftootaa Amantii Waaqeffannaa akka kaleessa sanatti hunduu guuteefii itti toluu baatus akka hundeenuu dhaloota jalaa hin banne aadaa, duudhaa fi heera warra Abbaa Oromoo tursuu, baraarfachuufi barsiisuuf dhaabbate. Fakkeenyaf:-

✓ “Waaqeffannaan amantii miti; Oromoon amantii laman beekamun ala Waaqeffannaa waan jedhamu qaba. Isin qaama biraa siyaasaa biraatu isin ijaare;” otuma mootummaan jedhamnuu ijaaramnee Waaqeffannaa tarree amantii biyya kana jiru cinatti galmeessifne. Gama nageenyan “hard Core” jedhamas, waa hundan aarsaa ta’atuma obsaa, dhoksafi gorsan as geenye. ✓ “Diinagdeenis dhaaba siyaasaa mormaafi alaa isin tumsutu jira.” jedhamnee otoo hanga ammaattillee haqummaa fi nagummaa keenyaa hin amaniin gumaata dhaloota haaraa waaqeffataa ta’e qofan utubamnee cichoominaan Galmootas ijaaraa, hojiis gaggeessaa as geenye. Kanas falli ofta’uu qofa ta’uu waan barree fi eenyummaa keenya dhabnaan badii akka ta’e waan baranneefi. Waan jiraa miti jiruutu duursan ijaaramne waan ta’eefi. ✓ Otoo Galmootni A/Waaqeffannaa qaama nageenyaa mootummaan diigamuu, gaggeessitootni keenya olii hanga gadiitti hidhamanii fi doorsifamanuu gama biraan ammoo mootummaatu tumsaa akkanatti guddatan jedhanii giddu-galeessuma tokkoon afaan garagaraan nurratti duulamuu dandamannee haqa abboota teenyaa gadi dhaabuu dandeenyerra. Kunis olollii fi uleen harka alagaa ta’uu fi akka keenya kan hin taane baruun haqatti fi hojiitti qofa amanuun hojjatuutti xiyyeeffanneeti. ✓ Uugura garagraan akka hin sochoone nu dhorkani obsaani fi qaama seerummaa qabnuun irra aannaan; qaamni seerummaa akka nurraa mulqamu qaamni nageenyaa Oromiyaa ragaalee sobaa nurratti funaanee Ministeera Dhimmota federaalaa amma Salaam Ministeerii ta’e sanatillee nu himat. kanaanis mormii seeraa fi seeran socho’uu keenya, mirga heerri uumaa fi biyyattillee nuu kenne mirga keenya ta’uu fi dhiibbaa qamni nageenyaa nurraan ga’a jiru sadarkaa sadarkaan hubachiifnee irra aannee as geenye. Kanaa ol haaromsa qaama seerummaa irrattillee nuu haaromuu didee hojiileen waggoottan shanan dabarsine duubatti deebi’amee qoratamee dhumarra irra aannee as geenye. Walumaa galatti kun hunduu jibbinsa alagaa jaalalli fi bilchinni dhalootni waan isaa baratee sodaa tokko malee hojjateen Jaarmiyaan kun milkaa’e waan ta’eef OSA hubatee beekkamtii kennuufin jajjabinaa jaarmiyichaa fi haqa OSAti jennee abdanna.

Oromoon tiruu takka! Oromoon abbaa tokko, afaan tokko qaba. Waaqeffannaan dhimma jiruuti. Oromummaatti akka ilmi Oromoo amanu barsiifti. Ilmaan Booranaa bareentuu waan kamuu irratti Oromuummaa qofan akka wal waamanii owwaatan barsiifti. Kanatu dhugaadha. Dhugaa kana biras waaqni jira. Ayyaana yaadannoo warra Abbaa Oromoo irratti akka aaduu takkaan Oromoon korma tokko qalatanii, waliin nyaatanii; dhaloota ofii warra Oromiyaa, Gadaa fi waaqeffannaa nu dhaalchisan yaadatan; akka waa takkaan wal hin dinne; jaalalaafi fayyaan wajjiin jiraatan waggoottaan digdaman darbe matoota ykn gaggeessitoota ykn bu’uuressitoota jaarmiyaa kanaan waggoottaan 22n baranaa kaasee gaggeeffamaa ture jabeessuun yeroo ammaa Walloo, Wallaggaa, Iluu Harargee hanga giddu galaatti hanga ummata kumaataman lakkaa’amanii walitti dhufuun danda’ameera. Kana keessatti gumaatni Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa ijaaramuun gumaatee waan laayyoo seenaan dagatu miti.

