Kaayyoo jaallan qaqqaliin irratti wareegaman fiixan haa baasnu.[1]

Ayyaanaa Goobanaa fi Caalaa Hayiluu irraa, Waxabajjii 9, 2020

Kaayyoo

Jaallan kaayyoo ilmaan saba keenyaa maaliif wareegamanii? Kaayyoo isaanii akka fiixa baasnuf maal dhammatan? Osoo kaayyoo qabsoo galmaan hin gahin biyyaa qabna jennee dubbachuu dandeenyaa? Bilisummaa saba keenyaa fi walabummaa Oromiyaa booda maaltu akka sabaatti nu eeggataa?

Akeeki keenya barruu gabaabaa bareessun waan nuu kakaasan keessaa guddaan afaan faajjii qabsoo Oromoo keessa deemaa jiru akkuma yeroo dheeraa darban keessa  tahaa ture ammas qabsoo keenya gatachiisuf tattaffii tahaa jiran irraa of eeguu fi kaayyoo goototi ilman Oromoo itti wareegaman ,galmaan gahuu duwwaa akka tahe irra deebiin jala harraqnee beeksisuu taha.  Daandii qabsoo keenyaa sirriit hubannee( dammaquun, of  ijaaruun, hojii hirmaachun) akka saba tokkootti, biyya tokkoofi hiree tokkoon sochii dhumaa goonee akka bilisoomnu yaada keenya gumaachuu duwwaa osoo hin taane Oromoonni qabsoo kana keessatti wareegaa cimaa baasaa turtaniifi jirtan akka waliin sochii dhumaa goonu waamicha lammummaa hundaaf taasifna.

Akkuma yeroo hundumaa qabsoo goonee goonee yeroo galma bira geenyu diinatti akka dabarsinee hin laatne of eeggachuu qabna (potential risk argaa waan jirruuf). Fakkeenya gaarii kan tahu ABOni waggaa dheeraa haala akkan hammaataa fi ulfaataa keessatti qabsoo gochaa turee galma bira gahuuf yeroo taakkun tokko hafu, diinoota qabsoo Oromoo keessaa fi alaan harkaa butameera( mootummaa Itoophiyaa Biltsiginnaa parti haaraa sirna Nafxanyaa, actvistoota hattuu, fi  ergamtoota diinaa kanneen arrab qareeyyii gama hunda faakkaataniin). Akka qabsoon keenya ammas deebi’ee harka diinaa fi gantootatti hin kufneef, Ilmaan saba kana keessaa baatan, keessattu ilmaan qonnaan bultootaa fi horsiise bulaa kanneen carraa  barnoota jabanaa argattan, ogummaa jabanaa (technical knowledge) qabdan akka qabsoo bilisummaa fi walabummaa Oromiyaa galma gahuuf ogummaa qabdanin saba keessan cinaa akka dhaabbattan  isin yaadachiifna. Muuxannoon qabsoo keenyaa bara Hayile Sillaasee kaasee hanga Abiy Ahmaditti Oromoon adda durummaan qabsoo keessatti wareegama baasee dhuma irratti diinooti qabsoo keenyaa fudhatanii akka  geengoo naannootti ‘square one’ deebiine qabsoo jalqabarraa gochaatii gahame. Amman booda ni gaha jechuu dandahuu qabna.

Kan itti waal gargaarus hunda dura of ijaarun taha. Yeroo of  ijaarre jennu kaayyoo jaallan keenyaa irratti hundaa’uun ta’a.

