Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo, (Fulbaana 13, 2020)

Ajjeechaa ABO Mirga Resolutions of the Oromoo Liberation Front National CouncilAddi Bilisummaa Oromoo rakkoo siyaasaa Itoophiyaa walxaxaadhaaf furmaanni amansiisaa fi waaraan, dimokraasii hunda hammatee fi hirmaannaa humnoota siyaasaa maraan qofa argama jedhee amana. Kana gochuufis, ABOn jeequmsa siyaasaa Itoophiyaa furuudhaaf kanneen aangoo biyya bulchuu qabani fi gareelee mormitootaa dabalatee humnoota siyaasaa garagaraa waliin waliigaltee biyyoolessaa uumuuf hojjetaa bahe.
ABOn erga Fulbaana 15, 2018 hogganni isaa ol’aanaan gara biyyaatti galee, adeemsa nagaa kan gara dimokraasii dhugaa hunda hammateetti geessu milkeessuuf haqaa fi amanamummaan hojjetuuf murteesse.

Jalqabumarraa kaasee akkaataa qabiinsa jijjiirama dimokraasii Itoophiyaa keessaa mootummaa Muummee Ministeeraa Abiyyi Ahmadiin raawwatame irratti ABOn gammachuu kan hin qabne tahullee, ni fooyya’a abdii jedhuun haalicha obsaan eegne; garuu gatiin odoo itti hin kafalamini miti. Haa tahu malee, jijjiiramni siyaasaa bara 2018 eegale Paartii biyya bulchuu keessattis tahee alaan gareelee mormitootaa irraa didhaalee guddaan isa mudate.
Haallan jiran yeroo irraa gara yerootti hammaataa deemuun, wayta ammaa kana sadarkaa wanti hundi tohannaan ala baherra gahuudhaan, mootummicha kufaatiitti oofaa jira. Wayta ammaa kana biyyattii keessa tasgabbii dhabiinsa akkaan yaaddessaa tahee fi hegeree siyaasaa cabaatu mul’ata; ummanni paartii biyya bulchurraa abdii fi amantaa dhabeera.

Biyyattii keessatti “Jeequmsi Heeraa” ifaa tahe mudachuu akkasumas paartiin aangoorra jiru waadaa jalqabarra seene dhugoomsuu hanqatuun dabrees qaamota mootummaa silaa heera tiksuuf gaafatama qaban bu’aa siyaasaa isaatiif itti fayyadamaa jiraachuu ifatti argaa jirra. Hidhaan hogganootaa fi miseensota paartilee mormitootaa fi dhiittaan mirgoota namoomaa suukaneessaan hojii guyyaa humnoota tikaa mootummaa taheera. Gochaaleen hammeenyaa jiraatanis, ABO fi paartileen mormitootaa kanneen biroo mata-mataani fi waloon jijjiiramicha deeggaruuf fedhii qaban ibsuu ittuma fufaniiru.

Yaadota akka dhaabaatti qabnutti dabalee, ABOn jijjiirama dimokraatawaa deeggaruuf waltajjiilee paartilee mormitootaa hedduu irratti hirmaatee jira. Waltajjiilee kanneen keessaa cehumsichaa fi adeemsa dimokraasiif deeggarsa waloo gochuu kan akeekkate Tumsi Federaalizimii Dimokraatawaa Sab-daneessaa(Tumsa) isa tokko.

Baatii Eblaa 2020 keessa tumsi kun adeemsa cehumsaa irratti mootummaaf yaadota furmaataa guutuu dhiyeesseera. Yaadni dhiyaate kunis furmaata siyaasaa walhubannoo irratti hundaa’eef akkaataa jijjiiramicha itti fufsiisuun danda’amuu fi bulchiinsi dimokraatawaan sabatiinsa qabu adeemsa gulantaa-gulantaatin ijaaramu ifatti kaa’ee jira. Yaadni furmaataa kun heera Itoophiyaa bu’ura godhachuun kan wixiname yoo tahu, dogoggoroota adeemsa jijjiiramichaa fi amala paartii biyya bulchuu, dhimmoota nageenyaaf tasgabbii dhabiinsaa amma jiruu fi dhiittaa mirgoota namoomaa hubannaa keessa kan galche dha.

Waliigalatti, didhaalee sirna jijjiiramaa kallattii lachuu(Paartii biyya bulchaa jiruu fi mormitootaa) irraa xiinxaluudhaan, yaada furmaataa paartii biyya bulchaa jiruu fi gareelee mormitootaan waloodhaan hojiirra oolfamuu danda’u dhiyeessinee jirra.

Yaadotni dhiyaatan, paartileen siyaasaa birootis akka irraa qooda fudhataniif waliigaltee siyaasaa dirqisiisaan akka jiraatuu fi biyyattii keessatti dimokraasii dhugaa ijaaruu fi nagaa waaraan akka bu’u gochuuf tohannaa sirnaa adeemsa jijjiiramicha mirkaneessuuf akkasumas wayyoomina jireenya lammiilee kan Tumsichii fi dhaabbileen miseensota ta’an darbees humnoonni biroo hundi qooda isaanii itti gumaachan mirkaneessa.

