Jaalala
Mohammed Abbaa Biyyaa tin, Hagayya 15, 2018

Jaallatanii jarjaruu
Gaafa jabaate uruu
Dogoggoranii of abaaru
Rabbi Nama habararu
Namni qalbiin faca’e
Jaalalaan dhama’e
Guyyaa saafaa harca’e
Jiruunsaa jelaa manca’e
Jaalallee argaa dharra’e
Ijjii fuulleetti rarra’e
Jaallataan namarraa adda
Guyyaa taa’ee aada
Halkan rafee gadda
Gubaa laalaa ibiddaa
Onneef qimmiddaa
Garaaf dhukkuba diddaa
Sammuuf xaxaa sardaa
Harka sassaabee darbatee
Yaada tokkoon wotwaatee
Abdiin badee hammaatee
Ofsossoobee jabaatee
Akkasiin tooftaan argate
Alii narkaa baddii
Alii natti baddii
Maal wonti gudii
Namaa guutaa abdii
Ni guutaa maaddii
Ni furdisaa maddii
Jaalala haalalaa
Yaaddoo kaballaa
Taa’uu ka’uun fala
Itti naatolchaa gambalaa
Naa cululuqsaa xaliilaa
Keessaa funaanaa callaa
Na buusaa fandalala
Yookin natti baqsii
Jireenyaan na bohaarsi
Jaalalaan na macheessi
Yookaan narraa maqsii
Nagaan na teessissii
Jaalalleefis karaa diriirisi
Alii walitti siqaa
Alii walirraa hiiqaa
Deemsa gabaabaa xiqqaa
Kan hinqabne baqaqaa
Mi’ooftuu gaarii haaqaa
Jaalalaan of dhiqaa
Ninyaatu akka marqaa
Zuumaa keessatti qobaa
Nyaata biratti agabaa
Yaada tokkootu sammuu qaba
Nyaati namatti himmi’aahu
Bunnii namatti hinurgaahu
Jireenya hawwiitiin raata’uu
Kan jaalallee alas hin dhagahu
Yoo hinjiraanne akkam ta’uu
Maaloo maal woyyaa
Jaalalaaf an booya
Jaalala gama tokkoo
Kan dhabe hirkoo
Jallatee ciisee cokkoo
Utubaa dhiisee okkoo
Maaloo natti baqii
Jaalala narraa haqii
Yookin fudhii Natti laaqii
Balbala naa saaqi
Madaa koo naa Hooqii
Furrii narraa haqii
Oduu natti qooqii
Falasaa naa soqii
Jaalalaa mi’aawaa cuunqoo
Narraa kaakkisee indaaqqoo
Sukkumee nadaake niiqqoo
Waan hinjedhamne xiqqoo
Huqqisee gogse boqoo
Maal wonti akkasii
Jaalala narraa kaasii
Yaaddoo narraa basii
Yaada narraa hir’isii
Yoo didees na galaasii
Kan jaalalaan machaahu
Jara qalbiin walitti nahu
Kan ijji wal gunja’u
Kan garaan wal dharra’u
Arguun akkam hinta’u?
MAAB
2016