Jimaata Ebla 12, 2019

Hiriirri momii Ijaarsa Dubartoota Oromoo Addunyaa fi Sabboontota Oromoo quuqama uummata isaanii qabaniin qindaa’e magaalaa guddoo Ameerikaa, Washington DCtti gaafa Jimaataa, Ebla 12, 2019 geggeeffameera.

Kaayyoon hiriira mormii kanaa yeroo ammaatti hidhaa, ajjeechaa, riibicha, gudeeddaan dubartoota Oromoo fi qe’ee irraa buqqa’uu qotee bulaa Oromoo haala nama yaaddessuun Oromiyaa mara keessatti geggeeffamaa jirachuu mormuudhaan yoo ta’u, gochaan yakkaa fi sanyii duguuggaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru kun yeroo ‘Oromootu mootummaa empaayera Itoophiyaa qabatee jira,’ jedhamu keessatti ta’uu isaa fi yakkoota baroota darbanii caalaatti Oromiyaa bakka adda addaatti babal’atee geggeeffamaa jiraachuun isaa yaaddessaa ta’uu qindeessitootii fi qooda-fudhattooti hiriirichaa ibsaniru.

Oromoon kallattii hundaan humnoota adda addaa kaayyoo adda addaa qabaniin lafuma isaa irratti ajjeefamaa fi lafa isaarraa buqqifamaa jiraachuu, shamarranii fi haadholiin Oromoo miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) mootummaan Itoophiyaa Oromiyaa keessa bobbaaseen gudeedamaa jiraachuu, barattootii fi qeerroon/qarreen Oromoo Univarsitiwwan adda addaa irraa jumlaan hari’amuu fi mooraa manneen bamootaa keessatti reebamaa fi ajjeefamaa jiraachuu, RIB WBO sakatta’uuf jecha bosona Oromiyaa bakka adda addatti ibiddaan gubaa jiraachuu fi ecology naannnoo faalaa jiraachuu, akkasumas meehsaa keemikaala summawaa dhiya Oromiyaatti dhukaasuudhaan lubbuu ummata Oromoo fi qabeenya uumamaa irratti balaa guddaa geessisaa jiraachuu mormuun geggeeffamuun isaa beekameera.

Hiriira mormii kana irratti Oromooti statota adda addaa Washington DC, Maryland, Virginia, Ohio, New Jersey fi Pensylvania irraa dhufaniin geggeeffamuun beekameera.

Qindeessitooti hiriira kanaa gaaffii mootummaa USA fi mormii gochaa ammeenyaa mootummaa Itoophiyaa irratti qaban barreeffamaan bakka bu’aa ministeera Aajaa Alaa Ameerikaatti kan kennatan yoo ta’u bakka bu’aan kunis xalayaa barruun dhiyaate kana erga bakka buutota hiriirichaa harkaa fuudhee booda gaaffii fi quuqama hirmaattoti hiriira nagaa sanaa dhiyeeffatan qaama dhimmi ilaalutti kan dabarsan ta’uu ibsaniiru.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020