Waliigalteen Siyaasaa dirqisiisaan hundarraa eegamu kunis kanneen asii gadii hammata:-

1. Gumii Hariiroo Alaa: amanamummaa biyya keessaa kakaasuu fi fudhatamummaa idil addunyaa akka argatu gochuuf,

2. Gumii Nageenya Biyyoolessaa Qindaa’e: naannolee keessatti raawwii caasaalee nageenyaa to’achuudhaaf

3. Dhaabbilee Ijaarsa Dimokraasii: hoji-raawwachiiftota gaafatamoo kan taasisan sirna haqaa, boordii filannoo fi miidiyaa bilisaatiif walabummaa fi aangoo isaanii tiksuuf,

4. Qaama waldhibdee fi garaagarummaa biyya ijaaruu fi mootummaa ijaaruu jidduu jiru furu: rakkoolee siyaasaa cimoo furuurratti waliigaltee biyyaalessaa waloo uumuudhaaf

5. Qaama hojiirra oolmaa waliigaltichaa to’atu: kan gaaffii bifa kamiinuu yeroon filannoo dabalataan akka dheereffamuuf dhiyaatu daangessuu fi guyyaa filannoo mijataa kaa’u

Kana malees gaafatamummaa, sirnaa fi tooftaa ittiin paartiileen kunniin hojjetan dabalatee akkaataa hojiirra oolmaa yaada furmaataa kanaa gadi fageenyaan akeeknee jirra. Yaada furmaataa dhiyeessine kana hojiirra oolchuun biyyattii keessatti dimokraasii ijaaruu fi nagaa waaraa buusuuf gargaara jennee amanna. Dhimmoota nageenyaa bulchiinsotni naannoo walii isaanii jidduutti qabanii fi garaagarummaa mootummaa fi paartileen mormitootaa akkasumas paartileen mormitootaa walii isaanii jidduudhaa qabanii dabrees “Biyya ijaaruu” fi “Mootummaa Ijaaruu” irratti dhimmoota ejjennoo waliifaallaa qabaniif fala dhawa.

Kanaafuu, jeequmsa wayta ammaa kana biyyattii keessatti babal’ateef furmaata ta’a jennee waan amannuun, mootummaan Itoophiyaa yaada furmaataa kana irra deebi’ee xiyyeeffannaa itti laachuun akka ilaalu gadi jabeessinee gaafanna. Kanuma waliin yoo qooda-fudhattoonni gaafatamummaa isaanii bahatan adeemsa dimokraasii dhugaa keessatti qooda keenya bahachuuf fedhii qabnu irra deebinee mirkaneessina.

Hiree kanaan, hawaasni idil addunyaa Itoophiyaa jeequmsa siyaasaa fi balaa waliigalaa irraa baraaruuf tarkaanfii jabaa akka fudhatu gaafanna. Addatti, Gamtaa Afrikaa, Qaamota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, Gamtaa Awrooppaa fi hawaasni idil addunyaa kanneen birootis mootummaan Itoophiyaa paartilee mormitootaa waliin araaratti akka seenu fi filannoo bilisaa fi haqa-qabeessa qopheessuu fi dhugoomsuuf mootummaa cehumsaan aangoo walii qooduudhaan dimokraasii hunda hirmaachiseef karoora waloo akka baasaniif akka dhiibbaa irratti taasisu cimsinee gaafanna.

Gamtaan Afrikaa biyyoota Ardittii hedduu keessatti waldhibdee ittisuu fi furuu irratti tooftaa marii jiddugaleessa godhateen nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa mirkaneessuuf shoora gumaacheef guddoo galateeffanna.
Jeequmsi Itoophiyaa keessaa kan ammaa, qaama kamiyyuu caalaa xiyyeeffannaa Gamtaa Afrikaa barbaada jennee amanna. Akkaataadhuma labsii Gamtaa Afrikaa Keeyyata 4(h) jalatti eerameen, Gamtichi biyyoota miseensa tahan keessatti dhiittaa mirgoota namoomaa suukaneessaa raawwatamu ittisuuf mirga jidduu galuu qaba.

Dhiittaan mirgoota namoomaa ulfaataan sirna Itoophiyaatin siviilota biyyattii irratti waggoota 27n dabraniif raawwatamaa bahe waggoota lamaan dabranis itti fufiinsaan sadarkaa mul’atee hin beekneen raawwatamaa jiraachuu ragaaleen biyyaalessaa fi idil addunyaa ifatti agarsiisu. Dabalataan bulchiinsota naannolee hedduu keessatti humnoota hidhattootaa ijaaramanii fi jaboo bulchiinsa waliigalaa balaarra buusanii fi guutummaa biyyattiitti jeequmsa nageenyaa fidantu jira.

