Hidhamtoota Mana Hidhaatii Baasuun Ajjeesuun Hatattamaan Dhaabbachu Qaba!

Hidhamtoota Mana Hidhaatii Baasuun Ajjeesuun Hatattamaan Dhaabbachu Qaba!

(Ibsa Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Lammilee Oromiyaa (KDHSLO)
Ebla 23, 2021)

Oromia Prisoners

Lammiileen Oromiyaa manneen hidhaa guutumma Goleelee Oromiyaa keessatti Murna Biltsiginnaa (PP) Dr. Abiyyi Ahimedin durfamuun jumlaan ukkanfamanii ugguraman kumaatamaan kan lakkawaman ta’uun ifaa dha. Murni Biltsiginnaa/Badhaadhinaa baanamu kan Waraana Biyyaa fi Qabeenyaa biyyaa dhuunfatee aangoo Polotikaa Afaan Qawweetiin dheereffachuuf abjuurra jiru, hidhamtoota siyaasaa lammiilee Oromiyaa mana murtiitti utuu hin dhiheessiin Buufataalee Poolisii, mooraa waraanaa, Manneen sirreesaa, Manneen Kuusaa fi Manneen barnootaa osoo hin hafin guutummaa goleelee Oromiyaa keesatti bakkoota heddutti gidirsaa jirachuun ni beekama. Dabalataanis warreen mana murtii dhiyaatanii akka gadi lakkifamani murteeffameefis humna afaan qawwee qabuun hidhamtoota dirqisiisuun bakka itti jijjiiruun tursiisaa jiraachuu argaa jirra.

Haata’u malee dhiheenya kana hidhamtoota manni murtii gadi lakkise butee achi buuteen isaanii dhabamuu fi ajjeefamanii gatamuun baratamaa dhufeera. Haalli kuni bakkoota muraasatti (keessumaa Onoota wallaggaa fi Gujii)tti haa eegalu malee amma godinoota Oromiyaa maratti raawwachaa jira.
Gochaan diinummaa fi garjabinni akkanaa kun koree keenya hedduu yaaddessee jira. Kanaaf gochi kun akka dhaabbatuu fi mirgi namoomaa hidhamtoota siyaasaa lammiilee Oromiyaa akka eegamuuf sagalee keenya xalayaa kanaan uumata Oromiyaa, qaamolee dhimma hidhamaa irratti hojjetanii fi mirga namoomaa beeksisuu feena.

Haaluma kanaan ummatni Oromiyaas ta’e qaamotni dhimmi isa ilaalu hidhamtoota siyaasaa lammiilee Oromiyaa gidduu kana mana hidhaatii baafamanii ajjefamani dhimmi isaanii akka qoratamu akka gaafatu waamicha keenya gadi jabeesinee dhiheessuu feena.

Kanumaan waliin, gochaa gar jabinaa Loltoonni Murna Biltsigunnaa hidhamtoota Siyaasaa toohatamanii toohannaa seeraa jala jiran yeroo darbaa mana hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii Bosonatti gatan Koreen keenya Koreen Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaa (KDHSLO) tarrisa maqaa isaanii hanga argatee akka armaan gadiitti kunoo dhiheesseera. Akka Kanaan tarrifni maqaa namootaa mana hidhaa keessaa baafamuun ajjeefamanii Bosonatti gatamanii Naannoo itti ajjeefaman waliin,

  1. Balaay Xiiqii: Godina Horroo Guduruu wallaggaa, ona Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu
  2. Baanee Nagarii: Godina Horroo Guduruu wallaggaa, ona Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu
  3. Guutaa Carranaa: Godina Horroo Guduruu wallaggaa, ona Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu
  4. Biraanuu Tolasaa: Godina Horroo Guduruu wallaggaa, ona Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu
  5. Cimdeessaa Xaafaa: Godina Horroo Guduruu wallaggaa, ona Jimmaa Raaree magaalaa Waayyuu
  6. Obbo Alamaayyoo Nagaraa: Godina Horroo Guduruu wallaggaa, ona Amuruu ganda Ejeree
  7. Adinaan Taajuu: Godina Jimmaa, ona Limmuu Saqqaa, ganda Semoo Abukkaa
  8. Kaamiil Jihaad: Godina Jimmaa, ona Limmuu Saqqaa ganda Semoo Abukkaa
  9. Tamkiin Ahimad: Godina Jimmaa, ona Limmuu Saqqaa ganda Semoo Abukkaa
  10. Naziif Maammadnuur: Godina Jimmaa, ona Limmuu Saqqaa, ganda Semoo Abukkaa
  11. Abaadir Taajuu: Godina Jimmaa, ona Limmuu Saqqaa, ganda Semoo Abukkaa
  12. Abdulhamiid Abdallaa: Godina Arsii Lixaa, ona Dodolaa, ganda Buuraa Addeellee
  13. Asaffaa Kushii: Godina Shawaa Bahaa, magaala Fiichee
  14. Geetuu Jireenyaa: Gidina Kibba Lixa Shawaa, ona Ammayyaa
  15. Fanjaa Wayyaa: Arsii Lixaa, ona Shaallaa magaalaa Ajjee
  16. Gaalib Abbaa Sambii: Godina Jimmaa
  17. Kitilaa Guddataa: Godina Horroo Guduruu, magaala Saqalaa
  18. Biraanuu Gabayyoo: Godina Horroo Guduruu, magaala Saqalaa
  19. Shiggee Baayyisaa: Godina Horroo Guduruu, magaala Saqalaa
  20. Mohammed Alii Tolaa: Kaaba Oromiyaa Walloo
  21. Kadir Abdellaa: Godina Harargee Bahaa, ona Qobboo
  22. Mahaammad Daadhii: Godina Harargee Lixaa, ona Habroo
  23. Mohammed Shamsadiin: Godian Buunnoo Bedelle
  24. Araarsoo Gammachuu: Godina Lixa Wallaggaa, magaala Najjoo, ganda Jaboo Mikaa’ilii
  25. Obbo Areerii fi Boonaa Areerii ganna 12 Abbaa fi ilma :Godina Gujii Ona Sabbaa Boruu.

Waan ta’eef, Lammiilee Oromiyaa toohatamanii toohannoo seeraa jala osoo jiranii, murtoo seeraa dhabuun dararamaa jiraachuu cinatti saa’atii darbaa manneen hidhaa keessaa baasuun ajjeesanii Bosonatti gatan, Koreen Deehggarsa Hidahmtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaa(KDHSLO) gadi jabeesse ballaaleffata; Hidhamtoota mana hidhaatii baasuun Ajjeesuun dhaabbachuu qaba!

Hidhamtoota Siyaasaa Lammiilee Oromiyaaf sagalee haa taanu!
Injifannoon Lammiilee Oromiyaaf!
Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Lammilee
Oromiyaa (KDHSLO)
Ebila 23/2021
Finfinnee, Oromiyaa


Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo(KDHSO) irraa haala hidhaan Oromiyaa keessatti itti adeemaa jiru:

