KUTAA 2FFAA: Hiccitii Proojektii habashoota “Oromiyaa miilaa hin shokoksineen Seenanii Oromiyaa diiguun Itiyoophiyaa Ijaaru”: Onkololeessaa, 2018 jalqabee, hanga Fulbaana 2028 xumuramuu

Kutaa 1ffaa

Kunis Sagantaa fi karooraa Paartilee Nafxanyootaa Waggaa 10 keessatti Uummataa Amaaraa fi habashoota Miliyoona 10 hanga 15 Oromiyaa keessaa qubachiisuun Oromiyaa fi Oromoo Diiganii Impaayera Itiyoophiyaa Ol-aantummaa Amaaraa jalati debisanii ijaarutii.

Akkuma kutaa 1ffaa irratti Ibsamee sagantaa kana Kan Qopheessee hoggaantootaa fi miseensota Paartilee habashoota kaneen akka ABIN (አብን); Ginbot-7 (ግንቦት -7) ykn EZMA hardhaa fi BADN (ብአዴን) Biltsiginnaa hardhaa yoo ta’uu Proojektiin kunis “Sagantaa Itiyoophiyaa bararuu”: “Filannoon duraa Jiraachuun Itiyoophiyaa yaa mirkanahuu” kan jedhu yoo ta’uu Afaan Amaaraan (ኢትዮጲያን የማደን እቅድ፣ ከምርጫ በፍት አገር ይቅደም) jechuun ittii mooggaasaniiruu. Paartiin ABIN (አብን) Garuu Sagantaa Jiraachuu Uummataa Amaaraa ittiin mirkanahuu (የአማራ ሕዝብ ህልዉና የሚረጋገጥብት ፕሮግራም) jechuun moggaaseera.

Oggeessii Oromoo Qeerroon riphee hiccitii isaanii dukaa bu’uun Maajatii (Goowaadaa) ABIN, EZEMA, BIADIN fi Biltsiginnaa akkuma isaanii alaabaa Minilik uffatee hiccitii kana qoraatee Oromiyaa Badii irraa bararuuf Saaxilee garuu Sagantaa kana “ Sagantaa Oromiyaa miilii hin shokoksineen Seenanii Oromiyaa diiguun Itiyoophiyaa ol Aantummaa Amaaraa jalati debisanii Ijaaru” jechuun moggaaseera, Kutaa 2ffaa isaa immoo Uummataa Oromoof, Qeerroo Oromoof, Jajjabee Oromoo warraa Oromoof yeroo hunda dhiigaa jiraaniif akka armaan gadittii dhiiyesseera.

Ka’umsii sagantaa Nafxanyootaa kana Guyyaa seenaa qabeessaa, Guyyaa qabasa’oonnii Oromoo inni hidhaa keessatti woggaataan dheeraaf dararamatuuree hidhaa ba’ee, inni Bosonaa fi Gammojjii Oromiyaa keessatti qabsoo hidhannoo woggaataan 25f gaggeessaa turee Bosonaa fi Gammojjiidha ba’ee, Qeerroo fi Qarreewwaan Oromoo woggaataan Afuriif Dandiwwaan Oromiyaa irratti Agaazii fulduraattii ba’anii mirga isaa falmatanii wayyanee Oromiyaa keessaa basanii injifaannoo gonfaatanii Nafxanyootaa Finfinnee seenuu dhorkiitee illee uleen of-fuuldura haqala’anii Miliyoona ta’anii Finfinnee Seenuun Guyyaa dhaabaa isaani Angafaa ABO (OLF) ittii simatan guyyaa seenaa qabeessaa, Fulbaana 15, 2018. Guyyaan kun guyyaa Ummani Oromoo fi Qeerroowwan Oromoo irree isaanii, Jaalalaa fi kabajaa isaan ABOf qaban, diinatti agarsiisan, fi akkasumas, Guyyaa Finfinneen Oromiyaa malee Oromiyaan Finfinnee malee jiraachuu akka hindandeenyee, fi gama biroon immoo ABOn dhaabaa jalatamaa, Gachanaa fi Kabaja Oromoo kan ta’ee dhaabaa miliyoonotaa of duubaa hirirsiisee ta’uu diinoonota Oromoo fi Hawaasa Addunyaati agarsiisaniidha.

