Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromoo ilaalchisuun marii Jaal Gaaddisaa Jibaat waliin taasifame | RSWO
Guyyaa Yaadannoo Wareegamtoota Gootota Oromoo ilaalchisuun, marii Miseensa Gumii Sabaa ABO – Jaal Gaaddisaa Jibaat waliin taasifame | Kaleessumtii fi borumtaa QBO irratti, yaada Qeerroowwan Oromoo | RSWO – Eebila 14, 2020
Jannaaf jannooma himuun
Qaroo qarooma himuun
Jabaaf jabeenna himuun
Waan machii seenaa Dhugaan …
“Goota dirree Solooloo
Leenca fakkii namaa
Hololli sin laaffisu
Sin jijjiiru beelli hamaa
.
Gammoojjiin Somaaliyaa
ciminakeef ragaadha
Dhugaatu si hoggana
ati Oromoof nagaadha
.
Bara dibbeen hololaatiin
diinni akka ati hin jirre weeddisu
Sidha kan Zoonii Kibbaarraa
diina gombisee bookkisu
.
Ilmaan Oromoo biraa
galata dachaa qabda
Urgaan bosona Oromiyaa
dadhabbiikeerraa madda!
.
“WBOn hin jiruu”n ormaa
siin yoom jilbeeffachiise?
Jabinniifi cichoominnikee
hamilee nu gonfachiise
Be the first to comment