Guraandhala 3, 2021

Seensa

Sirna abbaa irree dhufaa darbaa Impaayera Itoophiyaa jalatti, hireen saba Oromoo duula cunqursaa kan walii galaa egeree sabichaaf yaaddessaa ta’e jalatti gidirfamaa ta’uun jaarraa lakkoofsiseera. Bara baraan hidhaa, ajjeechaa, qe’ee ofiirraa buqqaafamuu, siyaas-dinagdee biyyoolessaa keessaa moggeessuu fi maqaa yakkaa garaa garaa itti moggaasuun akka inni boquu ol-qabatee jaarmiyaan ijaaramee dhimma hawwaassummaa, dinagdee fi siyaasaa keessatti hirmaatee, sadarkaa sabaa fi biyyaatti fooyyee hin agarsiisne gaadi’uun aadaa wal fakkaataa moottummaan abbaa irree Impaayerichatti wal jijjiiraa turanii fi jiran hundi hordofan ta’uu gochaawwan suukanneessa ilma namaaf hin malle Oromiyaa keessatti raawwatamaa turee fi harras daran hammaatee itti fufe qalbeefachuu caalaa ragaan hin jiru.
Oromoon eega cunqursaa jalatti kufee kaasee, qabsoo mirgaa geggeessuu fi wareegama itti baasuu irraa aara galfatee, nuffee, dadhabe jedhee hin beeku. Waggoota kurnootaa asi, bifa jaarmiyaan ijaaramee, bifa qindaa’ee fi ititeen gaaffii isaa kan abba biyyummaa, mirga hiree murteeffannaa sabootaa, biyya feederaalizimii sab-daneessaa kan mirgi dimokiraasii fi namoomaa lammii biyyattii hundaa wal qixa keessatti kabajamu akkuma gaafachuu eegaleen tarkaanfiin farrummaa mootummoota abbaa irrees itti hammaachaa fi daran baballachaa deeme.
Fincilli diddaa garbummaa kan qeerroon bilisummaa oromoo jaarmiyaa siyaasaa hangafaa sabicha bakka bu’u Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) jalatti hiriiruun, bifa qindaa’ee fi adduunyaa guutuu ajaa’bsiiseen, karaa nagaa, harka duwwaa qoma isaa waraana hamma funyaaniitti hidhate dura qabee, wareegama qaalii lubbuu kumootaa, qaama hir’achuu, hidhaa fi dararaa hiriyyaa hin qabne biroo jala dhaabbatee, sirna abbaa irree mootummaa paartii Adda Dimokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itiyoophiyaa (ADWUI)’tti xumura gochuun yaadannoo madaan isaa hin qooriin jiru dha.
Warraaqsa ADWUI galaafate sana booda, ABO fi dhaabbileen siyaasa Oromoo karaa nagaa qabsaa’an kan biroon, akka jeequmsi siyaasaa biyyattii mudate furamuu fi hammaatee sadarkaa ol-aanaatti hin ceene tattaafachuu, filannoon dimokiraatawaa fi haqa qabeessi geeggeefamee, sirni federaalizimii sab-daneessaa kan mirgi hundaa wal qixa keessatti kabajamee fi hunduu wal qixa fayyadamaa itti ta’u abjootuu, akeekuu fi watwaatuu jabeessani. Haa tau malee mootummaan namoota sirna cunqursaa duraanii ADWUI keessaa walitti qabamaniin tolfamee fi qaawwa uumameen aangoo siyaasaa biyyattii dhuunfate, Paartii Badhaadhinaa jedhee maqaa jijjiirrachuun alatti amala aadeffate irraa fayyee jijjiirama abuuramee fi hawwameef hojjechuu hanqate. Hanga miila jabeefattuti gaaffii warraaqsichaa hunda deebisuuf kakachuu fi waada sobaan lammiilee biyyaa sossobuu itti fufus, yaaddoo fi komii qaama hundaa gurra dhorkate. Oolee bulee waada sobaa ittiin uummata sossobaa ture faallesuun, bu’uura heeraa fi seeraa gama hin qabneen aangoo dheerefachuu irra darbee, gaaffii Oromoon akka sabaatti gaafachaa, aarsaa kafalaa turee fi itti jiru deebissuurra, dararaa sirna darbe jalatti Oromoo irra ga’aa ture daran gadi jabeessuun caalaatti gidirsuu filate.
Oromoon kaleessas har’as gaaffii wal fakkaataa, kan abbaa biyyummaa, dimokiraasii fi ol aantummaa seeraa waan gaafateef hidhamaa jira. Mootummaan Paartii Badhaadhinaa kan seeraa ala ta’ee fi abbaa irrummaa nam-tokkee jalatti kufe farrummaa sirna darbee ol kaasee lallabuun, gocha yakkaa uummata Oromoo, dhaabbilee siyaasaa oromoo adda duree ta’anii fi namoota beekamoo oromoo irratti raawwatu haguuguuf wixxifachuu malee rakkoo siyaasaa biyyattii mareen furuu, ol aantummaa seeraa mirkaneessuu, fi nageenya waaraa lammiileen itti afuura baafatan gad dhaabuuf fedhii hin agarsiifne. Ragaan kana mirkaneessu hidhaa seeraan alaa kan ilaalcha siyaasaa ho’aa fi aantummaa saba ofii qabaachuu qofaaf hammaatee itti fufee fi gochaaleen gara-jabeenyaa RIB, Pooliisii Federaalaa, Humna Addaa Poolisii Naanno Oromiyaa fi qaamota nageenyaa biroon Oromiyaa keessatti raawwatamaa jiru dha.
Koreen Deggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Oromoo(KDHSO) iyyaa fi watwaannaa hidhamtoota siyaasaa Oromoo dhageettii dhabeef sagalee ta’uun kan achi buutee dhabaman iyyaafachuu, madda galii irratti hojetuun abukaatoo seeraa dhaabeefii akka haqa argatan yaaluu, yaala fayyaa akka argatan gargaaruu fi odeeffannoo gama hundaa walitti qabee haala qabatamaa hidhamtoonni siyaasa Oromoo keessa jiran adda baafata. Odeessa argate qindeessee dhaabbilee mirga namooma kan biyyoolessaa fi idila addunyaa, biyyoota addunyaa kan cabinsi mirga namoomaa isaan yaaddessuu fi qaama dhimmi ilaalu hunda qaqqabsiisuun akka mootummaa Itiyoophiyaa irratti dhiibba godhan ni gaafata. Walumaa galatti hiree hidhamtoota siyaasaa Oromoo balaa jalaa hanqisuuf, odeessa qabatamaa dhugaa irratti hundaa’e walitti qabee hamma humni hayyameef ifaajee tarkaanfii seera qabeessaa kan gama hundaa kaayyeffatee hundaa’e milkeessuuf tattaafata. Akka KDHSOn yeroo ammaa odeessa qabatamaa, namoota hidhamanii ba’an, mana hidhaa jiran, maatii namoota hidhamanii fi madda garaa garaa irraa argatetti haalli hidhamtoota siyaasaa Oromiyaa keessaa baayye yaadessaa dha. Magaalaa Finfinnee dabalatee godinaalee Oromiyaa mara keessatti hidhaan hogganaa fi miseensa paartiilee Oromoo karaa nagaa qabsaa’an, namoota bebbeekamoo fi kan hirmaannaa siyaasaa hin qabne hojii idilee ofiitti bobba’an irratti xiyyeeffatee kan yeroo kamii caalaa jabaatee itti fufeera. Haalli qabiinsaa fi mirgi hidhamtootaas dhiittaa hamaa jala jira.
KDHSO barruu kana qopheessuun kan isa barbaachise, hojii kaayyefatee hundaa’e keessaa tokko kan ta’e odeessa gama hundaa hidhamtoota siyaasaa Oromoo ammatti argate, baay’ina gam-tokkee(partial) ta’us, dhiittaa mirga namoomaa hidhamtoota irra ga’aa jiru, haala qabiinsa mana hidhaa qaama dhimmi ilaalu hundaan ga’uufi. Barruun kun afaan Oromoo fi Ingiliffaan qophaa’ee uummata Oromoo, dhaabbilee Oromoo, hawwaasa dipilomaasii Finfinnee maadhefatan, bakka buutota Gamtaa Afirikaa, Awurooppaa, Mootummoota Gamtoomanii, jaarmiyaalee mirga namoomaa biyyoolessaa fi idila addunyaa, Waldaa Fannoo Diimaa Itiyoophiyaa fi Addunyaaf raabsama. Dhugaa hidhamtoota siyaasaa fi dhiittaa mirgaa Oromiyaa keessa jiru akka hubatanii fi dhiibbaa gama hundaa mootummaa Itiyoophiyaa irratti taasiisuun ol-aantummaan seeraa, mirgi namoomaa fi dimokiraasii, sabatiinsi siyaasaa, nagaa waaraan akka gad dhaabbatu ga’ee isaanii akka ba’an waamicha dhiyeessa.
Walumaa galatti, haalli hidhamtoota siyaasaa Oromoo sadarkaa baay’ee yaaddeessaa ta’e irra ga’uu hubachiisaa, haqa akka argatan, hidhaan seeraa alaa fi dhiittaan mirgaa Oromiyaa keessaa akka dhaabbattu qaamni dhimmi Itiyoophyaa nu ilaallata jedhanii fi dhiittaan mirga namoomaa isaan yaaddessu hundi xiyyeeffannoo akka itti kennan akeekna.