Dabalataan Guyyaan simmannaa ABO sun osoo ABOn Finfinnee hinseeniin duraa Gibot-7 Finfinnee galee alaabaa Minilik iddoo hedduu dhaabee turee. Qeerroon Oromoo garuu Simmannaa ABO sababeefachuun, Alaabaa Minilik Finfinnee keessaa qulqulleessanii Alaabaa Faajjii Bilisummaa Oromotiin, dandiwwaan Finfinnee Fayaanii irree isaa Diinatti agarsiisanii ABO Simataniidha. Guyyaa seenaa qabessii kunis, Fubana15, 20018

Guyyaa kana irraa egaalee miseensoni fi hooggantooni Paartilee Nafxanyootaa, Abbootiin qabeenya isaanii lafa Oromiyaa Saamanii of harka qaban, Irree Oromoo fi ABO arganii “Ebaannee”, “ebaannee”, jedhan, Sodaa fi naasudhaan off-walaalaan. ABO fi Qeerroo irreen Feerroo irraa of baraaruuf hatattaaman Oolaanii osoo hin buliin, “Mataduree Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanotaa bararuu”, “ኢትዮጲያ እና ኢትዮጲያዊነትን ማዳን” jedhuun, walga’ii hatattamaa dhoksadhaan, ergaa Finfinnee, Bahaar dar, Gondorii fi Dabraa Birihaan ittii ta’anii boodaa Murtiiwwaan Kutaa 1ffaa keessatti eramee san irraa ga’aan isaa keessaa inni Guddaan Amaaraa miliyoona 12 hanga 15 waggaa 10 keessatti Oromiyaa keessaa qubachiisuun, ABO of irraa ittisudha, uummannii Oromoo yoo Gaafii Hiree ofiin murteeffachuu hanga foxoquuttii jedhu kasaan ta’ee dafanii Uummataa Habashaa kan akka Amaaraa Guragee fi Dorzee qabachiisuuf Referandamiin Kufaa gochuun Waggaa 15 boodaa “City estate” Finfinnee fi Godiinaa addaa naannaawaa Finfinnee waliin Dabraa Biraan ittii dabalanii Naannoo of dandeechee gochuuf karoorfatan. Kunis naannoo Amaaraa isaa 2ffaa akka ta’uu danda’uti kan hojjetamuu ta’uu walii galan, Heeraa Mootummaa fulduraattii foyya’ee ba’uu irraattis beekamtii akka argatuuf akka cimsanii qabsa’anii fi isaa duraa Uummataa qubachiisuun Diimoograaphy (baayyinaa Uummataa) jijjiruun barbaachisaa akka ta’ee mariyaatanii wal hubachiisaan.

Abbootiin qabeenya fi hoggaantootaa siyaasa isaanii akka Murtiiwwaan fi imaamatootaa ba’aan kanaa rawwatan dirqama ittii kennamee fudhataan.

Hooggantooni isaanii Mootummaa biyyaa bulchaan keessaa jiraaniis aanggoo argatanittii fayyadamanii Sagantaa kana akka rawwatan waliigalaan. Sagantaa qabxiiwan biroo Oromiyaa ittiin diigaan qorannoo kana kutaa 1ffaa keessatti kan ibsaameen alatti kan armaan gadii kunis akka rawwatamuu waliif gala, isaanis;

1. Uummataa Amaaraatii aansee uummaatootaa kibbaa keessaa Uummataa Guraagee fi Doorzeen baayi’inaan Oromiyaa keessaa Finfinnee fi naannaawaa ishee akka qubatuu haalaa mijeesuufii, kakasuunis akka sagantaa tokkooti ka’amera. lakkoofsi isaani garuu hin ibsamne.

2. Oromoota keessaa namoota dhiigaa Amaaraa qabanii fi tokkummaa Itiyoophiyaa barbaadan kaneen Amaaraan walii galuu danda’aan ilaalchaa Itiyoophiyummaa qaban Dr. Abiyyittii himanii Abyyii, akka Aanggoo ykn Muudama siyaasa kenuuf, isaa boodaa dhima lafaan wal qabatee, karataa fi kkf akka isaan gargaaruu dhima ittii ba’aan.

