Caamsaa 22, 2018 – Arra magaalaa jigjigaa keysatti joollee Oromoo lamaan tana guyyuma adii kan waa takka hin balleysin Somaaliin dhagaa ifii uleen cafaqaa oolan dhalootni joollee kanaa warra machaaraati share godhaa #Machaaraa  FCR isaan duuba dhaabbatu kanaan dibiota waccaale geysanii osoo as deemutti jirani kan qabaman. Via Qeerroo Baabbilee

blank


Mucaan kun dhalataa Aanaa jalduu gandaa mata qomaa keessaa yemmuu ta’uu maqaan isaa shabbaraa jedhamaa galgalaa kana (Caamsaa 23, 2018)  sa’aatii 3:45 balaa konkolataan naannoo keellaa jedhamuuttiidhayamee yeroo ammaa kana reeffii isaa ashawaa meedaa wantaa jiruuf maaloo warrii shabbaraa mangistuu beektaan share godha firrii dafaa dhaqqaba konkolaatan isaa rukutees qabamera. Via Raabbiirraa Abdiin Qaba

blank


May 22, 2018  5:47pm

OPDOfi PM AAA amma filatamee suun ajechaa Oromo yoom irraa dhabuu laata ??
=====================================================================
Lola Guyyaa hardhaa Ummata Oromoo Walloof Affar giddut gegeefame irrat Namnii Affar kun Ajjeefame .

Yoomidha Shiira Woyyaanottan Dhiigni Lammii Dhangalaa’u kan dhaabbatu ?

Baati Ramadaana kabajamma kana keessat Hawaaasa Muslimaa lamaan Dhiiga wol dhangalaasu arguun heddu gara Nama madeessa .

Yaa Qaamota Mootummaa mee Obboleewwan Sababa Daanga dhiiga wol dhangalaasa Jiran kanaaf Furmaara waara kaahafi !!!

Hamma Yoomit Dhiigni Masaakina Raasa huunda keessat Jiga ? Via Biqilaa Biyyaa

blank



Kamisee Harawa

#KAMISEE HARAWA

GUYYAA 22/05/2018

Lolii Babal’ifannaa lafaa Ummata keenya Wallo Aanaa Baatee irrat Hidhatoota Affariin baname har’as cimee itti fufeera .

Lolli kun Guyyaa Har’aas Hidhatoota Affariin kalattii 4 kan gegeefamaa jiru tahu obboleewwan keenya Dirree Waraanaa gubbaa jiran nuuf himaniiru .

Gamma keenyan Guyyaa har’aa waaree booda obboleessi keenya tokko rasaasaan kan rukutame yommuu tahu guyyaa
Kaleessa hidhatoota naannoo Affar irraa poolisoonni 2 kan madaawan yoo tahu har’as lolli kun cimee Lafa Qonnaan bultoota Oromoo keessatti bakka Coqortii, Awwaala Hasuu jedhamuun Lola hamaatu jira, Meeshaan dhuka’a jirus Dishqaa fi Girinoof akka tahes beekameera .

Akkasummas lolli kun kalattii Hablaayo jedhamu naannoo Burqaa karaa qaxxaamura gama Jabuutii deemuf akkasummas gamma Kalattii bakka Habaacho gara Worra Wayyuu duubanis lolli deemaa kan jiru tahuunis beekameera .

Lolli kun Qotee Bultoota fi Horsiisee bultoota Walloo fi hidhattoota Liyyuu Poolisii Affaar gidduutti kan gegeeffamaa jiru yommuu tahu yeroo ummanni ifirraa ciminaan ittise qaamonni Waraanaa Raayyaa ittisaa gidduu akka seenanii dhiibba gegeessan ilmaan Oromoo Walloo lola keessa jiran nuuf himaniiru .

Maddeen keenya naannicha irraa dubbifnee akka nuun jedhanitti Tibba kana bulchiinsi Naannoo Amaaraa hawaasa walitti qabuun lolli kun akka dhaabbatuuf yeroo dhihootti daangaa gidduu keessanitti ni sararra jechuun abdii sobaa ummataaf kennu kan ibsaniif ummanni keenya lafti isaanii gammoojjiidha keenya ammoo Baddaa Dareedha saamicha lafaatu nuratti geggeefama jira naannoon keenya kun xiyyeeffannoo hin qabnu bakka maqxuu gubbaa jirra Abbaa dhabnee malee rakkoo hamaa gubbaa jirra kan jedhaniif Ummannii Oromoof Aktiivistoonni fi Dhaabonni Siyaasaa dhimma keenya kanaaf xiyeeffannoo akka nuuf kennan jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru .

#KAMISEE HARAWA
Caamsaa 14 2010 (Caamsaa 22, 2018)

Similar Articles

Comments

  1. Gantoota Sabaa kana maaloo faana bu’aatii saree itti qalaa.Warri kun gana shantamaa as dhiiga ilamaan Oromoo kibbaa hanga kaabaa dhihaa hanga bahaatti dhangalaafameef itti gaafatamtootadha.

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

blank

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region

More arrests in Sidama as authorities refuse to hand power to new region By Sidama Human Rights Activists, May 8, 2020 The persistent violations of human...

Breaking news: mass murder in Ambo

Disturbing picture from Ambo where Hachalu was buried today. Unknown number of unarmed youth were assassinated by Abiy soldiers today. July 2, 2020 Via Qaanqee...

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief – July 2, 2020

HRW: Ethiopia Cracks Down: Daily Brief - July 2, 2020 (HRW) -- Ethiopia cracks down following protests over popular singer’s murder; detainees at a facility...

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past

PM Abiy Ahmed says African Americans live in the past In the first part of this video, Ethiopia’s Prime Minister Abiy Ahmed Ali (Nobel Peace...

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...