Argannoo

Hagayya 7, 2018 guyyaa waliigalteen ABO fi motommaa Itoophiyaa jidduu Eertiraa magaala Asmaraatti tasisameen kan ka’e abdii guddaan hidhaa fi daraaraan ummata keenya Oromoo irraa dhabachuu danda’a jedhamee yaadame ture. Achii as guyyaa simmannaa hooggansa Adda Bilisummaa Oromoo/ABO Fulbaana 15, 2018 kaasee hidhaan oromoo irratti raawwatamaa jiru dubachuuf illee waan nama saalfachiisu fi kanaan dura argamee kan hin beekne. Hanga barruun kun barraa’ee bahutti lammiileen Oromiyaa hidhaan dararaa guddaa argaa jiru. Hooggansi Adda Bilisummaa Oromoo guyyaa gale irraa kaasee ji’oota sadii muraasa booda boqonnaa biraatiin lammilee keenya hidhaan dararuun itti fufe.
Fulbaanaa hanga Sadaasaatti mudannaa guyyaa simannaa Hoggantoota ABO mudate sababeefachuuun lammiilee keenya mana hidhaatti guuruun jalqabame. Hidhamtoota mana hidhaa Finfinnee buufata poolisii 3ffaatti maqaa shororkeessummaan dararamaa jiran keessaa maqaa isaanii muraasni
  1. Eng.Dandii Garbooshee. Finfinnee
  2. Dr.Mohaa Abdiisaa Sh/Lixaa Amboo
  3. Burqaa Kumarraa. W/Lixaa Mandii
  4. Farajaa Getachoo. Sh/lixaa Amboo
  5. Abubakar Abdallaa W/Lixaa
  6. Abbuu Lammaa Sh/Bahaa,Cuqqaalaa
  7. Wagaarii Badhaasaa Q/W/D/Dollo
  8. Lalisaa Guddataa, W/Lixaa Mandii
  9. Shimallis Getachoo Sh/Kabaa/G/Guraacha
  10. Mammad Isaa, W/Bahaa Nunnuu Qunbaa
  11. Abdii Bogoole. W/Bahaa/Naqamtee
  12. Yaadasaa Yooseef. Q/W/D/Dollo
  13. Saadiq Kaliifaa. W/Bahaa Naqamtee
  14. Tarikuu Abdiisaa. Finfinnee
  15. Pro.Bayyanaa Ruuda. Finfinnee
  16. Daraaraa Guyyee. Boorana
  17. Margaa Guutaa. Sh/K/Lixaa
  18. Yoomiif Seefuu.
  19. Olaanaa Beellamaa. Sh/K/Lixaa
  20. Kumaa Dandanaa. Sh/K/Lixaa
  21. Takkaalanyi Mardaasaa. Q/Wallagaa
  22. Addunyaa Keessoo. Sh/Kaabaa
  23. Baayisaa Balaayi. Finfinnee
  24. Efireem Iyyaasuu. Q/wallagaa
  25. Gadaa Bultii. W/Lixaa
  26. Bulchiinsa Balaayi. Q/Wallagaa
  27. Falmataa Girmaa. Sh/Kaabaa
  28. Bilisummaa. Q/Wallagaa
  29. Abdii Dirribaa. Q/Wallagaa
  30. Ijoo Fiixee. H/Guduruu
  31. Damee Baacaa. Q/W/D/Dolloo
  32. Abshiruu Kadir. W/Lixaa
  33. Abubakar Nuuree. W/Bahaa
  34. Caalaa Ismaa’el. Finfinnee
  35. Kaliifaa Abdulfattaa. W/Lixaa
  36. Abdii Kumsaa. Sh/Lixaa/Amboo
  37. Firaa’ol Indaaluu. W/Lixaa
  38. Obsaa Fiqaaduu. Finfinnee
  39. Buusaa Jaarrraa. Buraayyuu
  40. Miidhaksaa Baqqalaa. Buraayyuu
  41. Galaanaa Waggaarii. Buraayyuu
  42. Fiixaa Caalaa. Buraayyuu
  43. Gaaddisa Jifaaraa. Buraayyuu
  44. Ababaa Tolasaa. Buraayyuu
  45. Efireem Galataa . Buraayyuu
  46. Yaasoo Kabbabaa. Finfinnee
  47. Ifaa Gammachuu. Finfinnee.
Ittuma fufuun duulli oromoo irratti baname nam tokkee kaasee namoota jumlaan bakka jiranii ukkamsanii hidhuun bal’inaan jabaatee itti fufe. Dubree Sittiinaa Yilmaa magaalaa Gullisoo keessaa ukkaamfamtee hidhamte dabalatee Kaaba Shaggar Aanaa Dagam keessaa namoota hedduu ABO deeggartu jedhamanii mana hidhaatti guuraman:
  1. Obbo Girmaa Shawaa (Jaarsa Biyyaa )
  2. Obbo Girmaa Turaa (Manguddoo)
  3. Barsiisaa Dajanee Fiqaaduu
  4. Obbo Taganuu Hordofaa -Hojjetaa Mootummaa
  5. Obbo Alamaayyoo Addunyaa -Q/bulaa
  6. Obbo Warquu Raggaasaa -Bulchaa Gandaa
  7. Barsiisaa Yirgaalam Pheexiroos
  8. Muluu Xaafaa
  9. Barsiisaa Lammaa Fayyisaa
  10. Barattuu Hayimaanot Lammaa
  11. Qeerroo Hayiluu Dabalee
  12. Obbo Ashannaafii Hayilu – Hojjetaa Mootummaa
Akkuma cuunfaatti Hidhamtoota 108 Fulbaana 15, 2018 booda walitti bu’insa Buraayyuu irratti ta’e sababeefachuun kanneen jumlaan qabamuun hidhaman saba kana gabrummaa akka haaraatti irratti labsame agarsiisa:
  1. Guddisaa Mararaa Fufaa
  2. Addunyaa Ambassaa Ayyaanaa
  3. Baay’isaa Adunyaa
  4. Bojaa Adunyaa
  5. Badiruu Kumsaa Miijanaa
  6. Dhaabaa Girmaa Geeddafaa
  7. Awwal Abbaazinaab Abbaagaroo
  8. Tarreessa Margaa Goshuu
  9. Darajjee Hirphaa
  10. Urgeessaa Gabbisaa Dabalaa
  11. Ebbisaa Caala Haayiluu
  12. Tigist Taarraqee Tarrafa(Dha)
  13. Geexee Nagessaa Caalaa(Dha)
  14. Zarihuun Guuttataa Bariisoo
  15. Takkaaliny Mul’ataa Wayyeessaa
  16. Dagguu Ballaxaa Haayilee
  17. Maccaa Jiraataa Bulchaa
  18. Meetii Faanaa Raggaasaa(Dha)
  19. Dalasaa Dhugumaa Sobbooqaa
  20. Zeawudituu Dassaaleny
  21. Galaanee Baqqalee(Dha)
  22. Taaddaluu Qananii(Dha)
  23. Amansiisaa Booji’aa
  24. Abbabee Doorsis
  25. Darajjee Tulluu
  26. Maammush Qana’aa Haayilee
  27. Haacaaluu Bulchaa Qorichee
  28. Girmaa Baqqalee Raayyaa
  29. Birhaanuu Lammii Jootee
  30. Magarsaa Kaasaayee Guutaa
  31. Rattaa Raggaasaa Disaasaa
  32. Tolasaa Beegii
  33. Baqqalaa Raayyaa
  34. Zamanuu Guutaa Dhihoo
  35. Caalchisaa Abarraa Baqqaanaa
  36. Masfin Mulgeetaa Taayyee
  37. Sorgaantii Disasaa Guutaa(Dha)
  38. Baay’isaa Damissee
  39. Waamii Gammadoo Galataa
  40. Haayiluu Galaanaa Geeddafaa
  41. Taaddasaa Camadaa Naggasaa
  42. Bazzuu Dhugaasaa
  43. Addisuu Dachaasaa Eebbisaa
  44. Bareechaa Kabbadaa Guutaa
  45. Kinfee Taaddasee Birruu
  46. Tolaa Gammachuu Urgaa
  47. Gaaddisaa Birhaanuu Cuukkoo
  48. Abbabuu Gammachuu Fayyisaa(Dub)
  49. Taganuu Gosee Arfadee
  50. Baay’isaa Miidhaksaa Fayyissa
  51. Habtaamuu Magarsaa Qalbeessaa
  52. Biraanuu Warquu
  53. Baqqalaa Warquu Jimmaa
  54. Baqqaanaa Zawudee Barii
  55. Amantee Lammaa Naggaa
  56. Dabalaa Lammaa Naggaa
  57. Lammaa Naggaa Intalee
  58. Dabaluu Badhaadhaa Kumbii
  59. Birqee Raggasaa Badhaadhaa(Dub)
  60. Dirribaa Damissee
  61. Naannoo Dassuu Beenyaa
  62. Abdataa Balaachoo Birruu
  63. Tarreessaa Diriirsaa Hordofaa
  64. Biraanuu Itichaa Dabalaa
  65. Darajjee Dirrubaa Dabaluu
  66. Inj Seefuu Damissee
  67. Inj Tashoomaa Daadhii
  68. Araarsaa Kursaa Cunqursaa
  69. Mabiraatuu Dajanee Maammoo
  70. Inj Bahiruu Onchoo
  71. Tashaalee Fayyeeraa
  72. Girmaa Tashoomaa Baay’isaa
  73. Makibab Shifarraa Getaachoo
  74. Irgoo Lammaa Warquu(Dub)
  75. Mitikkee Tufaa Sinichoo(Dub)
  76. Haayilemikaa’el Taaffasee Tasammaa
  77. Alem Taffasee Tasammaa
  78. Charinnat Taffasee Tasammaa
  79. Asmaree Abbabee Tasammaa
  80. Fiqaaduu Haayilee Badhaanee
  81. Darajjee Naannoo Aderaa
  82. Hirphasaa Galaanaa Mul’ataa
  83. Tasammaa Galaanaa Mul’ataa
  84. Naasir Kadir
  85. Iziraa Ifireem Dhangaasaa
  86. Fireehiwot Kennaa Laggasee(Dub)
  87. Tasfaayee Mikiruu
  88. Waaqtolaa Abarraa
  89. Galaanaa Adaraa Sanbataa
  90. Lataa Baqqalaa Deebisaa
  91. Kabbadaa Deebisaa
  92. Asaffaa Caalaa
  93. Kabbadee Fayyisaa Badhaasaa
  94. Maammush Baqqalaa Deebisaa
  95. Mul’attuu Obsaa Waayyuu
  96. Dirribaa Kabbadaa
  97. Baay’isaa Guddataa Fufaa
  98. Tamasgeen Dheeressaa
  99. Siyyum Getaachoo
  100. Asaffaa Guddataa
  101. Tigist Tasfayee(Dub)
  102. Tolashii Ayyaansaa Kumbii(Dub)
  103. Galaanee Gutamaa(Dub)
  104. Almaaz Araarsaa Fayyisaa(Dub)
  105. Jifaaraa Beksisaa Qaabataa
  106. Abarruu Caalchisaa(Dub)
  107. Alamituu Guutaa(Dub)
  108. Laggasee Jimma Tasammaa
Ilmaan Oromoo maqaa isa duri ittiin dararamaa ture SHORORKEESSUMMAA deebisanii itti maxansuun, Abbaa fi Ilma, Manguddoo, Hayyotaa, Qeerroo, hogantoota dhaaba ABO fi kkf guruun otoo mana murtii hin dhiyeessiin bakkoota adda addaa maikelaawwii cufameera jedhanii kijibaa turan keessatti dararaa jiru.
  1. Baay’isaa Balaay
  2. Yaasoo Kabbabaa
  3. Hordofaa
  4. Siyyum Badhiyyee
  5. Ifaa Gammachuu
  6. Kol Gammachuu Ayyaanaa
  7. Kaayyoo Fufaa
  8. Fiqiruu Dassee
  9. Fayyeeraa Mokonnon
  10. Haannaa Baayisaa
  11. Saajiin Ungulaa Baqqalaa
  12. Toleeraa Aagaa
  13. Gadaa Roobaa
  14. Cherinnat Tafarraa
  15. Biqilaa Garbaa
  16. Kiisii Qixumaa
  17. Inispeekter Dorombos `Cuukkoo
  18. Saajiin Wadajoo Malkaamuu
  19. Daawit Muluu
  20. Lalisaa Fiqiruu
  21. Lammeessaa Taakkalaa
  22. Usmaan Hasan
  23. Malkaa Wiirtuu
  24. Amaanu’eel Ijjiguu
  25. Boonaa Abarraa
  26. Amaanu’eel Beekkataa
  27. Geetaahuun Taammanee
  28. Abbabee Maammoo
  29. Ashabbir Barii
  30. Gaaddisaa Nagaasaa
  31. Abdii Dafaa
  32. Misgaanaa Xaafaa
  33. Biqilaa Damee
  34. Caalaa Baay’isaa
  35. Tashoomee Kabaa
  36. Lammii Qana’aa
  37. Mo’aa Abdiisaa
  38. Bulchiinsaa Balaay
  39. Falmataa Girmaa
  40. Yaadasaa Geetaachoo
  41. Qaalkidaan Geetaachoo
  42. Abdii Kumaa
  43. Masfin Ballaxaa
  44. Darajjee Daggafaa
  45. Leellisaa Tolosaa
  46. Geetaachoo
  47. Bayyanaa Ruudaa
  48. Adam Jamaal
  49. Mohaammad Abdallaa
  50. Huseen Alii Hasan
  51. Boonsaa Haayiluu
  52. Efireem Iyyaasuu
  53. Muluu Taaddasaa
  54. Asnaaqee Gabayyoo
  55. Daawwit Dhufeeraa
  56. A/Dhi Hasaan Ali I/G/Nageenyaa fi I/A/Bulchaa Jillee
  57. Ali Yimeer Inspeekter poolisii
  58. M/d Ammee M/d
  59. A/Dhk Husseen Hajii
  60. Umar Abduu Umar
  61. Hasaan M/d Darasoo
  62. Umar Adame Aliyyii
  63. Usumaan Hasaan Bayaan
  64. Bushuraa Mammud Baaqalaa
  65. M/d A/d Sawwali 1 /10/2011 kan qabamee
  66. A/Dhi Ibrahim B /A/ CAFFAA
  67. Maammee Aliyyii M/d I/G /Nageenyaa
  68. Ibraahim Aliyyii I/I /Nageenyaa
  69. Fayyera Oljiraa H /Fayinaasi
  70. Kifoo (Guddataa) H/Galiiwaani
  71. Huseen Ali Affaaree B/Gandaa
  72. Adam Abduu
  73. A/Dhi Mohammed Milishaa gandaa
  74. Umar Kabiir ( Kaliil)
  75. Adurroo Abduu
  76. Muhee Adam
  77. Yaayyoo A/d
  78. Hasan Jibriil M/gandaa
  79. Adam Huseen M/d
  80. Husseen M/d Inspeekter poolisii
  81. Xilaahuun poolisii M /Marii
  82. Maammud Muhee (sarboo) milishaa gandaa
  83. M/d Usumaan
  84. M/d Husseen M/d milishaa gandaa
  85. Hasuu A/d Badruu
  86. Aliyyii Ibree
  87. A/d Yimaam Sayid
  88. M/d Sayid Muhee
  89. Muhee Sayid Fulee
  90. Hasaan Umar
  91. Sayid Ibiraahim
  92. Goonfee Husseen Hasaan
  93. Nuuruu Ahamii
  94. M/d Dawwee
  95. Ali Mootummaa K /M/ Kamisee
  96. Sayid Hasaan ( Mandelaa)
  97. M/d Kaliil
  98. Abbaas
  99. Ibraahim Alii
  100. Dr Dinqiisaa Qannoo Barsiisaa Yunivarsiitii Wallaggaa
  101. Dheekkamaa Muuda Barsiisaa Yunivarsiitii Bulee Horaa
  102. Melles
  103. Huseen Sayid
  104. Umar Hasan
  105. Adam Amiinu
  106. Abduu Ahamed
  107. B/sa Adabaa Ayyaana
  108. Ijaaraa Taaddasaa
  109. Amaddiin Zeenuu
  110. Baacaa Yaadataa
  111. Fiqiruu Amantee
  112. Saamu’eel(Shakkoo)
  113. Amanee
  114. Habtaamuu
  115. Taarikuu Beekaa
  116. Amaanu’eel Beekkataa
  117. Dargaggoo Seefuu Amanuu Aliyyaa
  118. Magaadaa Boruu
  119. Gammachiis Baqqalaa
  120. Aadde Asaggadech Taammanaa haadha faarmaasii
  121. Barsiisaa Suutumaa Bantii.
  122. Seefuu Amanuu
  123. Bilisummaa Solomoon
  124. Solomoon Badhaadhaa
  125. Umar Haajii
  126. Obbo Birruu Wayyeessaa
  127. Badhaasaa Birruu
  128. Odaa Gaarii