3. Sadarkaa Federalattii, iddoo Hooggansa murteessaa ta’ee irratti dhalataan Amaaraa akka muudamu Dr. Abyyii Ahimediif yaada dhiyeessuun (Recommendation) akka muudamaan tasiisuu. Isaa boodaa muudamaan sun waajjiraa isaa keessatti Amaaraa hedduu naannoo Amaaraatii fudhanii akka qaxaraan tasiisuu.

4. Gaaffiileen Oromoon kaasaa jiruu kaneen akka Finfinnee fi Afaan Oromoo akka hin rawwaataamne dhiibbaa tasiisuun qabsoo duraa dhaabachuu.

5. ABOn diinaa tokkummaa Itiyoophiyaa waan ta’eef, hanga diigaamee maqaa isaa jijjiiruttii akka dorgommii filannoo irratti hin hirmannee qabsa’uu, deebi’e akka biyyaa ba’uu fi seeraan akka gaafataman yaada dhiyeessuu mootummaa irratti dhiibbaa gochuu. Mootummaan Abyyii yeroo ABOirraattii tarkaanfii fudhatuu jajjabeessuu hiiriiraa ba’uun deggaaruu. Dhaabni maqaa Sabaatiin qabsa’uu akka diigamu fi kunis salphaati ABO digsiisuu akka danda’u, isaa boodaa ABIN Paartilee maqaa Itiyoophiyaan socho’aan waliin akka walitti makamuu.

6. Heerrii mootummaa kan fooyya’u yoo ta’ee Keewwata 39 guutumaan guutuuttii akka haqamuu, fi Heerrii Mootummaa Keewwata 2, 3 (2 fi 3), 8, 47 fi 49(5) immoo partially akkataa tokkummaa Itiyoophiyaa ijaaruu danda’uun akka foyyaa’ee barreefamu. Fayiidaan Oromiyaan Finfinnee irraa argatu jedhu guutumaan guutuuttii akka heera mootummaa irraa haqamuu qoraannoon gaggefamee akka yaadaattii Mootummaa Abyyii hogganuuf akka dhiiyyeessaan.

7. Hoggaantootaa Oromoo OPDO keessaa jiran kaneen ergaamtuu ABO fi Jawar Mohammad ta’an dhaabaa keessaa fi ADAWYI keessaa akka ariiyaamaan ykn hooggansa gadii aanaa irratti akka muudamanii qabsa’uu yaadaa ykn Recommendation mootummaa Abiyyif dhiyeessuu.

8. Qeerroon yeroo ABO simaachuuf Finfinnee seenuu ijoollee Amaaraa Finfinnee keessaa reebanii lubbuu basanii waan jiraaniif akkasumas yeroo ba’aan Burayuuti Uummataa Itiyoophiyaanotaa waan midhaniif yeroo biroo haalaa wal fakkatuun Amaaraa midhuu waan dand’aniif Uummannii Amaaraa Naannoo Oromiyaa, Naannoo Kibbaa fi Finfinnee keessaa jiruu akka Meeshaa waranaa hidhaatanuu fi akka qabeenya fi lubbuu isaanii badii irraa ittisan. Hooggantooni naannoo Amaaraa fi magaalaa Finfinnee jiran haalaa akka miijeessaan Meeshaa dhiyeessuun akka hidhachiisaan walii galani turan.

Bu’urumaa kanaan hanga ammaattis ummata Amaaraa Finfinnee keessaa, Adaamaa, Bishooftuu, Laga Xaafoo fi Laga Daadhii kan Meeshaa waranaa hidhachiisaan yoo ta’uu Hidhannoo cimaa fi meshaalee waranaa Jajjaboo kan hidhatee garuu Amaartootaa magaalaa Adaamaa, Wallaagaa fi Harargee Lixa fi Naannoo Siidaamaa keessaa jiraniidha. Isaanis Meeshaa Feesisee dhaqee kan hidhachiisee Jeneraal Asaminoo Tsigee, yoo ta’uu Ermiyaas Amalgaa, Kirsti’an Taddalee fi kaneen maqaan isaanii ifa hin tanee immoo gargarsaa fi gorsaa addaa addaa kennaa turaniiruu. Mallaqnii miliyoona hedduun lakka’amuu Abbootiin Qabeenyaa dhalataa Amaaraa Oromiyaa Finfinnee fi U.S keessaa walitti qabamee sagantaa kanaaf ooleraa, oolaa jiraas.

