Ka’ii QEERROO!!

Dheekamaa Duttaa

Akuma kaleessaa, jabana Minilik, jabana Xaayitu
Jabana Tafarii, jabana Mangistu,

Gantuun saba Oromoo
Nafxanyaati galtee
Nafxanyaa gabartee,

Kumaatama Oromoo hidhaa keesa tultee,
Kumaatama ajeftee rassaassaan rebdee
Mukarat faniftee, bolaat gad darbitee,
Dhiigaa ilma Oromoo awaarat gad naqxee
Reefa ilma Oromoo bineenssa nyaachiftee.

Egaa yaa Saba Oromoo!!

Jaaraa tokoo caalaa
Booji’amnee, gabromnee
Biyyaaf qabenyaa hunda, harka keenyaa dhabnee
Guuramnee hidhamnee,
Reebamnee, tumamnee, salphannee!

Sodaatu, lugina, dhudhuuftuu, albaatii,
Goowootaa, hororsaa, gad badii, gad galoo, gad debii
Jedhamnee arabsamnee!!

Dheengadas bitamnee, kalleessas bitamnee
Kunoo hardhaas bitamnee
Yeroo hundaa gabromnee!

Wanta aka amalaa, wanta aka adaadhaa
Wanta aka abaarsaa, wan aka Waaq abaaree,
Off bulchuu dadhabnee
Tokumaas moo dhabnee!

Egaa yaa Saba Oromoo!

Kana caalaas maal DUUNNAA! ?
Kana caalaas maal TAANNAA?!
Kana caalaa maal Dhumnnaa?!
Kana caalaa maal Salphanaa?!

Kana caalaas maal Hidhamnnaa!?
Kana caalaas maal Yeloofnnaa!?

Egaa yaa saba Oromoo!

Oromoo hinrafiin
Tokumma umadhuu!
Harkaan wal qabadhuu!
Tokumaan dhaabaadhu!
Diinaa keen mormadhu!

Maqaa Oromoo kaassii!!
Goottoota Oromoo faarssii!!
Gumaa Oromoo baassii!

Eyee!

Gumaa Haacaaluu baasii!!!!!!!
Jawar hidhaati baassii!!!!

Sosso’ii Tokumaan!

Tokumaa, Yaa Tokumaa
Huma dhumna malee
Lamata hindhuftu gabrumnaan!!
Lamataa hinargamtu gabrumaan!!

Tokumaaaaa, Tokumaaaaa!! Yaa Ilmaan Oromoo Tokumaaaaa!

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...