Kominiitiin Oromoo biyya Niizerlaand rakkoo Itoophiyaa keessatti mootummaan uummatarraan ga’aa jiru ICC’n akka qoratuuf xalayaa barreesse.

SQ | Fulbaana 4, 2020
International Criminal Court yakka mootummaan uummata Oromoo fi saboota biyyattiirra ga’u akka qoratu Kominiitiin hawaasa Oromoo biyya Niizerlaand xalayaa barreessaniin gaafataniiru. Erga haaromsa keessaa EPRDF keessatti taasifamee (erga Abiy Ahmed gara aangootti dhufee) dhiittaa mirga namoomaa hidhattoonni mootummaa: Raayyaa Ittisa Biyyaa, humna addaa naannoleefi qaamota mootummaa hidhatan birootiin uummatarraan ga’an eeruun dhimma kana irratti qorannaan akka taasifamu gaafataniiru.
Xalayaa kana keessatti:
– Waggoota lamaa asitti uummanni miliyoona 1.9 ta’u qe’eerraa buqqaafamuu,
– Namoonni kuma 20 ol ta’an seeraan ala hidhamuu,
– Bara 2020 kana keessaa namoonni 450 ol hidhattoota mootummaan ajjeefamuu,
– Hogganoota paartilee siyaasaa dabalatee namoonni hedduun himanni utuu irratti hin dhiyaatiin mana hidhaatti dararamuu fa’atu eeramee jira.
Daangaa Keeniyaarraan uummanni hedduun buqqa’uufi Qellem Wallaggaarraas gara Gambeellaatti uummanni sababa hidhattoota mootummaan godaansifamuu xalayaa kana keessatti ibsaniiru.
Dhumarratti, yakkoota mootummaan Itoophiyaa saboota biyyattiirraan ga’aa jiru qorannoon barbaachisaan akka taasifamu kominiitiin kun gaafateera.
——————————————————————————————
Breaking News
The grave human rights violations, the cruelty by Ethiopian Government military, security & special forces and the suffering of the Oromo people in the Ethiopian empire has been officially entered a complaint at the International Criminal Court (ICC) found in Hague, the Netherlands.
Don’t doubt that the undeserved ‘Nobel laureate’, colonel Abiy Ahmed, will be brought to justice for the war crimes and crimes against humanity he has been committing against the Oromo people and other oppressed peoples & nations in Ethiopia sooner or later!

Similar Articles

Comments

  1. Dear Oromo Community of the Netherlands,

    This is a historical and wonderful measure to make the killer Colone Abiy & his neo-nefxanya group accountable for the grave human rights crimes they have been committing! Keep up the good job, brothers and sisters!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...