Jeequmsa amma jiruu fi yaaddoo walitti bu’iinsaa fi balaa shaffisaan deemaa jirurraa, Gamtaan Afrikaa daddafiin dhimmicha jidduu seenuu fi gaafatama isaa raawwachuu qaba. Haalli Itoophiyaa keessaa kan ammaa biyyattii Afrikaa guddinaan 2ffaa taate tana diiguu qofa odoo hin taane, “Afrikaa nagaa-qabeettii fi amansiiftuu” kan hawwu Ajandaa 2063 hawwii Gamtaa Afrikaa 4 milkeessuuf gufuu guddaa tahuu cimsinee hubachiifna. Kanamalees, Finfinneen teessoo Mootummaa Itoophiyaa, magaalaa guddoo Oromiyaa fi teessoo waajjiraalee muummee Gamtaa Afrikaa tahuun ishee, nageenyi waajjiraalee Gamtichaa fi nagummaan hojjettoota isaa 2000 caalanii, dhimma nagaa fi tasgabbii-dhabiinsaa Itoophiyaa keessaa addattis Oromiyaa keessaa waliin xiyyeeffannaa keessa galuu qaba.

Addunyaarratti jeequmsa hambisuudhaaf shoora Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii kan hubanno yoo tahu, Golli Nageenyaa(UN Security Council) fi Gumiin Mirgoota Namoomaa(UN Human Rights Council) dabalatee qaamonni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi kanneen biros jeequmsa Itoophiyaa keessaa kan ammaa hambisuuf qooda isaanii akka bahatan gaafanna. Addattis, akka Chaartara Dhaabbatichaatti nagaa fi sabatiinsa idil addunyaaf gaafatama ol’aanaa kan qabu Golli Nageenyaa, biyyi Afrikaa keessaa guddinaan 2ffaa irra jirtu wayta jeequmsa siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee fi dhiittaa mirgoota namoomaa ishii mudatuu fi kufaatiitti deemtu ijaa-gurra irraa cufatuu hin qabu.

Gamtaan Awrooppaa Itoophiyaa keessatti akkaataa hojiirra oolmaa ajandaa jijjiirama biyyoolessaa deeggaraa fi tumsa misoomaa adda addaa uumaa, qindoomina diinagdee cimsuurratti, nagaa fi tasgabbiin Itoophiyaa keessatti akka bu’uuf gahee dursitummaa bahataa jiruuf dinqisiifannaa qabnu ibsina. Haa tahu malee, jijjiiramni siyaasaa 2018 keessa eegale qabiinsa dogoggoraa Muummee Ministeeraa Abiyyiin didhaalee guguddoo mudatee gufateera. Kuni michoomaa fi hawwii Gamtaan Awrooppaa Itoophiyaadhaaf qabu hunda dhaaba. Kanaafuu, Gamtaan Awrooppaa jeequmsa siyaasaa guddaa waahillan isaa naannichaa furtuu tahan mudataa jiran hambsuuf dandeettii qabuun jidduu seena jennee amanna.

Kanaafuu:

1. Gamtaan Afrikaa mirga Keeyyata 4(h) fi keeyyatoota deggaroo kan Gamtichaarra jiran irratti hundaa’uun jeequmsa Itoophiyaa jidduu akka seenu waamicha dhiyeessina.

2. Itoophiyaa keessatti balaan nagaa fi nagummaa ifatti waan mul’ateef, Golli Nageenyaa kan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii, haaluma dirqamoota isaa Labsii Dhaabbatichaa Keeyyata 39 fi 41 jalatti eerameetin tarkaanfii malu akka fudhatu waamicha dhiyeessina. Gumiin Mirgoota Namoomaatis sarbamiinsa mirgoota namoomaa ulfaatoo Itoophiyaa keessaa hubachiisuu irratti akka tarkaanfii fudhatu waamicha goona.

3. Kuni rakkoo guddaa jaarraa lakkoofsise, nagaa fi sabatiinsa Gaanfa Afrikaa irrattis dhiibbaa ol’aanaa kan qabuu fi waahilummaa dippiloomaasii fi misoomaa Biyyoonni Awrooppaa Itoophiyaa waliin qaban kan tuqu waan taheef, Gamtaan Awrooppaa tasgabbii-dhabiinsa Itoophiyaa keessatti addattis Oromiyaatti uumameef xiyyeeffannaa ol’aanaa akka laatu gaafanna.

4. Paartileen Siyaasaa Itoophiyaa keessa jiran hundumtuu yaada dhiyeessine xiyyeeffannaa itti kennanii cimsanii ilaaluun, jeequmsa uumamee fi balaa as deemaa jiru hambisuuf akka nu waliin hojjetan waamicha keenya dhiyeessina.

Humnoota siyaasaa Oromoo walabaa fi waliigala Ummanni Oromoo rakkoo siyaasaa fi nageenyaa dhabamsiisuuf mootummaa cehumsaa Oromiyaaf akka qophaawan waamicha dhiyeessina. Addi Bilisummaa Oromoo ejjennoo kanarratti sadarkaalee mootummaa lameenittuu qooda-fudhattoota mariisisuu itti fufa.

Injifannoo Ummata Bal’aaf!
Adda Bilisummaa Oromoo
Finfinnee
Fulbaana 13, 2020

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...