Jaarmiyaa Tokko Maaltu Jabaa Taasisa?

Jaarmiyaa

Dhaabni ykn jaarmiyaan tokko haalli inni ittiin jabaatuufi guddataa deemu karaaleefi roga hundaan waan jaarmiyaan tokko guuttachuudha qabu yoo guuttateedha. Waan hunda caalaa dhaaba tokko kan jabinasaa ibsuufi daran bu’a qabeessa isa taasisu :

1) Akeekaafi kaayyoo inni ittiin dhaabbateefi muldhata inni ittiin saba bilisummaa argachuu qaba jedhee qabsaawuuf sanadha. Kaayyoofi akeekni jaarmiyaa tokkoo ifaafii qajeelaa tahuu qaba.Kunis salphaa dhumatti uummatasaa keessatti habaqaaluufi fudhachiisuf lammii akeeka kanaaf jiraatu oomishuu dandaha.

2) Hooggantootaa qeenxee irra hooggantootaa waliin waliin walfaana tarkaanfatan, dambooboo, fi ayyaan qabeeyyii akka-abbaa muldhata qabaatoo fi dabballoota muratoo fi amanamoo qabaachuu,

3) Dhaabni ittiin bulmaatafi heera wayyabni lafa kaayate laalaafi ittiin bulaa, loogii fi  haalduree tokko maleetti hojiitti hiikaa deemu yoomiyyuu bu’aa buusaa deema.

4)  Madda diinaagdee jabaa fi yaada diingdeen ittii burqee kaayyoo irratti dhaabbatan hojiirra oolchuf nama geessu kan yeroo ammee fi dheeraa keessatti fayyadaman qabaachuu fi dudduubbee amansiisaa sabasaa keessa qabaachuu,

5)  Dhaabni ilaalchaa galaana gadaantummaa akka gandummaa, amantii fi garee xiqqashoo dantaa waloo caalaa dhuunfaa qabaniiniin of tiksuu irraa walaba tahe yoomiyyuu injifataa fi giddugaleessummaa sabaatin jaallatamaa dha,

6)  Kallattii hundaan jaarmiyaan keessumaa qabsoon karaa riphe lolaan godhamu tooftaa fi fir-horachuu,

7) Sirna uummataa fi sabasaa bitaa fi cunqursaa jiru keessatti namoota jajjaboo ijaaruu fi abbootii qabeenyaa karaa laf-jalaan of jala hiriirsuu

8) Of Ilaalleen jaarmiyaa sanaa kaleessa sabichaa thauu qaba. Kaleessa fi hardha walitti hidhuun boruu ykn egeree sabichaa uumuun ni dandahama waan taheef keessumaa kalee saba keenyaa ganneerra taanan jidduutti walammee taana.

Mee yaadota kanneen tokko tokkoon laaluu yaallatii na hordofaa.

1 ) Jaarmiyaan kaayyoofi akeekaa ifaafi iftoomina qabuun lafaa kaye,waan hojjatu beeka. Miseensota horachuuf karaa maraan martoo hin deemu, baayyee haala salphaa taheen sabasaa of duuba hiriirsuu ni dandaha.

Haa tahu malee akeekaafi kaayyoo qofa qabaachun jabinaafi guddina dhaaba tokkoof murteessadha jechuun tarii dogongora tahuu mala. Sababni isaas dhaabni kaayyoofi akeeka bareedaa qabatee yoo garuu:-

  • sochii muldhataa sabasaa keessatti hin goone,
  • dhaabni tarsimoo fi sagantaa yeroo dheeraafi gabaabaadhaan hin sochoone,
  • dhaabni muldhata jabaafi si’aa’ina guddinaa hin qabaanne,
  • dhaabni sabaafi hawaasa isaa ofitti hammachuu hin dandenye,
  • Dhaabni haalli hammaataan yeroo uumatasaarraatti dhufe daddafee afaan uummataa tahee tumsaa fi sagalee hin taane ykn
  • Sabichi carraa rakkoo hamtuu dhalate sanaan akka wareegamaaf qophaahu miiraa yeroowaa sanatti fayyadamuun galiisaa dhdumaaf bobbaasuu hin dandeenye carraa biraa argachuuf yeroo dheeraa fudhachuu mala waan taheef kaayyoofi akeekni inni waraqaarra kaawwate qofti jabeenya hin tahuuf jechuu dha.

Haa tahu malee jaarmiyaan akeekaafi kaayyoo qabu,waan hojjatu beeka,maalif akka hojjatu,yoom akka hojjatu,eenyuf akka hojjatu,eenyu waliin akka hojjachuu qabuufi galiisaallee waan beekuf hooggantoonni kaayyoo sanaaf jiraatan jiraannan hinuma milkaawa.

Dhaabni muldhata jabaafi si’aa’ina guddinaa hin qabaanne, dhaabni sabaafi hawaasa isaa ofitti hammachuu hin dandenye, kaayyoofi akeekni inni waraqaarra kaawwate qofti jabeenya hin tahuuf.

Jaarmiyaan kaayyoofi akeeka bareedaa qabu sagntaa gameessan masakama.Waan hojjatu beeka.qaamni waan hojjatu beekummoo qaama waliin hojjachuu dandahuufi maalif akka hojjatus dafeet adda baafata.Kunimmoo galiifi manii dhahiinsa kaayyoosaa ariifachiisuufi dandaha,Qaama jabina jaarmiyaa tokkootif kuni iddoo guddaa qaba.