Hunduma caalaa Amantiin Waaqeffannaa fira osoo hin taane diinatu itti baayyata. Hunduu kaayyoo walfakkaataa qabu kan Waaqeffannaa jibban. Hunduu kan irratti duulee diinomfateef Waaqeffattoonni ykn Waaqeffannaan haqa namaatti duulanii ykn nama miidhanii osoo hin taane yoo Oromoon of ta’ee,wal tahe, Galma isaa jalaa diigame deebisee ijaarratee gaaddisa tokko tolfate tokkummaa fi ayyaantummaan isaa waan cimuuf Oromoo qoodanii dhiitaanii irraa nyaachaa isa nyaachuu waan isaanif hin eyyamneefi dha.

Kanaafuu gama tokkoon Tikoonni mootummaa abbaa irree qareeyyii dhaabbata kanaa hidhaa fi as buutee dhabamsaa, gama biraan immoo gaggeessitoota dhaabbileen amantii karaa hedduun tumsa alaa fi keessaa qaban warra mootummaatti hiiqan qabatanii duulaa bifa hedduun Waaqeffannaa irratti taasisuun gaafa fedhanimmoo humna qaban hundaan mootummaan wal tahuun Galmoota jalaa cufsiisaa, kaan gubsiisaa, hordoftonni dhaabbata kanaallee yoo lubbuun boqate iddoo awwaalchaa dhoowwachaa akka warri lubbuun jiru jiiluu fi irraa baqatu gochaa turan. Didhaaleen kunneen hundi garuu guddinaa fi dagaaginaa Waaqeffannaa,aadaa, fi sirna Gadaaa sakaalanii kaahuu hin dandeenye. Daranuu jabaatee dhalootni kaabaa fi kibbaan,bahaa fi dhihaan haqa fi hubannoo isaa jabeeffatee eenyummaa Oromoo karaa hundaan itti duullamtee dhabamaaf qixoofte bakkatti deebisuuf murteeffatan. Aadaa keenyaa daranuu addunyaaf akka calaqqisu karaa hedduun irratti hojjachuu itti fufan. Har’a namuu kan hin jaalannellee Waaqeffannaas maqaa dha’uu jalqabeera. Kanaaf ammoo qoonni dhaloota haaraa dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa qooda abbuummaati. Waaqeffannaa amantii Oromoo irra darbee gurraachota/Kuushota hundaaf deebii’ee amantii Gurraachota Afrikaa akka ta’uttis bu’uurri isaa tolee hundee gadi jabeeffateera.

Dhaabbanni kuni as gahuun isaa murannoo fi ofirratti hirkannoo miseensota ykn hordoftootaa dhaabbatichaatiin tahuunimmoo dhaabbata kana eenyumaa ol jabaa fi wareegama kamiifuu kan hin daddaaqne tahuu ibsa. Biyyaa sana keessatti dhaabbileenn akka dhaabbata amantii Waaqeffannaa kanaa hojii tola oolmaa fi waan biyyummaaaa fi uummataaf tahu irratti hojjataniif deeggarsi karaa mootummaa fi gargaarsi gama NGO kan kennamu tahullee Dhaabbata H/Amantii Waaqeffannaa kana garuu golgoleessuudhaan gargaarsa tokkollee mootummaa irraayis tahee NGO adda addaa irraa waayyuu argatee hin beeku. Irra caalan hordoftoota dhaabbata kanaa Waan tiyya anumatu waliin rakkachuu qaba warra jedhuu fi kaanimmoo qabeenyasaa, beekumsa, dandeettii fi humna isaa wareeguun asiin gahan.