  1. Jaallan qabsaahonni ilmaan Oromoo maliif wareegaman?

Oromoo sirna gabrummaa jalaa baasun biyya walaboomte ijaarrachuf nu dhaaman. Kaayyoo kana galman gahuuf, haala guutuu qaban keessatti, uummata Oromoo dammaqsinee,ijaarree,kaayyoo ganamaa kana akka galmaan geenyu imaanaa dabarsanii nutti kennan. Qabsoo yeroo itti fufiinsan gootan, diina qabsoo keessaa fi fira qabsoo beekun barbaachisaa duwwaa osoo hin taane  murteessa dha jedhan, keessattuu gantuu irraa akka of eeggannu dhaammatan. Qabsoo Oromoo keessatti waan rakkoon kun deddeebi’ee qabsoo sakalaa tureefi furmaata barbaachisu kennuun murteessadha. Diina qabsoo yeroo jetnu, akka diinni keessaa osoo hin beekamin iccitii qabsoo Oromoo diinaaf dabarsee kennaa turee fi jiru beekun,gantoota karaa adda addaan kaayyoo qabsoo karaa irraa gufachiisuufi bifa adda addaan hojjetan irratti dammaquun yeroo dhan saaxiluun qabsoo keenyaf murteessa dha. Kunis Oromoo fakkaatee afaan damma dibatee,keessan diinaa waliin dhaabbattee saba Oromoo ajjesistu beekun saaxiluun seeruma qabsoo adduunya kanaati.

Diinni beekamaan meeshaa waraanaa hidhatee biyya kee fudhate waggoota 140 ol Oromoo fi saba kanaratti  roorrisu, ofirraa kaaste bakka dhuftetti galchuu fi atis akkuma isaa  qawwee hidhattee akka ofirraa kaastu mirga kee tahuu, WBO karaa hunda gargaarun akka of cimsee lolu taasisuun dirqama qabsaawootaa fi uummata Oromoo bilisummaa barbaaduu taha. Akka argaa turteefi jirtutti diinni biyya kee waggaa 140 ol afaan qawween si shororkeessaa jiru kun, aadaa teellatti hafaan of dhaadheessu, jaarraa 21ffaa keessa afaan saba Oromoo tilmaaman naannoo miliyoona 60 tahu kan baha Afrikaa keessatti dubbatamuu balleessun afaan ofii Oromoo fi saba biraa irratti fe’uu yaadun isaanii hammeenyaa fi jibba saboota biraa qabanii fi akkaan duubatti hafoo tahuu isaanii  agarsiisa. Sammuun akkana yaadu sammuu,  aadaa teellatti hafaa fi kijiba akka aadatti kan fudhate, hattummaa, saamichaa fi of tuulummaan  kan guuttame saba ofiif malee kan biroof hin yaadne,saba jibbiinsa guddaa saba Oromoof  qabaatuu isaanii seenan mirkaneessudha. Kanaai jecha waliin jiraachuu mitii ollaallee illee tahanii wal cina illee jiraachuunuu ulfaataa akka tahu Oromoon hubachuu qaba. Kanaaf jecha imaanaa jaallan keenya qabsoo bilisummaa fi walabummaa furmata tokkicha thuu hubachuun dhalootatti dhaammataa wareegama hadhooftuu baasan sanneen yaadachaa qabsoo keenya galmaan gahuuf jabaachuu fi murtoo hadhaawaa qabaachuu nu feesisa.

  1. Kaayyoo jaallan irrattii wareegaman fiixa baasuf maal gochuu qabna?

Duraan dursuun akeeka kaayyoo qabsoo jaallan irratti wareegamaa asiin gahanii fi gabrummaa jalaa akka itti bahan hubannee, jaarmayaa bilisummaa Oromoof  qabsoo bilisummaa fi walabummaaf qabsa’uu jallatti ijaaramuun dirqama Oromummaa tahuu qaba. Amma Oromoon bilisummaa ofii gonfachuun abbaa biyyaa hin taanetti jaarmayaa siyaasaa x,y, z, jechuun  bixxilaanii uummata keenya afaan faajjeessuun cubbuu guddaa dha. Kana gochuun rakkoo qabsoo Oromoo ta’uun diinaf haala mijjeessuu taha. Gaafa sabi Oromoo bilisoomee biyya walaboomte qabaannu akka ilaalchaa siyasaa qabnuutti dhaaba siyaasaa ijaarrachuun mirga dimokiraasii fi dhala namummaa taha. Kanaaf jecha qabeenya keenya( diinagdee, ogumma adda addaa, waraanaa, tikaa, fi kan biraa) waliin qindoomsinee Kaayyoo jaallan keenya fiixa haa baasnuu  jenna.