Wantoonni biroo kan jabinaafi guddina jaarmiyaa tokkoof shoora qaban, heeraafi seera dhaabasaa hooggantootaafi miseensotaan kabajamee hojiirra oola yoo tahe, tokkummaa, jaalalaafi qulqullummaan miseensota isaa jidduutti yoo  uumuu danadaheefi tiksuu danadhee egeereensaa jabaachaafi jaarmiyaa oomisha humna namaafi humna diinagdees tahuu dandaha.

2 )  Hooggansa damboobaa fi ayyaan qabeessa akka-abbaa muldhata qabaachuu fi dabballee muratoo fi amanamoo akkasumas miseenota kaayyoo sanaaf dallayaa tahanii wareegamaaf qophee tahan qabaachuu.

‘’Bishaan mataa yaa’a’’mammaaksa Oromooti. Bishaan ol hin yaa’u,gadimmoo sirnaan qajeelchan  daandii tottolfatee miidhaginaafi simboo guutuudhaan dhangala’a. Hoongasni jabaan ajajnii fi murtoon isaa akka bishaan sonaan irraan gadii ykn labbaan daandiin qajeelef san fakkaata.

Addunyaa kana irratti hooggantota gosa hedduutu jiru, inni kaan hooggnasa qeenxetti jabeenyaa addaa, qaruxummaa, cichoomina kaayyoo, gootummaa,arjummaa fi gara laafummaa bakka malutti qabaatoo, hooggantoota abbaa irrumaa qaban,muratoo, gara jabeeyyii-kaayyoo sanaaf jecha eenyuyyuu wareeguf duubatti hin jenne,  kanimmoo hooggnasa walootti amanu, walfaana ‘team-work’ dhaan hojii guddaa lafa kaahatan san galmaan gahuuf garuu hooggsa fi qajeelcha bilchoo laatani fi kanneen immoo kana hunda walitti dabalatanii hooggansa addaa tahanis baayyetu jiru.

Jaarmiyaan keessisaa cimaafi guddataa deemu walii galteen  hooggantootaafi miseensota isaa gidduutti wal qixxuummaa, iftoomina, jaalala jaallummaa, wal dhageettii,wal jala deemsa,yoo agarsiisaa deeme kunis jabinaafi egeree dhaaba tokkoof utubaafi qarmammee jabaadha. Jaarmiyaan keenya kana qaba moo hin qabuu? yoo hin qabaatin maalif? Yoo qabaate maalin ragna?Kanneen armaan olii qabaachuu keenyan maal fayyadamne,dhabuuttihoo maal miidhamne jennee of gulaaluu gaafata.

Baay’ina miseensotaa qabaachuun qofti jabeenyaafi guddinaafi faayidaa diinagdeefi humna namaa laachuufii dhiisuu mala. Miseensi of kennoofi muraannoo hin qabne, kan ejjannoo kallattii akeekaafi kaayyoo jaarmiyaa sanaa hin qabne, miseensi haala kam keessattuu dhaabbin isaa  daddaaqu, miseensa dirqama fudhatee hin fullaane, miseensa karaa diinagdeefi dandeettii qabuun jaarmiyaa sana tajaajiluu hin dandeenye miliyoona tokko qabaachurra, miseensa haallan armaan olii guutachuu dandahan kuma tokko qabaachutu irra wayyaadha. Jaarmiyaan yeroo yerootti haala adeemsa isaa sakatta’uufi tarkaanfii fudhachaa deemus guddataafi jabaadha.

3 ) Dhaabni ittiin bulmaatafi heera wayyabni (korri Gumii sabaa ) ykn yaa’iin walii galaa tumee lafa kaayate laalaafi ittiin bulaa deemu yoomiyyuu bu’aa buusaa deema. keessa isaatti bilisummaa miseensotaa fi hooggantootaa akka walii galaattis iftoomina wal jidduutti qabaurraa  hooggansa gaarii fi diimokiraasitu dagaagaa fi hanga’aa deema. Jaarmiyaa amalli akkanaa keessatti bargaage eenyullee haa tahu  badii fi mishoomni namootaa kan ittiin madaallamus tahee ittiin adabamu waan heeraa fi seeraa sanaan qofa taha. Kuni namnuu abaluu kiyyaaf abaluu warra sanaa osoo hin jedhamne qixatti waan laallamuuf shakkii fi ololli hin malle jaarmayaa sana keessa hin jiraatu jechaa dha.Seerri fi kaayyoon waraqaarra jiru hojiirra oola.  Akka sabaatti jaarmiyaalee Oromoon qabu keessatti kuni muldhataadhaa? Yoo hin oolle maalif ooluu dhabee? heeraa fi seera cabe eenyutu ittiin bula? maalif cabe? maaltu adabbii dha? ittiin deemaa yoo jiraate maalif warraaqee  lafa yaade gahuu hanqate?

