Hiriira Mormii Yakka Mootummaan Impaayera Itoophiiyaa, London

Hiriira Mormii Yakka Mootummaan Impaayera Itoophiiyaa, London

Hiriira Mormii Yakka Mootummaan Impaayera Itoophiiyaa Ummata Oromoo Iratti raawwataa jiru balaaleffatu.

Biyya UK, Magaala London, guyyaa Caamsaa 21/2021


***Jaarmiyaan International Committee of the Red Cross (ICRC) HD ABO dubbisuuf deemanii dhorkaman***

Keelloo: Caamsaa 21,2021

Jaarmiyaan waldaa qaxxaamura Diimaa HD ABO dubbisuuf imalanii mooraa mana jireenyaa isaanii akka hinseenne waraanni mootummaa ittisuu isaatu himame.

Jaarmiyaan kun ka siyaasa irraa bilisaa jaarmiyaa deggarsa idil addunyaa yoo ta’u, Itoophiyaa bakkoota addaa addaa irraa waajjira kan qabudha.

Odeessa Keelloon argatee jaarmiyaa kun erga gaafa mana isaanii itti cabsuun waraanni mootummaa mooraa mana HD ABO Daawud Ibsaa keessaa nama qabee as maal irra akka jiran gaafachuuf kan sochii taasise ta’uudha kan mirkaneeffanne.

Ta’ullee odeessa arganneen mooraa sana akka hinseenne waraanni mootummaa dhorkeera jedhame. Sababa waraanni mootummaa dhaabbanni International Committee of the Red Cross (ICRC) jedhamu HD ABO akka hindubbifne dhorkeef hanga amma waan ifa ta’e hinjiru.


Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.