Konserti Irreecha Nagayaa, Onkololeessa 2, 2019 (Fulbaana 21, 2012 EC)
“Dhaabbatni DCT entertainment1 #Biroo_Aadaaf_Tuurizimii_Oromiyaa Fiigicha Irreecha Nagaa haala Oromoota mara wal-qixatti gammachiise qopheessuun isaa nii yaadatama; yeroo ammaa kana immoo #Koonsartii Irreecha Nagayaa qopheessee jira.
Weellistoota jaalatamoo fi jajjaboo kanneen akka Dr Alii Birraa, Jaamboo Jootee, Galaanaa Gaaromsaa, Jireenyaa Shifarraa, Leencoo Abduushukur fi weellistoonni biroos waltajjicha foolii Oromummaatiin urgeessu.
Yoom; Fulbaana 21/2012
Bakka;Galma Barkumee (Finfinnee)
Yeroo; Sa’atii 7:00 irraa eegala
Gatii Seensaa; Qarshii 100
Dirreen jaarraaf one
Qe’een ilmaan Tuulamaa
Qeerroof fi beektotasheen
Faayamee Kuulama!
Bakka gadhee hin dhaqiinaa
Lafa xiiqii hin hafiinaa!”