4 )  Madda diinaagdee jabaa fi yaada diingdeen ittii burqee kaayyoo irratti dhaabbatan hojiirra oolchuf nama geessu kan yeroo ammee fi dheeraa keessatti fayyadaman qabaachuu fi dudduubbee amansiisaa sabasaa keessa qabaachuu,

Jaarmayaan siyaasaa tokko yoollee daldalaa tahuu baatee,gama diinagdeen jaarmayaa tolla oolaa miti. Tola oolmaan isaa lubbuu qabu saba saa sanaaf arjoomuu fi qabeenya qabus qabsoo sanaaf oolchu dha. Jaarmiyaan siyaasaa yoo maddi galiisaa miseensota baatii baatiin waa buusan qofa eegate  sanaan saba saa bakka gahuunii qabuun gahuun abjuu duwwaa dha. Aakka jaarmiyaa saba guuddaa gaggeessuf deemutti karaa hedduun qabneeya uummata isayyuu qabsoof akkatti oolfachuu dandahu irratti beektota bobbaasee qormaata atheen hojiitti hin hiiku taanan qabsoon isaa jiraachuu fi dhabamuurraa akkamittin of damdamachiisa malee qabsoo godhu sanaan yeroo akaksii keessatti eessa gaeenyet saba keenyaa roorroo jalaa baafna jedhee saganeettfachuuf seexaa dhaba. Kanaafuu qabeenya saba isaa kan muldhataa fi hin muldhanne, kan diinni dhuunfatee ssba keenya ittiin gabroomsu,qaabeenya sirni suni qeenxetti dhuunfatee sbani keenya garuu laalee cinaatti beelan dhumu, kan dachee keessaa fi kan dachee irraa, akkasumas karaa ittiin maddi galii dhaabichaa babaldhatee waan harkaa qabuun immoo miseensonni  dirqama fudhachun hojii adda addaa ittiin uumanii ofis fayyaduun jaarmayaa sana fayyadan irratti hin hojjatu taanan, egereen jaarmiyaa sanaa jiruu hiyyeessaa kan harkaa afaanitti jedhuudha. Keessumaa jaarraa waraana Haraa (  https://www.youtube.com/watch?v=_a8PKW_Astc,https://www.e-ir.info/2020/05/26/new-wars-and-new-practices-in-contemporary-armed-conflicts )keessa jirru kana damdamachuun salphaa miti. Kanaafuu, qabsoon karaa diinagdeen  ‘financed’ hin taane waldhaansoo ijoolleen qe’ee keessa taphattee utaaltee  yeroof wal kuffistee deebiteemmoo oggaa walirraa kaatu maalif akka goote sanayyuu dagattuu sana taha malee qabsoo keessumaa saba guddaa akka Oromoo miliyoona shantama caalu  hiriirsanii galmaan gahun tahuu hin dandahu. Yeroo yeroon  dhaabni harka miseensotaa eeggatu sanayyuu immoo sadarkaa hamtuu keessatti kufee waan ammeef kadhatu jaarmayaa bahaa fi dambaoobaa tahuun akkaan itti jabaatti. Egaa Jaarmiyaaleen Oromoo haala kanaan adda jirumoo waan kaan fakkaatu keessa jiruu? Jennee laaluun fala itti dhahachuun waan dansa.

Diinagdeen Jaarmiyaa dhaa yeroo gara yerootti guddataa fi humna addaa baasaa yoo deeme, dhaabichi ofirratti hirkannoo dhaa fi ofitti manamummaa dhaan wanta barbaade yeroo fedhe keessatti akka raawwatuuf onnee laataf.

Kunimmoo dirqama Miseensota jaarmiyaa sana qofarraa kan eeggamu utuun taane, qaamota hawaasaa fi wali gala sabichaa ,fi darbees dhala namaa fedhii dhala namaa qabu kamirraayyuu kan argamsiisuu dandahu qaruxummaa fi sammuu daldalaa yoo qabaachuun dandahanii dha.

Guddina madda galii jaarmiyaa sanaatif kan tahu  qaamota hawaasaa affeeruudhaan, qophiilee addaa baasii itti baasanii namni kamiyyuu kan itti hirmaatee gammadee baasii baasuu dandahu yoo qindeessan, yoollee kiisaa baasee akka kennaatti ykn akka buusitti baasun dhibe, caalibaasii,fi wantootni gurgurtaaf dhiyaatan  kan dhaabicha jabeessuufi cimsu irraa bitachuu dandahuufi itti gurgurachuu dandahuun faayidaa maallaqaa qofarra darbee yaada ofiillee itti gurgurachuuf carra argata jechaadha.

5 ) Dhaabni ilaalcha dadhabaa mallattoo ofitti amantummaa dhabuurraan dhibee gadaantummaan guuttamee gandummaa, amantii fi abbaa irrummaatin of tiksuu irraa walaba tahe yoomiyyuu injifataa fi giduugaleessummaa sabaatin jaallatamaa dha.

