Hubachiisa Koree Simannaa fi Deggarsa ABO Irraa Kenname

(SBO/VOL – HAGAYYA 25, 2018) — Akkuma beekamu ABO fi Mootummaa Itoophiyaa jidduutti araarri taasifamaa jira. Araarri kunis bifa milkii qabeessaan deemaa waan jiruuf hooggansa dhaabichaa haala ho’aan simachuuf jecha sadarka Oromiyaatti simannaa kana kan qindeessu ‘Koree Simannaa Biyyooleessaa Hoggana ABO’ maqaa jedhuun magaalaa guddoo Oromiyaa Finfinnee keessatti hundeeffamee jira.

Koreen kunis akkaatuma eegaleen godinaa fi Onoota Oromiyaa maratti koree xixiqqaa ijaaree dhiyyootti hawaasaaf ifa gochuuf qophii irra jira.

Ummati keenya haala nama gammachiisuun hooggansa Adda Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoo simachuuf gama hundaan qophii gochaa jirachuu isaaf galati keenya daangaa hin qabu.

Koreeleen simannaa addaa addaa beekamtii ABO ala dhaabbatan yoo jiraatanis haala sirna qabuun waaltina kanatti fiduun barbaachisaa waan ta’eef, koree waaltaa jalatti sirnaan akka qindooftan beeksifna.

Dabalataan namootii fi gareeleen hoggana Adda Bilisummaa Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromoof simannaa gaarii taasisuuf qooda irratti fudhachuuf dinagdeen deggaruu barbaaddaniif lakkoofsi baankii keenyaa:

Oromo Liberation Front

Oromia International Bank
Account Number: 915616/2010101/1
SWIFT code: ORIRETAA

Odeeffannoo dabalataaf
Tel: 0946269737
Email:michuulammiif@gmail.com

Oromo Liberation Front
Oromia Cooperative Bank
Account Number: 1000055028088
SWIFT Code: CBORETAA

Injifannoo Ummata Oromoof!
Koree Simannaa fi Deggarsa ABO Irraa





Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020