Karaa tokkoon waa’ee nagaa haasawaa, karaa biraan ammoo hidhaan jumlaa bal’inaan Oromoo irratti deemsifamuun yaada wal hin simnee fi walii faallaati. Duulli kun daddaffiin dhaabbachuu akka qabu hayyonii, sab-boontotni Oromoo fi qaamni dhimmi ilaallatu watwaatan illee bu’aan ykn fooyyeen tokko otoo hin argamiin, waliigalteen dhaaba ABO fi Motumman Itiyoophiyaa waggoota lakoofsisee jira.

Kuni kanaan otoo jiruu duulli hidhaa Godinoota Oromiyaa hedduu keessatti sab-boontota Oromoo, ABO deeeggartu ykn miseensa ABOti jedhaman irratti gaggeessamaa jiru karooraan bu’aa siyaasaa karaa hadhabaaf yoo ta’u itti ba’i isaa biyyattii silumaa daaqama siyaasaa hamaa keessa galte gara sirna dhabdummaa walii galaatti akka hin oofne nama yaaddessa.
Daraaraan uummata bal’aa irratti gageefamu akkuma itti fufetti otoo jiruu waggaa tokkoo booda dhaaba ABO karaa nagaa biyya keessatti qabsoo akka gageessu boordiin filannoo beekamtii kenneefi, dhaabichisi gamachuu isaa akka armaan gadiin ibsate.
IBSA GAMMACHUU
(ABO Sadaasa 15, 2019)
Kabajamaa Ummata Bal’aa Oromoo, Kabajamtoota Sabaa fi Sab-lammootaa fi Ummatoota Itoophiyaa hundaa, Firoota Qabsoo Oromoo fi Nagaa jaallattoota Hawaasa Addunyaa hundaa, Hundaan olitti ammoo miseensotaa fi deggertoota Dhaaba keenya ABO hundaaf,
Baga Gammaddan ! Baga Gammadne!
Guyyaa har’aa Sadaasa 15, 2019 Addi Bilisummaa Oromoo Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa irraa Seera-qabeessummaa isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa argachuu isaa gammachuu guddaadhaan labsina, jechuudhaan ibsan. Mee adeemsi jiru yoo xiqqoo fooyya’e jedhamee otoo eegamuu hameenyi itti fufe.
Olee otoo hin buliin, moottuummaan aangoo siyaasaa kara shiraa gad-jabeefachuu malee egeree biyyaaf abjuu akka hingochaa mirkanneessuu dalagu itti fufuusaan, sochiin barattootaa akka haaraatti gamaa gamasii dhohe. Barattoota hidhuun barumsa irraa ari’uun fi ajjeesuun akkasumas dhaabni ABO karaa nagaa qabsaa’u akka ititee gara hojii siyaasaatti hin seenne miseensotaa fi hoggana hidhuu dabalatee shirri gara garaa irratti oofamu jabaate itti fufe. Haalli biyya keessa jirus daran yaaddessaa ta’aa dhufe. Warreen qabaman marsaa galmee adda addaa jalatti qindeessuun maqaa kana kakatanii abaaran shoreerkeessumaa itti moggaasuun miseensota, hoggantootaa, deggartootaa fi jaallattoota dhaaba ABO karaa nagaa qabsoo geggeessuu sobaa fi shiraan yakkuun himannaa irratti banuun farrrummaan Sabboonnummaa Oromummaa dhabamsiisuu, yoo dadhabamee quucarsuu kaayyeffate gama mootummaan hammaachaa deemuu jalqabe.
Hidhamtoota Garee 1ffaa:
  1. Hayilamikaa’el Taaffasaa Tasammaa
  2. Alam Taaffasaa Tasammaa
  3. Charinnat Taaffasaa Tasammaa
  4. Asmaraa Abbabaa Tasammaa
  5. Fiqaaduu Haayiluu Badhaasaa
  6. Darajjee Naannoo Adaraa
  7. Hirphaasaa Galaanaa Mul’ataa
  8. Tasammaa Galaanaa Mul’ataa
  9. Naasir Kadiir
  10. Azer Ifireem Daangisaa
  11. Firaa’ol Qana’aa Laggasaa
  12. Tasfaayee Mukuruu Saalee
  13. Waaqtolaa Abarraa Sambataa
  14. Galaanaa Adaraa
  15. Lataa Baqqalaa Deebisaa
  16. Kabbadaa Deebisaa
  17. Asaffaa Caalaa
  18. Kabbadaa Fayisaa Deebisaa
  19. Maammush Baqqalaa Deebisaa
  20. Mulaatuu Obsaa Wayyaa
  21. Dirribaa Kabbadaa
  22. Baayisaa Guddataa Fufaa
  23. Tamasgeen Doorsisaa
  24. Asaffaa Guddataa
  25. Tigisti Tasfaayee Kumalaa
  26. Tolasaa Ayyaansaa Qumbii
  27. Galaanee Geetaahun Xaafaa
  28. Suyyum Geetaachoo
  29. Almaaz Araarsoo Fayisaa
  30. Jifaaraa Bookkisaa Qaabataa
  31. Abarraa Caalchisaa
  32. Alamituu Guutaa

Hidhmtoota Garee 2ffaa Qilinxoo:

  1. Gaaddisaa Mararaa Fufaa
  2. Addunyaa Hambisaa Ayyaanaa
  3. Baay’isaa Addunyaa
  4. Bojaa Addunyaa Abdii
  5. Awwal Abbaazinaak Abbaagaroo
  6. Badiruu Kumsaa Mugannoo
  7. Tarreessaa Margaa Gaashaa
  8. Dhaabii Girmaa Gaddafaa
  9. Darajjee Hirphaa Gammachuu
  10. Urgaa Gabbisaa Dabalaa
  11. Eebbisaa Caalaa Hayiluu
  12. Tigisti Taarraqaa Tafarraa
  13. Geexee Nagaasaa Caalaa
  14. Zarihuun Guuttataa Bariisoo
  15. Takkaalliny Mul’ataa Wayyeessaa
  16. Dagguu Ballaxaa Hayiluu
  17. Maccaa Jiraataa Bulchaa
  18. Meetii Faanaa Boggaalaa
  19. Dalasaa Dhugumaa Sobbooqaa
  20. Zawdituu Dassaaleny
  21. Galaanaa Baqqalaa
  22. Taaddaluu Qananii
  23. Amansiisaa Bojaa Iddattoo
  24. Kabbadaa Doorsisaa Filataa
  25. Darajjee Tulluu
  26. Maammush Qana’aa Hayiluu
  27. Haacaaluu Bulchaa Qorichoo
  28. Girmaa Baqqalaa Raayyaa
  29. Biraanuun Lammii Jootee
  30. Magarsaa Kaasahee Guutaa
  31. Rattaa Raggaasaa Deesisaa
  32. Tolasaa Beegii

Hidhamtoota Garee 3ffaa Qilinxoo:

  1. Kinfee Taaddasaa Birruu
  2. Tolaa Gammachuu Urgaa
  3. Gaaddisaa Biraanuu Cuukkoo
  4. Abbabuu Gammachuu Fayyisaa
  5. Taganuu Gosee Hordofaa
  6. Baay’isaa Miidhaqsaa Fayyisaa
  7. Haftaamuu Magarsaa Qalbeessaa
  8. Biraanuu Warquu
  9. Baqqalaa Warquu Jimaa
  10. Baqqalaa Zawudee Barii
  11. Amantee Lammaa Nagawoo
  12. Dabalee Lammaa Nagawoo
  13. Lammaa Nagawoo Intalee
  14. Dabaluu Badhaadhaa Qumbii
  15. Birqee Raggaasaa Badhaadhaa
  16. Dirribaa Damisee
  17. Naannoo Dassuu Beenyaa
  18. Abdataa Balaachoo Birruu
  19. Tarreessaa Diriirsaa Hordofaa
  20. Biraanuu Itichaa Dabalaa
  21. Darajjee Dirribaa Dabaluu
  22. Komaander Seefuu Damisee Fayyisaa
  23. Inispekter Tashoomaa Daadhii Waaqee
  24. Araarsoo Koorsaa Cunqursee
  25. Maabiraatuu Dajanee Maammoo
  26. Inispekter Baahiruu Oonchoo Birruu
  27. Tashaalee Fayyeeraa
  28. Girmaa Tashoomaa Baayisaa
  29. Maayikibab Shifarraa Geetaachoo
  30. Urgoo Lammaa Warquu
  31. Mitikkee Tufaa Sanyii//

Beekamtiin seerawaa karaa bordii filannoo guyyaa sadaasaa 15, 2019 booda immoo sochii ABOn karaa nagaa socho’ee dargaggoota ijaaree siyaasa isaa gaggeessu sodaaf, jidduu gala Oromiyaa keessatti akka armaa gadii kanaan hidhaa jumlaan raawwatee jira.