Jaarmiyaan dantaa saba qabsaahuf qofarratti cichuufi fuulleffatu, yoomillee jaarmiyaa hin kufneefi jabaachaafi guddachaa deemudha. Qabsoon Oromoo harkaa qabu namoonni laafaa itti fakkaata. Garuu  seenaa qabsoo akkasii addunyaa kana irratti tahan baayyee miti. Qabsoon keenyas laafaa miti, diinni harkaa nu qabus laafaa miti, galmi keenyas gabaabaa miti. Hubadhaa diina keenyaa innikaa kan jalqabarraa Oromiyaa cabsee gabromse waliin Oromoonni diinomanii Oromoo cabsan hardhas hinuma jiru. Ilaalcha qajeelaan sabichi akak jaarmiyaa kiyya kan tasuma mariif dhiyeeffadhu hin qabu jedhu (yaada akka Common National interest ) dhaabbachuu isa hanqisantu hogguu hojjatama. Qabsoo keenya keessatti warra fakkeessu dabalatee walabummaa Oromiyaa fi bilisummaa Oromoo caalaa, Xoophiyaa dimookiraatofte abjuun jedhu akka malee lafa qabachaa deemaa jira, yaanni akkasiiyyuu bakka danqaa tahee jirutti dhaabni bilisummaaf qabsaahuu kootaa guutuf yaada taanan ofirratti mana diigaa deema jechuu dha. Qabsoo Bilisummaaf godhamu keessatti waayeen hunda hammachuu ykn kootaa naannoo, amantii fi gosummaan laallamnaan kasaaraa malee bu’aansaa xiqqaa taha. Yaadota kaan jala dahatanii namoonni kaayyoo caalaa walii isaanif dursa kennuun diina keessatu wal horaa deemuu dhan dhaaba sana keessatti seerdhablummaa, dhibaa’ummaa fi hinaaffaa gadheetu babaldhachaa deema.

Kootaa akka naannummaa, gandumma fi amanatii jajjabaachaa gaafa deeme, namnuu seeraa fi heeran hoogganamuu caala murnaa fi garee matayyaa uummatee mootii tahaa deema. Hardha bakka sabni keenyaa gabrumma  diinaa jalatti kufee roorroon hamtuun irra gahaa jirutti kootaa naannoo,ganda, gosaa fi amantii guutuuf yaaduun waan duratti nu oofu hin fakkaatu. Jaarmayaan ilaalcha kanarraa walaba tahee, dandeettii fi kaayyoo sanaaf warra jiraataniin masakamuu fi hoogganamu carraan miseensonni isaa fi hooggantootni isaa xawalwaallee tahuu akkaan diqqaata ykn hin uumamu, akka qilleensa gaariifi yaraan, ulfaataafi salphaadhanis hin raafamu.

Halkanii guyyaa jaalalajaallaummaa fi waloommiidhaan akeekaa dhaabbateef galmaan gahuuf socho’a. Saba ykn uummata jaarmiayaa akkasii qabu keessatti burjaajessitoonni, arrab-qarreeyyiin dubbatanii namoota of jala yaasan warra  akka ‘populist and opportunists’ iddoo hin qabaatan. Ulaan dhaaba isaanii kaayyoo tokkoon hooggantoonni jaarmiyaa snaa fi jaallanii jaalalaa fi tokummaa saba sanaaf qabsaahan sana ittiin qeeqanii ykn mudaa itti uumani saba sana dogongorsan baayyee xiqqaa dha. Kaayyootti warra amananii  kaayyoo sana galmaan gahuuf muratoo tahan  karaa hundaan hirmaanna akka qabaatan gochuu malee warra abaluu, warra amantii akkasii hordofan keessa hin jiraniin qabsootti danqaraa fi booddeessummaa jabaa fida. Inni kuni kan tahu gaafa bilisummaan dhufee, naannoon bakka buutota isaa filatee kaahate malee haala qabsoo oromoo harkaa qabu waliin yaadni kuni qabsoo keenyatti summii malee dawaa tahuu hin dandahu.

6 ) Kallattii hunda naannoo keessatti qabsoo godhu olloota uummata jaarmiyaan qabsoo godhuufi sana waliin michummaa dantaa jabeeffachuu.

Keessumaa jaarmiyaan akak keenyaa riphe lolaan tooftaa ittiin biyyoota sirna inni falmuun sana deeggaran ittiin ofitti hawwachuu qabaachuu fi isaanumattiyyuu fayyadamuu. Walii galtee yeroowaa fi itti fufiinsa dantaa sabaa tiksuu dandahuu fi ollummaa egeree cimsuu dandahu irratti hundaahuudhaan tarsimoo fi toftaa adda addaatiin biyyoota ollaa jiran hulaa isaa cabsanii dantaa olootaa naannoo itti qabsoo gaggeessanii fi biyyoota sirna jaarmiyaan suni falmuun fi qabsoo irratti gaggeessaa jiru sana deeggaran ittiin ofitti hawwachuu qabaachuu fi isaanumattiyyuu fayyadamuu (kuni yeroo baayyee kan hojjatu yeroo, haala,bakkaa fi naannoo ykn ‘geopolitical region keessa socho’an waliin deema). Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti sababoota baayyeedhaaf haalli akkanaa mijataadhas dhibee guddaa dhas. Akka jaarmiyaa bilisummaaf qabsoo godhuutti garuu yeroo hundumaa ni dandahamaa ykn  ‘possibilities’ ittiin rakko hamtuu akak ulaa limoo dhiphoo keessa itiin bahan soquu fi furmata dhaleessaa naannoo keessa socho’an  sana firoomfachuun walii galtee uumuunis baayyee barbaachisaa dha. Dahala namaa diinomfachuu caalaa firoomfachuun slaphaa tahuu dhiisuu mala. Garuu Wanta yaalan caalaa wanti hin yaallee jiraachuu mala waan atheef abdii osoo hin kutin irra deddeebi’anii yaaluu barbaachisa. Kana kan godhuuf kaayyoo sabasaaf jedheet malee kaayyoo warra ollaatif jedhee tahuu hin qabu. Yommuu akkas godhu hundaayyuu waan eeggachuu  qabuu fi irraa of tlksuu qabu hunda marii fi waloo dhaan gocha yoo deeme qabsoon isaa of eeggannoofi tooftaa akka tarsimootti baafate hojiitti hiikaafi bu’aafi miidhaasaa xiinxalaafi madaalaa miilasaa kaafachaa deema.Hojiin diploomaasii jaarmiyaan tokko qabus waan laayyoo miti. Biyyoonni ormaafi ollaa sochii jaarmiyaa tokko jabeessuufi laaffisuu iraatti dhiibbaa guddaa qaba. Kanaafuu yoollee isaan bilisa nama baasuu baataniyyuu walitti dhufeenya hammaatarra wayyawaafi kan bu’aa hamma tokko irraa argatan godhachuutu filatamaadha. Gargaarsa isaan gochuu qabaniifi irra argatan irrattis waan egere gufuu biyyaa hin taaneefi waadaa hin barbaachifne galuurraas jaarmiyaan tokko of eeggannoodhaan kan socho’u yoo tahe jabina qabaataa deema.Jaarmiyaan yeroo yeroodhaaan jijjiirramaafi guddina muldhataa agarsiisaa deemu yoo dandahe, akkuma qaama inni irratti duulerraa qiyyaafata jabaa keessa galaa deemu, alaafii keessanis deeggartoota hedduu horataa deema. Miseensoonnis akkasuma dabalaafi haamileen isaanii cimaa, galma gahiinsa jaarmiyaasaanif ifaajjota tahu.