9. Bakka bu’uummaan Uummaatootaa Amaaraa naannoo Oromiyaa keessaa jiraatan kan miliyoona 5 ol ta’aniif bakka bu’uummaan hooggansa Sadarkaa kabiinee mootummaa Naannoo Oromiyaati, akkasumas caffee Oromiyaa fi Parlamaa Federaalaa keessatti akka kennamufii Cimsanii akka qabsahaan irratti walii galaniruu. Kunis bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessaa galuun Sagantaan isaanii kun akka milka’uuf haalaa mijeesuuf waan danda’uuf cimanii qabsa’uu kan jedhudha. Bu’urumaa kanaan Bakka buutonni Nafxanyootaa kun Mootummaan Itiyoophiyaa Dr. Abyyii Ahimediin hoggaanamu Uummannii Amaaraa yeroo Ammaa kana Oromiyaa keessaa jiruu miliyoona shan ol bakka bu’uummaan akka kennamuuf jechuun gaafii gaafatan. Innis ani gaafii kana deebisuu hin danda’u deemaatii Paartilee Mormitootaa Oromoo ABO, KFO fi kan biroo waliin mariyaadhatii walii galaa (tadaradara jedheen). Gaafii kana irraa ka’uun hoggaantootaa Paartilee Oromoo hiccitii kana hin beeknee fi Paartilee Amaaraa sagantaa kana rawwachiisaa jiran waliin akka mariyaatanii Mootummaan haalaa miijjessee yeroo addaa addaa mariyaatanii jiruu.

Miseensoni fi hooggantooni Amaaraa, hoggaantootaa Paartilee Oromoo waliin mariiyatan kunis, Finfinnee baayi’inaan Uummataa Amaaraa qubatee jiraa waan ta’eef kan Amaaraa ta’uu qaba, yaadaa jedhu kan calaqisissan yoo ta’uu gama biroon immoo Uummannii Amaaraa Naannoo Oromiyaa keessaa jiraatu Miliyoona 5 ol bakka bu’uummaa siyaasa Parlamaa Federaalaa keessatti fi caffee akkasumas hooggansa naannoo Oromiyaa keessatti argachuu qaba yaadaa jedhu cimsanii kaasaniru FKNf liinkii kana tuqaa ilaala

As irratti wanti qabasa’oonnii Oromoo martii hubaachuu qaban bakka buutonni Nafxanyootaa uummannii Amaaraa Oromiyaa keessaa jiruu Parlamaa fi caffee keessatti bakka bu’uummaa argachuu qaba kan jedhan sagantaa Oromoo ittiin diigaan keessaa tokkoo yoo ta’uu kunis Bulchiinsa fi hooggansa naannoo Oromiyaa keessaa galuun Taarsimoo ittiin Amaaraa fi Habashoota miliyoona 12-15 waggaa 10 keessatti Oromiyaa keessaa qubachiisuuf karoorfatan mootummaa Abyyii waliin ta’uuf akka rawwatan waan isaan fayyaduufidha.