  1. Buraayyuu nama . 200
  2. Sabbataa nama …56
  3. Xaafoo nama 24
  4. Sulultaa nama 15
  5. Shaggar Lixaa nama 58
  6. Iluu Abbaabooraa nama 40
  7. Beddellee nama 20 ol
  8. Jimmaa nama 30 ol
  9. Naqamtee nama 50 ol
  10. Gujii nama 40
  11. Boorana nama 20 ol
  12. Harargee nama 40 ol
Haala hidhaan hammaatee itti fufuu kana Addi Bilisummaa Oromoo/ABOn ibsa hidhaa Oromiyaa keessatti raawwachaa jiru akka armaan gadiitti kenne.
Ibsa Gaazexaa Adda Bilisummaa Oromoo Irraa:
Hidhaan Jumlaa (Mass Arrest),
Ajjeechaan Namoota Meesha-maleeyyii, Ummata Addaa Qoodanii Tajaajila Quunnamtii Irraa Kutuun, Barattoota Addaan Qoodanii Barnoota Irraa Ari’uu, Bulchiinsi Waraanaa (Command Post) bu’uura seeraa hin qabnee fi Walumaa galatti Hacuuccaan Siyaasaa Jal-bultii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa Kan Bara 2020tti, Oromiyaa Irratti Babalachaa Jiru Guddoo Nu Yaaddessa! 7
Yaaddoo sirna dhablummaan baballachuu fi ol aantummaan seeraa dhabamuu akkasumas dhiittan mirgaa jabaatee itti fufuun, egeree biyyatti balaa hamaa fi irraa dandamachuun ulfaatu keessaa akka hin galchine irratti qabu ABOn nuffii malee jabaatee akeekachiisuu fi hubachiisuu itti fufus mootummaan Itiyoophiyaa furamaata walii galaaf gad taa’ee mari’achuu irraa karaa humnaa furuu filate. Humna harkaa qabu gargaarame hidhaa, reebichaa fi ajjeechaa bal’aa miseensotaa fi deggertoota dhaaba ABO karaa nagaa qabsaa’uu fi hawwaasa nagaa irratti, bal’inaan Oromiyaa keessatti waggoota lamaan darban raawwatame caalaa ragaan kana mirkaneessu hin jiru.
Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa Itoophiyaa wajjin waliigaltee araaraa irra gahuudhaan biyya kana keessatti Bilisummaa Ummatootaa fi ijaarsa sirna dimokiraasii dhugoomsuuf sochii siyaasaa karaa nagaa erga jalqabee waggaa tokkoo ol tahee jira. Erga waraqaa ragaa seera-qabeessummaa Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa irraa argatee garuu reefuu baatii 3 guuta. Yeroo dabarsine kana keessatti gama mootummaa fi Paartii biyya bulchuutiin dhiibdeen siyaasaa hin barbaachisne nu irra gahaa turuu yeroo adda addaatti sagalee keenya dhageessifachaa turuun keenya ni yaadatama. Kanuma waliin dhiibbaa bifa gara garaatiin nu irra gahaa ture hundaa obsaa fi bilchinaan qabnee mootummaa fi paartii biyya bulchus tahe qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin mariidhaan furmaata itti barbaadaa as geenyee jirra.
Rakkinoota siyaasaa jiraniif furmaata irra wayyaa tahuu kan danda’u filannoo haqaa fi dimokiraatawaa kan Uummatni bilisa tahee bakka bu’oota isaa sadarkaa hundaatti filatu gaggeessuudha jennee waan amannuuf Filannoon Biyyoolessaa Itoophiyaa kan bara 2020 inni fuula keenya dura jiru filannoo akkasii akka tahuuf qooda gama keenyaa bahachuuf hojjechaa turre ammas itti jirra. Akkuma beekamu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaatis Filannoo bara kana gaggeeffamuuf jiruuf tartiibaa fi sagantaa yeroo hojiileen filannoo kanaa itti xumuramuu qaban (Election Time Table) ifa godhee jira. Yeroo saganteeffame kana keessatti qophii nu irraa eegamu hunda xumurannee Filannoo kanatti hirmaachuuf gama keenyaan waan gochuu qabnu hundaa gochaa kan jirru tahu illee rakkoon gama mootummaatiin miseensotaa, deggertoota hogganaa fi uummata keenya irra geessifamu garuu guyyaa irraa gara guyyaatti hammaachaa, fi babal’atee deemuun itti fufee jira.

Rakkinoota nu mudachaa jiran gabaabsinee (walitti cuunfinee) yoo keenye:

  1. Godinoota Oromiyaa kanneen akka Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa, Horro-Guduruu Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Baha Gujii, Lixa Gujii, Boorana, Buunoo-Beddellee, fi Iluu Abbaa Booraatti Ummatni keenya yeroo waggaa tokko caaluuf Bulchiinsa Waraanaa (Command Post) seeraan hin labsamin jala jira.
  2. Lafoota bulchiinsa waraanaa (Command Post) jala jiran kana hundattuu bilisummaan sochii mirgi lammiilee daangeffamaa tahuutti dabalee godinoota akka Qellem Wallaggaa, Lixa Wallaggaa fi Godinoota Gujii lamaan keessatti lola sababa godhachuudhaan ajjeechaan, hidhaan, saaminsi, manaa fi qabeenya ummataa gubuu, balleessuun fi kkf. lammiilee nagaa (meesha maleeyyii) irratti gaggeessuun kan yeroo kamuu caalaa hammaatee jireenya uummata keenyaa gidiraa hamaa keessa galchee jira. Hundaa olitti ammoo Godinoota lamaan Qellem Wallaggaa fi Lixa Wallaggaa irraa mootummaan tajaajila qunnamtii akka telefoonaa fi interneetii guutummaatti erga kutee baatii 1 fi walakkaa caalee waan jiruuf yeroo kana keessatti waan naannoo sanatti tahaa jiru beekuun dadhabamee jira. (Dhimma kana ilaalchisuudhaan jalqaba baatii kanaa gaafa Gurraandhala, 1, 2020 Ibsa baasuun keenya ni yaadatama). Haa tahu malee haalli sun ammas akkuma itti fufetti jira. Yeroo ammaa kanatti ammoo rakkinni tajaajila qunnamtii bilbilaa fi interneetii kutuun, Finfinnee irraa gama Dhihaa fi kibba Oromiyaatti sochii hawwaas-dinagdee uummata keenya gamas jiran gaadiuun rakkina haamaaf isaan saaxilan.
  3. Rakkinni bulchiinsa waraanaa (Command Post) seeran alaa haala kanaan osoo jiruu, dhiheenya kana ammo godinoota Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti sababaa nuti hin beekneen hidhaan jumlaa (mass – arrest) miseensotaa fi deggertoota dhaaba keenyaa irratti bal’inaan gaggeeffamuu jabaatee itti fufee jira. Qaamni hidhaa jumlaa kana gaggeessaa jiru Poolisii Oromiyaa tahuunis beekamee jira. Hidhaan jumlaa kun, Godina Addaa Naannawa Finfinnee jedhamuun beekaman keessattis haala yaaddessaa ta’een adeemaa jira. Akka kanaan torban tokkoo asitti qofa miseensotaa, deggertoota, fi jaallatoota dhaaba keenyaa kanneen bakkoota addaa addaatti(Godinoota Oromiyaa 7, Onootaa fi Bulchiinsa Magaalaa 26) irraa jumlaadhaan hidhaman keessaa yoo xiqqaate kan odeessi isaanii hanga ammaatti nu dhaqqabe lakkoobsi namoota 350. Haa tahu malee, sababa uggura quunnamtii fi bakka dhoksaa mana hidhaa idlee hin taneetti hidhaan raawwatuuf, odeessa gahaa wallitti qabuun dadhabamus baayyinni hidhamtoota kun kumoota akka ta’u amanna. Kanneen hanga ammaatti tarrisa maqaa isaanii gama garaa garaan qabatammaatti arganne, namootni 174 kanneen armaan gadii tahu:
I. Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Sabbataa Irraa: Namootni 56 hidhamuu kan mirkaneeffanne oggaa tahu kan maqaa isaanii arganne:
  1. Obboo Caalaa Sardaa Manguddoo biyyaa
  2. Obboo Tashoomaa Biqilaa Manguddoo biyyaa
  3. Obboo Angaasaa Garasuu Manguddoo biyyaa
  4. Tasfaa Sanbataa
  5. Yooseef Yaadataa
  6. Sabboonaa Baayisaa
  7. Hamad Nuur-Amaan
  8. Dajanee Geetaachoo
  9. Taarikuu Abbabaa
  10. Abeebee Disaasaa
  11. Abdii Raggaasaa
  12. Gadaa Asaffaa
  13. Bayyanaa Garramuu
  14. Saajiin Miidhagsaa
  15. Abdii Heebanuu
  16. Ibraahim Alii
  17. Rabbirraa Dabaree
  18. Sanyii Kumsaa
  19. Falmataa Kumsaa
  20. Bayaan Jamaal
  21. Abarraa Baqqalaa
  22. Wandimmuu Tashoomee
  23. Biraanuu Bookaa
  24. Misgaanuu Galataa
  25. Sanyii Asaffaa
  26. Caalaa Garramuu
  27. Dabalaa Birraatuu
  28. Nuuree Mohaammad
  29. Guutaa Magarsaa
  30. Guutaa Sabbooqaa
Buraayyu Irraa: Namootni hidhaman lakkoofsaan 150 ol oggaa tahan kan maqaan isaanii nu dhaqqabe
  1. Hiikaa Bulchaa Dabballee Waajjira ABO
  2. Malkaamuu Gammachuu Barsiisaa
  3. Nimoonaa Shaafii
  4. Qabbannaa Ittafaa Mana cufsiisanii Maatii waliin hidhan
  5. Yaadasaa Gabbisaa
  6. Kadir Tolasaa
  7. Tamaam Mohaammad
Xaafoo Irraa: Namoota 24 hidhamuu mirkaneeffanne keessaa maqaan namootaa arganne
  1. Abiriish Shaafii
  2. Efireem Amboosaa
  3. Jaallataa Tolosaa
  4. Abbayyaa Bojaa
  5. Barsiisaa Abdii
  6. Jigsaa
  7. Moosisaa
Magaalaa Caancoo Irraa: Namootni hidhaman hedduu tahanis maqaan ammaaf arganne
  1. Girmaa Nagaasaa
  2. Darrabaa Gizaw
  3. Asaffaa Nagaasaa
  4. Gaaddisaa Adaree
II. Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Irraa: Namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu dhaqqabe
  1. Barsiisaa Tasammaa Hambisaa
Calliyaa Irraa:
  1. Taammiruu Alamaayyoo
  2. Dalasaa Abarraa
  3. Baqqalaa Gaashuu
  4. Biqilaa Addunyaa
  5. Dirribaa Amanuu
  6. Gaashuu Furdoosaa
  7. Addunyaa Biraanuu
Baakkoo Tibbee Irraa:
  1. Fiqaaduu Taaddasaa
  2. Yaared Diruu
  3. Isheetuu Addunyaa
  4. Gaaddisaa Guutamaa
Gincii Irraa:
  1. Sanyii Girmaa
  2. Waaqumaa Kamiil
  3. Lataa Kabbadaa
  4. Lammii Tuujjoo
  5. Baayisaa
Cobii Irraa:
  1. Leensaa Kabbadaa
  2. Caalaa Abdtaa
Adaaa Bargaa Irraa:
  1. Baatiree Tasfaayee
  2. Mokonnon Alamuu
  3. Kuubaa Gammadaa
  4. Daanieel Mokonnon
  5. Tasfaayee Dibaabaa
  6. Baqqalaa Dibaabaa
  7. Araarsaa Dachaasaa
  8. Darajjee Tolosaa
  9. Diinaraas
  10. Mangistuu
  11. Asaamminoo Asaffaa
  12. Amaan Badhaadhaaa
Jaldu Irraa:
  1. Kabbadaa Irkoo Barsiisaa
  2. Tashoomaa Hordofaa
  3. Toleeraa Caalaa
  4. Dajanee Moosisaa
  5. Ayinaalem Lammaa
Daannoo Irraa:
  1. Gammadaa Tashoomaa Barreessaa Waajjira ABO
  2. Tasfaayee Hordofaa Miseensa
  3. Hacaaluu Goobanaa
III. Godina Kaaba Shawaa Dagam Irraa:
  1. Tokkummaa Gabbisaa
  2. Abdiisaa Gaarii
  3. Tashoomaa Nagaasaa
  4. Dabalaa Fayyisaa
  5. Fiqaaduu
Ejeree Irraa: Namootni 17 hidhamuu mirkaneeffannus maqaan isaanii nu hin dhaqqabne. Abuunaa Gindabarat Irraa: Namootni 5 hidhamuu mirkaneeffannus maqaan isaanii nu hin dhaqqabne.
IV. Godina Horroo-Guduruu WallaggaaAmuuru Irraa:
  1. Barsiisaa Tasfaa Toleeraa
  2. Asaffaa Waaqjiraa
  3. Mallasaa Indaalee
  4. Jaarsoo Alamuu
  5. Fiqaaduu Hulluuqaa
  6. Dasoo Toleeraa
  7. Biqilaa Abdiisaa
  8. Ayyalaa Gammachuu
  9. Habtuu Abdiisaa
  10. Likkaasaa Gannatii
  11. Kaffaalee Abdiisaa
  12. Taakkalaa Nagaasaa
  13. Baabbee Dhinsaa
Abbaay Coomman Irraa:
  1. Gaaddisaa Hordofaa
  2. Dastaa Dajanee
  3. Geetuu Kabbadaa
  4. Baayisaa Guddallee Reebicha hamaan kan miidhame
V. Godina Iluu Abbaa Booraa Daarimu Irraa:
  1. Caarbosaa Kabbadaa
  2. Massaa Molee
  3. Ajiiboo Daawud
  4. Tafarii Takkaaliny
  5. Bakiir Umar
  6. Lijaabuu Musxafaa
Yunivarsitii Mattuu Irraa:
  1. Boonsaa Kumarraa
  2. Abbayyaa Alamuu
  3. Ebbaa Addaamuu
  4. Anuwaar Suufiyaan
  5. Kuuniis Muktaar
  6. Abduuba Garbichaa
  7. Ibsaa Muusaa
  8. Alii Hajii Jaarsoo