Jaarmiyaan tokko haaluma kam keessattuu,saba qabsawaafii jiruuf ni barmata taanan, quubsumaafi dudduubee amansiisaa qabaannan, gaddaafi gammachuu sabasaa akka qaama hawaasa sanaatti ni qooddata taanan, haleellaafi reebichi diinni sabasaa ittiin hiraarsu irratti dafee tarkanfii dandahu haala sabasaaf galuu dandahuun daddafee ni dhaqqaba taanan, dhaabichi onnee hawaasaa isaa dhoosee galuudhaan quubsuma baldhaa sabasaa keessa waan kaawwatuuf jaarmiyaan suni jabaachaafi guddataa deema.Jaarmiyaan keessumaa saba qabsaawuuf keessatti maandhefateeefi of ijaare yoomiyyuu jabaatadha, yoo akeekaafi kaayyoo lafa kayeef kabajaafi heeran bulaa tahe.

7 ) Sirna uummataa fi sabasaa bitaa fi cunqursaa jiru keessatti namoota jajjaboo ijaaruu fi abbootii qabeenyaa karaa laf-jalaan of jala hiriirsisuu.

Sirna uummataa fi sabasaa bitaa fi cunqursaa jiru keessatti namoota jajjaboo ijaaruu fi abbootii qabeenyaa karaa laf-jalaan of jala hiriirsuun dirqam dhalootaa caalaa miiraa sabbonummaa fi kaayyoof dhaabbatoo tahan bobbaasuu, Abbootiin qabeenyaa tarii qabeenyan gargaaruu malu, ilmaan hiyyeessa fi kaneen hawaasa keessatti sadarkaan itti uumamee dhiibaman ykn jiruu fi jireenyi qophaatti isaan baasee gataman hojii guddaa hojjatanii wareegamuuf qophahoo waan tahaniif kanneenis ijaaruu fi dirqama kabajaa qabu itti laachuu. Qabsoon kan gaafatu garee muraasa qofa waan hin taanef qaamota saba sanaa guututti hirmaachisuu danda’uu, ijaaruu fi dammaqiinsaan akka qophee tahanii bilisummaaf wareegama barbaachisu kanfalan irratti hojjachuu. Hojiin akkasii salphaa miti keessafuu saba baldhaa akka Oromoo fi gabrummaan isarra ture akaan gadi fagoo tahe kana bobbaasuun ulfaatus yeroonuu bilcheessee akka isaan abidda caalaa diina guban gochuun ni dandahama.

Kaayyoo dhaabbateef tiksaa,dantaa sabaa giddu galeessa godhatee,murannoofi cichoomina tokkummaa sabasaa yeroo yerootti waan qoruufi gaaffii keessa galchu of keessaa buqqisaafi dhabamsaa,haqa saba wayyabichaa tiksaa dheebuu galiisaa qabu dhaqqabuuf carraaqa.

Ilman sabaa jiraachuf jedhanii yookin itti fakkaatee yookin immmoo dammaqiinsa dhabaan qawwee diinaa qabatee hiriiree fi diinaf ergamaa jiru ijaaruu fi dammaqiinsa akka argatan karaa adda addaatiin carraaqun arra ijaarraman immoo kaayyoo hidhachiisuu. Tarkaanfii isa dhumaa akka fudhachuun dandahutti qopheessuu fi jaarmiyaan karaa kanaan tumsaafi dudduubbee jabaa tahuusaa hamma mirkaneeffatutti ergama jajjaboo qormaata tahuu dandahan ittii kennuu dhiisuu fi carraa argametti garuu  akka dhimma bahan barnoota siyaasaa fi military warra qaban akkaan keessatti ijaaruu.