Bakka buutonni Amaaraa yeroo hunda Federaalaa irratti akka Amaarrii ilaalchaa nafxanyummaa fi jibba Oromoo qabu aanggoo qabatuu Dr. Abiyyif yaadaa dhiyeessuu. Oromiyaa keessatti immoo Amaartoonnii naannoo Oromiyaa keessaa jiraan amuumaa egaalaanii bakka bu’uummaa argachuun hooggansa naannoo Oromiyaa keessaa galuu qaban jechuun cimsanii gafatuu. Kuniis qulfii Niikuulaarii ittiin Oromiyaa irratti dhukasaan waan ta’eefidha. Dabalataan Oromiyaa keessatti bakka bu’uummaa yoo argatan Proojektii Oromiyaa keessaa Amaaraa qubachiisuun Oromiyaa diiguu salphaati akka rawwachiisuu danda’aan Qorannoo isaaniin mirkaneeffataniiruu. Hanga ammaattii Doctor Abyyii Ahimed yaadaa isaan dhiyyeessaanif keessaa %78 fudhatee hojii irraa akka olchee jiruu ji’aa darbee keessaa miseensoni ABIN ergaa hidhaa ba’anii gamagamaa tasiisaniin mirkanessaniiru. Kunis Dr. Abyyii Ahimed Faayidaa Oromoo dabarsee Nafxanyootaa kanaaf kenneraa. Yaadaa Hooggantooni Oromoo dhiiyyeessaan nii tuffataa nu arraabsaas kanaa miseensoni koree Gidduu Galeessaa hundi beekuu. Dr. Abyyii, hoggaantootaa Paartilee Mormitootaa naannoo Amaaraa yeroo hedduu kan haasofsiisee yoo ta’uu hooggantooni Paartilee Mormitootaa Oromoo garuu gonkumaa caaraa wal fakkata hin arganne. FKN. Miseensota ABIN fi BIADN kaneen ajjeechaa Doctor Ambaachoo Mokoniin shakkaman osoo raga qubsaan jiruu akka hikaan isaan gaafatan fudhatee yoo rawwachiisuu hoggaantootaa Paartilee Oromoo kaniif garuu gonkumaa carraa hin keenineef. Dabalataan Kondomineemiin Daangaa Oromiyaa keessatti ijaarame kallaattii Gaafii jarrii dhiyeesseen Dr. Abyyii ajajaa darbeen Namoota carraan ba’eef hundaaf keennameeraa. Dabalataan Dr. Milkeessaa Miidhagaa Lafa investimantii fi mana jireenyaa isaan didnaan, bishaan isaanii galchuu didnaan kallaattiin akka Aanggoo irraa ka’uu Abbootiin qabeenya fi Paartileen Nafxanyootaa gaafii gaafataniin Akka aanggoo irraa ka’uu tasiifaameera. Magaalaa Finfinnee Boolee naannoo 22 fi 24 jedhamu taaboonnii samii irraa bu’ee jedhani ergaa Taabootaa ijaaraani boodaa Poolisiin Finfinnee dignaan kallaattiin Dr. Abyyii Ahimed kadhaa Dani’eel Kibraatiin Dr Abyyii Ahimed Kallaattiin Takkalee Umaa Ajajajee Taaboonnii sun bakkumaa sanittii deebi’e akka ijaaramamu akka hayyamuu taasisuun hayyamsiisee tabootichii ijaarama jira.

Abbootiin qabeenya Habashoota Paarkii tokkummaaf maalaqa guddaa gumaachaanii fi dhumaa irraattis Irbaataa qarshii Miliyoona 5n masaraa Minilik keessatti nyaataan kallaattiin Dr. Abyyii Ahimed Takkalee Umaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa ajajuun qarshii basaniif kan oluu lafa Invastimantiidhaaf lafa heektaraa hedduu akka kennamuuf ajajajee kennamefira. Dabalataan Abbootiin Qabeenyaa hayyoonnii fi hooggantooni Paartilee Habashoota kun waliin ta’uun Hoggaanaan Gumuruk akka ka’uu fi Hoteelaa sodaree misoomsuuf fedhii akka qabaan Dr. Abyyii Ahimed fi niitii isaa Dani’eel Kibrat gaafatanii Dr. Abyyii hoggantuu Gumuruk kaasuun bariituu sodareen akka cufamuu kallaattiin ajajeraa. Ittii aansee waan ajajuu garuu hin beekuu.

Gama biraan masaarrii Minilik bakka biyyaa ittii bulchaan osoo hin taane iddoo Oromoo fi Oromiyaa diiguuf mariin ittii ademsiifaamudha. Carraan Paartileen Mormitootaa Oromoo Dr. Abyyii waliin haasa’uuf argatan takka qofa yoo taatu isheenis, innis yeroo darbee qofa hooggansa Gaddisaa Siyaasa Oromoo isaa jedhu jalaattii Dr. Abyyii Ahimed Paartilee Mormitootaa Oromoo kana hasofsiisuuf yaamee. Paartileen kunis nuti Lammaa Magarsaa beekna malee siin hin beeknu jedhaniin. Kunii Garuu dogoggora guddaa turee. Maliif yoo jetan Aanggoo kan qabu fi bakka Mallaas kan ta’ee Dr. Abyyii isaa gaafii qabaan fi rakkoo Oromoo irratti dhufa jiruu kana akka gaafatan gaafachuu osoo qabanuu Lammaan Aanggoo of harka hin qabne walitti nuqaabuu wayyaa jechuun isaanis gowwummaa fi ammaa illee akka hirriibaa hindamaqnee muldhisaa.

