Guutuu Oromiyaa hundatti Onkoloolessa 13/2020 hiriirri deeggarsa mootummaa Cee’umsaa Oromiyaaf godhamu ni gaggeeffama.

Guutuu Oromiyaa hundatti Onkoloolessa 13/2020 hiriirri deeggarsa mootummaa Cee’umsaa Oromiyaaf godhamu ni gaggeeffama.

[SQ – Onkoloolessa 12, 2020]
Waamichi mootummaa Cee’umsaa Oromiyaaf gama ABOn ummataaf labsamee ture beekamtii koree qindeessituu mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromootiin guyyaa boruu Onkoloolessa 13/2020 guutuu Oromiyaa hundatti ni gaggeeffama.
Hiriirri deeggarsaa kunis mootummaan amma aangoorra jiru bara aangoo isaa waan fixateef kan hanga ammaa hojjete gaatiis tahu yaraaaf isin galateeffanna garuu ammaan booda Mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa ABO fi KFOn durfamu kan qaamotni hawaasaa keessatti hirmaatan hanga filannoon walabaa gaggeeffamutti akka biyyi keenya Oromiyaan mootummaa Cee’umsaa Oromiyaan bultu ni tumsina qooda keenyas ni bahanna jechuun ni gaggeeffama.
Ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa qooda keessan mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa hundeessuu keessatti akka bahattan waamicha koreen qindeessituu hiriira deeggarsa mootummaa Cee’umsaa Oromiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo waliin tahuun labse akka tumsitan waamicha isiniif darbeera.
Koree qindeessituu hiriira deeggarsa sochii 39 Idil Addunyaa fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.