Jeequmsa guddaan Kaabinee Oromiyaa keessatti dhalate

Jeequmsa guddaan Kaabinee Oromiyaa keessatti dhalate

Jeequmsi kun kan dhalate ega madaallli raawwii “Lola Shanee” jedhamu irratti gabaasni dhiyaatee booda. Akka gabaasa godinoota irraa ergame kanatti,

– Caasaan ganda 3267 diigameera.
– Guyyaatti geddu-galeessaan dabballee fi minishaa 7-8 tu ajjeeffama/ukkaamfamaa jira.
– caasaan aanota 43 guutumatti diigameera.
– Godinnota 6 kessatti Humni WBO humna mootummaa caaleera.
– Godinoota dabalataa 3 keessatti WBOn humna mootummaatiin walqixa taheera.
– Godinoota Oromiyaa hunda keessatti qabsoon hidhannoo eegalamee jira jedha gabaasni waajjira Piresedaantitti ergamee gamaggamame kun.

Gabaasa kana booda Abiyyi Ahimad deemaa lolchiisaa ykn achumaan badaa malee asitti akk hin deebine jechuun Kaabinee hunda ajeje. Yeroo ammaa Shimallis Abdiisaa gi Fiqaaduu Tasammaa qofatu Finfinneetti hafe. Rammaddii fi bobbaa dabballootaa kanas hordofnee isin biraan geenya.

Be the first to comment

Leave a Reply

Your email address will not be published.


*


This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.