10. Diinagdee Oromoo fi Oromiyaa ajjeesuufis karooraa basaniruu, kunis Oromiyaa keessatti investimantiin gutumaattii dhaabatee naannoo Amaaraa keessaa naannoo Dabraa Biraanittii akka tasiifaamuu, daladaltootaa Oromoo gabaa kessaa akka ba’aanuu, kkf illee karooraa keessaa kan jiruu yoo ta’uu Dr. Abyyii Ahimed Sagantaa fi Karooraa isaanii kallaattiin bilbilan Shimmallis Abidsaattii, Takkalee Umaa fi kaneen biroottii bilbiluun rawwachiisaa jira. Mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo laftii samamama jiruu, mannii seeraan alaa ijaarama jiruu tarkaanfii fudhachuuf yeroo yaaluu Dr. Abyyii Ahimed akka tarkaanfiin sun hin fudhatamnee waan dhorkuuf hoggaantootaa naannoo samamuu fi weraraa lafa seeraan alaa kana mormaan hojii irraa ari’uu arrabsuu fi sodachisuun cimee ittii fuferaa.

11. Yeroo Lammaa Magarsaa Naannoo Oromiyaa Bulchu Maneen seeraan alaa ijaaraman diiguu jalqabnaan Nafxanyoonnii kun Dr. Abyyii Ahimed dhaqanii gafatanii Dr. Abyyii Ahimed dhaabsiisee, kanammoo Isaanuu raga ba’aniruu. Dabalees Lammaa Magarsaa Proojektii jarrii kun karoorsan beekuu batus dhumarraattii Faayidaa Oromiyaa dabarsee kennuu waan dideef Bittaa fi gurgurataa lafaa cimee waan dhabsiiseef Naannoo Oromiyaa irraa akka ka’uu marii Dr. kenaanii Oromiyaa irraa sossobanii kaasaniru.

12. Dr. Milkeessaa Miidhagaa haalaa ammaa deemaa jiruun lafatii naannaawaa Finfinnee akkuma Finfinnee yeroo mursaa boodaa Oromoo harka bahuuf deemaa jedhee mannii seeraan alaa ijaarame akka diigamu, Qubannaan habashoota kun akka ristirik (to’atamuu) gochuuf yoo deemuu Jarrii Dr. Abyyii biraa deemanii Dr Abyyii kallaattiin Prizidaant Shimmallis Abidsaattii dheekkaamee Shimmallis Abdisaa Dr. Milkeessaa Miidhagaa Qoratanii sammuu hadochaan. Kana irratti Dr. Milkeessaa illee aanggoo aragateettii fayyadamee ejjennoo wanta kana fuuldura dhaabbachuu osoo qabuu akka mukaa qillensaan raafamee kufeera.

13. Gama seeraan maneen seeraan alaa Bosonaa kaabaa Finfinnee keessatti halkan ijaaramaa buluu, taaboonnii waaqqaa roobaa bulaa, Qeesoonnii Gojamii fi Gondorii dhufu, Amaarrii Miliyoonan aritiin lafa Oromiyaa irra qubataa jiruu, Oromoon Garuu raafeeraa, Mootummaan naannoo Oromiyaa nama hayyamaa malee lafaa bitee mana ijaaree seeraattii dhiyyeessee adabsiisuu nidanda’aa .Garuu hanga ammaattii waliigalaa maneen Kuma 37 ol seeraan alaa Laga Xaafoo, Laga Daadhii, Sulultaa, Burrayyuu, Sabbaataa, Boolee Bulbulaa, Boolee, Hintooxxoo, Haqaaqii, Adaamaa, Bishooftuu, Duukam, Sabbataa, Alamganaattii, yeroo ijaaraani diinnii Miliyoonan lakkaa’amuu ittii galuu Mootummaan Oromiyaa nama tokkoo seeraattii dhiyyeessee hin adabsiifnee. Gochi lafa bituu, weeraaruu, ijaarsi seeraan alaa rawwachuun yakkan labsiin kan adabsiisuu jiratus hangaa ammaa namni kanaan gaafatame hin jiruu. Oromoon yoo ijaaree mannii isaas ni digaamaa Naafxanyaan gaafaa jiraatee garuu kaartaan ni kennamaaf bishanii fi ifaanis ni galaaf.