Caasaa saba tokoo keessa hunduu dirqama bahuu qabu akka bahaniif qopheessuu. Qonnaan bulaan, horsiise bulaan, daldalaan, barataan, barsiisaan, hojjataan, hamma kadhataa gahutiyyuu ijaaruu fi dirqama laachuu fin baayyee barbaachisaadha. Kunimmoo jaalalaa f i kabajaa jaarmiyaa kanaaf qaban akka dabaluu fi dirqama fudhachuun isaani qama jarmayaa kanayyuu tahuusaanii akka itti dhagayamuu fi egere akkauma qaamota hawaasa biroo gahee isaanii bauf isaan aangessa ykn mijeessa.

Addunyaa kanarratti wanti dhaabbataafi hin sochoone ykn hin jijjiiramne hin jiru.Dhalli namas adeemsa addunyaan kuni qabdu keessa looyaa, hulluuqaa deema.Namoonni kaleessa dhaaba tokko balaaleffataniifi irratti duulan hardha ykn boru yommuu harka mirgaa dhaaba tokko tahanii abukaatoo dhaabbatan ni agarra. kannen kaleessa jaarmiyaa tokkoof du’aa turan sababoota dantaa matayyaas tahee waantonta birootiin muufatanii kaayyoo sanarratti duulanis ni muldhata. kanaafu namootni kaleessa jaarmiyaa tokko hin deeggarre akkasumatti itti fufu jedhanii ,itti dhiyaachuun hin barbaachisu jechuun dhaaba sanaaf kasaraalle tahuu baatu, bu’aa guddaa  hin qabuuf. kana gochuu danda’uun jaarmiyaa tokkommoo fudhatamaafi iftoomina qabiinsa isaa daran muldhisaa deemuudhaan aantummaa hawaasichaa tahaafi taasifachaa deema.

Walitti dhufeenya gameessaafi mishoomaa fidas taha.kanaaf jabina afi guddina jaarmiyaa tokkoof haallan armaan olitti tarrifaman hunduu gahee mataasaanii akka qaban dagachuun hin barbaachisu.

Kan biraammooo Jarmiyaan tokko Hawaasa miseensomuuyyuu baatu sabasaa afaan faajjawes tahee kanneen kallattiin mormaniyyuu ofitti hawwachuu yoo dandahe, qaama hawaasa yaadan deeggaruufi kallattiin falmu, kan diinagdee kiisa isaatii kallatiin baasuu baatuyyuu waan hawaasichi fedhu dhiyeessuun akka bitatu godhu, akkasumas qeequufillee taanan yeroo yerootti kan dammaqinaan sochii dhaabbichaa hordofan qabaachuunis jabina tahuu mala.

Hawaasni  hundeefi egeree dhaaba tokkoo hanga tahetti, qajeelchufis tahee dabsuufi dogongorsuuf hawaasni adeemsa guddinaafi sochii jaarmiyaa tokko keessatti qooda mataasaanii qabu.

Jaarmiyaan tokko hawaasan ala akka qurxummii bishaanii baatetti lakkaawwama. Keessumaa hawaasni dammaqaan, kan odeessa gahaa qabuufi argachuuf carraallee qabu, kan si’aa’inaafi quuqqama biyyasaaf qabu, akkasumas kanneen hubannoo siyaasaa qaban keessaafi alaanis jaarmiyaa tokko duuba jiraannan, egeree dhaaba tokkoo utubaa filannoo biraa hin qabne tahuu baatuyyuu jabeessuufi dadhabsiisuu keessatti gaheen isaanii laayyoo miti.

Fakkeenyaf, kora, marii fi walgahii dhaabni tokko hawaasaafi miseensotasaa marisiisuufi dhimmoota waloo irratti wal argaa yoo barbaade dirqama miseensa qofa miti kan dhufuun irra jiru. Sabni jaarmiyichi dhaabbateef kamiyyuu ilaalcha fedheyyuu yoo qabaate irratti argamee hirmaannaa akka walootti waliin gochuu qabu goonan kabajaafi deeggarsa jaarmiyaa sanaa qabaachuu ibsa. Jaarmiyaan carraa akkanaa qabummoo yoomiyyuu kan jabaachaafi guddataa deemudha. Hawaasni yaada qajeelas tahee falmiifi gaaffilee akkasumas shakkii dhaaba sanarraa qabu ifatti hirmaannadhaan gaafatu  yeroo kamiyyuu fira jaarmiyaa sanaa taha malee diina hin tahu. Kunis warra lafa jalaan dhaaba tokkorratti hojjatanirra ifatti falmii ykn mormii qaban, gaaffii ykn shakkii qaban ibsachuun waan hedduuf akka jaarmiyaan suni qophaayu abbaltii laataf.

8 ) Of Ilaalleen jaarmiyaa sanaa kaleessa sabichaa thauu qaba. Kaleessa fi hardha walitti hidhuun boruu ykn egeree sabichaa uumuun ni dandahama waan taheef keessumaa kalee saba keenyaa ganneerra taanan jidduutti walammee taana.

