Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni 35 to’annoo oolan

Ajjeechaa Haacaaluu Hundeessaa: Jawaar Mohaammad dabalatee namoonni 35 to’annoo jala ooluu poolisiin ibse

Jawaar

(BBC Afaan Oromoo) — Jawaar Mohaammad fi eegdota isaa dabalatee namoonni 35 to’annoo jala ooluu Poolisiin Federaalaafi Poolisiin Oromiyaa ibsa waloon mirkaneessan.

Eegdota Jawar irraa kilaashiin 8, shigguxii 5 fi raadiyoo qunnamtii 9 seeraan hin beekamne qabamuu reefuu Komishinii Poolisii Federaalaa fi Komiishiniin Poolisii Oromiyaa ibsaniiru.

Nama siyaasaa Jawaar Mohaammad dabalatee kanneen to’annoo jala oolan irratti qorannoon gaggeeffamuu eegaleera jedhan.

”Reeffa Haacaaluu humnaan karaarraa deebisanii waajjira PP damee Oromiyaatti galchanii, poolisii humna addaaOromiyaa eegumsarra ture tokko rasaasaan dhahanii ajjeesan” jedha ibsichi.

Kana kan raawwate garee Jawaar Mohaammadiin durfamudhas jedha ibsi poolisii kun.

”Reeffi haaluma gaaffii maatiitiin hospitaala Phaawuloosii baafamuun gara Ambootti osoo gaggeeffamaa jiruu fedhii maatiin ala erga Buraayyuu gaheen booda gara Finfinneetti akka deebii’u taasisani” jedhan Komishinar Araarsaa Mardaasaa.

”Kana Jawaarfaatu raawwate. Kanaan shakkamani to’atamani…namni kamuu seeraa ol miti” jedhan.

Meeshaan waraanaa eegdootni Jawaar Mohaammad hidhatan seeraan hayyama hidhachuu osoo hin qabaatiin ta’uunis ibsameera.

Namni maaliif to’ataman jedhee hiriira akka hin baanefi badii biraa akka hin dhaqqabsiifne akeekkachiisaniiru.

Ibsa kana kan kennan Komishiinara poolisii federaalaa Indashaawu Xaasawu fi kan poolisii Oromiyaa Komiishinar Araarsaa Mardaasaati.

”Qaamooleen hawaasaa tokko tokkos haala hin taaneen hubachuun namoonni kunneen seera malee hidhaman jechuun haala adda addatiin hiriiruun balleessaa akka hin raawwanne hubachiisna” jedhaniiru komishinarri Indashaaw.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.