Gama biraan midiyaaleen OMN hangaa tokkoo waan kana tutuquu illee gadii fageenyaan wanta kana qoratee akka hin dhiyeesiinee. ONN wanta kana akka qoratee hin dhiyeesiinee humnaa hin qabu. Dabalataan gaazexesiitootaa isaani ni hidhuu deemanii vidiyoon warabuuf illee hayyamaa hin argatan.

Dabalataan yeroo uummannii dhibee Koronaan sardamee mannattii galee jiruu Nafxanyoonnii maneen seeraan alaa Oromiyaa keessatti halkani fi guyyaa ijaaraa jiruu. Torbaanumaa kana keessaa mannii 900 (dhibbii sagal) Boolee fi Naannaawaa Finfinneeti torbee takka keessatti ijaarameera. Maneen biroo Bosonaa Hintooxxoo irraattis ijaaramaa jiraa, Poolisiin Oromiyaas kan Federaalaas wanti isaan jedhan hin jiruu. Sabababiin isaan Nugusiinn Dr. Abyyii Ahimed dhorkaa jedhee ajajaa waan hin dabarsiineef. Kanaaf Manaa saamoonaa kana ijaaramee hunda yoo mootummaan guyyaa 3 hangaa 4 Keessatti hin digsiifnee mana Naafxanyaan ijaartee qofa filanii kibrittii firii takka, takka adabuun dirqama ilmaan Oromoo dirqama warrdiyyotaa Oromiyaati.

Kanafuu, Sagantaa Naafxanyaan Miilaa hin shokoksineen Oromiyaa seentee Oromiyaa diiguun ol-Aantummaa Amaaraa jalattii Itiyoophiyaa ijaaruuf karoorsiite kana akkamittii dhaabsiifnaa kan jedhu kutaa dhumaa kutaa 3ffaa keessaattiin isiiniff qabaadhee dhiyadhaa. Barruu kana kutaa 1ffaa fi 2ffaa siirriin irraa deddebiiyaa yeroo kennaa dubisaa, xinxalaa keessaniis kennaa. Sheerii gochunis Oromoota mara biraan ga’aa. Garaa Afaan Jaarattii hiikuun dhorkadha.

Hubachiisa: Hiccitii karooraa dhokataa Nafxanyoonnii walga’ii ta’anii baafatan kana wanti nama aja’ibuu hooggansi OPDOn Dr. Abyyii Ahimed irraa eegalee hangaa bulchaa gandaattii jiruu hin beeku. Garuu beekuu baatanis rawwachiisaa jiruu. Kanaafii OPDOn jireenya dhunfaa isaani itti tolu isaani ilaalu malee waan ta’aa jiru ilaaltee hubaachuu fi xiinxaluu hin dandeechu jenee kan komannuu kanaafii. Nafxanyoonnii Dr. Abyyii Ahimed isaa jajanii karooraa baafatan kana rawwachiifachaa jiru. Takkaalaa Uummaa maalaqa fi dubaartiin isaa gowwomsanii lafa Oromiyaa irraa bitaa jiru. Iskiinder Naggaa maraataa fakkeesanii magaalaa keessa lakkiisaanii jiru. Dani’eel Kibrat nama waaqqaa jalatamaa fi gorsaa Abyyii godhatanii ol aantummaan waa hunda rawwachiisaa jira. Gaafaa OPDO ajajaa isaani diddee middiyaa irraa dheekkamu. Bahaar Daar fi Gondariiti hiiriiraa nagaayaa ba’u. Bifa kanaan Oromiyaa miilaa hin shokoksineen weraraa jiru. OPDOn dubartootaa isaanii hammattee raftee ilaalti. Inni dubbiin galeef akka leencaa Bosonaa kessaa bokkiisaa as ba’uuf deemaa, isaa qofaatuu abdii Oromoo fi Oromiyaa fakkata.

Kutaa 3ffaa karooraa Nafxanyootaa kana akkamiin dhaabsiifnaa kan jedhudha irrati nu eegadhaa.
==================//====================

Kutaan 3ffaa ittii fufa

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...