Ibsa Jaaramayaa Adda Bailisummaa Oromoo Biyya Ambaa:

Ajjechaan itti yaadamee qindoominaa fi hordofffii cimaadhaan Artistii Oromoo
Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hedduu nu gaddisiisa.

Ajjechaa laalessaan akkasii kun golee Oromia hunda keessatti bal’inaan gaggeeffamaa
jiraachuun dhugaa haalamuu hin dandahamne ta’uun beekkamaadha. . Mootummaan
aangoo qabatee biyyattii gaggeessaan jira jedhu ajjechaa akkasitti bal’inaan itti fufee
jiru kana of bira dabarsee kaanitti quba qabuuf yaaliin godhaa jiru mootummaa
gaafatamni itti hin dhagahamne ta’uu isaa kan agarsiisudha jannee amanna.
Sabni keenya roorroo daangaa dabre jalatti humnaan jiraachaa arra gahe, yeroo
ammaa kanaas duulla ajjechaa itti bobbaafamaa jiruun ajjeefamuun irraa hin
dhaabbanne. Baadiyaa hanga magaalaa, gammoojjii hanga baddaatti ajjechaan gara
jabinaa irratti raawwatamaa jira. Walumaa-gala lammiin keenya Oromoon akka
sabaattii fi akka lammii biyyaatti har’as ittisa dhabee jiraachaa jira.

Haallii fi tarkaanfiin naato-dhabeessi dhala namummaa akkasii kun ilmaan Oromoo
biyya keessaa fi ala jiran hunda obsa fixachiisaa jira. Suphaa fi kabeebsaan ittiin sabni
keenya sobamaa ture hanga eegamuu ol ta’uun isaa bubbulee jira.

Ajjechaa, dhumaatii fi gaaga’amni hin barbaachisne akkasii hawwii fi fedhii keenyas
hin turre. Haalli nuti hin sarminee fi hin simatin kun dhiibee humnaan nutti dhufe.
Akka haqaa fi wareegamaaf yoo tahe, haalli gagga’aan akkasii biyya keenya Oromia,
lammii keenya Oromoo irra gahuun waan hin malleef kana jalaa bahuudhaaf qabsoo
keenya jabaannee itti fufuun murteessaa ta’uu waliif akeekna.

Kanaafiis,Ibsa ABOn waa’ee ajjechaa Artistii Haacaaluu Hundeessaa ilaalchisee
kaleessa, Waxabajjii 30, bara 2020 baase deggeraa, miseensotni fi hawaasni Oromoo
keessaa fi alaan sochii wal irraa hin citne kan bilsummaa isaatti kabajaa horu jabeessee
itti fufuu qaba. Haalli keessa seennee jirru wareegamaa fi tattaaffii bifa hundaa nu
JAARMAYAA ABO BIYYA AMBAA gaafaachaa deemaa waan jiruuf miseensotni keenya kan durii caalaa bifa walitti siqaa, ititaa fi jabaa taheen gumaacha qabsoon kun gaafataa jirtu guunnee argamuun dirqama qabsaawummaa fi lammummaa ti. Kanaaf, nuti hogganoonnii fi miseensotiin jaarmiyaa ABO biyyaa ambaa waliigala ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi dararaa mootummaan ummata keenya irraan gahaa jiru sabootaa fi biyyoota adduunyaatti daran saaxiluu fi hawaasni keenya kan durii caalaa keessaa fi alaan wal gurmeessee jijjiirraa hundee biyyattii irratti fiduuf akka gurmaawuu fi sochii isaa bifa hundaan akka waliiin qindeessatu yaamicha godhna.

Akkasumas sabootaa fi sab-lammootni Oromia keessaa fi olloota Oromia duula
suukanneessaa kara hundaan Oromoo fi Oromia irratti aggaammatamee jiru kanatti
waliin hiriirree nagaa hawwinuu, bilisummaa sabni keenya fedhu, jireenya bir’uu hin
qabne keessa waliin jiraatu akka dhugoomsannu yaamicha keenya dhiheessina.
Injifannoo Ummata Oromoof!

DDJS Biyya Ambaa,
Adoolessa 02, bara 2020

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...