  1. Osoo kaayyoo qabsoo galmaan hin gahin biyya qabna jechuu dandeenyaa?

Deebiin gaaffii kanaa beekamadhaa, hin dandeenyu dha. Biyya ormi akak barbaadetti keessa gulufuu fi sabni abbaan biyummaa isa mulqamee akak lammii lammeessoo ykn akak garbichaatti laallamu,biyya ati mirga bubbutuu isaan hin feene siif qicanii guutuu garuu sirraa mulqanitti biyyan qaba jechuun of sobuu taha. Balaa qabsoo keenya keessa yeroo dheeraf gufuu tahaa as gahe tokko leellistoota Itoophiyaa jechuu danda’ama. Rakkoon qabsoo kun yeroo qabsoon Oromoo bifa jaarmiyaan jalqabe 70 moota keessa irratti mari’atame Oromiyaan sirna kolonii jala jirti;kanaafuu bilisa of baasun biyya walaba taatee ijaarra warri jedhu injifatee as bahuusaa seenaa keenya waan taheef dagachuun qabnu. Dhaadhannoon qabsoo keenyas, ” (Oromia shall be free!” kan jedhuun ragga’e. Oromummaan ilaalcha ykn ideology qabsoo keenyaa tahuu qaba jennee waliif galleet qabsoon finiine as gahe. Oromummaan masakamnee gara itti adeemnu kaayyoon qabsoo jaallan itti wareegaman, “ Oromia shall be free” jechuun amma galma keenya Oromiyaa walaboomte hin arginetti qabsoon itti fufaa, afaan faajjeessitoonnis Oromoo irraa dhaabbachuu qabu. Nama dhuunfas tahee jaarmayaan saba tokkoof qabsoo taasisu, akeeka isaa dagachuun irra hin jiru. Akeeki kaayyoo qabsoo jaallan irratti wareegaman ummaata Oromoo bilisoomsuu fi biyya walaboomte qabaachuu  duwwaa dha. Oromiyaan walaboomtee alaabaa ishee  fuulle waajjira UN duraa akka mirmirtu taasifachuu taha. Sabni keenya kaaleessa,hardhaa fi borus fira mataasaa malee akka qabne baree wal ijaaruudhaan humnoomuu qaba.

Aadaa kee fi eenyummaa kee baallessun biyya kee, qabeenya kee irratti abbaa tahuun of jiraachisuu waan sirratti ijaarame ofirraa kaasun bakka kee durii sirna kee dhala namaa hundaaf tahu sana, bilisummaa namaa fi uumamaa kan of keessa qabu sirna Gadaa akka deebstee ijaarrattuuf  amma kaatee Dhufeeffannoo fi walumaa gala eenyummaa keetii hunda tikfachuun ittin boonurra darbitee madda beekumsaa qaroominaa fi if ilaallee dhaloota egeree taasisuuf hardha hojjachuu feesisa.

  1. Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiya booda maaltu nu eeggata?

Uummatni keenya sirnaa fi safuu qabaachaa ture deebisee yoo ijarrate fuuldurri isaa ifaa dha. Garuu amma haala sabi keenya sirna gabroomfataa jala jiraatu maal keessa akka jiru xiqqoo haa ilaallu. Namni akka dhuunfattis tahee akka sabaatti waa akeekkatee hojjechuf bilisa tahuu barbaachisa. Kan bilisummaa hin qabne immoo garba tahee gabromfataaf waan hojjetu hunda dabarsee kenna. Jaarraa 21ffaa keessa ummatni Oromoo 60 miljoona gahu  gabrummaan jiraachuu irraa akka sabaattiyyuu dhabamuu wayya. Jiruu fi jireenyi ilmaan Oromoo deegee, namaa gaditti tufffii gadigalummaa hamtuu sirnichi isa taasisee fi  gabrummaa irraa kan kahe iyyumma, gadadoo, nagaan mana ofii lixee, gadii bahuu dhadhabuu, abbaan fedhe shamarran Oromoo haadhaa fi intala bakka tokkooti gudeeduu, biyya ollaa keessatti garba fi garbittit tahuun hojjachuu, iddoo hundatti ajjeefamuu, osoo biyya baqatanii, gamoojjii sahaaraa keessatti allaattiin nyaatamuu fi bishaan keessatti qurxummiin nyaatamuu dhaan du’a gadheef saaxilamuun ilmaan Oromoo ittiin kaatensaa gabrummaa fi abbaa biyyummaa mulqamuu isaati.

