Jaarsummaa

Mahaammad-Amiin AbbaaBiyyaa, Adoolessa 13, 2020

JaarsummaaJaarsummaan aadaa Oromoo keessatti kabajamaa, ulfaataa fi woggoota kumaatamaaf kan saba Oromoo tajaajilaa as gahe. Jaarsummaan sirna Gadaa kan Oromoo biratti utuu hin sharafamiin, utuu hin badiin dachee Oromoon keessatti argamu hundatti tajaajila kennaa jira. Jaarsummaan kafaltii waan hin gaafanneef kan harkan qalladhe jedhee irraa baqatu hin jiru. Jaarsummaan walqixummaan baabsa tokko malee saba tajaajila. Jaarsummaa keessatti kaadhimamuun akka ulfina guddaatti ilaalama. Kan ulfina sana argatan hedduu murtaahaa dha. Jaarsummaa keessatti filamuuf ulaagaa heduun yoo jiraatu akka fakkeenyaatti gariin fudhatamu.

Namni jaarsummaa keessatti kaadhiimamu kan umriin ulfaate, kan samuun bilchaate yookiin kan arabaan qarame ta’uu qaba. Jaarsooli akkuma maqaa isaa nama tokkoo oltu keessatti hirmaata. Jaarsooliin dubbii ilaalte murti. Murtiin isaanii fudhatemee hojii irra oola. Abbaan dide seeratu itti jiga. Hinlagata(ma, mti). Hawaasaa keessaa darbata(ma, mti). Duunaan biyyi bahee hin awwaalu. Cidha waamnaan eenyuu hin dhaquuf. Daboo gaafannaan hawaasi hin bahuuf. Darbees yeroo muraasaaf akka biyyaa ari’amu iyyuu itti murtaaha. Kanaaf dubbi jaarsi mure kan didu hin jiru.

Jaarsooliin seera jalliste jaarsummaa biroo keessatti qooda hin fudhachiisan. Namni jaarsummaa taa’uu yoo abaluun keessa jiraate hin dhihaadhu jedhee didu mirga qaba. Jaarsoliin mindaa waan hin fudhanneef, matta’aa waan hin arganneef sababa seera jallisaniif hin qaban. Kanneen jaarsoolii keessatti qooda fudhatan garee lameenuufu dhoheenya ykn kanneen firooma hin qabane ta’u. Baayyinni namoota jaarsa ta’uu danda’an murtaahaa waan hinta’iniif garee lameenu qixxee worra muran jedhamanii yaadaman tu filatama. Gareen lameenuus namoota jaarsa naaf ta’u jedhan himatanii jarreen kun waliin ta’uun dubbii ilaalu.

Jaarsoliin kun nama isaan hogganu filatanii dubbii ilaaluu eegalu. Akka seerri hin jallannees garee lameenu irraa nama walqixxee fudhatanii kan garee hinqabne ofitti dabaluun mizaanaan dubbi ilaalu. Akkaataan jaarsummaan Oromoo keessatti hojjatu sirnaan waan ta’eef woggaa kumaatama lakkoofsiise. Jaarsummaan fudhatamii isaa jabaachuu irraa waan ka’eef manni seeraa Xoobiyaa jaarsummaatti fayadama; Abbaanseeraa “duraa jaarsaan ilaalaa ka’aa ti yoo fixachu hin dandeenye natti deebi’aa” jedhe gama jaarsummaaitti akeeka.

Jaarsummaan bifa addaddaa yoo qabaatu xiqqeessine lamaan isaa ilaalla. Jaarsummaan inni duraa jaarsummaa abbaa fi ilma walitti araarsuuf taa’amu. Inni kaan immoo jaarsummaa abbaamanaa fi hadhamanaa araarsuuf adeemu. Kanneen akka qabeenya irratti wal lolamu, liqii galchuu fi dhiisu irratti ta’amu, dhaalaa fi kkf heduun jiru. Lameen armaan olii garuu waan an dubbachuu barbaaduu irratti xiyyeeffachuuf isaniitti gabaabsa.

Jaarsummaa Abbaa fi Ilmaa

Jaarsummaa kana keessatti seerri gama tokkootti jallataa dha. Jaarsummaa gad-dhangala’ii ti. Abbaan humna dadhabaa kan harka micciree, miilaa sakaalee lafaan dhahu. Jaarsolii yeroo hedduu haadhatu waama. Jaarsi abbaa gaafatee utuu ilma hin gaafatiin mana fidee dhufa. Mucaan “lamuu kana hin godhiin. Sana hin godhiin” jechuun waan abbaan himate ilmatti hima. Abbaan immoo “mucaa manatti deebisi. Araaramiif” jedhee abbaa kadhata. Jaarsummaan akkanaa yeroo hedduu fiixaan ni baha. Garuu yeroo itti hojjachuu didee maatii diigu, ilmi biyyaa baqatee deemus ni jira.

