Humni Addaa Oromiyaa Mootumma Abba Irree Bilxiginna Ganuun Dhagahame!

0

Humni Addaa Oromiyaa Mootumma Abbaa Irree Bilxiginna Ganuun Dhagahame!

Onkoloolessa 14, 2020
Poolisiin humna addaa Oromiyaa gara Gujiitti ergamee ture namni 175 hidhannoo guutuu wojjiin achi buuteen isaanii dhabame jedhu. Poolisiin Oromiyaa warri obboleyyan keessan ajjeessa jiratanif kuni fakkeenya gaarii isiniif ta’uu qaba!
Yeroo murtessaa tahe kanatti, yeroo dhaabi kallacha qabsoo Oromoo athe ABOn FKO waliin ta’uun Mootummaa Ce’umsaa Oromiyaa labsanii jirna kanatti, yeroo qabsaa’oti Oromoo marti ummata isaanii waanjoo gabrummaa jaarraa tokkoo fi walakkaa jalaa baasuuf tooftaa fi tarsiimoo bilchaataatiin as bahan kanatti dhalli Oromoo mooraa kam keessa jiru waamicha ABO fi KFO kanaaf deebii barbaachisaa kennuun ummata Oromoo irraa ROORROO gahaa jirutti akka xumura godhan abdii guddaatu jira.
Keessattuu injifannoo dhiigaa fi lafaee ilmaan Oromootin argameen bara 2018tti akka baka bu’aa ummata Oromootti kan aangoo qabate murni nafxanyaa koloneel Abiyyi Ahmeadiin (Abiyot Kasayeen) durfamu haarsaa Oromoon bilisummaa isaatiif jecha kafaleen nafxanyaa Mass Media (Social Media) qofa irra ture aangessuun Oromoo abbaa injifannoo qee’ee isaa keessatti akka loonii qalchiisaa jiraachuun Oromoo hunda garaa kan gube waan taheef dogoggora darberraa barabchuunn Oromoon tokko tahee sosso’uun diina isaa haqa tokko malee, seeraan ala qe’ee isaa keessa roorrisaa jiru kana gootummaan ofirraa baasuun yeroon isaa ammaa fi amma qofa.
Miseensoti Poolisii humna addaa Oromiyaa hojii gootummaa dalaguun ergamtummaa sirna nafxanyaa jalaa ba’uun mooraa qabsotti makaman seenaa gootummaa Musxafaa Huseen deebisanii dalaguudhaan qawwee diinaa baatanii jiraniin Oromoo ajjeesuurra gara diina Oromoo kan tahe sirna nafxanyaa koloneeffataa Oromootti naaneessuun isaanii maqaa isaanii toora maqaa gootota Oromootti akka dabalamu godhaniiru.
Ilmaan Oromoo miseensa Raayaa Ittisa Biyyaa, Pooilisii Federaalaa fi kan Oromiyaa, Humna Addaa Oromiyaa, fi humna hidhatee jiru kamuu keessa jiran yeroo isaan itti qabsoo ummataatti makaman har’a ta’uu dhaamsi walii galaa hundaaf dearbee jira.
https://youtu.be/utYZuw70aPI?t=22

1 COMMENT

  1. abiy maqaa malee wan tahe maaltuu bekaa kan garagaree ummataa irraa humame kan gurguru kan nyaatu gantuu akkaana waqayoo umaata oromo kenyaa nuuf yaa bararu abiy osoo harkii nama gahe abidan gubu turee akkuma bektotaa kenya gubaa jirut👊👊

Leave a Reply to Merry Cancel reply

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.