  9. Guyyoo Jaarsoo
  10. Nuuraddin Suufiyaan
Buree Irraa:
  1. Siinan Huseen
  2. Amaanueel Bulii
  3. Lalisaa Amanuu
  4. Naaol Adaanee
  5. Firaaol Adaanee
  6. Mintesinoot Abbebe
  7. Ashannaafii Tsaggaayee
  8. Anasoo Ibiraahiim
  9. Tamasgeen Gabayyoo
Haluu fi Noophaa Irraa:
  1. Barsiisaa Fantaa
  2. Subaaloo Geetaachew
  3. Muluqan Tasfaayee
  4. Firaa’ol Darajjee
  5. Indaalee Zawudee
  6. Andum Gazzaany
  7. Warquu Xilaahuun
  8. Laaalelisaa Bafqaaduu
  9. Daanieel Taaddasaa
  10. Malkaamuu Rattaa
Magaalaa Mattuu Irraa: Namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu dhaqqabe
  1. Barsiisaa Daagim Warqinee barreessaa waajjira ABO Mattuu
VI. Godina Baalee Magaalaa Roobee Irraa:
  1. Abdii Mohaammad
  2. Jeettii Huseen
  3. Leencoo Jawaaroo
Dalloo Mannaa Irraa:
  1. Hasan Mohaammad
  2. Aliyyii Mohaammad Haajii
  3. Jibiriil Waatoo
  4. Abdushakuur Maallim
  5. Huseen Sheek Ahmad
  6. Abduu Mohaammad-Huseen
  7. Kamiil Abubakar
  8. Aadde Istuu
VII. Godina Lixa Harargee Irraa: Ona Gammachiis Irraa:
  1. Kadiir Huseen
  2. Bilisummaa Ahmed
  3. Jaafar Abdoo
  4. Idiris Shamaxee
  5. Jaafar Huseen
  6. Jamaal Nuuraa Indiree G/Waajjira ABO
Odaa Bultum Irraa:
  1. Aadde Shaashii Saadiqoo
  2. Abdoo Siraaj I/A/Waajjira ABO
  3. Heeydaraa Ahmed
  4. Marshaa Indaalaa
  5. Ziyaadoo Saanii
  6. Obsaa Nuuree
Doobbaa Irraa:
  1. Abdallaa Ahmad
  2. Magarsaa Mohammad
  3. Muusaa Mohammad
  4. Toofiq Aliyyii Abdii
  5. Kadir Rashiid
  6. Qaasim Umaree
Kana malees:
Godina Lixa Harargee Ona Doobbaa magaalaa Biyyoo Karaabaatti Gaafa 10/02/2020tti poolisootni Oromiyaa dargaggoota hedduu jumlaan reebuudhaan miidhaa gurguddaa irraan gahanii, waajira ABO kan magaalaa kanaatti argamus cufanii jiran. Odeeffannoon kun deggertoota, miseensotaa fi qondaalota dhaaba keenyaa kanneen duraan Finfinnee fi iddoo adda addaatti hidhamanii jiran hin dabalatu. Rakkoolee nu mudataa jiran kanneeniif furmaata barbaaduuf yeroo adda addaatti boordii filannoo biyyoolessaa Itoophiyaa xalayaadhaan beeksisuutti dabalee qaamota mootummaa dhimmi ilaalu waliinis waltajjiilee carraan itti argame hundatti wal hubannoo feesisu uumuuf gama keenyaan of qusannee hin beeknu.
Yeroo ammaa kana jal-bultii filannoo biyyoolessaa kan bara 2020 irra jirrutti Oromiyaa keessaatti rakkooleen turan furamanii, haalli nageenyaa fi bilisummaan sochii humnoota siyaasaas tahe kan lammiilee hundaa wayyoomina agarsiisaa deemuun hafee daran hammaachaa deemuun sadarkaa kana gahuun isaa yaaddoo guddaa nutti dahlchee jira. Ta’us, ammas osoo abdii hin kutanne irra deddeebinee gaafatamni guddaan kan irra jiru mootummaan rakkina kana babal’isuu dhiisee furmaata itti barbaaduuf akka hojjetu jabeessinee gaafanna. Kanaaf akka gargaaruufis:
  1. Hidhaan jumlaa kun hatattamaan akka dhaabbatu
  2. Kanneen hidhamanii jiran hundi mirgi isaanii kabajameefii hatattamaan karaa haqa-qabeessa taheen murtii seeraa akka argatan
  3. Tajaajilli quunnamtii yeroo dheeraaf addaan muramee wal qunnamtiin uummataa dhabamuun uummata dheekkamsiisee miira aariitiin gara hin feesisnetti dhiibuu waan danda’uuf tajaajilli qunnamtii murame dafee akka bakkatti deebi’u
  4. Bulchiinsi Waraanaa (Command Post) seeraan hin labsaminii fi yeroon itti xumuramus hin beekamne uummata keenya gidiraa hamaaf saaxilee waan jiruuf hatattamaan akka kaafamuu fi ajjeechaan lammiilee nagaa (meesh-maleeyyii) irratti gaggeeffamaa jiru hatattamaan akka uummata keenya irraa dhaabbatu
  5. Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itoophiyaa kallattiidhaan gaafatama filannoo biyyoolessaa itti deemnu kana fiixaan baasuuf, haala gufachiisaa jal-bultii filannichaatti mul’achaa jiru kana qaamota dhimmi ilaalu hunda waliin hojjetee furmaata argamsiisuuf gaafatama isaa akka bahatu
  6. Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa dhiittaa mirga namoomaa fi dimokiraasii Oromiyaa keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jiru kana hordofee qorachuun gabaasaa barbaachisu dhiheessuutti akka hin jirre argaa jirra. Qaamni kunis gaafatama seenaa jalaa bahuuf gahee irraa eegamu akka bahatu
  7. Mootummoonni biyyootaa, kanneen michuu Itoophiyaa warri dimokiraasiin biyya kana keessatti akka lafa qabatuuf tiniinsa adda addaa gochaa jiran haalli Itoophiyaa keessatti deemaa jiru kan karaa irraa jallatee fi faallaa dimokiraasii waan taheef mootummaa Itoophiyaa gorsuu fi dhiibbaa ijaaraa feesisu hunda gochuudhaan haalli kun akka sirrattu taasisuuf gahee isaanii akka bahatan yaadachiisna.
  8. Komishiniin sadarkaa Afrikaatti qabaa mirgoota dhala namaa fi Ummatootaa hordofu (African Commission on Human and Peoples Right) akkuma biyyoota Afrikaa biroo irratti hordoffii taasisu adeemsa faallaa dimokiraasii Itoophiyaa keessatti babal’achaa jiru kana hordofuudhaan akka gabaasuu fi qooda isa irraa eegamu akka bahatu yaadachiisna.
  9. Mootummaan Itoophiyaa haala karaa irraa jallatee biyyattii gara hin taanetti dhiibaa jiru kana osoo tohannoodhaa ala hin baane tarkaanfiin sirreessaa akka fudhatamuuf irra deebi’ee keessaa ofii akka ilaalu. Rakkinni jiru kamuu qaamota dhimmi ilaalu hunda haala hirmaachiseen mariidhaan furmaata akka argatuufis akka haala mijeessu cimsinee gaafanna.
  10. Oromiyaattis tahe guutuu biyyaatti nageenyaa fi tasgabbiin uumamee filannoo biyyoolessaa kan bara 2020 fuul-dura keenya jiru irratti uummatni bilisa tahanii bakka bu’oota isaanii filachuudhaan mootummaan uummataa akka hundeeffamuuf mootummaa aangoo irra jiru dabalatee kanneen dhimmi ilaalu hundi gaafatama isaanii akka bahannu waamicha goona.
Qaamotni adda addaa kanneen rakkinoota mul’atan kana hubachiisuu fi furmaata argamsiisuu keessatti qooda kennuu dandaan (Dhaabbattootni mirga dhala namaaf falman kan olitti maqaa dhawamanii kan kanneen biroos, miidiyaalee fi gaazexeessitootni, namootni fi qaamotni dhiibbaa ijaaraa gochuu danda’an) hundi haala kana fardeessanii akka jala bu’anii fi karaa ijaaraa taheen gahee isaanii akka bahatanis cimsinee gaafanna. Addi Bilisummaa Oromoo gama isaatiin rakkinoonti jiran hundi furmaata waaraa akka argataniif waan isa irraa eegamu hunda kan godhu tahuu mirkaneessina.
Injifannoo Ummata Balaaf !
Adda Bilisummaa Oromoo
Gurraandhala 14, 2020
Ibsa Addi bilisummaa Oromoo/ABOn basee torbee lamaa booda Muddama hamaa keessa Motumaan seenuusaarraan kan ka’e tarkaanfii garaa jabummaa guyyaa Guraandhala 29, 2020 Hogganoota ABO 10(kudhan) ajaja mana muurtiin ala hidhaman:
  1. Abdii Raggaasaa.
  2. Mikaael Boran
  3. Dr Shuggux Galataa
  4. Yaddii Abdushakur
  5. Kennasaa Ayyaanaa
  6. Tasfaayee Makkoo
  7. Muhee Raayyaa
  8. Solomoon Tashoomaa
  9. Dachaasaa Wiirtuu