Jaarsummaa haadhamanaa abbaamanaa:

Jaarsummaan abbaamanaa fi haadhamanaa gidduu adeemu jaarsummaa diriiraa dha. Walqixxummaa calaqisa. Garee lamaanu qixeetti ilaala. Jaarsoliin kana keessatti qooda fudhatan garee lameeniin kanneen filataman ta’u. Jaarsooliin kun garee lameenuu qoba qobaatti dubbtanii eegii qabxii qabataniin booda lameen walitti fidu. Murtii jaarsummaa isaanii dabarsu. Lameenu fudhatuu qabu. Didnaan jaarsii ni abaarti. Hawaasaa keessaa haqxi. Biyyii itti jiga. Fudhaa heeruma isaanii lagatu; daboo yoo waamame hin bahaniif, du’aa isaa hin awwaalaniif. Kana hunda sodaa waan jaarsi murte diduun ni sodaatama.

Akkasumas jaarsooliin maqaa ofii jecha seera hin jallisani, hin dabsanis. Yoo kana raawwatani rakkina addaatu irra gaha. Ulfina hawaasaa dhabu. Jaarsummaa kamuu keessatti qooda hin fudhatani. Kabajaa hin argatan. Akka jiraa du’aniitti lakkaahamu. Kanaaf jecha ulaagaa fi sirna jaarsummaa kan cabsu hin jiraatu. Matta’aa fudhachuun hin jiru. Garee filatanii baabsuun hin jiru. Namuu kan jaarsa bira dhaqu sakkaalaa manni seeraa impaayerichaa irraan gahu baqa jaarsaan bula. Sirna Habashaa jibbaa (kan akka bulchiinsaa, mana seera kkf) jaarsummaatti fayyadama. Oromoonis safuu waan beekuuf murtii jaarsi kennitu yeroo hedduu haqa. Murtichis fudhatamaa dha. Gareen lameenu waan himatanii fi waan murtaahee waan beekaniif hin didani.

Kana hubachuun manni seeraa Impaayera sana keessa jiran jaarsummaa haalan itti maa’ii bahu. Abbaan murtii “dubbii kana dura jaarsaan ilaalchisa yoo dide natti deebi’aa” jedhee jaarsummaatti akeeka. Akkasumas mootooliin biyyatti jaarsummaa bifa addaddaa tiin yeroo fayadaman ni mul’atu. Gama sirna wayyaanee yeroo deebinu ulfinaa fi sadarkaa jaarsummaan Oromoo biratti qabu kan hubatani yeroo dhaabooti siyaasaa Oromoo shanan tokkoomsuuf jaarsummaan taa’ame.

Jaarooleen Machaa fi Tuulamaa kan akka Kol Alemu Kitessa, Baqala Nadhi, Dr Moggaa Firrisaa, Shamsaddin Abdo fi kkf dhaaboolee Oromoo shanan walitti fiduuf carraaqii godhani. Ummata beeksiisuuf walgahii hawaasaa isa jalqaba galma mana poostaa guddicha hospitaala xiqur Anbessa fuuldura jiruutti gaggeesani. Kun bara 1991/92 keessa yoo ta’u anu keessatti argameera.

ABO keessa J/Leenco Lataa tiin durfamee kan J/Daawud faa keessattia argaman; OPDO keessaa dursummaa Kumaa Dammaqsaa tiin Hasan Ali fi Ibrahim Melka argamanitti; Oromo Abbo irraa Obbo Siraaj, bakka bu’aa Waaqoo Guuti akkasumas bakka bu’aa IFLO keessatti argaman. Ibsa hawaasaan booda jaarsoliin OPDO waajjira isaaniitti qobatti dubbisan. Gulallee dhufanii jila ABOn dubbatan. Bisiidiimoo (Harargee) dhaquun Jaarraa AbbaaGadaa waliin dubbatan. Walgahii isaanii kanas suuraa vidiyoon waraabanii ummata agarsiisanii turani.