Guutummoota Biyyoota Ardii Addunyaa kanaa hunda yoo fudhanne, tarii Biyyoota Afrikaa muraasa malee hedduun isaanii faana buutii kaleessa fi dheengadda saba isaanii tiin sadarkaa hardhaa gahan. Haala jiruu fi jireenya saba sanaa kan  bara dukkanaa, amantee fi dhugeeffata, ilaalchaa addunyaa kanaa (Universe) sabichi beekumsa ganamaaatiin hubataa ture, qaroomina fi faalasama jiruu fi jireenyaa inni durii qabaachaa duree gabroomfataan cabee fi balleesse deebisanii ijaaruu fi bakka kufan snarraa kahuu baannan tasabaddee tahuu dha. Tarii gaafa bilisooman diinagdeen ykn barnoota ammayyaan yoo guddachuuf carraan jiraatellee, xiin-sammuu dadhabaa fi sabbonummaa laafaa eenyummaa salphoo fi akka sabaa fi biyyaati ofitti amantummaa xiqqaa qabaachuu waan malaniif kaleessi saba tokkoo egeree saba tokkoof baayyee barbaachisaa tahuu jaarmiyaan sabaaf qabsaahu sakandiif illee dagachuu hin qabu. Oromoon maali? Oromummaan maali? Oromiyaan maali? Oromiyaan kaleessa eessa turtle? Waggoota 1000 dura,waggota 500 dura maal qabaachaa tureet, maalimmoo hin qabu ture?Hardha hoo maal qaba?Maalimmoo mulqamee dhabe? Dhugeeffata saba kanaa hangam akak jaarmiyaa kanaatti harkaa qabna? Hagam immoo qabaachuu dandeenya? Jedhanii akka jaarmiyaatti bu’ura sabichaa irratti hin dhaabbanne taanan fafa. Biyyoonni Eeshiyaa fi Ameerikaa kaabaa akaksumas Giddugaleessi bahaa hedduun isaanii akkuma  ardii Afrikaa kolonii jalatti kufuun gabrummaa hamtuu jala ture (gabrummaan isaanii amala Oromoo kana qabaachuu baatus) hardha bilisoomaanii qaroomina durii isaanii fi dhugeeffata hambaa diinni hambise jabeessanii hardha sadarkaa addunyaa biroon qixxaatanii jiru.

Kanaafuu jaarmiyyaan eenyummaa, maalummaa, humna, qabeenya, baayyina, jabeenyaafi dadhabina saba qabsaawuufii akkaan hin beekne jaarmiyaa yoomiyyuu jabaatu miti inni. Keessumaa jaarmiyaa akka ilaalchaafi dhugeeffannaa ykn ‘Never forget and put aside, the foundation of the nation you defend, philosophical of the core ideology of your nation’ sabni suni uummamasaarra jalqabee ittiin masakamaa,hoogganamaafi qajeelfamaa ture hin hordofu taanan,yeroof jabeenya qabaatuyyuu akka mana cirracharratti ijaarramee irra laalan bareedduu taha.

Yoo garuu ilaalcha gameessafi dhugaadhaan sabichi akka ittiin bara jabeenyasaafi bara guddinaafi badhaadhinasaa ittiin deemaa tureefi jiraacha ture sakatta’ee waan fooyya’u fooyyesee,waan dabalamuufi hirdhatu hunda godhee daandii sana faana kan dhahu tahe yoomiyyuu moo’ataafi humnoomadha. Onnee sabasaatu faana dhaha, laphee uummatasaatu achi keessatti of arga. yoommiyyuu shubbisnifi dhiichisni isaa,walleefi walaloon isaa barruufi hololoon saba sanaa jaarmiyaa kana taha, akka daawitiittii of ilaalaa keessatti of daawwachaa faana dhaha, ittiin boona, ittiin dhaadhata, ni wareegamaaf,waan qabu lubbuusaa dabalee wareegamaaf of qopheessa. Jaarmiyaa sana jechuun jiraachuufi dhabamuu sabichaa tahuutti beeka.

Wanti sabni Oromoo ABO waliin tahaa jirus kanumarraa madda. Kan itti fufsiissuuf injifannoo dambooban gahuun garuu dirqama hooggantootaa, qondaaltotaa fi akkasuma kan miseensa jaarmiyaa kanaati. Jaarmiyaan sarara akkasiirra imalu yoommillee jabina qabaachaa deema. Jaarmiyaan ilaalcha ergisaafi akka ormaattan deema jedhee if ijaaru garuu hanga fedheyyuu jabaatu.kufaatii hamtuu kufaa kahaa… injifannoofi galma akeekkate gahuun tulluu guddaa killa mana ijaaroo itti taha.Galma gahullee ittiin bulmaannisaa karaa qabachuutu itti ulfaata, Hawaasni ykn sabichiifi miseensonni dhaaba sanaa wal argachuutu itti ulfaata. Kanaafu guddinaafi jabina dhaaba tokkootif wanti guddaan aangoo eenyummaa,maalummaafi dhugeeffannoo saba sanaa faana dhahanii isarratti of ijaarudha.

Jaarmiyaan tokko guyyaa if ijaaru durarraa jalqabee erga ijaarramee ifatti bahee wanti inni yoomiyyuu irratti hojachuu qabuufi jabeenyasaa qormaata keessa galchuu dandahan kanneen armaan gadii mee haa  ilaallu.

Jaarmiyaan tokko waan qarqaba dubbiif xuxxuqne keessatti.

  • Kan waan hojjatu beeku
  • Kan hojjachiisaa gaarii qabu
  • kan yoom fi eessatti akka hojjatu beeku
  • kan eenyufi eenyu waliin akka hojjatu beekufi
  • itti galli ykn maniin kaayyoosaa akkaan beekuufi ittiin of masaku tahuusaa eeren ture.