Du’aa fi ajjeechan Oromoo irratti erga gaafa sirna gabroomfataa alaaga jalatti kufe guyya guyyaan  sadarkaan miidhama saba keenyaa guddacha deeme.  Du’a Oromoo fi rakkoo sanyii duguugaaa Oromoo irratti raawwatu alagaan hafnaan Oromoon illee  waan nuffee dubbachuu dhiise fakkaataa jira. Kunis gatiin lubbuu Oromoo kan amma arba dheengadda Itoophiyaa keessatti ajjeefame waan hin gahu jechuudha.

Bilisummaa fi walabummaa kee mirkaneeffachuudhaan;

    1. Nagaa fi tasgabii argachuun jireenyaa sukawaa jiraachuu,
    2. Qabeenya kee fi biyyaa kee irratti abbaa taatee irraa fayyadamuu fi hojjattee jirachuu,
    3. Sirna mootummaa mataa keetii fi kan sirna gadaa fi dimokraasii taheen of bulchuuf hogganaa fi bakak bu’aa kee filachuu danda’uu
    4. Biyyaa kee karaa hundaa dinagdeen,saayinsii fi teknolojiin, beekumsa baranee fi aadaatiin, hawasuuma fi waan  hundaan guddiffachu
    5. seenaa kee, afaan kee,duudhaa fi hogbarruu kee akkasumas kanneen biroo akak biyyaa fi sabaatti biyya takaaf barbaachisan hundaa guuttamtee qixxee biyyoota biraa dhaabbachuu fi k. k. f.
  1. Xummuraa barruu kanaa.

Imanaa jaallanii fiixaan baasufi qabsoo bilisummaa fi walabummaa galmaan gahuun  dhalootaa Oromoo maraaf dirqii taha. Kaayyoo qabsoo keenyaa jalatti masakamnee iddoo hundatti irbuu keenya haaromsaa” nuti biyya tokko, saba tokko fi hiree tokko” qabaachuu keenya beeknee oromuummaa qofa irratti  wall ijaarree sochii qabsoo keenyaa  finiinsun gabrumaatti yeroon xummura goonu amam tahuu wal waal yaadachisaa.

Qabsoo godhaa jirru keessatti balaalee dhufuu malanii fi jiran akkasumas kanneen  mullachaa jiran madaallee qaruxummaa fi beekumsaan irra aanuf irratti ofi qopheessuu qabna. Hunda caalammoo Oromoon humnoomee diinaasaa akak jilbiiffachiisuun wal ijaarree gaachana saba keenyaa WBO bir dhaabbachuun dirqama lammummaa keenyaa akka baanus ni dhaammanna.

Akka sabaatti Oromoon hunduu dirqama lammummaa keenyaa bahachuuf of qoopheessinaan, sammuu Habashaa irraa walaba taanee yaaduu dandeenyan, sabni guddaan kuni kabjaa fi olaantummaa biyya isaa keessatti tikfachuu qaba jennee murteessinaan, Oromoon guddaa dha maxxanee jiraachuu akak hin qabne sammuu keenya amansiifnan karaan imala keenyaa guyya guyyaan gara goolaba manee kaayyoo jaallaniitti nu dhiyeessaa jiraachuu hin dagatinaa. Ijaaramnee, humnoomnee, karaa hundaan waliin qabsoo finiinsinaan bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa dhiyootti dhugooma.

Oromiyaan Ni Bilisoomti!

[1]

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...