Yaada ofii eegii walitti qabaniin booda, jaarsooliin kunniin Kumaa bira dhaqanii mariyatanii waan dabalamuu fi keessaa bahu qabu eegii mariyataniin booda dhaabolii kaan bira dhaqanii akkasuma qabxii sirreeffatani. Yaada xumura kennuuf yeroo Kuma bira deeman ajaja Mallasaa irraa argateen jijjiiramee waan waliigalan hunda haale. Tattaaffii isaanii bishaan obaase. Kol Alamuun waan kana yeroo dhufanii J/Leencootti himan. Waa danuu hin dubbanne. “Leencoo, Kumattiin kun ‘Worraaddittii’ dha” jehdani. Jecha kanaan booda namni gaafii biraa isaan gaafatee hin jiru. Silaa afaan Oromoo jecha arabsoo hin qabu. Jechi “Worraaddittii”n haala jiru akka suuraatti xalilchee waan agarsiiseef hundu si’a tokkoon hubate. Kolfaan guutame. Barabaraan jechi kun yaadatamaa taa’e.

Humna jaarsummaan Oromoo biratti qabu kan TPLF agarsiise inni duraa isa kana. Sirna jabaa kana akkaataa itti fayyadman qoratanii akkaataa isaanii malutti jallisaa, maa’ii itti bahuu eegalan. Calaatti yeroo diddaan gabrummaa biyya keessatti dhoohee finiine san ifatti mul’ate. Jaarsaa waamanii nu araarsa jechuun jaarsooliin utuu hin hubatiin Qeerroo dirqiisisani araarsuuf yeroo yaalan mootummaan sirna cabsee ijoollee hidhaatti guure. Kanumaan Oromo biratti tuffii isa guddaa argatan. Amantaa isaanii sharafsiise. Seerri itti jige. Jaarsooliin maqaa ofii eegisifatan, kan garaaf hin bulle waan kana keessatti akka qooda hin fudhanne sababeeffatanii yoo didan mul’ataniiru.

Har’as mootummaan Naftenyaa Abiyootiin dursamu jaarsummaa, jaarsummaa jedhee wotwaachaa jira. Jaarsummaan inni barbaabaadu jaarsummaa gad-dhangala’ii ti. Jaarsummaa diriiraa deemsiisuu hin barbaadu. “Yoo Qeerroo amansiiftanii manatti galchitan an hin hidhu, hinrukutu, hin ajjeessu jechuu malee akka rakkoo garee lamaatti akka ilaalamu hin fedhu. “Dhaqaa kana godhaa malee ana waa gaafachuu hin dandeessan jedha. Hoorii kisii kana qabadhaa jedhee horiin bita. Kun safuu dha. Sirna jaarsummaa faalleessa. Horii fudhatee, mootii waliin suuraa ka’ee foddaa TVitti mul’ate jaarsaa akkamitti ta’a? Garee lamaan araaraman qoba qobaatti utuu hin dubbisiin akkamitti murtii haqaa kennuu danda’a.

Jaarsooliin wal filatee hoggansa waalta’aan hojjati. Waan hamma Oromiyaa keessatti adeemaa jiru kanatti kun hin jiru. Hundu ganda gandatti fiiga. Jaarsa osoo hin taanee hojii dabballee fakkaata. Jaarsooliin haqaa kan maqaa ofii eeggatan, kan safuu qaban, kan sirna Jaarsummaa ulfeeffatan sababa addaddaa kennuun keessaa hafan. Oromonis of eegaa, waan hintaanee keessa hin galina, biyyii isiniitti hin jigiin jedhee itti hime. Jaarsooliin hedduun dhagahanii kana keessa hin seennu jedhanii keessaa hafan. Kaan warra jaarsummaatti isaan waamu gaaffii gurguddoo gaafatanii salphisan. Kana ilaalchisee fakkii garagaraa dirree hawaasummaa keessatti tamsa’aa jira.

Kanneen hamma maqaa jaarsummaa tiin biyya keessa galandi’aa jiran, kan basaasii booda isaanii deemee ijoolee ykn maatii isaanii gaadi’aa jiru dabballee dha. Yoo jaarsii seera dabsu murtii adaba irra gahuu sun isaan kana irrattis jiguu qaba. Biyya balleessanii ofii jiraachuu waan hin dandeenyeef dogogoranis ta’e beeka worri itti jiran of qusachu qabu. Safuu Oromoo cabsanii, ulfina jaarsummaa balleesanii biyya Oromoo keessa nagaa dhaan jiraadha yoo jedhanii yaadani dogoggoraniiru. Jira of awwaalaa jiru.