Kan qooda biraa hamma tahe qabummoo, qunnamtiifi hariiroo dhaabbilee mormitoota diina waloo waliin qaban irraatti lafa kaayyates jabinaafi laafina dhaaba tokkoo ni gulaalchisa. Jaarmiyaan kaayyoosaa guututti utuu hin sharafin dhaabbilee faallasaa kan garuu diina waloo waliin qaban faana garaagarummaasaanii ifatti wal fudhachiisuun gamtoomina tarsimoo godhachuunis wayyoomina. kunis of eeggannoofi yeroo yerootti adeemsa qaamota waliin diina haadhuf walii galan sakatta’uufi gulaaluudhaan ittii deemuudha.Walii galtee akkasii keessatti waan yeroo yeroon gaaffii uumuufi walitti isaan buusuu dandahu jalqabuma walii galuu dhabuu isaanii ifatti lafa kaayatanii waan irratti walii galan immoo waliin ittii deemuunis jabina.Keessumaa dhaabbilee sabummaafi hiree waloo qaban. kanneen ilaacha biraatinimmoo saba sanatti gad bahan faana waliigalteen tarsimoo ifatti kan miseensonniifi sabni qabasaawamuuf beekuu qabu lafa kaayanii odeeffannoo sirrii tahe gurra sabasanaan gahuun waan gaaffii hin qabneedha. Uummatni akka afaan hin faajjofne dhimma akkasii irratti yeroo yeroon ibsa kennuufi deddeebisanii karaalee sabqunnamtii harkaa qabaniifi walaba taheenis nuffiifi dadhabbii tokko malee beeksisuun jabina jaarmiyaa sanaa taha.

Walumaa galatti jaarmiyaan tokko jabaachuf miilasaatiin dhaabbachuuf kaayyoo isaa uummata isaa keessatti qorqalbiifi ilaachaa wayyoomaa sabicharatti dhaabbate,kan egeree sabasaa haalu utuu hin taane egeree sabasaa deebisee ijaaruu dandahuun,miseensota muratoofi hawaasa dudduubee tahuuf horannaan daran jaarmiyaa sana jabeessaa deema malee hin laaffisu.

Egaa haala Jabinia jaarmiyaa tokkoo ittiin ibsaa jirru kana keessatti Jaarmiyaa Oromoo,ABO,haala akkamiifii maal keessa akka jirus gulaaluufi hubachuun jabina dhaaba keenyaafi egeree dhaaba keenya akeekuuf nu fayyada taha. Dhuguma dhaabni keenya ABO’n waan olitti kaasaa jirru kana soneessee deemaa jira taanan injifannoo boonsafi cululuqaan kan Oromooti, kan dhaaba keenyati. Miti taanan gulaaluufi sakattahuu kan feesisu natti fakkaata. Dhaabni bilisummaaf qabsaahu yeroo hedduu firarra diina baayyata. kunis dantaa saboonni biraa biyya sichi uumamturraa dhabuuf jiraniifi dantaa namoota dhuunfaa sabicharraa dhalataniin kan wal keessa daaqeefi laaqameen tahuu mala.Tahus dhaabni dhugaadhaan bilisummaafi walabummaan qabsaahu yoomiyyuu moo’aafi moo’ataadha.

Xummureera

Caalaa Hayiluu
Ganna, 2014
OROMIYAAN NI BILISOOMTI!

Similar Articles

Comments

  1. Hi all,
    Dhabinii tokko hojaa irraatii ilaalaamu qaba, bu’aa fidee wallin, kayoo qofaan madalamuu hin danda’aamu. Fakenyaf:
    1. OPDOn bu’aan ummaataa oromodhaf fidee mallii? Hidhaa hambisee? No Du’aa hamibisee? No Offin Off buluchu fidee? No. Ummaataa oromo angessee? No. Egaa ummanii Oromo casaa kana ykn dhabaa kana batee maliif jirataa? Akka illaalecha kotii casaa akkasii ummanii oromo/qeerroo bakkaa buffachu qaba jedhen yaddaa.
    2. Wanii badhadhina jedhan kun Motumadha jechun wan danda’aamu natii hinfakkatu. Maliifii:
    a. Yadaa issaa umatatii dhihessee hin filataminee. Akkaa OPDO tii filaataaman malee wanii badhadhinaa jedhamu hin jiru ture.
    b. Dhabinnii kun nama arrius, tursisuss hin danda’uu. Ummaniin OPDO kessa jiru akkaamitii callissan naf hin galu. Dantadhumaa offii issannii illee egesifaachu akkamiitii dhadhabaan?
    Motuumaan enyuu Kan jedhuf:
    OPDO +TPLF + BADEN (amara) +South (Debub) = Government of Ethiopia, legitimate with its flaws.
    Now TPLF is not in the government, all the three meshed which is another totally different combination which is not known by the people or not elected even with the fake election. So Badhadhina/Bolixigina not a legitimate government of Ethiopia. So in my opinion people should think of it. In addition, this shows a lack of talent (sharpness) to convince people, which is thinking with muscle instead of wisdom.
    Today 9,000 young oromo is in detention because of lack of wisdom to convince others. People are killed due to lack of wisdom to convince. So the world should think of this situation in Ethiopia before it is dangerous.
    The oromo people in diaspora needs to take the issue into the United Nations.

    God be with the oromo people and all oppressed people in Ethiopia. Civil disobedience wins!!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...