KMN: Pirezadaantii Waldaa Maccaa fi Tuulamaa dabalatee namoonni mana HD ABO bulan muraasni hidhaman.

KMN | Onkoloolessa 13, 2020
Pirezadaantii Waldaa maccaa fi Tuulamaa obbo Dirribii Damisee dabalatee namoonni mana HD ABO bulan muraasni hidhaman. Keessummoonni har’a mana HD ABO obbo Daawud Ibsaati wayita bahan hidhaman kunneen namoota guyyaa kaleessaa ibsa HD dhimma mootummaa ce’uumsaa ilaalchisuun kennan irratti argamuudhaan hiraachaa turan akka ta’e barameera.
Keessummoonni kunneen erga guyyaa kaleessaatii mana HDtti ugguramanii Kan turan yommuu ta’u har’a ganama gara mana keessanii deemuu ni dandeessan jedhanii poolisoonni erga itti himanii booda wayita isaan mana HDtii bahanii gara mana isaanii qajeelaa jiranittiidha poolisoonni sirnichaa yaada isaanii jijjiirudhaan qabanii konkolaataa keessa galchanii kan gara mana hidhaatti geessan.
Dhimmi hojiirraa ugguramuu HD ABO kun erga eegalamee baatii tokko ol kan ture yommuu ta’u waajjira olaanaa ABO gullallee jiru seenanii hojii idilee geggeessuf waan dhoorkamaniif mana jireenyaa isaanitti dhimma mootummaa ce’uumsaa Biyyoolessaa Oromiyaa irratti yaada dhaaba isaanii hirmaattotaa fi miidiyaadhaaf ibsaa turan.


Hidhamuu Hayyoota Oromoo
[SBO – Onkoloolessa 13,2020] Namoota ganama kana mana Hayyu-duree ABO irraa qabamanii hidhaman keessaa Obbo Alamaayyoo Diroo fi Obbo Sorsaa Dabalaa faa isaan tokko. Yeroo ammaa “Xoor-haayiloch”itti hidhamanii akka jiran ibsamaa jira.
 


ODUU AMMA NU GAHE
[SBO – Onkoloolessa 13, 2020] Yeroo ammaa waraanni PP Autobusii TATAn tokko guutuun fidamee mana Hayyu-duree ABO Jaal Daawud Ibsaa biratti buusamanii jiru. Humna poolisii fi tika naannoo sana jirutti dabalee jechuu dha.

Similar Articles

Comments

LEAVE A REPLY

Please enter your comment!
Please enter your name here

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

BBC Afaan Oromoo: ODUU Owwituu, Amajjii 27, 2020

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data

21 million Chinese died of coronavirus – US intelligence officials intercept data By James Alami (Web Archive) -- A new data intercepted by the United States...

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

OMN: ODUU GALGALAA (GURRAANDHALA 20, 2020)

New Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in pdf

Book: የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) in PDF Via Aba Orma, September 3, 2019 የተጠለፈ ትግል (The hijacked revolution) Author: Mudhin Siraj Pages: 152 Language: Amharic Year: July 2019 To...

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Abiy Ahmed

Ethnic cleansing continued in Oromia Regional State by Ethiopian government lead by Dr. Abiy Ahmed, Prime Minister of Ethiopia July 10, 2020 The Right Honourable Justin...