Mootummaan hamma jiru kun karaa danuu dhaan kufeera. Yeroo filmaata isa raawwate. Sirna alaa! Ummata Oromoo fixee Xobiyaa ijaaruuf murteeffatee fashalaaye. Afaan dammaa kan garaan hamaa akka Lammaa fi Abiyi Oromo galaafatan. Ficisiisan. “Ijoollee AbbaaGadaa” ofii moggaasanii sirna abbaagadaa diigaa jiru. “Anatu isin ijaaree anatu isin ajaja” jechuun Abiyoot Abbootiigadaa diniinee jira. Kun labsi abbooti gadaa, abaarsa Oromoo, dallansuu qeerroo itti kaase. Kana argaa, waan woggoota shanan darban ta’aa ture hubataa namni jara kufaa jirtu kanaa wajjiin dhaabbatu akka Oromootti hin fudhatamu. Yoo kan garaaf buluu taate malee.

Oromoon hundi ulfina, kabajaa fi bakka jarsummaan qabu hubachuu danda’uu qaba. Namooti kana irratti qoratan bifa saayinsi tiin ummataaf qorannoo isaanii dhiheessuu qabu. Worri horiif bolalaa, an jaarsa ofiin jedhan, sirna jaarsummaa akka hin guutne itti himamu qaba. Jaarsi sirna cabsitu akka Oromoon of keessaa darbatu, jiraa awaaluu ykn ajjeesuu baruu qaban. Yoo didanii itti adeeman isaan tu beeka. “Biyyi sitti jiguura jirmi sitti ha jigu” jedhama mitiree.

Jaarsii tokkoo mucaa tokkoo qabuuf figsee bira gahuu jennaan gurbaan xuxxuruuf jedhee muka yaabbate. Jaarsii gurbaan “si hin ajjeessu kottii bu’i” jedheen. Gurbaanis “sin ajjeessuu” maaltu fide hin bu’uu jedhe. Jaarsooliin har’aas q’eerroo hin hiinu, hin ajjeesnu gorsa manatti galchaa” yoo jedhaman waan ta’aa jiru maaliif hin ilaalanii. Woraanaa ummata keessa mirmirsamaa jiru, daballee ganda keessa gaadi’uu fi tiika Oromoo basaasu maa argu dhaban. Qeerroonis “muka yaabbatee” irraa waan bu’u itti fakkaataa? Gaaffiin isaa utuu hindeebi’iin waan manatti galu see’anii? Sirna jaarsummaa xureessanii, maqaa ofii balleessuuni fi hawaasaan wal dhabanii waan nagaan jiraatani yoo itti fakkaate. dogoggooraniiru. Har’aa sirna Oromoo nyaataa waliin ta’ani, waliin Oromoo dhigsanii, dabalanis madeessanii sirna jaarsummaa cabsuun badii isaanii tiif bor seerri akka itti jigu baruu qabu. Waakachuun watwaatuun bor hin jiru. Dafanii har’a malachuu qofa.

“Mootummaa” ‘worraaddittii’ kana amananii yoo bowwaa bu’ani namni isaan baasu hin jiru. Hojii isaanii tiin Oromoo madeessaa akka jiran hubachuu qabu. Diina irraa adda baafamanii akka hin ilaalamne baruu qabu. Horiin har’a fudhatan sun guyyaa meeqa akka isaan gargaaru ha tilmaaman! Yoo sogiddaa yoo ofii jettee mi’aahii jedhama mitiiree.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Mahaammad-Amiin AbbaaBiyyaa

Similar Articles

Comments

  1. PP’n gurmuu ilmaan Habashaa, ilmaan Nafxanyaa ti. Habashaa fi Nafxanyaan “Araara” wanna jedhamu hin beekan. Masqalii fi Maaramii baatanii soba kakatu. Hanga haalli mijjaawuufitti hundaa tole jedhu. Gaafa haalli mijjaaweefii meeshaa bitatan naasuu tokko malee nama galaafatu. Kan isaan beekan aadaa shiftaa qofa! Shiftaan nama tokko’yyuu hin amanu. Seera, safuu, araara kan jedhu hin beeku. Ajjeesee angoo fudhata; ajjeefamee angoo gad-dhiisa. Warra akkasii waliin “araara” teenya jechuun ummata daguun qabsoo galaafachuu taha!
    Kana booda koloneeffataa waliin araarri hin jiru. Al meeqa nutti himu, ol-antummaa malee wal-qixxummaa akka hin barbaadne!?
    Galatoomi Mahaammad-Amiin AbbaaBiyyaa!

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...