Gochi kun yeroo gabaabatti adunyaa waliin gahee dhiibba cimaan Motummaa irratti godhamus adeemsa isaa irra otoo hin dhaabbatiin poolisiin magaalaa Buraayyuu qondaalota fi hooggantoota ABO jaal Abdii Raggaasaa gaafachuu deeman qabee hidhe:

  1. Gadaa Gabbisaa
  2. Amaan Filee
  3. Dassuu Duulaa
  4. Mohammed Hassen Waaqoo
  5. Bilisummaa Araarsaa

Yeroon isaa dhukubni Koronaa yerootti babalachaa jiru waan ta’eef Abbaan Alangaa Federaalaa hidhamtoota 4000 caalaniif dhiifamni godhameef. Haa ta’u malee, dhiifamni kun miseensota ABO hin dabalanne.

Walumaa gala adeemsi hidhaa batiilee Amajjii, Guraandhalaa fi Bitooteessa akka malee hammaataa turuurraa kan ka’e kan hidhameef kaan hafe hanga addaan wallaaluu gahameera. Diraamaan isaa itti fufuun kenneen mana murtii dhiyaatanii yeroo lama sadii bilisa jedhaman illee gadhiisu diduun gara abba irrumaa hamaatti seenamee jira.
Hidhaa suukanneessaa Gujii Bahaatti raawwate Galamoo Dawit Gaazexeessaan VOA Eebila 21, 2020 karaa VOA akka armaan gadiitti gabaase.
Maatii Shanee jedhanii walitti nu qabaa jiru Jiraattota Gujii Bahaa Maatii Shanee Jedhanii Walitti nu Qabaa Jiru Gujii Bahaatti Warri Torbee Darbe To’annaa Jala Oolfames Dhaddachaaf hin Dhiyaanne jedhu Jiraattonni
Torbee darbe Gujii Bahaa aanotii gammoojjii afur keessaa poolisii Oromiyaan ka to’annaa jala oolfaman mana murtiif akka hin dhiyaanne jiraattonni Sagalee Ameerikaaf dubbatanii jiran. Firoottan warra hidhaman kanaa, Sagalee Ameerikaaf yoo himan bakka waajjira poolisiittillee firoota isaanii gaafachuu sodaanneerraa jedhan. Aadde Darmii Tukkisee jiraattuu aanaa gumii Eldalloo, ganda Caffee Hiddiiti. Aadde Darmi abbaan warraa isaanii miseensa warra maqaa WBOn socho’u ta’uu firri isaanii tokko Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Torbee darbe waldhaansa baqaqsanii hodhuun erga daa’ima da’anii booda humna nagaa kabachiiftota mootummaan to’annaa jala oolfamanii Guyyaa afuriif daa’ima waliin waajjira poolisii Magaalaa Nageelle jiruu jedhu firri isaanii kun. Dabalaniis yoo dubbatan firri Aadde Darmii poolisii waan sodaanneef waan nyaatamuu fi uffatallee ijoolleedhaan waajjira poolisiitti erginaaf jechaaan himan. Ammas warri yeroo mootummaan torbee darbe kanaa kaasee nageenya kabachiisuuf tarkaanfii fudha jedheka to’annaa jala oolan marti mana murtiif hin dhiyaanne jedhu jiraattonni Gujii Bahaa. Jiraataan waa’ee warra qabamee VOAf himan kaanis dubartoonni hoosisan 10 ol Waajjira Poolisii Magaalaa Nageellee keessa jiraachuu dubbatnii jiran.
Waa’ee warra hidhaman maaf akka mana murtiif hin dhiyaanne gaafattanii deebii maal argattanii jedhee firoottan namoota hidhamanii gaafatamanii yoo deebisan, dargaggoonni gaaffii akkasii kaasuun yakka ta’eera baayyee sodaannaa jedhu.Gama biraan ammas jiraattonni Gujii Bahaa keessumaa maatii warra bosona jiruutii jechaan nu shakkanii bakka tokkotti walitti nu qabaa jiruu jedhu. Akka jiraattonni jedhanitti miseensonni poolisii Oromiyaa fi humnootni naga kabachiiftota mootummaa Gujii Bahaa keessaa bakka lamatti Maatii Shanee jechuun maatii warra hidhannoon naannoo keessa socho’uu walitti qabaa jiru.
BBC Affaan Oromoos guyyaa Eebla 24, 2020 Hidhaa naanno jimmaa irratti tasifamaa jiru haalab armaan gadii kanaan gaabaase.
“Jimma Saqqaatti kan hidhaman Obbo Abdoo Abbaa Joobir eenyu? MADDA SUURAA, MIIDIYAA HAWAASAA Suuraan Obbo Abdoo Abbaa-Joobir harki isaanii duubatti hidhamee humnoota nageenyaa mootummaan marfamanii yeroo deeman agarsiisu miidiyaalee hawaasummaa irratti ijoo dubbii ta’eera. “Waaree booda sa’aa 11:30 irratti dhufanii mana keenya marsan. Isa boodas balbala rukutanii ol nutti seenanii harka isaa dudduubatti hidhanii reebaa fudhatanii deeman,” jedhu haatii warraa Obbo Abdoo Abbaa-Joobir Addee Jamiilaa Abbaa Raayyaa.
Namni kun eenyu? Maalif qabaman? Obbo Abdoo Abbaa Joobir godina Jimmaatti jiraataa aanaa Saqqaa Coqorsaa, abbaa ijoollee sadiifi hojjettaa Waajjira Barnootaa aanichaati.
“Haala ture ibsuun nama rakkisa. Fiilmii hojjechaa kan jiran malee nama tokko qabuuf kan dhufan hin fakkaatu. Mooraan keenya polisootaan guutameera,” jedhan haala Addee Jamiilaa haala ture yeroo himan. Akka haati warraa isaanii BBC’tti himanitti Obbo Abdoon miseensa dhaaba kamiyyuu miti. “Aanaa kanatti ‘ideology’ warra aanaa yoo hin hordofne yookin ammoo soba isaan sobaniif dhuguma jettee yoo duukaa hin deemne, yoomuu ati mormituudha,” jechuun abbaan warraa isaanii ilaalchuma qaban qofaaf hidhamuu isaanii himu Aaddee Jamiilaan.
Guyyuma walfakkaataa Roobii obboroo manni isaanii marfamee abbaa fi obboleessi isaa humnoota nageenyaan akka fudhataman kan himu jiraataan aanaa Saqqaa Coqorsaa dargaggoo Arabuu Kaliifaa “nuyi siyaasa keessatti hirmaannaa hin qabnu, sabboonummaa fi quuqama uummataa qabna. ABO wajjin hidhata qabdu nun jedhu,” jedha. Dargaggoo badii poolisiin Finfinneetti raawwatu waraabe ‘Mootummaan sarbama naannoo Somaalee gadi fageenyaan qorachuu qaba’ ‘Qorannoo sarbama mirga namoomaa tarkanfii itti aanu ta’uu qaba’
Sakatta’iinsa:
Sakatta’iinsa mana Obbo Abdoo Abbaa-Joobir fi hidhamuu isaaniitif sababni humnootii nageenyaan itti himame “mana keessan meeshaaleen waraanaa garaagaraa fi qabo-yaa’iin nama ajjeessuf itti karoorfattan jira,” kan jedhu akka ta’e haati warraa isaanii BBC’n haasofsiise himu.
“Mana kee keessaa rasaasatu jira. Isa fuunu malee hin deemnu jedhanin. Innimmo yoo feetan manakoo diigaa ilaalaa. Rasaasa mitii wanta lolaa wayii takka yoo agartan na fannisaa jedheen,” jedhan haasaa humnootii nageenyaa fi abbaa warraa isaanii gidduutti taasifamaa ture yeroo himan.
Haa ta’u malee sakatta’iinsa taasifameen meeshaan waraanaa argame akka hin jirreefi kitaaba seenaa fi shugguxii pilaastikaa daa’imman isaanii ittin taphatan fudhatanii deemuu isaanii himu.
Obbo Abdoon Roobii waaree booda qabamanii Waajjira Poolisiitti erga geeffamanii booda hanga kaleessaa (Kamisa) galgala sa’aa 12:30’tti jechi isaanii akka hin fuudhamne haati warraa isaanii himan. “Waraqaadhaan osoo nu waamuu danda’anii akka shiftaatti harkasaa duubatti hidhanii sadii afur ta’anii reebaa fudhatanii deeman,” kan jedhan haati warraa Obbo Abdoo Abbaa-Joobir, namootni baay’atanii kutaa tokko keessatti hidhaman sodaa tatamsa’ina dhibee Covid-19 itti uumusaa dubbatan.
Yaada Qaamolee Mootummaa fi Dhaabbilee Siyaasaa
Hidhaa fi reebichi namoota irratti taasifamu godina Jimmaa keessatti hammaachaa akka jiru BBC’tti kan himan ogeessi sab-qunnamtii uummataa ABO damee godina Jimmaa dargaggoo Gaaddisaa Abdii “miseensota, deeggartoota fi sabboontota boru nu bakka bu’anii dorgomuu danda’u jedhanii shakkan hidhaa jiru,” jechuun himaniiru. Kanaan dura dhaabbileen siyaasaa biyyattii keessa jiran mootummaan labsii yeroo muddamaa dhibee Covid-19 sababeeffachun labsame ajandaa siyaasaa ittin raawwachiifachuuf akka itti hin fayyadamneef yaaddoo qaban himaa turan.
Gama biraatin Komishiiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa fayyina hawaasaaf jedhamee labsii yeroo muddamaa yeroon labsame kanatti mirgi namoomaa sarbamuu akka hin qabne himuunsaa ni yaadatama.
BBC’n hidhaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ilaalchisuun yaada qaamolee mootummaa gaafachuuf bulchaa aanaa Saqqaa Coqorsaa, Itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaaf Nageenyaa aanichaa akkasumas Poolisii aanichaatti bilbilus yaada isaanii argachuu hin dandeenye.
Haalli jiru akkuma jiru ta’ee taatee dhagahamee hinbeekne dhagahamuu jalqabe. Mohammed Amin magaala Harar keheessatti ganama akkuma hojiif manaa baheen humnoota mootummaatin karaarraa qabamee reebichaafi tumaa hamaadhan lubbuu isaa bifa sukhanneessa taheen ajjeesan.
Gaabaasa guyyaa Caamsaa 23, 2020 BBC News, Afaan Oromoo Waayee du’a obbo Mahaammad Amiin waan odeeffanne jedhuun akka baasetti MADDA SUURAA, MIIDIYAA HAWAASAA “Obbo Mahaammad Amiin humnoota mootummaatiin karaarraa erga qabamanii booda reebamanii ajjeefaman” kan jedhu miidiyaa hawwaasummaa irratti haasa’amaa jira.
Qaamni Obbo Mahaammad Amiin iddoo garaagaraatti cicciramee kaan isaa waraabessaan nyaatamee naannoo magaala Baabbileetti akka argame ammo maatiin isaanii himaniiru.
Obbo Mahaammad torbee darbe guyyaa Kamisa gaafa 06 bara 2012 mana isaanii magaala Hararitti argamurraa hojiif akka bahanitti manatti hin deebine. Qaamni haala du’aa isaani irratti oddeeffannoo kennes hin jiru.
Obbo Mahaammad haala suukkanneessaa ta’een akka ajjeefaman dhagahuu isaanii kan himan eessumni isaanii Obbo Sharif Mahaammad, bu’aa qorannoo taasifame ilaalchisee “Hospitaalli Hiwot Faanaa waan kana jedhanii nutti hin himne” jedhu. Hospitaalli reeffa isaanii qorateera jedhame Hospitaalli Hiwot Faanaa magaala Hararitti argamu BBC dhaafis yaada kennuurraa of qusateera.
Qajeelchi poolisii godina Harargee Bahaas “dhimmichi qorannoorra jira” jechuun alatti deeffannoo biraa nuf kennuu hin dandeenye. Jecha maatii Obbo Mahaammad Amiin hojjetaa Waajjira Waldaa Hojii Gamtaa godina Harargee Bahaa yemmuu ta’an gita hojii abbaa adeemsaa irratti hojjetaa akka turan maatin isaanii irraa odeeffanne. Kana malees Obbo Mahaammad abbaa ijoollee lamaa akka ta’an fi torbee darbe Kamisaa Caamsaa 06 bara 2012 ganama hojiidhaaf manaa akka bahanitti gara manaatti akka hin deebine obboleessi isaanii Obbo Nuuraa Umar himu.
“Guyyaa Kamisaa hanga sa’aa 3:30ti waajjira turan kan jedhu waahillan isaan waliin hojjetan irraa dhageenye” jedhan. Bilbilli Obbo Mahaammadis hanga sa’aa shaniitti hojjechaa akka ture fi isa booda cufamuu isaa himan. Maatin isaanii Waajjira poolisii, Hospitaala akkasumas buufata namootni sababa dhibee Covid-19’n adda bahanii itti tursiifaman deemanii gaafatanis odeeffannoo argachuu akka hin dandeenye dubbatan. Booda guyyaa Wiixataa Caamsaa 10 bara 2012 Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa “naannoo Baabileetti nama bineensi isa nyaachaa ture agarree asitti awwaalle” jedhanii iddoo reeffi itti argame naannoo Baabbilee fi magaala Hararitti immoo iddoo awwaalcha isaanii itti agarsiisuu isaanii obboleessi obbo Mahaammad, Obbo Nuuraa Umar BBCti himan. Awwaalchi Obbo Mahaammad gama Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaatiin raawwatamuusaa kan himan maatiin, Obbo Mahaammad Amiin, poolisootni reeffa maatiitti osoo hin agarsiisiin ofiif akka awwaalamu gochuu himu.
Boodas dhimmichi akka nuf qoratamuf Poolisii Naannoo Harariitti iiyyanne jedhu.
“Poolisiin naannoo Oromiyaa wayita reeffa fuudhu maatii osoo itti hin iyyaafatiin Hospitaala Hiwoot Faanaa geessee qorachiisera jechuun guyyuma sana awwaaluun isaa dubbiidha jennee Poolisii Magaala Harariitti iyyanne” jedhu Obbo Nuuraa Umar. Qajeelchi Poolisii Godina Harargee Bahaa sababa du’a Obbo Mahaammad ilaalchisee odeeffannoo hoomaayyu akka hin kennineef maatiin himu.
Kan Mohammed Amin magaala Harar keheessatti ta’e otoo ajaai’bamanii maaltu as deema jira jennu gochi sukaneessaan biraa asi bahe. Gaabaasa biraa Caamsaa 25, 2020 BBC News, Afaan Oromoo gabaaseen
”Mucaakoof bakka hidhamee jirutti buddeena gaafan fuudhee deemu achiin dhabe… Ilma koo osoon barbaaduu ajjeefamee sharaan maramee bakkee keessattin arge,” jechuun haati ilmisaanii jalaa ajjeefame BBCtti himaniiru. Dargaggoo Lalisaa Tafarii jiraataa Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii ture. Torban lamaan darbe humna waraana mootummaa naannichaa jiruun erga qabamee booda ajjeefamee akka argame maatiin BBCtti himan.
Sanbata guddaa gaafa 02 bara 2012 A.L.Itti lafa gabaatti miseensota waraanaan qabame kan jedhan miseensotni maatii dubbisne, guyyaa lama booda gaafa Caamsaa 4 bara 2012 ajjeefamee bakkeerratti akka argame himu. Lalisaan gaa’ila dhaabbachuuf qophiirra akka tureefi kanumaaf kaadhimaa isaa argachuuf manaa akka bahe himu maatiin BBC’n dubbise. Haala ajjeechaa isaa…. Harmeen Lalisaa Aadde Caaltuu Hundeessaa akka jedhanitti Lalisaan obboleettii isaa magaalaa Finfinnee jiraattu bira turee erga gara maatii isaatti deebi’ee ji’a lama hin caalu.
Kaanis Fuulduratti isiniin geenya!
Koree Deeggarsa Hidhamtoota Siyaasaa Lammilee Oromiyaa (KDHSLO)

1 Comment

  1. Yaa firaa akkana jenneef jarri hindhaabdu, kana duras hindhaabne. Nama qabsoo oromoof uf kenne ummata gargaarutu, uummata sochoosutu barbaachisa. Minda dhumaan illee qaxaramee nama kana hojetutu barbaachise. Abbaan qabeenyaa eega nagaan itti jiraachuu hindandeenye, abbaan beekumsaa eega nagaan itti hojechuu hindandeenye kun hundi lola dhugaa, qabsoo bilisummaaf ooluu qaba. Kanaaf meeshaa guddaan tokko nama itti uf kennee karooraan hojechuu danda’utu uumamuu qaba. Uumamuu yeroon jedhu, akkamu beekamu keessattis alattis Oromoon jireenya moo’ate xiqqisho. Community community dhaan namni qabsoo kannaaf ufkennu iccitiin ilaalamee filatamee iccitiin gargaaramuu qaba. Namoonni kun hojii isaan hojetan hordofamuuf gamaggamuu qaba. Waanuma fedheef iccitiin namoota oromoof hojetan nu barbaachisa. Mindaa guutuu ta’uu hinqabu garuu jarri kun supportii barbaadu. Dubbiin ulfaataadha, teenyee yoo ilaalee, akkasumaan dhiisaa jennee diinatti yoo haa sofne dhumni isaa tuffiidha. Kaan dhiisaa Abiy sareen mana Oromoo yoo Oromoo tufatee eenyutu nu kabaja. Warri akkasii diina diina caalu

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.