Sabni akka Oromoo guddayyaan kuni waan hedduu qabaachaa akkuma jaarraa fagoo keessa warri hardha eenyummaa isaanii fi teknolojii wal simsiisanii of tahuudhaan diinagdee fi qaroominaan addunyaa kaanin dorgaman OROMOONIS silaa cabuu baate akkuma jaraa taha ture. Maalif wanti keenya dhabamaan, maalif eenyummaan keenya dhokfamaa fi dhokataan,dhugaatti Oromoon mal- bulchiinsaa fi dhugeeffannoo isa fakkaatu amantee hin qabu moo nyaaphatu dhabsiise jechuun dhaloonni booree sana guduunfachuun irbuu ‘’nuti tiruu takka, nuti Oromoo dha, biyyi teenya Oromiyaan dha; Nuti dhugaaf jiraannan, Oromoon waliin safuu kaleessaa fi hoodan bullaan,

Gadaan ijaaramnaan; biyyatu nagaa argata, namatu fayyaa taha, dacheetu akka dur dirreen qullachuurra uummooma jechuun dhaloonni Waaqeffannaa dhaaban.

Warraaqsi eenyummaa, aadaa, safuu, duudhaa, Gadaa fi amantii Oromoo ganamaa bakkatti deebsisuun sabboonummaa fi Oromummaan ititee, tokkummaan Oromoo akka sabaatti guddatee; Oromoon walta’ee, wal jala yaa’ee, walitti quufee, nagaa, bilisummaa fi haqaan akka jiraatu gochuun suni daranuu jabaatee, xummura bara hojii bara kanaa YAA’II WALII GALAA IDILEE 14FFAA DHAABBATA HORDOFTOOTA AMANTII WAAQEFFANNAA akka silaa barametti jila guddaan yoo tahuu baatellee bakka buutota murtaa’een godina Harargee Lixaa, Galma Agamtii, kan Daaroo Labuu tti argamutti waxabajjii 20-23/2020 tti gaggeeffachuun murtilee jajjaboo, karoora bara itti aanuu fi babaldhina Amantii Waaqeffananaa fi Gadaa Oromoo haalan itti jabeessan lafa kaahachuun milkiin xummuranii jiru.

Gumaata hedduu keessaa hanga muraasa gaggabaabsinee armaan olitti keenyeen dhaabbanni kuni qabsoo hadhooftuu aadaa, afaan, amantii, Gadaa fi walumaa galatti beekumsa Oromoo ganamaa deebisee ijaaruuf gochaa turee fi jiru kanaaf beekamtiin kennamuufin haqa jenneet amanna.

  1. GOOLABA

Dhalootni Dhaabbata H/Amantii Waaqeffanna jalatti barnoota duudhaa Oromoo kanaan of hubatan bakka hundatti fi iddoo jireenya isaanii golee Oromiyaa garagaraatti yeroo ammaa nagaa walii isaanii, Oromummaatti amanuu fi Oromoo ija tokkoon ilaaluu irratti, wajaalala fi wal jala yaa’uu, walitti quufuu, naan deemii irratti, fayyina,walii galtee, tokkummaa fi keessattuu aadaa fi eenyummaan Oromoo akkaan iddoosaa duriitti deeebi’aa jiraachuun kun qooda fi ragaa hedduu dha.

Kanaafuu Waldaan Qorannoo Oromoo (WaQO) Ykn OROMO STUDY ASSOCIATION- OSAn) Gumaata seenaa,damboobsaa dhalootaa, tiksaa duudhaa fi eenyummaa fi amantii ganamaa akkasumas faajjii sabboonummaa OROMOO, Dhaabbanni H/Amantii Waaqeeffannaa kuni gumaachef, yoo beekamtii kenneef isaanifis daran haamilee tahee akka jabaatanii kana caalaa hoijjataniif seexaa addaa dabalaaf jennee amanna. Kana malees badhaasni beekamtii kuni dhaabbata kanaaf kennamuun mataasaatti dhaabbatootaa biroo hojii walfakakaataa hojjataniif galtee fi fakkeenya tahuun hojii dansaaf akka isaa kakasuu illee mala. Sochiilee dhaabbata kanaa hedduusaa hordofuuf kunooti marsaalee armaan gadii cuqaasuudhaan daawwachuun ni danda’ama.

  1. Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa 2. www.waaqeffannaareligion.com Kanaaf waldaan Qorannoo Oromoo hojiilee boonsaa dhaabbata kanaa ilaalee akka beekamtii bara kanaa kennuuf abdii guddaa qabna.

Eertoonni:

 

  • Obbo Badiruu Aadam :Kaanaadaa irraa
  • Aaddee Ayishaa Siraaj : Kaanaadaa irraa
  • Obbo Geetaachoo Lamuu : Kaanaadaa irraa
  • Barreessaa Caalaa Hayiluu : weden irraa

 

Adoolessa 2020

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...